Dr.Tarree Tolessa

Dr.Tarree Tolessa Medical doctor at southwest Ethiopia😍
Working with and for a people😍

18/02/2024

Waa'ee Olka'uu dhiibbaa dhiigaa (Hypertension) qabxiilee muraasa

1. Utuu hinsafaramin beekuun hindanda'amu

2. 120/80 kan nama hundumaa ta'uu hindanda'u. መቶ 20 በ 80 የሁሉም ሰዉ ኖርማል ግፊት ልኬት አይደለም።

3.Rakkina namoota dulloomanii qofa miti

4. Utuu maatii keessa hin jiraatinis muudachuu danda'a

5.Mallattoo hinqabu(mataa bowwuun mallattoo dhiibbaan dhiigaa dabaluu ta'uu malus namootni baay'een mataa bowwuu hinqaban)

6.Bishaan dhuguun, aannan, dammi, foon dhiibbaa dhiigaa hindabalan

7. Namootni rakkina dhiibbaan dhiigaa olka'uu qaban buna dhuguu ni danda'u. Bunni hindhowwamu

8. Ashaboo, alkoolii, tamboo, caatii dhiisuu. Hirriba ga'aa rafuu fi dhukkuboonni kanbiroo yoo jiraatan yaalamuu

9. Dhiibbaan dhiigaa dabaluuf sababni qoratamee bira ga'ame yoo jiraate yaalamuu. Gosti baayyeen garuu sababa beekamaa hinqabu (essential Hypertension)

10. Qoricha keessan akka ogeessi ajajetti fudhadhaa

11. Qorichi dhiibbaa dhiigaa qaamaan walbaraa? Gonkumaa! የግፊት መድሀኒት ከሰዉነት ጋር ይላመዳል? በፍጹም አይለምድም። እንድህ አይነት ጥያቄ መነሳትም የለበትም

12. Yoo hin yaalamin rakkinoota onnee, ijaa, kalee, dhiigni sammuu keessatti itituu ykn dhangala'uufii kkf geessisuu danda'a

13. Namoota utuu dhiibbaa dhiigaa hinyaalamin jiraatanu akka fakkeenyaatti fudhattanii yaalamuu hindidinaa!

Dr. Gashahun Mekonnen Ispeeshaalistii dhibee keessoo, Yuunivarsiitii Jimmaa
Irraa haa bafannu✅❤❤

Waa'ee ULFAA kana beektuu laata?********************************1. Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa'amee ji'a...
28/09/2023

Waa'ee ULFAA kana beektuu laata?
********************************
1. Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa'amee ji'a 4-5 eegala.
2. Mucaan garaa keessa jiru guyyaatti yoo xiqqaate si'a 12 socho'a.
3. Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatinni ishii Kg 8-12tin dabala.
5. Ulfaatinni Obbaatii (placenta) 1/6 ffaa ulfaatina mucaati.
6. Dubartiin tokko erga deessee, madaan qaama hormaata isheerra hin jiru tanaan yeroo kamittuu walqunnamtii saalaa rawwachuu dandeessi.
7. Dubartiin tokko erga desseen ykn erga irraa baheen booda yoo harma hoosisuu baatte, torban 2 keessatti ulfa'uu dandeessi.
8. Harma hossisuun ulfa ittisuuf ni gargaara (Garuu ulfa ittisuuf ga'aa ta'uuf sirriitti hoosisuu qabdi).
******************
Dr. Gurmeessaa

  fayyaa, oromiyaatiin✅✅✅
25/09/2023

fayyaa, oromiyaatiin✅✅✅

  ( )             ☆☆☆☆☆Dhukkubni Asimii ujummooleen qilleensaa akka dhiphatan, akka dhiita'aniifi waan tuttufan ykn aakk...
24/09/2023

( )
☆☆☆☆☆
Dhukkubni Asimii ujummooleen qilleensaa akka dhiphatan, akka dhiita'aniifi waan tuttufan ykn aakkii namatti baay'isudha.
Dhiphachuun ujummoolee qilleensaa kunis rakkoo hargansuu fiduun qufaa, afuurri akka ciccitu gochuu danda'a.



♦️Afuurri ciccituu
♦️Qufaa
♦️Qoma jabeessee qabuu(Ch.tightness)
♦️Hirriba gahaa dhabuu
♦️Yeroo gara alaatti afuura baafatan sagalee dhageessisuu(Wheezing)
♦️Yeroo utaalloon nama qabu kan namatti jabaatudha.

:

📌Allergy (foolii abaaboo, dhukkee, doodiraantii ykn sh*ttoo)
📌Qufaafi infeekshinii ujummoolee qilleensaa biroo
📌Sochii qaamaan booda,
📌Qilleensa qorraa
📌Faalamuu qilleensaa kan akka aaraan
📌Qorichoota akka (beta blockers, Asprin, Ibuprofen)
📌Of dhiphisuu
📌Dubartoota tokko tokko irratti yeroo marsaa laguu itti jabaachuu danda'a.

?

🔷️Maatii keessa Asimii namni qabu yoo jiraate
🔷️Allergy kan biraa yoo qabaatan(gogaa, saayinesii)
🔷️Ulfaatinni dabaluu
🔷️Sigaaraa xuuxuu ykn kan xuuxu waliin ooluu
🔷️Qilleensi faalamuu, bakka hojiitti keemikaalota adda addaa, hojii rifeensaa, hojii qonnaa
🔷️Asimiin sanyiin ni daddarba jedhamee yaadama.

?

🔶️Afuurri ciccituun yoo itti jabaate
🔶️Sochii qaamaa xiqqoo godhee kan afuurri ciccitu yoo ta'e

?

✅️Asimiin yaalamee guutummaatti fayyisuun hin danda'amu; garuu, mallattooowwan isaa to'achuun ni danda'ama.
✅️Yeroodhaa yerootti ogeessa mari'achuun qoricha akka barbaachisutti fudhachuun gaariidha.
✅️Wantoota namatti kakaasan ykn jabeessan irraa of eeggachuun gaariidha.
✅️Bakka qorraatti afaaniifi funyaan haguuggachuu
✅️Sochii qaamaa dhaabbataan gochuu
✅️Mana keessa jiraataaniifi bakka ciisan haalaan qulqulleessuu.
🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓
☆☆☆☆☆
© Dr.Bulti Likisa (Bultoo), 2023.

🙏🥰
👇👇👇

24/09/2023

Daa'imman xuuxxoo hoosisuu waliin walqabatee rakkoolee hedduutu jira. Isaan keessaa muraasni kunooti:

1. "Carraa infeekshiniif saaxilamuu guddaadha":- Xuuxxoon sirnaan yoo hin qulqulloofne guddina baakteeriyaaf haala mijataa uumuun daa’imman infeekshiniif saaxila .

2. "Humnaa ol nyaachisuu":- innis garmalee hodhuun fi ulfaatina qaamaa dabaluu danda’an saaxiluu danda’a.

3. "Rakkoo bullaa'insa nyaataa":- Daa'imman harma haadhaa qofa hodhan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu qilleensi mar'immaan keessaa, goginsa garaa, fi garaa ciniinnaa baay'ee isaan mudachuu danda'a. Kunis garaagarummaa qabiyyee aannan harmaa fi aannan xaasaa(Formula) irraa kan ka’e ta’uu danda’a.

4. "Rakkoo alarjii fi aannan sana dandamachuu dadhabuu dabaluu":- Qorannoon tokko tokko akka jedhanitti daa’imman xuuxxoon hodhan daa’imman harma hodhan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu carraan alarjii fi aannan dandamachuu dadhabuu isaanii guddaa ta’uu danda’a.

5. "Carraa furdina garmalee dabaluu":- Xuuxxoon hoosisuun carraa furdina garmalee daa'immanii ol'aanaa ta'een walqabata. Kunis sababoota akka garmalee nyaachisuu, garaagarummaa qabiyyee soorataa, fi hanqina wantoota ittisaa aannan harmaa keessatti argaman irraa kan ka’e ta’uu danda’a.

6. "Hariiroon haadhaa fi daa'imaa hir’achuu":- Xuuxxoon hoosisuun harma hoosisuu wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu sadarkaa walitti hidhamiinsaa, miiraa kunuunsuu haadhaa fi daa’ima gidduu jiru hir'isa.

7. "Carraa ilkaan daa'imaa caccabuu dabaluu":- Yeroo dheeraaf xuuxxoon hoosisuun, keessumaa dhangala’oo sukkaara qabu kan akka cuunfaalee adda addaa, daa’imman irratti carraa caccabinsa ilkaanii dabaluu danda’a.

Rakkoowwan kun daa'imman xuuxxoo hodhan akka hin mudanneef, qulqullina xuuxxoo sirrii, tooftaa hoosisuu sirrii ta'e, fi aannan xaasaa sirrii fayyadamuun salphachuu akka danda'an hubachuun barbaachisaadha. Yeroo hunda gorsaa fi qajeelfama dhuunfaa argachuuf ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun ni gorfama.
Fayyaa tahaa🥰🥰🥰

  ykn madaa'uu mar'immaanii (Peptic ulcer disease)maali? ☆☆☆☆☆Dhukkubni garaachaa, madaa'uu garaachaafi kutaa mar'ummaan...
13/09/2023

ykn madaa'uu mar'immaanii (Peptic ulcer disease)maali?
☆☆☆☆☆
Dhukkubni garaachaa, madaa'uu garaachaafi kutaa mar'ummaan keenyaa gara olii yeroo ta'u, biyyoota guddachaa jiran keessatti haalaan dabalaa jira.
Madaa'uun mar'immaanii kun, yoo yaalaafi of eeggannoo gaariin godhameef, torbee 6 hanga 8 gidduutti fayyuun ni danda'ama.

👉Dhukkuba garaachaa ykn madaa'uu mar'immaanii kana maaltu fida?

1) Baakteriyaa H.pylori jedhamu.
2) Qorichoota NSAIDS jedhaman, isaan gurguddoodha.

👉Mallattoon dhukkuba garaachaa maali?

📌 Dhukkubbii gubaa garaa gara olii
📌 Gosa isaarratti hundaa'uun, nyaata erga nyaannee dhukkubbiin hammaachuu ykn itti wayyaa'uu danda'a.
📌 Miira nyaanni bullaa'uu diduu namatti dhaga'amuu
📌 Fedhiin nyaataa hir'isuu
📌 Akka waan haqqisiisuu ykn haqqisaa illee qabaachuu ni danda'a.
📌 Deeffachiisuufi yeroo garaan duwwaa ta'utti ykn yeroo beelaatti dhukkubbiin hammaachuufi kkf. ta'uu danda'a.

👉Namni dhukkuba garaachaa qabu tokko maal gochuu qaba?

📌 Nyaata mi'eessituun itti baay'ateefi foon diimaa xiqqeessuu qabu.
📌 Nyaata altokkotti baay'isanii nyaachuurra, xixiqqeessanii deddeebi'anii nyaachuun gaariidha.
📌 Sigaaraa xuuxuu dhiisuu, buna, alkoolii, dhugaatii lallaafaafi nyaata asiidiin badhaadhan hir'isuu.
📌 Aarii ykn of dhiphisuu dhiisuu.
📌 Yoo rafuuf jedhan sa'aa 2-3f nyaata nyaachuu dhiisuu.
📌 Guyyaa guyyaan ispoortii hojjechuu
📌 Qorichoota ogeessaan ajajaman haalaan fayyadamuu.
📌 Nyaata tasgabbaa'anii sirriitti bulleessanii nyaachuu.
📌 Dhukkuboota dhukkubbii hir'isan baay'isanii fayyadamuu dhiisuufi nyaata akka daabboo,paastaa, mokorooniifi kkf.hir'isuu.

👉Yaala dhukkuba garaachaa(Drug treatment);

📌Qorichoota antiacids jedhaman.
📌Baakteeriyaa H.pylori jedhamu barbaadeessuu(H.pylori eradication triple therapy).

👉Rakkoolee walxaxaa dhukkuba garaachaan dhufan maal fa'i?

📌Dhiiguu garaachaa ykn kutaa mar'immaan gara olii(UGIB)
📌Urachuu ykn manca'uu mar'immaani(perforation)
📌Cufamuu qaawwaa garaachaa(GOO)
❤✅❤

10/09/2023

Oltuqaatii ykn hooqqisa yeroo ulfaa🤰akkamiin hir'isuun danda'ama?

🍴Beelli akkuma namatti dhaga'ameen nyaata xiqqoo
xiqqoo garaagarummaa sa'a 1- 2 tiin nyaachuu

🥗 Nyaataa oo'aa ta'anirra qorrisiisanii nyaachuun
filatamaadha.

👌 Nyaata gidduutti dhangala'aa qorraa fi
dhangaggaa'aa ta'an fudhachuu.

🍊🍋🍌Burtukaana, loomii, muuzii fi kkf fayyadamuu

🍵 Shaayii jinjibila qabu dhuguu.

🌱🥜 Nyaata prootina of keessaa qaban (akaayii
garbuu, baaqelaa, loozii, atara) fi biskuttii jinjibila of
keessaa qabu hedduuminaan fayyadamuu.

🦷 Nyaata booda yeroo hunda ilkaan rigachuu fi
qulquulleeffachuu.

🛌 Battaluma nyaataniin ciisuu dhiisuu (sa'a 1 hanga 2
yoo xiqqaate eeguu)

🚶‍♀️Nyaata booda adeemsa xiqqoo deemuu

☕🌶 Buna, nyaata qimama qaban qaaraa fi timaatima
dabalatee, lallaafaawwan ashagamaa, dhangaa
sukkaara baay'ee of keessaa qaban 🍰🍩, nyaata
zayita ykn dhadhaa hedduu qaban hambisuu foon
dabalatee.

🎭 Iddoo sagaleen hedduummatu, ifni baay'atu, fooliin
jiru irraa of quusachuu

👩‍🍳 Yeroodhaaf nyaata ofii hojjechuu dhiisuu yaaluu

💊 Ayiranii yeroo ulfaa kennamu hanga ji'a afuriitti
dhiisuun multiivitaaminii ayiranii hedduu of keessaa
hin qabne fudhachuu.
Fayyaa hin dhabiinaa,
Fayyaa tahaa, fayyaa dahaa❤❤✅✅✅✅

24/08/2023

👉Dubrummaa/Virginity
*dubraa kanan duraa wal-qunnamtii saalaa rawwattee hin beekne jechuudha.

✍️Dubrummaa vs haymaan(Hymen)
Haymaaniin qaama saalaa dubraa kan alaatti argamuu(vagina) jedhamuu- kooriderii isaa irraatti argama.

- haymanii(hymen)-Dhala Nama qofaa osoo hin taanee beeyladoota fi bineensoota akka Farda, Arbaa, chimpaanzii fa'aniis ni qabu.

👉Namaa Namatti bocaa garaagaraa qabaachu danda'a.akkasumas dubaartoota tokko tokkorratti uumamaan hin argamuu.Yeroo tokko tokkommoo guutumaan guututti qaama saalaa alaa(vagina) cufee Uumamuu danda'a.

-Haymaaniin kun harkifamuu fi Cituu danda'a. Kunis sababa addaa addaatin ta'uu danda'a.
Isaaniis;
-Wal-qunnamtii saalaa
-meeshaa yeroo laguu fayyadamuu(Tampons)
-qubaan yeroo gadaameessi qoraatamuu
-Sochii qaama yeroo Hojjennu(saayikilii oofuu, farda gulufsiisuu)
-Miidhaa naannoo qaama wal-hormaataa irraa gahuu
-split

👉Dhabbatni Fayyaa Addunyaa(WHO, 2018) -akka ifoomsetti manneen yaala keessatti qaama dubraa haymaanii jedhamu ilaaluun(virginity test) dubrummaan jira ykn hin jiru jedhanii murteessuun hin danda'amu.
👉Dubartiin tokko yoo gudeedamteyyu wanta lubbuu ishee sodaachiisa ta'e kan akka dhiigni humnaa olii yoo jiraaten alatti qorannoo kana gochuun sirrii miti. Sababnii isaanis miira yeroo gudeeddii ture yaadachiisudha.

👉Akka "WHO" tti qorannoo kun "virginity test" mirga wal-qixxummaa saalaa kan mulqee fi qorannoo dubaatti hafaadha.

👉Qunnaamtii jalqabaatin dhiigaa hin arginee jechuun hiriyaan/ haati manakee dubrummaa hin qabdu jechuu miti.

👉 dubartoonni dubrummaa qaban keessaa parsantii 63% wal-qunnamtii saalaa jalqabaatin dhiigni hin dhangala'u.
Fayyaan faaya,
Dr. Chala Getachew✅

23/08/2023
21/08/2023
Forforii Rifeensaa (Dandruff) ******************MALLATTOOLEE ● Rifeensa mataa keessa waanti akka daakuu harca'auu (keess...
21/08/2023

Forforii Rifeensaa (Dandruff)
******************
MALLATTOOLEE
● Rifeensa mataa keessa waanti akka daakuu harca'auu (keessumaa yoo harkaan haxaa'an ykn filtuu mataan filatan)
● Yoo xiqqoo sanarra jabaate ammoo garmalee hooksisuu fi waan akka qolaa harca'uu fa'i.

KA'UMSA
● Ka'umsi foriforii fangasii 'Malassezia furfur' jedhamtuun akka namatti dhufu amanama.
● Foroforiin dhukkuba gogaa kamiyyuu caalaa hawaasa keesatti argama.
● Keessumatti ammoo umurii waggaa 14 haga 30 kan namoota rakkisuudha.

FURMAATA
1. Shaampoo qabiyyee farra fangasii of keessaa qabuun rifeensa ofii haga foriforiin kun rifeensa irraa badutti dhiqachuudha.
2. Qorichoonni dabalataa akkuma cimina foriforii nama qabe sanaatti ogeessa fayyaan kennama.
3. Foriforiin takkaa erga rifeensa irraa badee booda namatti deebi'uunsaa hin hafu. Kanaaf erga namarraa badee boodas giddu giduutti (fkf torbanitti altakkaa) shaampoo farra fangasii of keessaa qabu kanaan rifeensa dhiqachuudha.

Fayyaan Faaya!

21/08/2023

Nagayaan bultanii?

Address

Sebeta
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Tarree Tolessa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Tarree Tolessa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category