Dr. Naafyaad Geetuu

Dr. Naafyaad Geetuu Please follow my page to get the most relevant information in your life.

Guyyaatti buna hangam haa dhugnuu?✅Akka dhaabbanni “Guideline” nyaata Ameerikaa ibsutti giddugaleessan namni ga’eessi to...
06/10/2023

Guyyaatti buna hangam haa dhugnuu?
✅Akka dhaabbanni “Guideline” nyaata Ameerikaa ibsutti giddugaleessan namni ga’eessi tokko Buna siinii 3-5 ykn Kaafeenii 400mg akka dhugan gorfama.
✅Dabalata liinkii tuquun dubbisaa.
Bunaaf Nagaa hin Dhabinaa.❤️
Odeeffannoo garaa garaa argachuu yoo barbaadan liinkii tuqaa.
👇👇👇
https://linktw.in/4lROPj

☑️Faayidaa walqunnamtii saalaahttps://linktw.in/4lROPj Sochii saalqunnamtii waliigalteedhaan raawwachuun faayidaa qaamaa...
25/09/2023

☑️Faayidaa walqunnamtii saalaa
https://linktw.in/4lROPj

Sochii saalqunnamtii waliigalteedhaan raawwachuun faayidaa qaamaa, miiraa fi hariiroo adda addaa kennuu danda’a, isaanis:

1. Gammachuu qaamaa: Walqunnamtiin saalaa hedduu nana gammachiisuu danda’a, kunis dhiphina irraa bilisa nama taasisuu danda’a.

2. Walitti dhufeenya miiraa: Hiriyaa gaa’elaa wajjin walitti dhiyeenyaa fi walitti dhufeenyi miiraa miira jaalalaa fi miira gaarii ta’e guddisuu danda’a.

3. Dhiphina hir’isuu: Sochiin saalaa endorphins gadhiisuu danda’a, kunis dhiphina hir’isuu fi boqonnaa namaaf kan gargaarudha.

4. Miira fooyya’aa: Walqunnamtiin saalaa oksitoosiinii fi hormoonota biroo miira gaarii uumuuf gumaachan akka gadi lakkifaman gochuu fi mallattoolee dhiphina sammuu hir’isuu danda’a.

5. Hirriba fooyya’aa: Walqunnamtii saalaa booda or**sm fi boqonnaa argachuun qulqullina hirriba fooyyessuu danda’a.

6. Ofitti amanamummaa guddachuu: Miirri hawwataa ta’uun ofitti amanamummaa fi cimina qaamaa guddisuu danda’a.

7. Faayidaa fayyaa qaamaa: Sochiin saalqunnamtii yeroo hunda gochuun fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa, hojii ittisa qaamaa fi dhukkubbii hir’isuu irratti bu'aa gaarii fiduu danda’a.

8. Dhukkubbii hir’isuu: Or**sm yeroodhaaf dhukkubbii gosa adda addaa kan akka dhiita’uu laguu salphisuu danda’a.

9. Itti quufinsa hariiroo: Hiriyoonni gaa’elaa hariiroo jaalalaa fi walqunnamtii qabaniif, saalqunnamtiin itti quufinsa hariiroo waliigalaa fi umurii dheeraaf gumaachuu danda’a.

✅ Faayidaan saalqunnamtii nama irraa gara namatti garaagarummaa guddaa qabaachuu akka danda'uu fi haala fi namoota dhuunfaa dhimmicha keessa jiran irratti hundaa'uu akka danda'u yaadachuun barbaachisaa dha. Yeroo hunda hayyama, walqunnamtii fi gocha saalqunnamtii nageenya qabu dursa kenni.
👇
https://linktw.in/4lROPj

23/09/2023

Dad!Master Getu Dugasa😎😊
22/09/2023

Dad!
Master Getu Dugasa😎😊

☑️Faayidaa walqunnamtii saalaahttps://linktw.in/4lROPj Sochii saalqunnamtii waliigalteedhaan raawwachuun faayidaa qaamaa...
21/09/2023

☑️Faayidaa walqunnamtii saalaa

https://linktw.in/4lROPj

Sochii saalqunnamtii waliigalteedhaan raawwachuun faayidaa qaamaa, miiraa fi hariiroo adda addaa kennuu danda’a, isaanis:

1. Gammachuu qaamaa: Walqunnamtiin saalaa hedduu nana gammachiisuu danda’a, kunis dhiphina irraa bilisa nama taasisuu danda’a.

2. Walitti dhufeenya miiraa: Hiriyaa gaa’elaa wajjin walitti dhiyeenyaa fi walitti dhufeenyi miiraa miira jaalalaa fi miira gaarii ta’e guddisuu danda’a.

3. Dhiphina hir’isuu: Sochiin saalaa endorphins gadhiisuu danda’a, kunis dhiphina hir’isuu fi boqonnaa namaaf kan gargaarudha.

4. Miira fooyya’aa: Walqunnamtiin saalaa oksitoosiinii fi hormoonota biroo miira gaarii uumuuf gumaachan akka gadi lakkifaman gochuu fi mallattoolee dhiphina sammuu hir’isuu danda’a.

5. Hirriba fooyya’aa: Walqunnamtii saalaa booda or**sm fi boqonnaa argachuun qulqullina hirriba fooyyessuu danda’a.

6. Ofitti amanamummaa guddachuu: Miirri hawwataa ta’uun ofitti amanamummaa fi cimina qaamaa guddisuu danda’a.

7. Faayidaa fayyaa qaamaa: Sochiin saalqunnamtii yeroo hunda gochuun fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa, hojii ittisa qaamaa fi dhukkubbii hir’isuu irratti bu'aa gaarii fiduu danda’a.

8. Dhukkubbii hir’isuu: Or**sm yeroodhaaf dhukkubbii gosa adda addaa kan akka dhiita’uu laguu salphisuu danda’a.

9. Itti quufinsa hariiroo: Hiriyoonni gaa’elaa hariiroo jaalalaa fi walqunnamtii qabaniif, saalqunnamtiin itti quufinsa hariiroo waliigalaa fi umurii dheeraaf gumaachuu danda’a.

✅ Faayidaan saalqunnamtii nama irraa gara namatti garaagarummaa guddaa qabaachuu akka danda'uu fi haala fi namoota dhuunfaa dhimmicha keessa jiran irratti hundaa'uu akka danda'u yaadachuun barbaachisaa dha. Yeroo hunda hayyama, walqunnamtii fi gocha saalqunnamtii nageenya qabu dursa kenni.
👇
https://linktw.in/4lROPj

Guyyaa har’aa mucaa Yeroo darbee ( Abdii)  kan maatii hin qabne baraandaa bulaa turee ofiin of barsiisaa tureefi amma ma...
20/09/2023

Guyyaa har’aa mucaa Yeroo darbee ( Abdii) kan maatii hin qabne baraandaa bulaa turee ofiin of barsiisaa tureefi amma mana Kiraa keessa jiru waliin oolle!
Obboleessi keenya Naatinaa’el Birraatuu ( Abbitti) Biyya Norway irraa nyaata isaa waggaa tokkoo akkasumas qarshiin hafe account isaarra akka galuuf Qarshii 100,000 natti ergee ture kenneeraaf.
Obboleessa keenya guddaa Galatoomi !

Dabalataan obboleettin keenya Seenaa Kuulanii Qarshii 12,900 akkasumas obboleessi keenya Solomon Dawit Qarshii 6000 erganii turan kenneeraaf/dabarseeraaf!

Galatoomaa !
📸 Dr. Naafyaad Geetuu

Hacee💙
19/09/2023

Hacee💙

The legend  Artist Habtamu Lamu ☑️
14/09/2023

The legend Artist Habtamu Lamu ☑️

Naqamtee!Ijoollee qaxalee Leeqaa kanneen Tiktooki irratti  shubbisaan isin bashannansiisan kana  waliinis Yeroo ayyaanaa...
13/09/2023

Naqamtee!
Ijoollee qaxalee Leeqaa kanneen Tiktooki irratti shubbisaan isin bashannansiisan kana waliinis Yeroo ayyaanaa bareedaa dabarsine 😊🥰!

Baga geessan, Baga geenye !
11/09/2023

Baga geessan, Baga geenye !









05/09/2023
Gumaa Galaanaa Gaaromsaa Baga Guyyaa Dhalootaa Kee Geesse. Guddadhuu Bakka Gahi. Happy Birthday to you. 🥰🥰
05/09/2023

Gumaa Galaanaa Gaaromsaa Baga Guyyaa Dhalootaa Kee Geesse. Guddadhuu Bakka Gahi. Happy Birthday to you. 🥰🥰

Seenaa ajaa’ibaati 🥹!Daa’imni Kun waggaa 10. Abbaan ishee sababa waraanaan qaroon Ija  isaa lamaan miidhamee jaamee  tur...
04/09/2023

Seenaa ajaa’ibaati 🥹!
Daa’imni Kun waggaa 10. Abbaan ishee sababa waraanaan qaroon Ija isaa lamaan miidhamee jaamee ture !
Mucaan kun Waggaa 5 guutuu Abbaa ishee iji isaa arguu hin dandeenye Yuunivarsiitii harkasaa qabdee geessaa turte . Amma kunoo Abbaan ishee eebbifamee waa’ee ishee dubbatee namoota hedduu miira keessa galche 🥹!

Har’a iccitii baayyee na baasise Gammadaa ShowETV Afaan Oromoo irratti darbaa jira !Warri TV bira hin jirre liinkii comm...
03/09/2023

Har’a iccitii baayyee na baasise Gammadaa Show
ETV Afaan Oromoo irratti darbaa jira !
Warri TV bira hin jirre liinkii comment jalatti argattu

Dhaqna qabaa daa’imman dhiirotaa keessatti Qubeelaa (qalabatii) gochuun faayidaan isaa maali? https://linktw.in/4lROPj-D...
31/08/2023

Dhaqna qabaa daa’imman dhiirotaa keessatti Qubeelaa (qalabatii) gochuun faayidaan isaa maali?
https://linktw.in/4lROPj

-Dalaguuf salphaadha
-dhiigni hedduu hin dhangala’u
-Bareedina qaama saalaa murameef ( cosmetic reason)
-madaa hedduu hin uumu .
👇
https://linktw.in/4lROPj

📷 Artist Habtamu Lamu 🌿
31/08/2023

📷 Artist Habtamu Lamu 🌿

Gidduu kana gaaffii karaa keessaafi bilbilaan waa'ee qaama saalaa guddisuuf maal gochuu qabna  jedhamu baay'inaan gaafat...
26/08/2023

Gidduu kana gaaffii karaa keessaafi bilbilaan waa'ee qaama saalaa guddisuuf maal gochuu qabna jedhamu baay'inaan gaafatamaan jira.
➡️. https://linktw.in/4lROPj

Waa'ee kanaarratti waa xiqqoon dubbachuu barbaada. Dhiirri hundiyyuu uumamaan dheerinnii fi furdinni qaama saalaa isaa wal-qixa miti. Yeroo baay'ee dhiironni tokko tokko qaama saalaa isaanii kan hiriyoota isaaniin walbira qabaa ykn viidiyoo saal-qunnamtii tokko tokko ilaaluun qaamni saalaa kiyya xiqqaadha jedhanii yeroo baay'ee dhiphataniif sodaatan ni argama.
Qorannoon baay'ee dhimmoota kanaarratti hojjetaman Baay'een dhiironni qaamni saala kiyya xiqqaadha jedhanii yaadan yeroo safaramee ilaalamu normal tahee argama.
qorannoon bara 2015 dhiirota 15,521 irratti godhamee ture akka agarsiisutti giddu galeessaan(yeroo qaamni saalaa dhiiraa ka'uttti) dheerinni isaa 13.12cm, furdinni isaa(marsaa) 11.66cm dha.
karaa miidiyaa hawaasummaa kanaa baay'inaan qorichi akkasii qaama saalaa dhiiraa guddisa jedhamee wanti hafarfamu hedduun dhugaa miti. Uumamaan dhiironni qaamni saalaa isaanii baay'ee xiqqaa tahe(yeroo kahu dheerinni isaa 7cm gadi tahe) yaalii baqaqsanii yaaluun bakka yaalli isaa jirtutti yaalamuu ni dandahu.
Kanaaf dhiironni dhimma kanatti baay'ee of dhiphistan kana akka hubattan isin beeksisuun barbaada!
Fayyaa hindhabinaa!
Dr. Naafyaad Geetuu
👇
https://linktw.in/4lROPj

Waadaa keenya eegnee dhufneerra!Kitaabni “Faaya Fayyaa” mana maxxansaa bahaa jira!Kitaaba kana Mana barumsaa naannoo kee...
24/08/2023

Waadaa keenya eegnee dhufneerra!
Kitaabni “Faaya Fayyaa” mana maxxansaa bahaa jira!
Kitaaba kana Mana barumsaa naannoo keessaniif hawaasa bitachuu hin dandeenyef akka gumaachinuuf namoonni gatii maxxansaa ergitan Adaraa keessan bakka isin Jettanitti erguuf qophiirra jirra!.
Namoonni gumaacha kanarratti hirmaattan Hundi galatoomaa!

