05/07/2022
Gaaffi, Kilitooris muruun maaf barbaachise,ykn maal jechuudha? what is clitoredectomy?
Gaaffi kana akka hubatamuuf,FGM ( kittaanna dubartoota) haa ilaallu.
Kitaanna dubartoota jechuun sababa wal'aansa fayyaf osoo in ta'in qaama saalaa shamarrani kan gara alaa jiru guutumatti yookan gartokke isaa muruu jechuudha.Barteen kun seenaan isaa Egypt irra eegale kan jedhu jiraatus biyyootni baay'ee keessatti ni raawwatama.
Kittaannan dubartoota akka dhaabbanni fayya addunyaa (WHO) ifoomsetti gosa 4 jira kuniis
1,qaama saala isa kilitooris jedhamu guutu ykn gartokke muruu
2, Isa tokkoffa irratti dabalate golga qaama saala kan gara keessa ( l***a minora) muruu
3,qaama buqushaa ( va**na ) dhiphisuu ( Infibulation)
4,miidha kamuu kan qaama saala shamarrani irratti raawwatamu,Diruu,baqaqsuu,fi kkf
Yeroo gochi kun raawwatamu dubartoota balaa gara garaa kan saaxilu yoo ta'u
Kan Battala isaan mudatu keessa
Dhukkubbi cimaa
Iita'u qaama saala
Dhiigni baay'ee bahuu
Rakko fincaani
Dhukkuba teetanusii
Madaan dafe fayyu dhabu fi dhiigni baay'ee yoo yaa'e,Du'ulle ni danda'ama.
Kannen yeroo dheera booda itti dhufan keessa
Rakko yeroo laguu (dhukkubbi cimaa garaa dhukkubu
qaamni buqusha isaan hooqsisuu fi yaa'insa gara garaan rakkamu
Infekshinii qaama fincaani
Rakko wal qunnamti saala (dhukkubbi,Jiidhinsa dhabu)
Rakko yeroo da'uumsa (baay'ee dhiigu, baqaqsani da'uuf saaxilamu,Daa'ima miidhame dhaluu
Wal'ansa baqaqsani yaaluuf saaxilamu
Miidha xiinsammu ( dabbaramu fi cinqii baay'ee)
Kittaannan dubartoota kun Miidha malee faayida tokko ille hin qabu.Akka ilaalcha hawaasatti,Dubartiin takka dubrumma qabatte akka heerumtuuf kan godhamu,Akka itti shamarran guddisan keessa tokko godhani ilaalu.
Dhumarratti shamarran kittaanuun miidha malee faayida akka hin qabne beekuun hawaasa hubanno uumuun,Akkasuma kannen hin raawwatin akka hin raawwannef gorsuu barbaada.Shamarran gochi kuni irratti Raawwatame miira aarii ykn gaabbi akka hin qabaanne isiniin jedha.