KAlu medical tips

KAlu medical tips Can you ask any helth question

12/03/2022

Mee yaala deebii Comment irraa kayaa
22/01/2022

Mee yaala deebii Comment irraa kayaa

02/01/2022

UTAALLO NAFYADGETU FAAYYAA HEALTHY # TADELA GAMMACHU ...

14/11/2021
Waa jahan (6) kana :1. IFA ADUU- Biiftuun/Aduun jiraachuu lubbu qabeeyyiif haalaan barbaachisti. Keessattuu dhala namaat...
05/04/2021

Waa jahan (6) kana :
1. IFA ADUU
- Biiftuun/Aduun jiraachuu lubbu qabeeyyiif haalaan barbaachisti. Keessattuu dhala namaatiif (kunis, Kallattii fi alkallattiin ta'uu danda'a)
- Kallattii = (fkn gogaan keenya vaayitaamin D akka qopheessuuf ni gargaarti)
- Alkallattiin = gosa soorata soorannu hundasaa kan argannu sababa biiftuun ifa gumaachituuni.

2. BISHAAN
- Dhala namaa dabalatee lubbu qabeeyyiin marti jiraachuuf bishaan barbaadu.
- Bishaan gahaa dhuguun baay'ee barbaachisadha.

3. SOCHII QAAMAA
- kunis namni sochii qaamaa yeroo hunda haala dhaabbataa ta'een dalagu; bara jireenya isaa keessatti fayya qabeessa ta'ee jiraata.

4. Qilleensa Gahaa Argachuu:
- Qilleensi sirna hargansuu namaa keessatti baay'ee barbaachisoo qofa osoo hin taane waajiba (dirqama).
- Nyaataaf dhugaatii caalaa qilleensi lubbu qabeeyyii kamiifuu barbaachisaadha. Kanaaf qilleensa gahaa fi bareedaa haa argannuu.

5. BOQONNAA
- Boqonnaa gahaa argachuun baayee barbaachisa.
Sammuun keenya dalagaa heddu erga raawwatee booda boqonnaa gahaa isa barbaachisa, qaamni biraalleen akkasuma.

6. SOORATA :
- Soorata Madaalawaa argachuun fayyaa keenyaaf baay'ee barbaachisaadha. Namni nyaatu malee akka hin jiraanne namuu beektu.

[Hubadhaa !! Wantootni tarreessine kun ; Wantoota bu'uraa kan baayyee dhala namaatiif
barbaachisanii fi kan haaluma salphaadhaan naannoo keenya irraa argachuu dandeenyuudha].

Barnootaa fi odeeffannoo gara garaa waa'ee fayyaa irratti arkachuu yoo barbaaddan maqaa kana irra tuqaa
☞ kalu medical tips
Waliif share godhuu hin dagatinaa
GALATOOMAA
FAYYAA ARKADHAA !!

FAAYIDAA AVOKAADOO  🖋 Dubartootaaf; Marsaan laguu waayta dhufuuf deemu ykn guyyaan muraasni hafe mallattoolee dubartoota...
04/04/2021

FAAYIDAA AVOKAADOO

🖋 Dubartootaaf; Marsaan laguu waayta dhufuuf deemu ykn guyyaan muraasni hafe mallattoolee dubartoota garii irrattii arkaman ( premenstrual syndrome) hir'isuudhaaf bu'aa qabdi jadha qorannooleen tokko tokko. Maalfaa akka ta'an yaroo biraa ilaalla.

🖋 Warra dhiiraaf, Avokaadoon vitamin B6 fi kan biraaas hedduu waan qabduuf, Dhiigni akka -gamas- yaa'uu fi Fadhii dabaluuf ni gargaarti jadhan qorattoonni.

🖋 Hamma choolesroolii fi faatii badaa LDL ja'amu, gadi buusuuf ni fayyada.

🖋 Dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf ni gargaara

🖋Farra keemikaalota summaawaa qaama keessaati (Antioxidant)- kuni bu'aa guuddaa fayyaa keenyaaf qaba

🖋 Bullaa'insa nyaataaf nu fayyada.

🖋 Fayyaa ija keenyaaf ga'ee ol'aanaa qaba.

🖋 Anniisaa nuuf kenna. Avokaadoon tokkichi, hanga hanqaaquun(killeen) 4 anniisaa nuuf kennu caalaa anniisaa nuuf kenna.

🖋 Faatiin isa keessaa argannu onnee keenya irratti akka Faatiilee kaanii miidhaa kan fidu osoo hin taane, fayyummaaf nu fayyada.

🖋 Dhibee buusaa nurraa ittisuuf ga'ee qaba.

🖋 Nyaata Faaybarii baayyee ofkeesaa qabaniirraa, Avokaadoon takka.

🖋 Qabiyyee soorataa gosa gara garaa ta'an of keessaa qaba. Avokaadoo tokko kan nuti guyyatti barbaannu keessa:
Folate: 20%,
Potaasiyeemii: 14%,
Vaayitaamin K: 26%,
Vaayitaamin C:17%,
Vaayitaamin B5: 14%,
Vaayitaamin B6: 13%,
Vaayitaamin E: 10% fi kanneen biraas nuuf kanna.

🖋 walumaa galatti, Namoonni Avokaadoo nyaatanii fi hin nyaanne tokko hin tahan jadhama.

waliif godhuu hin dagatinaa maaloo !!
---

Fayyaa arkadhaa
GALATOOMAA !!

Barnootaa fi odeeffannoo gara garaa waa'ee fayyaa irratti arkachuu yoo barbaaddan maqaa kana irra tuqaa
☞Faayyaan Faaya
Fayyaan tiyya jiruu tiyya
medical tips
Page kana like share gochuu hin dagatinaa ..............................................................................
Waliif share godhuu hin dagatinaa
GALATOOMAA
FAYYAA ARKADHAA

Maloota Hirriba Gaarii akka rafnuuf nu gargaaran   Kalu medical tips1.Rafuun dura muuzii daqiiqaa 30 hanga sa'aa tokkoo ...
03/04/2021

Maloota Hirriba Gaarii akka rafnuuf nu gargaaran

Kalu medical tips

1.Rafuun dura muuzii daqiiqaa 30 hanga sa'aa tokkoo dura nyaachu
2.Sa'aa walfakkatattii yeroo hundumaa gara mana hirribaa deemuu fi hirribayis sa'aa walfakkatatti ka'uu.
3.Hanga dandeenyun wantoota irra rafnu/siree, boraatti fi uffata nuf mijatu filachuu, akkasumas qulqullina isaanii eeguu.
4.Nyaata yeroo rafuus jennu:-
-Garmalee quufnees ta'e osoo beelofnu rafuu hin qabnu.
-Wantoota nama si'eessan kanneen akka bunaa, shaayii, tamboo aarsuu fi kan biroo fayyadamuu dhiisuu
5,Mana hiribaa keenya mijataa gochuu; kan ifni itti hin baay'anne fi sagaleen nama jeequ hin qabne gochuu
6,Guyyaa guyyaa rafuu dhiisuu
7,Sochii qaamaa guyyaa yeroon, osoo sa'an hirribaa hin gahiin gochuu,akkuma sochii qaamaa gooneen gara hirriba deemun hin gorfamu
8,Wantoota nu dhiphisaniif furmaata laachun hanga danda'amen dhiphina hir'isuu.
9,Teempirechara kutaa hir'ibaa keenya mijataa gochuu
10,Yeroo rafuuf qophooftan hangi sa'a tokkoo yoo nama hafu; wantoota nama tasgabbeeessan gochuu, fknf dubbisuu,garuu wantoota nama yaachisanii fi garmalee nama si'eessan gochuu hin qabnu fknf filmii,Tv, akkasumas meeshalee elektirooniksii kan akka moobayillii, koompitaraa fa'a yeroo rafuf jennu ifni isaan gadi lakkisaan akka hin rafne nama waan gochuu danda'anif, yeroo rafuuf jennu osoo fayyadamu baattanii ykn daqiiqaa 30 dura fayyadamuu osoo dhiiftanii ni gorfama.
11.Yoo siree irratti hirribni nu qabu dide, ka'uun hojii hojjechuu, san booda yoo hirribni nutti dhufe gara siree deebi'un rafuu.
Kanneen armaan olii hundaa goonee, kan rafuu hin dandeenye yoo ta'e fayyaa keenya irratti miidhaa geessisuu waan danda'uf ogeessa fayyaa mari'isiisu qabna.
Faayyaan Faaya

03/04/2021

Maloota Hirriba Gaarii akka rafnuuf nu gargaaran

Kalu medical tips

1.Rafuun dura muuzii daqiiqaa 30 hanga sa'aa tokkoo dura nyaachu
2.Sa'aa walfakkatattii yeroo hundumaa gara mana hirribaa deemuu fi hirribayis sa'aa walfakkatatti ka'uu.
3.Hanga dandeenyun wantoota irra rafnu/siree, boraatti fi uffata nuf mijatu filachuu, akkasumas qulqullina isaanii eeguu.
4.Nyaata yeroo rafuus jennu:-
-Garmalee quufnees ta'e osoo beelofnu rafuu hin qabnu.
-Wantoota nama si'eessan kanneen akka bunaa, shaayii, tamboo aarsuu fi kan biroo fayyadamuu dhiisuu
5,Mana hiribaa keenya mijataa gochuu; kan ifni itti hin baay'anne fi sagaleen nama jeequ hin qabne gochuu
6,Guyyaa guyyaa rafuu dhiisuu
7,Sochii qaamaa guyyaa yeroon, osoo sa'an hirribaa hin gahiin gochuu,akkuma sochii qaamaa gooneen gara hirriba deemun hin gorfamu
8,Wantoota nu dhiphisaniif furmaata laachun hanga danda'amen dhiphina hir'isuu.
9,Teempirechara kutaa hir'ibaa keenya mijataa gochuu
10,Yeroo rafuuf qophooftan hangi sa'a tokkoo yoo nama hafu; wantoota nama tasgabbeeessan gochuu, fknf dubbisuu,garuu wantoota nama yaachisanii fi garmalee nama si'eessan gochuu hin qabnu fknf filmii,Tv, akkasumas meeshalee elektirooniksii kan akka moobayillii, koompitaraa fa'a yeroo rafuf jennu ifni isaan gadi lakkisaan akka hin rafne nama waan gochuu danda'anif, yeroo rafuuf jennu osoo fayyadamu baattanii ykn daqiiqaa 30 dura fayyadamuu osoo dhiiftanii ni gorfama.
11.Yoo siree irratti hirribni nu qabu dide, ka'uun hojii hojjechuu, san booda yoo hirribni nutti dhufe gara siree deebi'un rafuu.
Kanneen armaan olii hundaa goonee, kan rafuu hin dandeenye yoo ta'e fayyaa keenya irratti miidhaa geessisuu waan danda'uf ogeessa fayyaa mari'isiisu qabna.
Faayyaan Faaya
KAlu medical tips

RAKKOO FINNISAAF/BUGURIIF AKKAMITTI OF GARGAARU DANDEENYA?         medical tips1.Bishaan gahaa dhuguu 2.Bishaan garmalee...
02/04/2021

RAKKOO FINNISAAF/BUGURIIF AKKAMITTI OF GARGAARU DANDEENYA?
medical tips
1.Bishaan gahaa dhuguu
2.Bishaan garmalee qorre fi ho'een dhiqachuu dhiisuu
3.Dibatawwan adda addaa kan zayiitni (oil) itti heddummatu fayyadamuu dhiisuu
4.Fuula keenya guyyatti yoo xiqqaate yeroo lama dhiqachuu.
5.Wantoota gogaan fuula keenyaa akka gogan godhan kan akka Ifa aduu keessa yeroo dheeraaf turuu, Shaampoodhaan yoo rifeensa dhiqannu shaampoon fuula keenya xuquu fi kkf irraa of eeguu.
6.Nyaata kuduraa fi muduraa kanneen akka Muuzii,qullubbii adii, atara, baaqela, Abukaadoo, raafuu fi kkf caalatti fayyadamu.
7.Wantoota gama garaagaraan xuxxuqqii fuula keenya waliin qaban kan akka Uffata boraatii, harka keenya, keessattu meeshalee akka moobayillii erga xuqne booda fi kkf yeroo yeroon qulqulleessu.
8.Sochii qaamaa gochuu, Sochii goonee yoo dafqinee dafnee dhiqachuu.
9.Yoo finnisni nurratti bahe xuxxuquu,hooqu fi macalaasu dhiisuu
10.Wantootni mana keenyatti ofii gochuu dandeenyuu, keessattu finnisa lakkoofsan xiqqoo fi hamman baayyee xinnoo ta'eef ni jiru, isaan keessaa muraasni wantoota akka Cuunfaa loomii, qullubbii adii ykn Cuunfaa timaatimaa ykn Abukaadoo,akkasumas damma fi kkf erga fuula keenya dhiqaanne gogee booda iddoo finnisni jirutti dibun daqiiqaa 20 - 30 booda ofirraa dhiqaachunis baayyee gargaara.Yeroo baayyee rakkoon gogaa kun turtii yeroo muraasa(waggaa 3-5) booda ofii isaatifis baduu waan danda'uuf hedduu dhiphachun hin barbaachisu, garuu finnisni wantoota oliitti jenne hundaa goonee homaa jijjiramni yoo dhufuu dide, yeroo dheeraadhaaf nurraa turee fi lakkoofsan heddu akkasumas hamman guddaa yoo ta'e mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa ispeeshaalitiin isaa gogaa ta'e mari'isiisun baayyee barbaachisaadha.

Faayyaan Faaya
Fayyaan tiyya jiruu tiyya
medical tips

Banaa tahee uumamuu Wiirtuu dugdaa( Neural tube defect)Banamee uumamuun wiirt dugdaa daa'imman irratti ni mul'ata. Yeroo...
01/04/2021

Banaa tahee uumamuu Wiirtuu dugdaa( Neural tube defect)

Banamee uumamuun wiirt dugdaa daa'imman irratti ni mul'ata. Yeroo ammaa kana biyya keenya keessatti ol ka'aa jira. Wiirtuun dugdaan kan cufamu ulfi uumame torbanoota 5 jalqabaa keessattidha. Akka carraa tahee sababii garaagaraan banaa tahee hafa.

Maaltu akka banamee hafu taasisaa?

1. Haati yoo hanqina nyaataa qabaatte....keessattuu nyaata Folic acid gahaa hin qabne.
2. Qorichoota gaggabsoof fayyadamuu yeroo ulfaa.
3. Dhibee akka sukkaaraa, garmalee furdachuu haadhaa
4. keemikaalota garaagaraa
5. Sababii rakkina irratti uumamuun Inzaamoota qaama keessaa xiqqeessan fa'a.

Rakkina akkamii fida?
1. Tokko tokko irratti dhiita'uu dugdaa gara duubaan.
2. Rakkina Narvii wiirtuu dugdaa keessaa waan fiduuf miilli daa'immani akka hin sochoofne taasisa.
3. Kuufamuu bishaan sammuu keessattii (Hydrocephalus) kan jetnu fida.
4. Infeekshinii....yeroo baayyee gogaa qaamaan waan hin haguugamneef salphaatti saaxilama.
5. Gaggabdoo (Epilepsy) daa'imman akka qabaatan taasisa.
6. Saayikooloojii maatii daa'imaa ni miidha.