Ammas kitaabileen muraasni Dabalataan Kan maxxanfaman waan jiraniif namoonni manneen barumsaaf akkasumas namoota baadiyyaa bitachuu hin dandeenyeef gumaachuu barbaaddan keessaan na quunnamaa!

23/08/2023



DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain)  yoo qabaanne akkamiin of gargaaruu dandeenyaa?https://linktw.in/4lROPj1. Yeroo dheeraaf si...
17/08/2023

DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain) yoo qabaanne akkamiin of gargaaruu dandeenyaa?
https://linktw.in/4lROPj

1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa'aa sadii ol (yeroo hirribaa irraa kan hafe) siree irra ciisuu dhiisuu qabna.

2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu (salphaas tahu) irraa ammoo fagaachuu qabna.

3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaf-tokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.

4. Waan dilallaa'aa ta'e yokaan ho'aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.

5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa.

6. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka'umsaa isaa baranii gagaarsaargachuun gaariidha.
*****************
Fayyaan Faaya.

© Dr. Gurmessa
👇
https://linktw.in/4lROPj

Infeekshinii kalee fi afuuffee fincaaniiInfeekshiniin kalee fi afuuffee fincaanii kan namatti dhufu baakteeriyaa ykn vaa...
17/08/2023

Infeekshinii kalee fi afuuffee fincaanii

Infeekshiniin kalee fi afuuffee fincaanii kan namatti dhufu baakteeriyaa ykn vaayirasiin karaa dhiigaas ta’e naannoo gogaa keenyaarraan ykn naannoo sagaraa (buubbuu) irraa ka’uun gara kuustuu fincaaniif kalee keenyatti ol seenuu irraan kan ka’e kan dhufudha.

Wantoota infeekshinii kalee fi kuustuu fincaanii /afuuffee fincaaniif nu saaxilan:
1. Fincaan yeroo dheeraaf utuu hin fincaaniin qabatanii turuu. Namoonni baay’een sababa garaagaraa irraan kan ka’e fincaan yommuu isaan muddu ykn qabu dafanii hin fincaa’an. Fincaanni kalee keenyaan gara alaatti dhabamsiifamu kun xuraa’aa waan taheef qaama keenya keesa turuu hin qabu. Fincaanni xuraa’aa waan ta’eef baay’inaan yommuu afuuffee fincaanii keessa turu, baakteriyaan akka keessatti wal horan gochuun infeekshiniif nu saaxila.
2. Cirracha kalee. Kunis cirrachi kun ujummoo fincaanii cufuun fincaanni akka gara alaatti hin baane gochuun fincaanni kuufamuun baakteriiyaan akka keessatti wal horee infeekshiniif nu saaxilu godha
3. Erga sagaraa bobbaatanii booda yeroo haxaawwattan ykn qulqulleeffattan dug-duubaa gara fuulduraatti haxaawachuun baakteeriyaan sagaraa ykn udaan keesa jiru salphaadhumatti akka gara ujummoo fincaanii seenan godha. Gochi akkasii kun baay’inaan warra shammarraniifi daa’immanii huba.
4. Ijoollee dhiiraaf dhaqna qabachuu dhabuun carraa infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu daraan dabala. Gogaa fiixee qaama saalaa jala baakteriyaan waan baay’inaan jiraataniif, dhiironni dhaqna hin qabanne carraan infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu isaanii dacha 8’n dabala.
5. Yeroo ulfaas carraan infeekshinii kalee fi afuuffee fincaaniif qabamuu olaanaadha.
6. Dhibee sukkaaraa
7. Uffata jalaa ykn paantii baay’ee nama qabu ykn baay’ee thight ta’e uffachuu
8. Qulqullina naannoo buubbuu fi qaama saalaa eeggachuu dhabuu, keessattuu warra shammarraniif.

Mallattoon isaa maali?
-Dhukkubbii kalee keenyaa (mudhii keenya gara walakkaa) ykn dhukkubbii handhuura keenyaan gadii (suprapubic pain)
-Gubuu qaama saalaa yeroo fincaan fincaa’an
-Fincaan dafee dafee nama jarjarsuu
-Ho’inni qaamaa dabaluu
-Nama hoqqisiisuu ykn ol nama xuquu
-Fincaan isin fincooftan diimachuu ykn foolii kennuu
-Hammi fincaanii hir’achuu fa’a

Kanaaf, mallattoowwan akkasii yoo ofirratti argitan mana yaalaa deemtanii qoratamuun qoricha isaa fudhadhaa. Sababni isaas, infeekshiniin kalee ykn afuuffee fincaanii yoo namarra ture dadhabbii kaleef nu saaxiluu danda’a.

wantoota Infeekshinii Kalee akkasumas dadhabuu kalee fidan keessaa tokko Cirracha Kaleedha. waa'ee Cirracha kalee barreeffama armaan gadii liinkii kanaa gadiin seenaa dubbisaa. ➡️ https://bit.ly/3DRrLUG

Eegumsa gogaa daa’imman reefu dhalatanii➡️  https://bit.ly/3DRrLUGGogaa daa'imman reefuu dhalatanii kunuunsuun fayyaa is...
15/08/2023

Eegumsa gogaa daa’imman reefu dhalatanii
➡️ https://bit.ly/3DRrLUG

Gogaa daa'imman reefuu dhalatanii kunuunsuun fayyaa isaa eeguu fi dhimmoota gogaa barame irraa eeguuf barbaachisaa dha. Gorsa kunuunsa gogaa daa’imman reefuu dhalataniif gargaaran muraasni kunooti:

1. Qaama isaanii dhiquu (Bathing)

Torbanitti guyyaa 2-3 dhiquun akka waliigalaatti gahaadha. Bishaan xiqqoo ho’ee fi saamunaa daa’imaa ykn qulqulleessituu salphaa fi urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Yeroo hedduu dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababni isaas gogaan daa'imaa jiidhinsa akka dhabuu (gogu) danda’a.

2. Kunuunsa Daayipparii (Diaper care)

Bakka daayipparii qulqulluu fi goggogaa taasisuun shiffee daayippariin wal qabatan ittisuuf gargaara. Daayippariin erga jiidhee ykn xuraa’ee booda hatattamaan jijjiiruu qabna. Qulqulleessuuf haxooftuu lallaafaa ykn bishaan ho’aa fi huccuu lallaafaa fayyadamuu dandeenya. .

3. Jiidhina gogaa isaanii eeguu

Erga dhiqnee booda, uffata lallaafaadhaan gogaa daa'imaa suuta gogsaa. Gogaan jiidhinsa gahaa akka qabaatuuf dibata daa’immanii kan urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Dibata gogaa namoota gurguddoof oomishame fayyadamuu hin qabnu.

4. Ifa aduu

Ifa aduu kan humnaa ol gubu irraa fageessuu qabna. Ifa aduutti baasuuf ganama sa’aatii 3-4 ykn sa’aatii boodaa sa’aatii 10-11 gidduu aduu hin gubne keessatti tahuu qaba. Innis daqiiqaa 20-30 gahaadha.

5. Filannoo Uffata

Uffata lallaafaa, qilleensa galchuu danda’u kan huccuu uumamaa kan jirbii irraa hojjetame filadhu. Uffata dhiphaa ykn uffata gogaa daa’imaa jajjabaataa ta’ee gogaa daa’imaa quncisuu danda’an uffisuu hin qabnu.

6. Kunuunsa qeensaa

Qeensa isaaniin akka gogaa isaanii hin quncifneef yeroo yerootti ciruu barbaachisa. Innis qortuu isaaniif hojjetameen osoo gogaa naannoo qeensa isaanii hin muriin tahuu qaba.

7. Finniisa Daa'imaa fi shiffeewwan gogaa

Daa’imman reefuu dhalatan finnisa ykn shiffee adda addaa qabaachuu danda’u, kunis yeroo baay’ee miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaaniitiin kan dhiisanidha. Oomishaalee garagaraa fayyadamuu ykn garmalee dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababiin isaas haala kana hammeessuu danda’a. Yoo yaaddoo qabaattan ogeessa fayyaa daa’immanii mariisisaa.

Daa'imni hundi adda akka ta'e, gogaan isaaniis fedhii addaa qabaachuu akka danda'u yaadachuun barbaachisaadha. Waa’ee kunuunsa gogaa daa’ima reefuu dhalatanii ilaalchisee yaaddoo addaa ykn gaaffii yoo qabaattan, gorsa dhuunfaa keessaniif ogeessa daa’immanii ykn ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun gaariidha.

Fayyaan Daa'immaniif!

Dr. Sabona

Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!https://...
15/08/2023

Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!
https://www.youtube.com/.NaafYaad

Yeroo amma kana qorichoota baayinaan biyya keenya keessaati gurguramaa jiru keessaa tokko qorichaa qaama saalaa dhiiraa laafe kaasu Vaayigiraa jedhamudha. Qorichi kun haala nama yaaddeessuun irra caalaatti dargaggoonni keenya hedduminaan fayyadamaa jiru.

Mee waa’ee qorichaa kanaa waliin haa ilaallu
Qorichii Vaayigiraa ykn Siildenaafil jedhamu kun ogeessa fayyaan namoota rakkoo fayyaa kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa qabaniif akkasumas namoota dhiibbaa dhiigaa somba keessaa (Pulmonary hypertension ) qabaniif kennama.

Qorichii kun namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dide ykn kahuuf dadhabaa taheef kennama. Kunis namoota sababa umurii fi dhibee fayyaa buleeyyii akka Dhibee sukkaaraafi kkf qabaniif ogeessa fayyaan kennama.
Ogeessi fayyaa tokkos qorichaa kana yoo ajaju namni sun Rakkoo fayyaa kan biro kanneen akka dhibee Onnee , Dhiibbaa dhiigaa, dhibee kaleefi tiruu akkasumas qorichaa inni dhibee biraaf fudhatu ilaalee kenna. Garuu haala yeroo ammaa argaa jirruun qorichi kun bakka garaagaraatti ajaja ogeessa fayyaa ykn hakiimaa malee yeroo gurguramaa jiru argaa jirra. Keessumaa dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 gadi tahellee qoricha kana yeroo isaan fayyadaman nii argama.

Qorichii kun maashaa ujummoo dhiigaa qaama saalaa keessatti argamu diriirsuun dhiigni gara ujummoo dhiigaa qaamaa saalaa keessa jiru akka guutu gochuun qaamni saalaa akka kahu godha.Kanaaf sababa rakkoo fayyaa garaagaraan namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dideef ykn jabaachuu dideef(Erectyle dysfuntion) ajaja ogeessa fayyaan kennama.

Qorichi kun namoota rakkoo fayyaa garaagaraa kanneen akka dhibee onnee qabna, dhiibbaa dhiigaa,dhibee kaleefi tiruu hamaa, namoota qorichaa dhibee onneef kennaman tokko tokko fudhataniifi kkf waliin yoo fudhatan rakkoo biraa irraan geessisuu dandaha.Kanaaf ogeessi fayyaa rakkoo kanaaf kana fakkaatan ilaalee erga adda baasee booda kennuu qaba kan jennu.

Namoota qorichii kun ajaja ogeessa fayyaan kennameef waan isaan beekuu qaban keessaa muraasni:-
1. Qorichaa kana wal-qunnamtii saalaa dura daqiiqaa 30 – sahaa dursanii fudhachuu qabu
2. Guyyaatti yeroo 1 qofa fayyadamuu qabu
3. Doozii ykn hamma ogeessi fayyaa ajajee kennerra dabarsuu hin qaban
4. Qorichii kana fudhatanii sahaa 4f walitti aansee qaamni saalaa isaanii kahee dhaabatee yoo ciisuu dide dabalataanis kahee hedduu dhukkuba yoo tahe hatattamaan mana yaalaa deemuu qaba
5. Mallatoowwan akka dhukkubbii laphee hamaa, rakkoo arguu ijaa, hafuurri namatti ciccituu, harma miilaaf qaamni biraa dhiitahuu,hurka ykn dafaqa garmalee argitanii hin beekneefi kkf yoo isin quunname hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdu.

Fayyaa hin dhabinaa !
Dr Nafyad Getu
👇
https://www.youtube.com/.NaafYaad

Congratulations Ebba T. Ambaasaddara Oromia industrial park taatee muudamuukeetti guddaa siif gammadeera!
10/08/2023

Congratulations Ebba T.
Ambaasaddara Oromia industrial park taatee muudamuukeetti guddaa siif gammadeera!

Hirriba keessa deemuu!/Osoo hirriba keessa jiranii utuu hin beekin waan hedduu hojjechuu!! (Sleep walking)  👉 https://bi...
06/08/2023

Hirriba keessa deemuu!/Osoo hirriba keessa jiranii utuu hin beekin waan hedduu hojjechuu!! (Sleep walking) 👉 https://bit.ly/3DRu7TN

Rakkoon kun rakkoo hawaasa keessatti bal'inaan argamu ta'ee kan namoonni osoo hirriba keessa jiranii ka'anii deemanii fi hirribuma keessa osoo jiranii hojii baay'ee hojjetanii deebi'anii kan rafanidha.
Kan nama ajaa'ibu immoo ganama yeroo hirriba ka'an waan hojjechaa turan sana waan tokkollee hin yaadatan.

Namoonni kunniin osoo hirriba keessa jiranii wantoota armaan gadii kanneen raawwachuu ni danda'u:
√ Iddoo tokko deemanii deebi'uu.
√ Hirriba keessa mana qulqulleessuu, nyaata qopheessuu, nyaata fudhatanii nyaachuu fi mana fincaanii deemuu.
√ Osoo hirriba keessaa hin dammaqin qaama dhiqatanii deebi'uu.
√ Hirribuma keessa Wantoota balaaf isaan saaxilan hedduu irraatti hirmaachuu.
👇
https://bit.ly/3DRu7TN

Fakkeenyaaf:
_ Konkolaachisuu.
_ Mana namaa gubuu
_ Waan hin jirre tokko ari'uudhan mana irraa fagaachuu.
_ Kana bira darbees hanga hirriba keessa nama reebuu fi ajjeesanii deebi'uu irras ga'uu ni danda'u.

Wantoota kana yommuu rawwaatan maal akka godhaa jiran hin beekan. hojjachuu isaanis hin yaadatan.

FURMAATA!!
✓ Meeshaalee miidhaa gessisuu danda'an iddoo hirribaa irraa fageessuu.
✓ Balbalaa fi fooddaa haalan cufuu.
✓Furtuu konkolaataa iddoo hin mul'anne kaa'uu.
✓ Maatiin hordoffii gochuu.
✓ Yoo rakkooleen kun irra deddeebiidhaan mudatanii fi miidhaa guddaa geessisan ogeessa yaala sammuu quunnamuu fi kkf.

Galatoomaa!
Fayyaa hin dhabinaa!!
👇
https://bit.ly/3DRu7TN

30/06/2023
Yeroo dhiyootti qophii gingilchaatti nin deebi'a.Liinkii itti aanu xuquun na hordofa.📷 https://bit.ly/3Psfs8DArtist Habt...
26/06/2023

Yeroo dhiyootti qophii gingilchaatti nin deebi'a.
Liinkii itti aanu xuquun na hordofa.
📷 https://bit.ly/3Psfs8D

Artist Habtamu Lamu✅

Artist Galaana Gaaromsaa baayeen isin jaaladha☑️Galatoomaa❤️❤️
17/06/2023

Artist Galaana Gaaromsaa baayeen isin jaaladha☑️
Galatoomaa❤️❤️

Dhuufuu karaa qaama saalaa dubartootaa(Vaginal queefing)Inbox: Dooktor Haadha warraakoo waliin yeroo wal qunnamtii saala...
04/06/2023

Dhuufuu karaa qaama saalaa dubartootaa(Vaginal queefing)
Inbox: Dooktor Haadha warraakoo waliin yeroo wal qunnamtii saalaa goonu Yeroo baayyee sagaleen akka dhuufuu karaa qaama saalaa Ishee dhagahama? Maaliif?

