24/09/2025
Yeroo Dhukkubbii Dugdaa Si Mudatu Maal Godhuu Qabda?
***********************************************
1. Yeroo muraasaaf boqodhu:
→ Dhaabbii ykn taa’umsa mijataa filadhu. Sochii cimaa irraa of qusadhu.
2. Bishaan Ho’aa ykn qabbanaa fayyadami:
→ Daqiiqaa 24–48 cabbii (ice pack) dugda irra kaa’adhu.
→ Sana booda bishaan ho’aa fayyadamuu fayyadamuun dugda shukkuumachuu (Daqiiqaa 15–20f qofaaf).
3. Sochii laafaa gochuu yaali:
→ Yeroo dugdi nu dhukkubaa jirutti ciisuun hin gaarii miti. Deemsa laafaa ykn miila diriirfachuu baayyee barbaachisa.
4. Dawaa dhukkubbii salphaa fudhachuu:
→ Ibuprofen ykn paracetamol fayyadamuu ni danda’ama (Qajeelfama gorsaa hordofuu fi ogeessa fayyaa gaafachuu hin dagatin).
5. Teessuma sirreessuu:
→ Hudduun taa'un miila diriirfachuun dugda duuba booraatii kaayachuun itti irkatuu.
6. Waa Harkisuu fi fe’umsaa irraa of qusadhu:
→ Dugdarra miidhaa dabalataan fiduu danda'a. Kanaaf hanga dhukkubbiin nu dhiisutti boqonnaa godhuun gaaridha.
***********************************************
Yoom Mana Yaalaa Deemuu Qabna?
- Dhukkubbiin dugdaa miilatti dabruun miila hadooche.
- Fincaan ykn bobbaa to’achuu yoo dadhabde.
- Dhukkubbii yeroo dheeraaf itti fufee hammaachaa yoo deeme.
***********************************************
Tasgabbiin fi of-eeggannoon furmaata!