08/09/2025
Maayomaa (Myoma)
Maayomaan dhiita hin faffacaane kan maashaa gadameessaa irraa ka’u dha.
Dhiibeen kun dubartoota umurii wal hormaata keessatti argaman irratti kan uumamu yoo ta’u, yeroo hedduu mallattoo kan qabaatuu yeroodubartiin umurii waggaa 35 - 45 gidduu taatudha.
Sababoota maayomaaf dubartii saaxilan:
1. Sanyii gurrachaa ta’uu
Dhibeen kun harka caalaan dubartoota Afriikaa, keessumaa warra Afriikaa dhihaa, irratti baay’ta
2. Otoo hin ulfaa’iin /dahiin turuu ykn hafuu
3. Umurii
Mallattoolee Dhibee Maayomaa
1. Yeroo hedduu mallattoo hin qabu. Dubartiin yaala biraaf yeroo ultiraasawundii ilaalamtu beekama.
2. Yeroo mallattoo qabaatu immo, jeeqamuu laguun of mul’isa. Gosni jeeqamuu laguu yeroo hedduu Maayomaa waliin wal qabatu, baayachuu dhiigaa yeroo laguu (heavy menstrual bleeding) dha.
3. Mallattooleen kan biroo Maayomaa waliin wal qabatan kanneen armaan gadiiti:
- dhukkubbi garaa handhuura gadii
- dhiita’uu garaa (gajjallaa eegalee kan ol dabalu)
- Irra deddebiin ulfi ba’uu (recurrent pregnancy loss)
- Ulfaa’uu dadhabuu (infertility)f kkf dha.
Yaala Maayomaa
1. Yoo mallattoo hin qabannee fi hammi isaa xiqqaa ta’e , waggaa waggaan hakiima bira deemuun of sakattaasisuu ni danda’ama (watchful waiting).
2. Yoo mallattoo qaba ta’e garuu, opiraasiyooniidhan yaalamuun dirqama ta’a.
Opiraasiyooniin maayomaaf dalagamuu:
a. Yoo dubartiin gara fuldiraatti dhala godhachuu barbaaddi ta’e ykn yoo gadameessi ishee akka ba’u hin feetu ta’e, opiraasiyoonii maayomaa baasuu (Myomectomy) dalagna.
b. Yoo gadameessi akka bahu filatame, opiraasiyoonii gadameessa baasuu (Hysterectomy) dalagnafi.
3. Yaala Qorichaa: Maayomaan qorichaan guutummaatti akka badu gochuun ni ulfaata.
Qorichaan kan yaallu, yeroo gabaabduu fi gara opiraasiyoonii / gara umurii guutummaatti laguun dhaabbachuu (Menopause) akka cehumsaatti fayyadamuufi.
Guyyaa har’aa dubartii dhiita Maayomaa mallattoo qabu qabduu fi gara fulduraatti dhala barbaadduuf, opiraasiyoonii maayomaa baasuu (Myomectomy) dalagneefi!
Hospiitaala haadholiif daa’immanii fi dhibee qaama keessoo YOOKOOtti Yaala dhibee Maayomaa fi kan biroo, hakiimota sabispeeshaalistiin argattu.
Dr Meseret Olana (IGCS-Certified Gynecologic Oncologist)
0913367006
Dr Meseret OlanalMeseret Olana JeldueYookoo MCH/ Medical CenternEbsa Y NagewogAbdi D Gemechuechu
Daraartuu Bushaa