Akkuma beekamu gaasiin mar’ummaan namaa keessa gaafa guutu bifa qilleensaan ykn dhuufuu jedhamuun baha. Kunis sagalee dhageessisuu ykn djageessisuu dhiisuu ni dandaha!
Karaa sagaraa qofa osoo hin taane karaa qaamaa saalaa dubartootaas qilleensi Kun sagalee dhageessisuun ni baha!

Taateen kunis Kan tahu yeroo wal qunnamtii saalaa qaamni saalaa dhiiraa keessaa bahuuf seenu, wal qunnamtii saalaa boodaafi Yeroo sochii qaamaa (yoga, fiigicha..) godhan tahuu mala.

Maaltu kana fida?
1. Yeroo wal qunnamtii saalaa qaamni saalaa dhiiraa seenee bahu (especially position doggy Yeroo fayyadaman) qilleensi garaa alaa seenuun Yeroo rigatni uumamutti qilleensi sun sagalee dhuufuu dhageessisuu
2. Qilleensi gara qaama saalaa dubartootaa seene yeroo Dubartiin tokko fedhiishee fixachuuf qaamni saalaa ishee walitti kottoonfatu (or**sm)sagaleen uumamuu
3. Dubartoota qaamni saalaa isaaniif buubbuu/munneen isaanii Walitti bahe(Rectovaginal fistula) qaban. dubartoonni sababa dahumsaaniif akkasumas sababa garaagaraan qaamni saalaaf sagaraa isaanii walitti bahe dhuufuun akkasumas sagaraan karaa sana bahuu dandaha .
4. Dubartoota maashawwan utuboo naannoo qaama saalaa (pelvic floor muscle )dadhaboo qaban
Sagaleen dhuufuu karaa qaama saalaa dubartootaa bahu akka karaa sagaraa isa bahuu foolii hin qabu. Tarii foolii akka sagaraa kan qabaatu yoo tahe rakkoo walitti bahinsa qaama saalaa fi sagaraa (Fistula) tahuu waan Maluuf qoratamuun yaalii argachuun barbaachisaadha!

Kanaaf waan Kun yaaddoo hamaa waan namatti uumu miti!
Garuu yeroo hunda Yeroo wal qunnamtii saalaan alatti yeroo hunda Kan isinitti dhufee isin rakkisu yoo tahe fi foolii Kan qabu yoo tahe mana yaalaa dhuftanii ilaalamuun gaariidha!

Fayyaa hin dhabinaa
Dr. Naafyaad Geetuu

29/05/2023

❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤




























Weekend at Langano Lake!👍Dachee uumamaan badhaatuu Oromiyaa!Duraanuu .. Sababni miidhama keenyaa miidhaga keenya!Oromia ...
28/05/2023

Weekend at Langano Lake!👍
Dachee uumamaan badhaatuu Oromiyaa!
Duraanuu .. Sababni miidhama keenyaa miidhaga keenya!
Oromia daawwadhaa!

Nagaan Filannoo, Filannoo hin qabnedha. Jeneraalticha📷 Artist Habtamu Lamu
26/05/2023

Nagaan Filannoo, Filannoo hin qabnedha. Jeneraalticha
📷 Artist Habtamu Lamu

Dr. Naafyaad GeetuuDr. Naafyaad Geetuu Naafyaad Geetuu
21/05/2023

Dr. Naafyaad GeetuuDr. Naafyaad Geetuu Naafyaad Geetuu

📷 Artist Habtamu Lamu 🤔
18/05/2023

📷 Artist Habtamu Lamu 🤔

Artistii keenya jaalatamaa 📷 Artist Galaana Gaaromsaa☑️ Page Feesbuukii isaa kana Follow gochuun miliyoona tokko (1M) ak...
16/05/2023

Artistii keenya jaalatamaa 📷 Artist Galaana Gaaromsaa☑️ Page Feesbuukii isaa kana Follow gochuun miliyoona tokko (1M) akka galu godhaa.
Isin jaalanna☑️

Artist Dawit Mekonen ❤❤☑️👆👆👆👆
15/05/2023

Artist Dawit Mekonen ❤❤☑️

👆👆👆👆

Address

Addis Ababa
Addis Ababa
0490

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Naafyaad Geetuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Naafyaad Geetuu:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category


Other Doctors in Addis Ababa

Show All

You may also like