01/01/2026
INFEKISHIINII UJUMMOO FINCAANII
**************************************
Qaamni dhiiga dhimbiibee fincaan baasu (Kaleen) yookiin orgaanonni fincaan qaama keenya keessaa gara alaatti baasuuf tajaajilan kan akka afuuffee fincaanii yoo baakteriyaa dhukkuba fiduun hubaman infekishiin Ujummoo fincaaniitiif nama saaxilu.
---
Infekishiiniin Ujummoo Fincaanii (IUF);- Infekishiinii ujummoo fincaanii gara gubbaa (kan Kalee) fi Infekishiinii ujummoo fincaanii gara jalaa/gara godaa (kan afuuffee fincaanii) jedhamuun iddoo lamatti qoodamu.
---
---
* Mallatoolee Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii:
- Fincaan nama gubuu ykn yeroo fincaanan miirri akkasii namatti dhagahamuu
- Fincaan nama mudduu
- Fincaan dafee dafee dhufuu
- Fincaan akka malaa (bifa booraa) jiru fincaanuu
- Fincaan nama ariifachiisuu
---
Kana malees Infekishiinii ujummoo fincaanii kan gara gubbaa (Infeekishiiniin Kalee) dabalataan mallatoolee armaan gadii qabaachuu mala:
- Bowwoo (dhukkubii mataa)
- Qaama nama hoo'isu
- Nama lollojjessuu ykn haqqisiisuu
- Nama qorrachiisuu, hollachiisu, ykn haxaxxeessuu/Sheengarsiisuu
-Cinaacha jalatti dhukkubbiin namatti dhagahamuu
-Nama dadhabsiisuu fa'atu jiraata.
---
*Wontoota Infekishiinii ujummoo fincaaniitiif nama saaxiluu danda'an keessaa:
- Yeroo dheeradhaaf Namoota tubboodhaan fincaan isaan baafamaafii ture.
- Ujummoolee fincaanii ykn kalee keessa cirrachi jiraachuu.
- Namoota qaamni isaani dhibee haalaan ittisuu hin dandeenye fkn worroota dhibee akka Sukkaraa, HIV fa'a qaban.
- Uumamaan ujummoo fincaanii sirri hin tahin qabaachuu.
- Dhiira caalaa durba kan hubu yoo ta'u, durba keessaas isaan wolqunnamtii saala heddumeessan hubuu danda'a.
- Akkasumas Opireeshiini yeroo dhihootti ujummoo fincaaniitiif godhame yoo jiraate Infeekishiinii kanaaf nama saaxila.
---
---
* Miidhaawwan Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii. yeroodhaan yaalamuu dhabuu irraa nama mudachuu danda'an keessaa:
- Infeekishiinichaan deddeebi'anii hubamuu
- Haadholii ulfaa irratti:
• Ciniinsuun otoo yeroon hin gahin dhufuu,
• Daa'imni guyyaa isaa malee dhalachuu.
• Ulfaatinni daa'imaas haalaan xiqqaachuu danda'a.
- IUF otoo hin yaalamin woggoota dheeraaf dhiifame, Ujummoon fincaanii akka dhiphatu gochuun fincaan akka gadi hin baane (fincaan akka nama ukkaamsu) godha.
- Darbee darbee, kessattu dhukkubsattoota dandeetti dhibee ittisuu isaanii halaan xiqqaa ta'e irratti ammoo infeekishiiniin kun karaa dhiigatiin qaama keessa tamsa'ee lubbuudhaaf sadarka sodaachisu irra gahuu mala.
---
* Haala Infeekishiinii kana ittiin dhoorkinu Kessa:
- Qulqullina qaama taa'umsaa eeguu(kessattuu dubartootaaf)
- Tubboo fincaanii yeroo dheedhaaf ujummoo fincaanii keessa tursiisuu dhabuu.
- Wol qunnamtii saalaa ofeegannoon hanqate gochuu dhabuu.
- Wol qunnamtii saalaa booda fincaanuu.
- Bishaan gaha dhuguu.
---
* Namni mallattolee armaan olitti eeraman ufi irratti arge gara mana yaalaa deemuun qorannoo fincaaniif kan biroo erga taasifameef booda haala Doktorri ykn ogessi fayyaa isaaf ajajeen/himeen qoricha fudhachuu qaba.
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
--
Via Dr. Nuredin Luke