05/12/2025
🤰💞 Wal-Qunnamtii Saalaa Yeroo Ulfaa
👉🏿Fedhiin wal-qunnamtii saalaa dubartii ulfaa yeroo ji’a 3 jalqabaa fi ji’a 3 dhumaa ni hir’ata.
✅Ji’a 3ffaa hanga 7ffaa immoo ni fooyya’a.
👉 Yeroo ulfaa, yoo rakkoon addaa hin jirre, wal-qunnamtiin saalaa hin dhorkamu.
🚫 Yerootti wal-qunnamtiin saalaa akka hin raawwatamne dhorkamu:
• Dhiiga karaa qaama saalaa arguu
(vaginal bleeding)
• Obbaatiin mucaa dursee yoo jiru
(placenta previa)
• Bishaan gubbee yoo dhangala’e
(leakage of liquor)
• Ulfi irra deddebiin irraa ba’uun yoo jiraate (recurrent pregnancy loss)
• Umuriin ulfaa yeroo da’umsaaf ga’u ( gara dhuma Ji’a 9ffaa)
⸻
⚠️ Of-eeggannoo yeroo wal-qunnamtii saalaa godhamuu qabu:
• Dhiibbaa garaa/gadameessa ulfaa baatu irra geessisuu irraa of qusachuu
Fakkeenyaaf: garaa dubartii irratti dhiibbaa guddaa godhamuu hin qabu
• Yeroo wal qunnamtiin saalaa gaggeeffamu, dubartiin ulfaa dugdaan ciisuu osoo hin taane bakka mijataa fi nageenya qabu filachuu
🩺 Tajaajila Ani Kennu:
• Hordoffii ulfaa
• Deesisuu (ciniinsuu fi Opreeshinii)
• Qorannoo fi yaala dhibee qaama wal-hormaataa dubartootaa
• Qorannoo fi yaala kaansaroota qaama wal-hormaataa dubartootaa
(Opreeshinii, Keemooteraapii)
📞 Bilbilaa Yoo Barbaaddan: 09 13 36 70 06
⏰ Yeroo Tajaajilaa:
• Wiixataa – Jimaataa: Sa’aa 9:30 booda
• Sanbat-xiqqaa: Ganama Sa’aa 2:30 jalqabee
📍 Yookoo MCH/ Medical Center tti na arguu dandeessu.
Galatoomaa😍
Nafyad Getu Dugasa
Ebsa Y Nagewo
Meri Dida Promotion and Events
Meseret Olana Jeldu
Ginenus Fekadu
Fayissa Lamessa