18/02/2024
Waa'ee Olka'uu dhiibbaa dhiigaa (Hypertension) qabxiilee muraasa
1. Utuu hinsafaramin beekuun hindanda'amu
2. 120/80 kan nama hundumaa ta'uu hindanda'u. መቶ 20 በ 80 የሁሉም ሰዉ ኖርማል ግፊት ልኬት አይደለም።
3.Rakkina namoota dulloomanii qofa miti
4. Utuu maatii keessa hin jiraatinis muudachuu danda'a
5.Mallattoo hinqabu(mataa bowwuun mallattoo dhiibbaan dhiigaa dabaluu ta'uu malus namootni baay'een mataa bowwuu hinqaban)
6.Bishaan dhuguun, aannan, dammi, foon dhiibbaa dhiigaa hindabalan
7. Namootni rakkina dhiibbaan dhiigaa olka'uu qaban buna dhuguu ni danda'u. Bunni hindhowwamu
8. Ashaboo, alkoolii, tamboo, caatii dhiisuu. Hirriba ga'aa rafuu fi dhukkuboonni kanbiroo yoo jiraatan yaalamuu
9. Dhiibbaan dhiigaa dabaluuf sababni qoratamee bira ga'ame yoo jiraate yaalamuu. Gosti baayyeen garuu sababa beekamaa hinqabu (essential Hypertension)
10. Qoricha keessan akka ogeessi ajajetti fudhadhaa
11. Qorichi dhiibbaa dhiigaa qaamaan walbaraa? Gonkumaa! የግፊት መድሀኒት ከሰዉነት ጋር ይላመዳል? በፍጹም አይለምድም። እንድህ አይነት ጥያቄ መነሳትም የለበትም
12. Yoo hin yaalamin rakkinoota onnee, ijaa, kalee, dhiigni sammuu keessatti itituu ykn dhangala'uufii kkf geessisuu danda'a
13. Namoota utuu dhiibbaa dhiigaa hinyaalamin jiraatanu akka fakkeenyaatti fudhattanii yaalamuu hindidinaa!
Dr. Gashahun Mekonnen Ispeeshaalistii dhibee keessoo, Yuunivarsiitii Jimmaa
Irraa haa bafannu✅❤❤