Dr wogene Asefa Dammasaa

Dr wogene Asefa Dammasaa To post only health relate information for societies

24/10/2023

Dhibee Vaayirasii Tiruuf qoratamtanii beektuu?
Dhibeen kun miidhaa hedduu namarraan geessisaa jira!
Addunyaa keenya irra namoonni walakkaa miliyeenaa ta’an wagga tokko keessatti lubbuun isaanii sababa vaayiresii kanaa ni darba.
Waa’ee dhibee hepatitis Virus kana odeeffannoo guutuu argachuuf liinkii gadiin seenaa dubbisaa!👇🏽

https://drnafyad.com/dhibeen-vaayirasii-tiruu-namoota-hedduu-miidhaa-jira/

14/10/2023

#እንድታውቁት

" በዓለማችን በየ2 ደቂቃ ልዩነቱ በማህፀን በር ካንሰር ምክንያት ሴቶች ህይወታቸውን ያጣሉ " - የዓለም ጤና ድርጅት

የማህፀን በር ካንሰር (Cervical Cancer) ፦

- የማህፀን በር ካንሰር በሴቶች ላይ ከሚከሰቱ ካንሰሮች በገዳይነቱ በዓለም 4ኛ ላይ የተቀመጠ ሲሆን በኢትዮጵያ ደግሞ ከጡት ካንሰር ቀጥሎ 2ኛ ላይ ተቀምጧል::

- ይህ የካንሰር ዓይነት 99.7% መነሻው (Human papilloma virus) የተባለ ቫይረስ ሲሆን ከሰው ወደ ሰው በጾታዊ ግንኙነት ጊዜ የሚተላለፍ ነው፡፡ ይህ የቫይረስ ዓይነት ከ200 በላይ ዓይነቶች ሲኖሩት የማህፀን በር ካንሰር የሚያመጡት ጥቂቶቹ ሲሆኑ HPV 16 እና HPV 18 የተባሉት ዋነኞቹ ናቸዉ፡፡

- ዕድሜያቸው ከ30 ዓመት በላይ የሆኑ ሴቶች ላይ፣ የበሽታ መከላከል አቅማቸው የቀነሰ እንደ ኤች.አይ.ቪ ቫይረስ በደማቸው ውስጥ ያለባቸው ሰዎች፣ ከአንድ ሰው በላይ ጋር ግንኙነት ሚያደርጉ እና የአባላዘር በሽታ ያለባቸው ሴቶች የበለጠ ተጋላጭ ናቸው።

- ለብዙ ጊዜ ምልክት ሳያሳይ በሰውነት ውስጥ ሊቆይ ይችላል፡፡

ምልክቶቹም-
▪️ከግንኙነት በዃላ በብልት በኩል መድማት
▪️የወር አበባ ካለቀ በዃላ እና በሁለት የወር አበባ ጊዜ መካከል ያለ መድማት
▪️በብልት በኩል ያልተለመደ ጠረን ያለው ፈሳሽ መዉጣት
▪️ከ Menopause (ማረጥ) በኋላ የሚኖር የማህፀን መድማት ሊሆኑ ይችላሉ፡፡

- በዓለማችን በየ 2ደቂቃ ልዩነቱ በማህፀን በር ካንሰር ምክንያት ሴቶች ህይወታቸውን ያጣሉ፡፡ ከ90 በላይ የሚሆኑት ደግሞ እንደኛ በመካከለኛ እና ዝቅተኛ ገቢ ባላቸው ሃገራት ላይ ነው፡፡

- ይህንን ደግሞ ታዳጊ ሴቶች የማህፀን በር ካንሰር ክትባትን በመከተብ እንዲሁም እድሜያችው 21 እና በላይ የሆኑ ሴቶች ቢያንስ በየ3 ዓመቱ ቅድመ ምርመራ በማድረግ መከላከል ይቻላል፡:

- ይህ በሽታ በአግባቡ በሚደረግ ቅድመ ምርመራ በጊዜ ከተገኘ በህክምና የመዳን አድሉ ከፍተኛ ነው።

▫️ስለዚህ ታዳጊ ሴቶችን ክትባቱን በማስከተብ እና እድሜያቸው ከ21 አመት በላይ የሆኑ ሴቶች ደግሞ በየ3 አመት ሚደረገውን ቅድመ ምርመራ በማድረግ በበሽታው ምክንያት የሚከሰት የጤና መጓደልን እና ሞትን በከፍተኛ ሁኔታ መቀነስ ይቻላል፡፡

PIONEER DIAGNOSTIC CENTERADRESS :- BOLE Alem Cenema
30/09/2023

PIONEER DIAGNOSTIC CENTER
ADRESS :- BOLE Alem Cenema

20/09/2023

Namoonni Finniisa/bugurii (Acne) qabdan maal gochuu qabdu/hin qabdan
1.nyaataa fi dhugaatii kanneen akka chiipsii, loowizii/ocholoonii, chokkoleetii,Coca Cola, fi baqlaawaa nyaachuu ykn dhuguu dhiisuu
2.Dhiphina Hir'isuu
3.dibata kanneen akka looshinii fuulatti dibachuu dhiisuu
4.bakka finniisni jiru sana buruqsuu dhiisuu, Sababnisaas daraan akka hammaatu gochuun akkasumas gara gogaa fayyaatti dabarsuu danda'a
5.harkaan fuula keenya qaqqabuu dhiisuu.
6.dibata mataatti yeroo dibattan akka adda fuulaa keessaniitti akka hin dhufne gochuu.
Odeeffannoo dabalataaf 👇👇👇

https://youtu.be/9Dk21388VeA

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu.

20/09/2023

Barreeffamaan namoota na gaafattaniif
Fedhii wal qunnamtii saalaa ofiin of gammachiisuu(masturbation)rakkoo fayyaa akkamii geessisa? . Taateen kun namoota baay'ee biratti kan baratame yoo tahu dhiiraaf dhalaa baay'een gocha kanaan wal baraniiru. Namoota baay'eettis araada tahee kan rakkisaa jiru keessaa tokko.
Miidhaan isaa maali?
1.dadhabbii qaamaa cimaa
2.rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa
3.rakkoo Dafanii dhangalaasuu dhiiraa ykn Dafanii fedhii fixachuu dhalaa
4.dhiphina ykn stress f nama saaxila
5.mukuu/dibbirtii Hamaa fi gaabbii fida
6.baayina Ispeermii hir'isuun dhala dhabuuf nama saaxila
7.yeroo namaa qisaasessuu (dadhabbiirran kan ka'e, yeroo dheeraaf hirriba rafuurran kan ka'e.
8.rakkoo hir'aanfachuu /waa yaadachuu dhabuu
9.yeroo wal qunnamtii saalaa gammaduu dhabuu.
10.fayyaa hafuuraa keenya miidha

Odeeffannoo dabalataaf 👇👇

https://youtu.be/yBcmN9YBraM

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu

20/09/2023

Akkuma wal-qunnamtii saalaa xumuraniin fincaa'uun carraa infeekshinii Afuuffee fincaaniif kalee ni hir'isa. Keessattuu shamarran dhiira caalaa carraan infeekshinii kaleef afuuffee fincaaniif qabamuun isaanii olaanaa waan taheef dubartiin tokko akkuma wal-qunnamtii saalaa gooteen fincaa'uun baakteeriyaan Kara gara alaatti dhabamsiiftuu fincaanii(urethra) seenaan akka bahan godha. Gochi kun dhiiraafillee ni gargaara
Nafyad Getu!.

20/09/2023

Shamarraniif
Fayyaa naannoo qaama saalaa keessaniif
1.Saamunaa foolii hin qabneen naannoo qaama saalaa keessan(vulva) dhiqadhaa
2.saamunaan qaama saalaa keessan keessa seenuu hin qabu
3.Uffata jalaa(paantii) haaraa yoo bittan Utuu hin miicciin hin uffatinaa
4.Dibata qaamaa , sh*ttoo ykn doodiraantii naannoo qaama saalaa keessaniitti hin dibatinaa, allergy isinitti tahuu danda'a ykn isin hoosisuu akkasumas foolii badaa kennuu waan danda'uuf
5.Uffata garmalee isin qabu hin uffatinaa!
6. Naannoo qaama saalaa keessanii erga dhiqattanii booda erbee ykn carqiin sirriitti gogsaa(haxaawaa).
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu

20/09/2023

Fayyaan saalfii hin qabu, gaaffii kana namoonni hedduu waan na gaafataniif.
Qaamni saalaa dhiiraa inni sirrii dheerinni isaaf furdinnisaa hangami?
Qaamni saalaa dhiiraa namaa namatti garaagarummaa kan qabu yoo ta'u qorannoon bara 2015 dhiirota 15,521 irratti godhamee ture akka agarsiisutti giddu galeessaan(yeroo qaamni saalaa dhiiraa ka'uttti) dheerinni isaa 13.12cm, furdinni isaa(marsaa) 11.66cm dha.
Namoonni qaamni saalaa isaanii dheerinni isaa 7cm gadi tahe qaama saalaa dhiiraa xiqqoo (Micropen*s) kan jedhamu sababa jeeqamuu hormoonii yeroo ulfaa kan uumamudha.
Namoonni qaamni saalaa isaanii 7cm gadi ta'e yoo sababa jeeqamuu hormoonirraan kan dhufe yoo ta'e Yaaliin hormooniin bakka buusuu nii godhamaaf. Taateen kun namoota 100 keessaa nama 6 irratti argama.
Galatoomaa
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu

17/08/2023

Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!

Yeroo amma kana qorichoota baayinaan biyya keenya keessaati gurguramaa jiru keessaa tokko qorichaa qaama saalaa dhiiraa laafe kaasu Vaayigiraa jedhamudha. Qorichi kun haala nama yaaddeessuun irra caalaatti dargaggoonni keenya hedduminaan fayyadamaa jiru.

Mee waa’ee qorichaa kanaa waliin haa ilaallu
Qorichii Vaayigiraa ykn Siildenaafil jedhamu kun ogeessa fayyaan namoota rakkoo fayyaa kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa qabaniif akkasumas namoota dhiibbaa dhiigaa somba keessaa (Pulmonary hypertension ) qabaniif kennama.

Qorichii kun namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dide ykn kahuuf dadhabaa taheef kennama. Kunis namoota sababa umurii fi dhibee fayyaa buleeyyii akka Dhibee sukkaaraafi kkf qabaniif ogeessa fayyaan kennama.
Ogeessi fayyaa tokkos qorichaa kana yoo ajaju namni sun Rakkoo fayyaa kan biro kanneen akka dhibee Onnee , Dhiibbaa dhiigaa, dhibee kaleefi tiruu akkasumas qorichaa inni dhibee biraaf fudhatu ilaalee kenna. Garuu haala yeroo ammaa argaa jirruun qorichi kun bakka garaagaraatti ajaja ogeessa fayyaa ykn hakiimaa malee yeroo gurguramaa jiru argaa jirra. Keessumaa dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 gadi tahellee qoricha kana yeroo isaan fayyadaman nii argama.

Qorichii kun maashaa ujummoo dhiigaa qaama saalaa keessatti argamu diriirsuun dhiigni gara ujummoo dhiigaa qaamaa saalaa keessa jiru akka guutu gochuun qaamni saalaa akka kahu godha.Kanaaf sababa rakkoo fayyaa garaagaraan namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dideef ykn jabaachuu dideef(Erectyle dysfuntion) ajaja ogeessa fayyaan kennama.

Qorichi kun namoota rakkoo fayyaa garaagaraa kanneen akka dhibee onnee qabna, dhiibbaa dhiigaa,dhibee kaleefi tiruu hamaa, namoota qorichaa dhibee onneef kennaman tokko tokko fudhataniifi kkf waliin yoo fudhatan rakkoo biraa irraan geessisuu dandaha.Kanaaf ogeessi fayyaa rakkoo kanaaf kana fakkaatan ilaalee erga adda baasee booda kennuu qaba kan jennu.

Namoota qorichii kun ajaja ogeessa fayyaan kennameef waan isaan beekuu qaban keessaa muraasni:-
1. Qorichaa kana wal-qunnamtii saalaa dura daqiiqaa 30 – sahaa dursanii fudhachuu qabu
2. Guyyaatti yeroo 1 qofa fayyadamuu qabu
3. Doozii ykn hamma ogeessi fayyaa ajajee kennerra dabarsuu hin qaban
4. Qorichii kana fudhatanii sahaa 4f walitti aansee qaamni saalaa isaanii kahee dhaabatee yoo ciisuu dide dabalataanis kahee hedduu dhukkuba yoo tahe hatattamaan mana yaalaa deemuu qaba
5. Mallatoowwan akka dhukkubbii laphee hamaa, rakkoo arguu ijaa, hafuurri namatti ciccituu, harma miilaaf qaamni biraa dhiitahuu,hurka ykn dafaqa garmalee argitanii hin beekneefi kkf yoo isin quunname hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdu.

Fayyaa hin dhabinaa !
Dr Nafyad Getu

17/08/2023

ULFAA FI WAA’EE GARTUU DHIIGAA NAGATIVAA #ሾተላይ (RH-VE BLOOD TYPE)
Gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) jechuun maal jechuu dha?
=>Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa(Red Blood Cells) uummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabuu ta’ee dha.
**Rakkoolee ulfaan wal-walqabatu:
1.Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa(Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee yommuu ulfooftu gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaan pozaativii yoo ta’ee rakkoon dhufuu kan danda’uu yommuu seeliin dhiigaa diimaa kan miciree/mucaa dhiigaa haadha isa waliin walmakee dha. Yommuu kanati sirnii haadha irra dhukkubaa dhorkuu(maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree kana akka aalagati illaaluudhaan kan ittiin loluu(maternal antibody) qopheessa. Wantii kunis miciree gadameessaa keessa jiru kanaa fi ulfa dhufuu iratis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
>Ulfaa baasuu/abortion
>Hir’ina dhiigaa mucaa irratii/fetal anemia
> Mucaan garaatti du'uu/stillbirth
> Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu/fetal ascites
2. Dhiigni haadha fi miciree yoomi walmakuu danda’a?
> Yeroo da’umsa/during delivery
> Yeroo ulfii ba’uu/during abortion
> Yeroo ulfaa sababoota adda addaatiin yoo haatii dhiigdee/bleeding during pregnancy
> Gadameessii ykn micireen yoommuu xuxuqamuu/
maneuvers during pregnancy
3. Rakkoo mucaa/miciree irraatti ga’uu akkamiin ambisuun danda’ama?
>>Yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) haadhaf kennuun

4. Iminooglobuuliin (anti-D ) yoomi kenamaa?
Yeroo lama kenama:
1. Ulfa Ji’a 7 ykn torbee 28 irratti
2. Erga deessee booda yoo gartuun dhiigaa mucaa dhalatee qoratamee pozativii ta’ee argame, haadhaaf erga deessee sa’a 72 keessatti kenamaaf.

Hubachiisa: Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.
Dr.Lemi B Tolu
***
For Quality Care!

user it!!!
15/08/2023

user it!!!

Address

Addis Ababa

Telephone

+251912401182

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr wogene Asefa Dammasaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr wogene Asefa Dammasaa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram