18/07/2021
Magarsaa Barii.. ...
Magarsaa Barii (1942?-1984?) qabsaawaa
mirgaa Oromoo fi hoogganaa Adda Bilisummaa
Oromoo ture. Magarsaan namoota ABO
hundeessan keessa tokko yoo ta'u hoogganaas
ture.
Seenaa Duubaa
Magarsaa Barii bara 1942 abbaasaa Barii Tufaa
fi haadhasaa Caaltuu Tufaarraa Arsii koonyaa
Cilaaloo aanaa Leemmuu fi Bilbiloo, Boqqojjii
ganda Leemmuu jadhamutti dhalate. Maatiinsaa
qonnaan bultoota sirna nafxanyaa duraanii sanaan
hacuucamaa fi cunqurfamaa turan yeroo ta'u,
bara 1953 lafa qonnaa barbaacha godina
Arsiirraa gara godina Baaletti godaananii, konyaa
waabee aanaa Gololchaa, Yaakumaa Dinkitti
jedhamu keessa qubatan. Baaletti erga galaniis
abbaan Magarsaa obbo Barii Tufaa abbootii lafaa
naannoo sana turan wajjiinis wal fudhachuu hin
dandeenye. Sirna nafxanyaa fi abbaa lafaa hin
sarman turan. Haala jireenyaa fi sirna yeroo
sanaarraa kan ka'e, Magarsaa Barii dhalatee
waggaa 14 booda bara 1956 keessa mana
barnootaa galee barumsa jalgabe. Barnoota
kutaa 1-4 kan barate, konyaa Gannaalee, aanaa
Adaabbaa, magaalaa Adaabbaatti argamu mana
barnootaa warra misiyoonii, kan Mission Interior
School jedhamu keessatti barate. Eessumasaa
kan ta'e Soorili Tufaatu Adaabbaatti ofitti fuudhee
mana barnootaa galche. Bakki sun mana warra
Magarsaarraa yoo xiqqaate adeemsa guyyaa
lamaa fagaata. Hanga bara 1959tti mana
barnootaa warra misiyoonii kana ture Magarsaa
Barii barnoota kutaa 4, Adaabbaatti akka
xumurateen, mana barnootaa mootummaa
Gindhir deemee kutaa 5-8 barate.
Akka kanaan Magarsaa Barii bara 1959-1963
mana barnootaa mootummaa sadarkaa
tokkooffaa fi giddu galeessaa Gindhiir kan ture
yeroo ta'u eessumasaa malee faranjootni
Adaabbaarraa qabanii gargaaraa turan.
Barnootatti qaroo waan ta'eefis barsiisotaa fi
namoota biroorraa marantee guddaa qaba ture.
Bara 1963 qormaata kutaa 8ffaa fudhatee qabxii
ol aanaa fiduun Finfinnee mana barnootaa
sadarkaa 2ffaa Koomersii ramadame. Bara
1963-1967, mana barnootaa kana keessatti
barachaa kan ture yeroo ta'u bara 1967 qormaata
kutaa 1