Dr.FIRA Health Advice

Dr.FIRA Health Advice This page was created and aimed to disseminate general health information for a needy community.

"Demokraasiin Biyya kanatti ulfa seexanaa ti."Prof.Mararaa Guddina.𝕦𝕝𝕗𝕒 π•€π•–π•–π•©π•’π•Ÿπ•’π•’Afaan saayinsiitiin ''pseudocyesis'',or ...
23/04/2025

"Demokraasiin Biyya kanatti ulfa seexanaa ti."Prof.Mararaa Guddina.
𝕦𝕝𝕗𝕒 π•€π•–π•–π•©π•’π•Ÿπ•’π•’
Afaan saayinsiitiin ''pseudocyesis'',or "phantom pregnancy'' jedhama.
π•™π•šπ•šπ•œπ•’(π••π•–π•—π•šπ•Ÿπ•šπ•₯π•šπ• π•Ÿ)
Dubartiin ulfa garaadha qabaachuu isheetti jabeessitee amanuu qofa osoo hin ta'in xurii laguu irraa baduu fi garaan guddachuu(ulfa fakkaachuu) dabalatee mallattolee ulfaa biroos ni qabaatti.
Haa ta'uu malee yeroo qorannoo fayyaa taasistu ulfi sirriin kan hin jiraanne dha.

Dubartoonni rakkoon akkasii irratti mul'achuu danda'u eenyu fa'i?
(π•£π•šπ•€π•œ 𝕗𝕒𝕔π•₯𝕠𝕣𝕀)
1.Dubartoota fedhii ulfa ta'uu jabaa qaban
2.Dubartoota irra deddeebiin ulfi irraa ba'e ykn ilmoon jalaa hammaatte(miidhamte)
3.Dubartoota rakkoo sammuu biroo qaban(dhiphuu sammuu)
4.Dubartoota daa'ima akka godhataniif dhiphuu hawaasummaa (Societal pressure) qaban

Akkamitti beekama(π••π•šπ•’π•˜π•Ÿπ• π•€π•šπ•€)
Ogeessi mana yaalatti qorannoo godhamuun.
Qorannoon ulfa negative ta'uu fi altirasawundii yeroo laalamtu gadaamessi duwwaa ta'uu.
π•ͺ𝕒𝕒𝕝𝕒(π•₯𝕣𝕖𝕒π•₯π•žπ•–π•Ÿπ•₯)
1.Gorsa xiinsammmuu laachuu fi jajjaabeessuu
Dubartoonni rakkoo akkasii qaban,rakkoo kana qabaachuu isaanii jabeessanii waan mormaniif amansiisuun ulfaata ta'a.
Kanaaf irra deddeebiin beellama laachuu fi suuta jedhanii hubachiisuu barbaachisa.
2.Rakkoo xiinsammuu(underlying psychiatric problem) kan biroo yoo qabatan yaalu.

©𝖉𝖗.π–‹π–Žπ–—π–†π–†'𝖔𝖑 π–Œπ–Žπ–—π–’π–†π–†(π–Žπ–˜π–•π–Šπ–Šπ–˜π–π–†π–‘π–Žπ–˜π–™π–Žπ–Ž π–šπ–‘π–‹π–†π–† π–‹π–Ž π–Œπ–†π–‰π–†π–†π–’π–Šπ–˜π–˜π–†π–†)

13/10/2024

Dadhabuu Qaama saalaa Dhiiraa!

09/10/2024

Hordoftoota fuulbarruu(page) kanaa akkam jirtu?
Sababoota adda addaatiin yeroo dheeraaf si'oominaan asirratti odeeffannoo fayyaa dabarsuuf hin dandeenye ture.
Kanaafis dhiifama isiin gaafachaa.
Kana booda humna fi kutannoo haaran waa'ee fayyaa qaama hormaata fi dubartii ulfaa irratti isiin waliin ta'uu koo isiniif ibsa.
Karaa tiktok account link armaan gadiitinis maatii akka taatan isiin affeera.
Fayyaa ta'aa!
Horaa deebana!
Dr.Firaa'ol Girmaa
Ispeeshalistii ulfaa fi gadaamessaa
tiktok.com/

29/09/2024


Follow my tiktok account through below link
Tiktok account kanas follow tolchaa mee yaa sabaa!
tiktok.com/

29/09/2024

Qoricha ciniinsuu(Lilmeen dahuumsa maali?

26/09/2024
Namni kun nama fiigichaaf of kenne.He is a real professional athlete.He is simply a Symbol of perseverance and winning m...
21/04/2024

Namni kun nama fiigichaaf of kenne.He is a real professional athlete.He is simply a Symbol of perseverance and winning mentality.
Umrii 41 tti fiige record foyyeessuun isaas kanuma nutti mul'isa.
Congratulation Kenenisa Bekele

Kiniina ulfa ittisu/dhowwuKiniinni ulfa ittisu akkamitti dalaga?οƒΌ Kiniinni ulfa ittisu dhiiga keenya keessatti hormonii ...
24/01/2023

Kiniina ulfa ittisu/dhowwu
Kiniinni ulfa ittisu akkamitti dalaga?
οƒΌ Kiniinni ulfa ittisu dhiiga keenya keessatti hormonii gadi lakkisuun dhaamsa sobaa ulfi uumame jedhu sammuu keenyatti dabarsuun,ovariin akka hanqaaquu hin oomishne ittisuun akka ulfi hin uumamne dhorka.
οƒΌ Kiniinni ulfa ittisu akkuma qabiyyee hormonii isaaniitti gara gra ta’aniis,baay’inaan kan itti fayyadamnu combined oral contraceptive(COC) ykn isa choice jennuun jechaa dha.
οƒΌ Ulfi hin barbaachifne akka hin uumamne yeroo xuriin laguu dhangala’u guyyaa duraa irraa kaase hamma guyyaa shanii keessatti kiniina kana liqimsuu jalqabuun,guyyuutti yeroo isaa eeganii fudhachuun ulfa ittisuun ni danda’ama.
οƒΌ Guyyaa kanneenin alatti yoo jalqabame,guyyoottan itti aanan torbaaf(7f) walqunnamtii saala gaggeessuu dhiisuu ykn kondommiitti fayyadamuun ulfa ittisuu ni danda’ama.
οƒΌ Kiniiniin ulfa dowwu,ulfa ittisuun alatti faayidaalee biros ni qaba. Isaaniis:
1.xurii laquu jeeqame/yeroo isaa hin eegganne ni sirreessa
2.finnisni akka hin heddummanne ni hir’isa/ni dhorka
3.infeeksina gadaamessaa ni xiqqeessa
4.kulkula ykn dhiita’uu ovaarii fi kaansarii ovarii ni hir’sa
οƒΌ Kiniinni ulfa dhorku dubartoota hundaaf fayyadamuun ni tahaa?
οƒΌ Deebiin lakkii hin tahuu dha.
1.dubartoonni dhibee qorriinsa dhiiga(thrombophilia) qaban
2.dubartoonni dhibee onnee dhiphachuu hidda dhiiga waliin walitti hidhata qabu qaban
3.dubartoonni dhibee sukkaaraaa yeroo dheera irra ture qaban
4.dubartoonni kansarii harmaa dhukkubsatan
5.dubartoonni dhibee tiruu qaban
6.dubartoonni dhibee mataa dhukkubbii(maygireenii) qaban
7.dubartoonni tamboo xuuxan kan umriin isaanii waggaa 35 caalu
Kiniina ulfa ittisu kana akka fudhatan hin heeyyamamu

Β© Dr. Firaa’ol Girmaa(Ispeeshaalistii ulfaa fi gadaamessaa)
Amajjii ,2023
Adaamaa

Mallattoolee hamoo yeroo ulfaa(Danger signs during pregnancy)-Dhukkubbii mataa hamaa(headache)-Dhukkubbii qara laphee ja...
01/04/2022

Mallattoolee hamoo yeroo ulfaa(Danger signs during pregnancy)

-Dhukkubbii mataa hamaa(headache)
-Dhukkubbii qara laphee jalaa(epigastic pain)
-Qaanqeen ija dura nama faca'uu ykn yoo ilaalan sirriitti hubachuu dhabuu(blurring of vision)
-Dhangala'uu dhiiga karaa gadaamessaa(Vaginal bleeding)
-Dhangalahuu bishaanii karaa gadaamessaa(Gush of fluid per va**na
-Sosochiin ilmoon garaa keesatti gootu hir'achuu(decreased fetal movement)
-Dhukkuubbii garaa fi gadi dhidhibbaa(abdominal pain and pushing down pain)

Dubartii ulfi takka mallattoolee kanneen yoo qabaatte ogeessa fayyaatiin ilaalamuun baay'ee barbaachisa dha.
Dr.FIRA Health Advice

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.FIRA Health Advice posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.FIRA Health Advice:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram