Dr.Halon

Dr.Halon We provide office based medical service and online consultancy.

08/02/2023

GAGABDUU (SEIZURE)
Gagabduun mallattoowwan sababa humnaa olgadhisu annisaa elektirika neuroni sammuu keenyati.
Neuronni sammuu keenyaa annisaa elektirikaa humnaa oltahe yeroo gadhiisan mallattooowwan hedduu agarsiisu.kunis kontonfaachuu fi diriirfachuu harkaa fi miilaa,hancuufa afaani gadhiisu,ijjii olgaragaru,ofwallaluu,dhaabbachu dadhabuun kufuu,dubbachuu dadhaabuu,hidhii ciciniinuu fa'a agarsisuu.

sababootni gagabduu fidan maalii ?
sababoota heddutu gagabduu fiduu danda'a.isaanis gabaajee VITAMINS jedhamu yadaachuun ni danda'ama
>V-Vascular;dhiigni yeroo sammuu keessaatti dhangala'u,sammuun dhiigaa quubsaa yeroo dhabu,dhiibaa dhiigaa ol'aanaa ta'een
>I-Infection;Infeekshiinii hagugduu sammuu fi sammuu
>T-Toxins;Summiiwwaan,alkoolii humnaa olta'e ,kookeenii,qorichaa amma eyyamamee olfudhachuun
>A-Arteriovenous malformation;walqunnamtii addaa hiddii dhiigaa qulqulluu fi xuraawwa baatuu waaliin qabu irraa kan kahe.
>M-Metabolism&Multiple sclerosi;Rakkoowwan sirna meetaabolizimii kanneen akka gadi bu'uu sukkaara dhiigaa keessaa,elementoota akka kalshiyeemi fi soodiyeemii fa'a.akkasumas olkahu soodiyeemi.
I-Idiopathic;sababni isaa kan irraa hin gahamne.
>N-Neoplasm;kaansaariiwwaan sammuu irraa kan kahe.
>S-Stress;dhiphaachuu humna olta'en.hoo'insaa qamaa ol'aanaa tahen.

Dhukkubsataa gagaba jiruu yeroo arginu maal gochuu qabna ?

>Sirna hargaansuu sirreessuu.
>Afaan akka baanaa tahuuf meeshaa gonkuma galchuu dhiisuu.
>Cinaachaan ciibsuu(Recovery position)
>Meeshaalee balaafamoo tahan irraa fageessuu.
>Amma sukkaara dhiiga keessa jiru baruu.yoo meeshaan hin jirre akka ammi sukkaara dhiiga keessa jiruu gadi anaa taheetti yaaluu.
>Dawwaa kennuun gagabdu sochiirra jiru to'achuu.

Yalaa gagabduu keessatti qorannoowwaan akkamitu godhamu qaba ?

Seenaa dhukkubaa fi qorannoo qamaa dabalatee kanneen armaan gadii taasifamuu danda'a.
>qorannoo dhiigaa
>qorannoo elementoota qamaa keessaa.
>qoraannoo sukkaara dhiigaa keessaa.
>CT scan, MRI,EEG,LP

Harma Hoosisuun maaliif barbachiisa ?Daa'imman umuriin isaani ji'a jaha gadi tahanif harma haadha qofatu kennama.sooratn...
07/02/2023

Harma Hoosisuun maaliif barbachiisa ?

Daa'imman umuriin isaani ji'a jaha gadi tahanif harma haadha qofatu kennama.sooratni dabalata kan kennamu yeroo umuriin isaanii ji'a jaha darbe qofa.ji'oota jahan jalqabaf harma haadh qofa kennun fayidaawwan armaan gaadii qaba.
¤ dhangal'awwan aanniisa kennan hedduu of keessa qaba.
¤ halaa salphaa tahen garaa daa'imaa keessatti bull'aa.
¤ walitti hidhata haadha fi daa'ima cimsa.
¤ gadameessi kotonfachuun akka boca fi hamma isaa durannitti akka deebihu taasisa.
¤ dhangalahu dhiigaa dahuumsa booda daraan hirdhiisa.
¤Tasa lubbu darbuu daa'immaan reefu dhalatani (SIDS)parsaanti 64 hirdhiisa
¤dhibeewwan kanneen akka infeekshinii ujummoo qilleensa gara gadi,gurraa fi sammuu,Asmii,furdina hin barbachifne,dhibee sukkaara,dhiibba dhiigaa,dhukkuba onnee,kansaarii dhiigaa,burkutahuu hilkaani fi gaara kaasaa waal irraa hin cinne ittisuuf
¤ Hoo'insa qaama daa'imaa dabaluufi waalitti hidhaata haadha waaliin qabdu dabala.
¤ Guddina sammuu daa'immaanif shoora guddaa qaba.
¤Ofitti amanamummmaa haadha dabala.
¤kansaarii harmaa fi fiixee uulaa gadameessaa haadhoolii irraa ittisuuf.
¤ Akka karoora maatiitti ulfaa ittisuuf ni tajajiila.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251953858095

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Halon posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Halon:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category