Yaalii isaahoo?

Sadarkaa isaa irratti hundaa'ee yaaliin baqaqsanii hodhuu ni taasifama. Tahuus erga yaalaniin baqaqsanii hodhuu taasifamee booda carraan waggaa 4 ol jiraachuu xiqqaadha( keessattuu banaa fi bishaan sammuu keessaa yoo bahu tahe).

Mala Ittisa

1. Yeroo ulfaa hordofii taasisanii acid fudhachuu qabu. Yoo akka carraa tahee daa'ima kana qabu yoo qabaatan carraan kan lammaffaa qabaachuu guddaa waan taheef, haati sun osoo hin ulfaa'iin dursitee baatii 1 fi erga ulfooftee baatii sadii Foleet kan jedhamu san fudhachuu qabdi.
2. Kanneen qoricha gaggabdoo fudhatan gaafa karoora ulfaahuu qabatan Hakiima isaanii mariisisuu qabu.
3. Yogguu ulfaa hordoffii cimaa taasisuu qabu!
medical tips
Horaa bulaa!
Faayyaan Faaya🧑‍⚕️
Fayyaan tiyya jiruu tiyya

medical tips

Ajaa'iboota waa'ee ilma namaa!!!      medical tips*Yoo dhalatu lafee 306 qaba, erga guddatee booda immoo 206, kuun essa ...
31/03/2021

Ajaa'iboota waa'ee ilma namaa!!!
medical tips
*Yoo dhalatu lafee 306 qaba, erga guddatee booda immoo 206, kuun essa dhaqe? Walitti baqan(fuse)
*Fuula nama tokkoo keessa lafee lakkoofsan 14tu jira
*Namni tokko jiddu galeessan yoo dhalatu gadaamessa keessa guyyoota 280 tureetii
*Seelii baayyee xiqqaan sanyii kormaa ykn ispeermii(sperm) dha, guddaan immoo Oovariidha
*Dhiigni qaama keessaa jiddu galaan liitira 4 hanga 5 ni ta'a
*Mar'immaan qal'aan jiddu galaan hanga meetira 7 dheerata.
*Mar'immaan furdaan immoo hanga meetira 1.5 dheerata
*Lafeen baayyee xiqqoo taate gidduu gurraa keenya keessatti argamti, maqaan ishees 'Stapes' jedhamti.
*Namni gartuu dhiiga O qabu dhiiga nama hundaaf kennu danda'a, kan AB qabu immoo nama hunda irraa fudhachuu danda'a.
*Lafeen baayyee cimaa fi guddaa ta'e sarbaa(thigh) keessatti argama, maqaan isaa famer(femur) jedhama.
KAlu medical tips

medical tips

Mala baayyee salphaa Utaalloof baayyee nu gargaaru*Jalqaba wanta xiqqootti bishaan danfisi, fknf distii keessatti*Qullub...
30/03/2021

Mala baayyee salphaa Utaalloof baayyee nu gargaaru
*Jalqaba wanta xiqqootti bishaan danfisi, fknf distii keessatti
*Qullubbii adii 5 hanga 10nii qola isaa irraa quuncisii, erga quunsiftee booda, cafacafii sirriitti bulleessi
*San booda qullubbii adii cafacafamee bullaa'e kana, bishaan dafne san keessatti naqi
*Achiin abidda irraa buusuun hurka isaa daqiiqaa 10 hanga 12 ttif ulachuudha.
Mala kana guyyaatti yeroo lamaaf fknf ganamaa fi galgala yeroo rafuuf jennu gochuun qofaas ykn Utaalloos ta'ee rakkoolee infeekshiinii ujummoo qilleensa biroo dhukkee irraa kaasuun irra aanuun ni danda'ama.

Galatoomaa!!!
medical tips

Address

Adis Ababa
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when KAlu medical tips posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to KAlu medical tips:

Videos

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram