Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa/WOFO

Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa/WOFO Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa/WOFO Waldaa Mirga Hojjattoota Fayyaaf Oromiyaaf dhaabbate!!!

  Muddee 21/04/2018Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Haluutti Ogeessota Fayyaa 42'f Guyyaa Har'aa Lafti Ijaarsa Mana Jireenya...
01/01/2026



Muddee 21/04/2018
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Haluutti Ogeessota Fayyaa 42'f Guyyaa Har'aa Lafti Ijaarsa Mana Jireenyaa Kenname!
Galatoomaa!!

 Waamicha QacarriiWaajjira fayyaa godina horroo guduruu wallaggaa
24/12/2025


Waamicha Qacarrii
Waajjira fayyaa godina horroo guduruu wallaggaa

Kan Ogeessa Fayyaas sirratuu qaba!!Baayyee Galatoomaa Adaamaan!
24/12/2025

Kan Ogeessa Fayyaas sirratuu qaba!!
Baayyee Galatoomaa Adaamaan!

   Konkolaachisaa Ambulaansii Hospitaala Incinnii.Kanaaf namoonnii dorgommiin kun isin ilaallatu Ulaagaa beeksisicha irr...
22/12/2025


Konkolaachisaa Ambulaansii Hospitaala Incinnii.
Kanaaf namoonnii dorgommiin kun isin ilaallatu Ulaagaa beeksisicha irratti bahe hordofuun ammuma galmaa'aa.
👉👂

MIRGA LAFA MANA JIREENYAA ARGACHUU 🏠⚖Lafa Mana jireenyaa argachuun mirga qabeenya horachuu heera Mootummaa keewwata 40 j...
22/12/2025

MIRGA LAFA MANA JIREENYAA ARGACHUU 🏠

⚖Lafa Mana jireenyaa argachuun mirga qabeenya horachuu heera Mootummaa keewwata 40 jalatti tumame waliin kan wal qabatuudha.Namni tokko qabeenya horachuuf mirga akka qabu heericha irraa ni hubatama.Miseensonni Waldaa nama waan ta'aniif akkaataa heerichi beekamtii kenneen qabeenya horachuu fi ittiin jiraachuuf mirga guutuu qabu jechuudha.

Bu'uuruma kanaan:-
1️⃣.Jiraattonni Magaalaa akkaataa fedhii fi dandeettii kaffaltii isaaniitiin walitti gurmeessanii waldaadhaan Mana jireenyaa ijaarrachuu akka danda'an Labsii Lakk.231/2013 keewwata 19(1) jalatti tumeera.

2️⃣.Hojjattoonni Mana hojii tokko keessa jiranii fi walbeekan yookiin Manneen hojii adda addaa keessaa walitti dhufuun fedhii manaa walfakkaatuu fi dandeettiin isaanii kan walsimu waliin gurmaa'uun Lafa Mana jireenyaa argachuu akka danda'an Labsichi ifaan tumeera.

➡️Waajjirri Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Magaalaa:

1ffaa- lafa waldaa Ijaarsa Mana jireenyaatiif oolu qopheessee waldaaf kennuuf dirqama qaba;

2ffaa- lafa murtaa'ee qophaa'e guyyaa hojii kudhan(10) keessatti sanada qabiyyee lafaa qopheessee harkaan gahuun qaama gurmeesseef beeksisuuf dirqama qaba;

3ffaa- Ijaarsi Mana jireenyaa waldaa bu'uura pilaanii hayyamameen ijaaramee %50 xumuramuun isaa yeroo mirkanaa'u,ragaa abbaa qabeenyummaa maqaa Waldichaatiin jiru maqaa tokkoo tokkoo miseensaatiin qopheessee kennuuf dirqama akka qabu Labsicha keewwata 78(5) jalatti tumeera.

➡️Manni Qopheessaa Bulchiinsi Magaalaa Waldaa Mana jireenyaa gurmeessuun galmeessee qaama seerummaa kennuuf dirqama akka qabu Labsicha keewwata 77 jalatti tumeera.

:
➡️Waldaan Mana jireenyaa:-
A,fedhii miseensota waldichaatiin,
B,lakkoofsi miseensotaa 12 gadi yoo ta'e,
C,murtii Mana Murtiitiin,
D,ragaa sobaatiin kan gurmaa'e yoo ta'e,diigamuu danda'a,Dambii Lakk.246/2016 keewwata 34(1).

⚖ Erga Labsii Lakk.231/2013 baheen booda Dambii haarawa Lakk.246/2016 bahe jira.

Itti Fayyadamaa!!
18/12/2025

Itti Fayyadamaa!!

Waa'een Gaafii mana jireenyaas Hanga Ammajjii 30/2018tti Furmaata ni argata jennee abdanna!!Gaafffii Ogeeyyii Fayyaa Yer...
14/12/2025

Waa'een Gaafii mana jireenyaas Hanga Ammajjii 30/2018tti Furmaata ni argata jennee abdanna!!
Gaafffii Ogeeyyii Fayyaa Yeroon deebisuun tajaajila si'ataafi Fooyya'aa Hawaasni keenya akka argatuuf furtuudha!

Waa'een Kafaltii Bultii Halkanii kuni Furmaata Waaraa barbaada!Biiroo Maallaqa OromiyaatifDhimmi isaa: Garaagarummaa kan...
14/12/2025

Waa'een Kafaltii Bultii Halkanii kuni Furmaata Waaraa barbaada!
Biiroo Maallaqa Oromiyaatif
Dhimmi isaa: Garaagarummaa kanafnltii duty' oggeessotanf deggersa gaafachuu ta'a. Mootummaan keenya haala qala'insa gabaa fi jireenyaa giddugaleessa godhachuun, bara kana miindaa hojetootaa bifa addaa fi olaanaadhaan daballii guddaa taasisuun isaa ni beekama. Akkaatan qajeelfama kanfaltii tajaajila yeroo idileetiin alaa (duty) jiruun, kanfaltiin kun miindaa idilee oggeessaa irratti hundaa'ee waan herregamuuf, daballii mindaa walin walqabatee kafaltiin 'duty's dabaluun dirqamandha. Haa ta'u malee, bu'uura dambii kanaatiin, kaafaltin yeroo idileeti alaa (duty) miindan oggeessota fayyaa haaraa irratti hunda'ee kanfalamuu qabu dhaabbilee fayyaa iratti rakkoo cimaa uumee jira. Kunis sababa dhimmoota amaan gaditi: 1 Dhabamuu Maallaqa Garaagarummaa (Supplementary Budget): Garaagarummaan maalaqaa kanfaltii 'duty kanaaf barbaachisu waan hin ergamneef yookiin yeroon gara dhaabbilee fayyaa (Hospitaalotaa)ti waan hin ergamneef, dhaabbileen qajeelfama jiru irratti hunda'uun daballi duty haala daballii miindaa haaraattin kanfaluu dadhabaniiru.
2 Maalaqnni callaa dhaabbilee fayyaa ykn Hospitaalootaaf ji'a ji'aan ergamaa jiru daballii miindaa kan giddu galeessa godhate waan hin taneef hospitaaloota tokko tokko keessaatti mindaas ta'e kanfaltii yeroo idileen alaa ykn 'duty kanfaluun waan hin dandeenyeef iddoo hedduutti oggeessi komii kaasa jiru. Akka yaadannuuf, rakkoon akkasii bara darbee osoo furmaata hin argaatin turuun isaa, muddama oggeessotaa biyyaalessaa kan uumee fi deebii hatattamaa barbaaduun rakkoo siyaasaa guddaa ta'ee akka ture ni beekama. Kanaafuu, haala hatattamaa rakkoo kana hubachuun, garangarummaan maallaqaa kun yeroodhaan akka guutamuu fi ergamuuf, akkasumas dhiibbaan tajaajila fayyan irratti mudatu akka hin jiraaneef, deggersa fi deebii hatattamaa dhimma kanaaf barbaachisu akka nuuf gootan kabajaa guddaan isin gaafanna.

Carraa Barumsaa!!
09/12/2025

Carraa Barumsaa!!

Ergaa BFO Abbootii Dhimmaaf!!
07/12/2025

Ergaa BFO Abbootii Dhimmaaf!!

27/11/2025
Waajjira Godinalee Hundaaf   waliif godhaa wal biraan gahaa jollee tenyaa
26/11/2025

Waajjira Godinalee Hundaaf waliif godhaa wal biraan gahaa jollee tenyaa

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa/WOFO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram