Dr. AbaderO

Dr. AbaderO ||โ„‚๐• ๐•ž๐•ž๐•ฆ๐•Ÿ๐•š๐•ฅ๐•ช โ„™๐•™๐•ช๐•ค๐•š๐•”๐•š๐•’๐•Ÿ'๐•ค||

๐„๐ฆ๐ฉ๐จ๐ฐ๐ž๐ซ๐ข๐ง๐  ๐ฅ๐ข๐ฏ๐ž๐ฌ ๐ญ๐ก๐ซ๐จ๐ฎ๐ ๐ก
K๐ง๐จ๐ฐ๐ฅ๐ž๐๐ ๐ž, ๐ฉ๐ซ๐ž๐ฏ๐ž๐ง๐ญ๐ข๐จ๐ง & ๐œ๐š๐ซ๐ž ๐›๐ฒ
๐“๐ซ๐ฎ๐ฌ๐ญ๐ž๐ ๐ก๐ž๐š๐ฅ๐ญ๐ก ๐ญ๐ข๐ฉ๐ฌ & ๐€๐ฐ๐š๐ซ๐ž๐ง๐ž๐ฌ๐ฌโ˜บ๏ธ

06/02/2026

05/02/2026

Mana fincaanii taa'anii bilbila fayyadamuun miidhaa fayyaa akkamii qaba?Nageenyi koo bakkuma jirtanitti isin haa qaqqabu...
04/02/2026

Mana fincaanii taa'anii bilbila fayyadamuun miidhaa fayyaa akkamii qaba?

Nageenyi koo bakkuma jirtanitti isin haa qaqqabu.
Mana fincaanii taa'anii bilbila fayyadamuun rakkoolee fayyaa kanneeniif nama saaxila.

1. Dhukkuba kintaarootii yemmuu ta'u, innis kan uumamu, yeroo dheeraaf mana fincaanii keessa ta'uun, qaamni keessan dhiibbaa guddaa naannoo qaama bobbaa irratti akka uumu taasisa. Kunis hiddoota dhiigaa gara sanatti yaa'an akka dhiita'an gochuun kintaarootiif nama saaxila.

2. Mana fincaanii bilbila qabattanii seenuun bilbila keessaan kuusaa baakteeriyaa fi jarmiiwwanii taasisa. Erga mana fincaanitii baatan harka keessan dhiqattanis, bilbila keessan hin dhiqxan waan ta'eef, carraan baakteeriyaa fi jarmoonni sun nyaata wajjin gara keessaa galuu baay'ee guddaadha. Kunis dhukkubaaf isin saaxiluu danda'a.

3. Bilbila fayyadamuun xiyyeeffannoo isin jalaa hata waan ta'eef, adeemsa uumamaa sammuun xuraawaa gara alaattiin baasu ni jeeqa. Kunis carraan inni gogiinsa garaaf isin saaxiluu isaa baay'ee guddaadha.

4. Mana fincaanii yeroo dheeraaf taa'uun dhiiga gara miilatti yaa'u xiqqeessa, narwiiwwan gara gadiitti dhaamsa dabarsanis compress waan godhuuf miilli akka isin hadoodu godha. Akkasumas araada sitti ta'uun bakka hunda bilbila kee malee socho'uu akka hin dandeenne si godha.

Kanaafuu wanni gochuu qabdan:

1. Mana fincaanii keessa daqiiqaa shanii ol hin turinaa
2. Yeroo mana fincaanii deemtan bilbila keessan manatti dhiisuun qulqullina keessan qofa irratti xoyyeeffadhaa.
3. Bilbila qabattanii seenuun yoo dirqama isinitti ta'es immoo yeroo baatan akkuma harka dhiqattanii kaataniin bilbila keessan alkooliin qulqulleessaa. Odeeffannoo fayyaa akkanaa argachuuf account kana follow godhaa, fayyaa ta'aa. ใ‚š

Dhibee dhokatee shamarran keenya baay'ee dhala dhooggaa jiru kana meeqa keessantu beeka?Family nageenyi koo bakkuma jirt...
01/02/2026

Dhibee dhokatee shamarran keenya baay'ee dhala dhooggaa jiru kana meeqa keessantu beeka?

Family nageenyi koo bakkuma jirtanitti isin haa qaqqabu jechaa, hardha waa'ee PID ykn Pelvic Inflammatory Disease irraa dubbachuuf deemna. PID'n dhibee hamaa dhokatee shamarranii fi dubartoota keenya miliyoonotaan lakka'aman miidhaa jiru yemmuu ta'u, hawaasni keenya hubannoo dhabuurraa kan ka'e, rakkoo fayyaa qaamaa qofa osoo hin taane, rakkoo dhala dhabuu, gaa'elli baay'een diigamuu fi tasgabbii sammuu dhabuu fiduun egeree dubartoota baay'ee dukkaneessaa jira.

Dhibeen kun yeroo baay'ee callisaan kan dagaagu yoo ta'u, dubartoonni baay'een osoo maqaa isaa, sababa isaa ykn balaa inni fidu hin beekin dhibicha wajjin yeroo dheeraaf jiraatu. Warri kaan immoo dhukkubbii naannoo gadaamessaa fi infekshinii qaama wal hormaataa hunda akka waan qaanii ta'eetti ilaaluun dhokfatanii waliin jiraatu. Hawaasni keenyas yaala akka isheen argattu gochuu caala, gaaffii isheetti baay'isuu fi balaaleffachuu aadaa godhate. Kallattiinis ta'ee al kallattiin akkas jechuun jechoota itti darbatu" kun balleessaa keeti, Dubartiin qulqulluun dhibee akkasii hin qabdu, akkam jettee waan akkanaa himatta?" Ittiin jedhu. Kanaaf dubartoonni baay'een yaala argachuu caalaa dhokfachuu filatu, kun badii kooti jechuunis fudhatu. Callisuu ishee keessa immoo infekshiiniin ni babal'ata, qaama hormaata ishee burkuteessuunis gadaanessa jiruu ishee ta'ee hafa.

Dhibeen kun dhukkuba tokko qofaa miti, dhukkuboonni walqunnamtii saalaan daddarbanii fi infekshiiniin qaama wal hormaataa kamiyyuu gara PID tti gudachuu danda'u. Yeroo baay'ees salphaa osoo fakkaatuu sadarkaa hamaarra ga'a. Kanaaf waan akka salphaatti ilaallamuu qabuu miti, waan dubartoonni dhoksanii bira darbuu qabanis miti. Daftanii qorannoo gochuu fi qoricha farra baakteeriyaa sirrii fudhachuun egeree maatii keessanii dhala dhabuu fi rakkoolee fayyaa biroo irraa hambisuu qabdu.

Kana hojirra oolchuufis immoo shamarranii fi dubartoonni waa'ee qaama isaanii, waa'ee fayyaa walqunnamtii saalaa fi mallattoolee akeekkachiisaa irratti hubannoo sirrii argachuu qabu. Hawaasni keenyas qaanii fi abaarsa sana hubannoodhaan bakka buusuu qaba. Ogeeyyin fayyaas tajaalila fayyaa icciitii eegu, kabaja qabuu fi namatti hin murteessine kennuu qabu. Akkasumas immoo fayyaan wal hormaataa itti gaafatamummaa dubartootaa qofa waan hin ta'iniif dhiironnis haadha manaa keessan sirritti dhageeffachuun gahee keessan bahachuu qabdu. Yoo akkas ta'e qofaadha, kan fayyaa wal hormaataa, fayyaa maatii fi hawaasaa akkasumas fayyaa dhaloota dhufuu eeguu dandeennu.

"DURSI KEENYA FAYYAA KEESSANI"

๐๐จ๐ซ๐ข๐œ๐ก๐จ๐จ๐ญ๐š ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐”๐ฅ๐Ÿ๐š๐š ๐…๐ฎ๐๐ก๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ƒ๐ก๐จ๐จ๐ซ๐ค๐š๐ฆ๐š๐ง (๐‚๐จ๐ง๐ญ๐ซ๐š๐ข๐ง๐๐ข๐œ๐š๐ญ๐ž๐ ๐ƒ๐ซ๐ฎ๐ ๐ฌ ๐ข๐ง ๐๐ซ๐ž๐ ๐ง๐š๐ง๐œ๐ฒ)โœ…Miidhaa isaanii irraa kan ka'e qorich...
31/01/2026

๐๐จ๐ซ๐ข๐œ๐ก๐จ๐จ๐ญ๐š ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐”๐ฅ๐Ÿ๐š๐š ๐…๐ฎ๐๐ก๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ƒ๐ก๐จ๐จ๐ซ๐ค๐š๐ฆ๐š๐ง (๐‚๐จ๐ง๐ญ๐ซ๐š๐ข๐ง๐๐ข๐œ๐š๐ญ๐ž๐ ๐ƒ๐ซ๐ฎ๐ ๐ฌ ๐ข๐ง ๐๐ซ๐ž๐ ๐ง๐š๐ง๐œ๐ฒ)

โœ…Miidhaa isaanii irraa kan ka'e qorichootni baay'een yeroo ulfaa ajaja ogeessa fayyaatiin malee akka hin fudhanne gorfamu. Miidhaan qorichootni kun ulfa irratti fidanis baayโ€™ina, akaakuu qorichaa fi sadarkaa ulfaa sana irratti hundaa'a.

1. Isotretinoin (fkn. Accutane) fi Retinoids afaaniin fudhataman (Oral Retinoids): Kun qoricha finniisa baay'ee hamaa ta'e yaaluuf gargaaru yoo ta'u, daa'imni qaama guutuu ta'ee akka hin dhalanne godha waan ta'eef tasuma yeroo ulfaa fudhatamuu hin qabu.

2. Warfarin: kunis qoricha dhiigni akka hin ititneef ykn clot hin uumneef gargaaru yoo ta'u, ji'oota duraa keessatti yoo fudhatame dhukkuboota akka nasal hypoplasia and stippled epiphysis akkasumas daa'ima irratti rakkoo sammuu waan fiduuf yeroo ulfaa fayyadamuun dhoorkaadha.

3. Methotrexate: Kun immoo dhukkuboota akka kaansarii, dhukkuba qaamni ofumaan of miidhuu(autoimmune disease) fi ulfa gadaamessaan alaa (ectopic pregnancy) baasuuf kan gargaaru yoo ta'u, rakkoo akka ulfi garaa bahuu ykn qaama guutuu malee dhalachuu cimaa fida waan ta'eef tasuma fayyadamuu hin qabnu.

4. ACE inhibitors and ARBs: Kunniinis immoo qorichoota dhiibbaa dhiigaa ol ka'e too'achuun dhukkuba onnee fi kalee yaaluuf nu gargaaran yoo ta'u keessattuu ji'oota sadan duraa fi sadan boodaa (1st and 3rd trimester) keessatti kan fayyadamnu yoo ta'e rakkoolee akka daa'imni kalee malee dhalachuu, bishaan garbaa (amniotic fluid) gadi xiqqaachuu, sombi daa'imaa guddachuu dhabuu fi akkasumas du'a daa'imaa fiduu danda'a waan ta'eef tasuma yeroo ulfaa fayyadamuu hin qabnu.

5. Valproic acid and Carbamazepine (Anticonvulsants): Qorichoota gaggabdoo fi dhukkuboota sammuu biroof kennaman yoo ta'u, rakkoolee akka neural tube defect, cleft palate fi qancaruu daa'imaa faa waan fidaniif fayyadamuu hin qabnu.

