03/04/2026
Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin...
********************************************
Jireenyi Addunyaa kanaa akka Ati yaaddetti osoo hin taane akka fedhii isatti si jiraachisuu danda'a. Jireenya jettee ati addunyaa kanarratti jiraattu kun yeroo hundaa akka ati feete siif hin taatu. Wanti ati har'a of harkaa qabdu guyyaa tokko akka dhabdu beekuu qabda. Mee fakkeenya tokkon siif fudhadha:- Nama ati hedduu jaalattu yeroo hundaa of biraa dhabuu hin feene yoo dhabdemmoo jireenyi kee hiika akka hin qabnetti fudhattee ija kee irraa buqqisuunillee si sassachiisu osoo of biraa du'aan dhabdehoo?? Ykn namni sun akka ati isa jaalatutti si jaalachuu dhiisee onneekee madeessee osoo deemehoo?? Argitee jireenya kana gaafa jiraattu dhiphinaaf, dhabaaf, gaddaaf, rakkinaaf qophaa'aa ta'uu qabda. Sababni isaas yeroo hundaa gammachuun hin jiru gaddi ni jiraata, jaalalli akkuma jiru jibbis ni jiraata, wal arguun akkuma jiru gargar bahuunis ni jiraata. Nama jaalatturraa gargar bahuu yaaduun ulfaataa ta'us guyyaa tokko dirqama nama sanirraa adda ni baata kun seera uumamaati! Kanaaf gammachuun yeroo hundaa waan hin jirreef gaddaaf of qopheessi. Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin, jireenyi rakkina kanaa booda akka waan hin jirreetti fudhattee mataa gad hin qabin jabaadhu. Boru guyyaa addaa ta'uusaa bari.
Jireenya addunyaa kanaa salphisuus ulfeessuus kan danda'u suma mataa keeti. Al tokko tokko rakkinoota nu quunnamanirra rakkinichaaf deebiin nuti kenninu hedduu nu miidhu kanaaf jireenya kee salphistee jiraachuu yoo feete wanta har'a argite boru akka hin jirre, akkasumas adda bahuu namni ati hin feene guyyaa tokko akka irraa adda baatu beeytee yeroo hundumaa qophaa'aa ta'uu qabda. Halkan akkuma jiru bariinillee dhufee halkanicha akka seenaatti ni haasofta, hin dabru wanti ati jette dabree boqonnaa haaraatti ni ceeta guyyichas seenaa gootee dubbatta. Kan jaalatte si jibbus kan abdatte si ganus godoon ati ijaarratte si jalaa diigamus guyyaa tokko hunduu dabree galmee seenaa keerratti ni galmaa'a.
Kanaaf yeroo hundumaa ati nama jabaa akka taateefi rakkinni si moo'uu akka hin dandeenye ofiiti himi! Gochi ati gootu firii yaada kee waan ta'eef waan gaarii yaaduu shaakali yeroos waan gaarii hojjetta jireenya kees salphistee jiraatta. Sababa malee namni kamuu addunyaa kanarratti hin uumamu atis akkasuma sababa dhalatteef qabda kanaaf gaafa rakkinni sitti dhufu guyyaa uumama kee hin abaariin! Dukkana booda ifni ni jira dukkanni har'aas darbee kaleessa ni ta'a isas borirra dhaabattee ni haasofta.... Ati uumama kaleessaafi boru walitti araarsitee har'a jiraachuu danda'u kanaaf ati yeroo hundaa nama addaati!! Jabaadhu jireenya moo'i malee jireenyi sin moo'iin ergaa kooti.
********************************************
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamza Jemal