6. Tetracyclines (e.g Doxycycline): Lafee daa'imaa kan miidhuu fi daa'imni gaafa dhalatu ilkaan yellow-brown ta'e wajjin akka qabaatu godha waan ta'eef keessattuu ji'oota sadan gidduu (2nd trimester) irratti fayyadamuun hin gorfamu.

7. Aminoglycosides (e.g. Gentamicin): Garee antibacterials yoo ta'u, yeroo ulfaa fayyadamuun cranial narviin 8ffaa akka miidhamu gochuun daa'imni gurraan akka hin dhageennee fi balance too'achuu hin dandeenne godha.

8. NSAIDs (e.g., Ibuprofen, Naproxen, high-dose Aspirin): Gosoota qorichoota dhukkubbiif kennamanii yoo ta'an, ji'oota jahan duraa keessatti doosii xiqqaan fayyadamuun rakkoo hin qabu, garuu erga daa'imni torbee 30ffaa darbite fayyadamuun daa'ima irratti rakkoo kaleetii fi closure of the ductus arteriosus jedhamu fidu waan ta'eef fayyadamuu dhiisuu qabna.

โšœ๏ธHubachiisa: Qorichoota yeroo ulfaa dhoorkaman keessaa kunneen isaan ijoodha malee kanneen hafanis hedduutu jira waan ta'eef qoricha tokko fayyadamuu, dhaabuu ykn jijjiiruu yoo barbaaddan yeroo kamiyyuu Ogeessa fayyaa waliin mariโ€™achuun taโ€™uu qaba.

29/01/2026

Watch, follow, and discover more trending content.

Gubaa garaachaa ykn Gubaa Coggaarraa (GERD)GERD ykn Gastroesophageal Reflex Disease jechuun rakkoo fayyaa yeroo asiidiin...
28/01/2026

Gubaa garaachaa ykn Gubaa Coggaarraa (GERD)

GERD ykn Gastroesophageal Reflex Disease jechuun rakkoo fayyaa yeroo asiidiin garaachaa gara goroorroo ykn ujummoo nyaatatti ol faca'u kan uumamu yemmoo ta'u, mallattoolee akka gubaa laphee, dhukkubbii laphee fi liqimsuu dadhabuu faa kan namatti fiduudha.

Qabxiilee Ijoo waa'ee isaa:

A. Mallattoolee isaa
1. Gubaa laphee (Heartburn)
2. Ol si deebisiisuu(Regurgitation)
3. Dhukkubbii Qomaa
4. Nyaata liqimsuu dadhabuu
5. Dhukkubbii qoonqoo yeroo dheeraaf turu, sagaleen hir'achuu/jijjiiramuu fi qufaa gogaa faa qabaachuudha.

B. Sababoota Ijoo ta'an:

โœจ Sababni ijoon dhukkuba kanaa cufamuu dadhabuu ujummoo nyaataa gara jalaa (Lower esophageal sphincter), yoo ta'u cufaan kun uumamaan erga nyaanni gadi darbee booda ni cufama. GERD irratti garuu sirritti waan hin cufamneef asiidiin garaachaa ol faca'uun ujummoo nyaataa nu jalaa miidha.

C. Haalota saaxilamuu dabalan (Risk factors)

Wantoonni carraa dhibee kanaan qabamuu dabalan:

1. Ulfaatina qaamaa garmalee
2. Ulfa ta'uu
3. Tamboo xuuxuu
4. Dhibee Hiatal hernia jedhamu qabaachuu
5. Ajaja ogeessa fayyaatiin malee qorichoota tokko tokko fayyadamuu.

D. Akkamiin baruu dandeenya (Diagnosis)

โœจDhibee kana yeroo baay'ee mallattoo isaarra dhaabbannee adda baasuu dandeenna, keessattuu mallattoolen asii olitti kaafne kunneen torbeetti yeroo lamaa fi isaa ol kan nu mudate yoo ta'e. Kan biraa immoo qorannoolee akka Endoscopy, PH test fi Esophageal manometry faa gargaaramnee adda baasuu dandeenna.

Hubachiisa: Mallattooleen kunneen hundi bakka tokko isinirratti muldhachuu dirqamaa miti.

E. Wal'aansa Isaa:

1. Jijjiirama Haala jireenyaa (Lifestyle changes)
โœจ Ulfaatinna qaamaa hirdhisuu
โœจ Nyaataa fi dhugaatii dhibee kana namatti kakasan kanneen akka bunaa, alkoolii, coomaa fi zeyta faa irraa fagaachuu
โœจ Yeroo tokkotti nyaata xiqqoo, guyyaatti yeroo baay'ee soorachuu.
โœจ Nyaattanii battalumatti rafuu dhiisuu, yoo xiqqaate sa'aatii 2-3 turuu fi
โœจ Yeroo raftan booraatii xiqqoo ol kaafattanii rafuu

2. Kana godhaa ammallee kan isin hin dhiifne yoo ta'e ajaja ogeessa fayyaatiin qorichoota gubaa xiqqeessan kanneen akka Antacids, H2 blockers fi Proton pump inhibitors faa fayyadamaa. Haala cimaa kana hundaan nama hin dhiifne yoo ta'e immoo baqaqsanii akka "Nissen fundoplication" fa'aan fayyuu danda'a.

Hubachiisa: Dhibeen GERD yoo yaalamuu baate, rakkoolee fayyaa kanneen akka dhiita'uu ujummoo nyaataa (Esophagitis), ujummoon nyaataa dhiphachuu ykn Barrett's esophagus faa namatti fiduu danda'a. ใ‚š

28/01/2026

Check out โ€™s video.

โI๐ฃ๐š๐š๐ซ๐ฌ๐š ๐ช๐š๐š๐ฆ๐š๐š ๐ฌ๐ž๐ž๐ซ๐š๐š๐ง ๐š๐ฅ๐š๐š ๐ก๐ข๐ซโ€™๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿโž1. Ciree baayโ€™inaan, laaqana Giddu galeessaan, Irbaata immoo xiqqoo nyaadhu. Namo...
26/01/2026

โI๐ฃ๐š๐š๐ซ๐ฌ๐š ๐ช๐š๐š๐ฆ๐š๐š ๐ฌ๐ž๐ž๐ซ๐š๐š๐ง ๐š๐ฅ๐š๐š ๐ก๐ข๐ซโ€™๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿโž

1. Ciree baayโ€™inaan, laaqana Giddu galeessaan, Irbaata immoo xiqqoo nyaadhu. Namoonni tokko tokko ulfaatina qaamaa hirโ€™isuuf Ciree lagatu. Kun sirrii miti, Ciree sirriitti nyaachuu qabda.
2. laaqanaaf irbaata gidduutti nyaata biroo fayyadamuu dhiisi.
3. Guyyaatti daqiiqaa 30f sochii qaamaa godhi.
4. Nyaata fooniifi buโ€™aa foonii taโ€™an xiqqeessii nyaadhu.
5. Nyaata kuduraa fi fuduraa of keessaa qabu baayโ€™inaan fayyadami.
6. Alkoolii dhuguu dhiisi.
7. Bishaan baayโ€™inaan dhugi.
8. Nyaata akka chiipsii, keekii, chokkoleetii, biskutii akkasumas wantoota miโ€™aawaa taโ€™an kan biroo baayโ€™inaan Nyaachuu dhiisi.
9. Nyaata faayiibarii olaanaa qaban kanneen akka baaqelaa, atara, boloqqee, boqqolloofi kuduraaf fuduraa sorachuu amaleeffadhu. ใ‚š

26/01/2026

ใ‚š

26/01/2026

Watch, follow, and discover more trending content.

Address

Addis Ababa
11461

Telephone

+251946294956

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. AbaderO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. AbaderO:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram