Dr. AbaderO

Dr. AbaderO ||𝐋𝐢𝐜𝐞𝐧𝐬𝐞𝐝 𝐏𝐮𝐛𝐥𝐢𝐜 𝐇𝐞𝐚𝐥𝐭𝐡 𝐒𝐩𝐞𝐜𝐢𝐚𝐥𝐢𝐬𝐭||
𝐄𝐦𝐩𝐨𝐰𝐞𝐫𝐢𝐧𝐠 𝐥𝐢𝐯𝐞𝐬 𝐭𝐡𝐫𝐨𝐮𝐠𝐡 K𝐧𝐨𝐰𝐥𝐞𝐝𝐠𝐞, P𝐫𝐞𝐯𝐞𝐧𝐭𝐢𝐨𝐧 & C𝐚𝐫𝐞
B𝐲 𝐓𝐫𝐮𝐬𝐭𝐞𝐝 𝐡𝐞𝐚𝐥𝐭𝐡 𝐭𝐢𝐩𝐬 & 𝐀𝐰𝐚𝐫𝐞𝐧𝐞𝐬𝐬☺️

Ramadan Mubarek Family😊🔥🥰
17/02/2026

Ramadan Mubarek Family😊🔥🥰

Qorichoota Ammayyaa osoo hin fayyadamin akkamiin Ulfa ofirraa ittisuu dandeenya? Qorichoota ittisa ulfaa ammayyaa osoo h...
15/02/2026

Qorichoota Ammayyaa osoo hin fayyadamin akkamiin Ulfa ofirraa ittisuu dandeenya?

Qorichoota ittisa ulfaa ammayyaa osoo hin fayyadamin mala uumamaatiin akkamitti akka ulfa ofirraa itti ittisan fakkeenya fudhadheen isiniif haa ibsu.

Amma fakkeenyaaf marsaan laguu haadha manaa keessanii yeroo baay'ee guyyaa 26-30 gidduutti deddeebi'ee dhufaa haa jennu, guyyaa jalqaba inni itti dhufu sanirraa guyyaa 18 hir'istu, Kana jechuu 26-18 = 8, guyyaa boodaa inni silaa itti dhufuu danda'u sanirraas immoo guyyaa 11 hir'istu, 30-11 = 19 kanaafuu haati manaa teessan, ji'a itti aanee dhufu kana guyyaa 8 kaaftee hanga guyyaa 19tti jechuun guyyaa 11f wal qunnamtii saalaa gochuu hin qabdu.

***Fakkeenya biraan, dubartiin biraa takka marsaan laguu ishee yeroo baay'ee guyyaa 20-25 gidduutti deddeebi'ee itti dhufaa haa jennu, guyyaan isheen carraa ulfaa'uu itti qabdu sana beekuuf guyyaa dura itti dhufuu danda'u sanirraa akkuma duraa guyyaa 18 hir'isna (20-18 = 2), guyyaa boodaa silaa inni itti dhufuu danda'u irraayis akkuma duraa guyyaa 11 hir'isna (25-11 = 14). Kanaafuu bu'aan keenna dubartiin tun ji'a itti aanee dhufu guyyaa 2 kaaftee hanga guyyaa 14tti wal-quunnamtii saalaa gochuu hin qabduu jechuudha.

Hubachiisa: malli kun kan inni hojjatu yoo marsaan laguu haadha manaa keessanii regular ta'e qofa, kana jechuunis marsaan laguu ishee yoo xiqqaate waggaa tokkoo oliif yeroo wal fakkaataa keessatti deddeebi'ee kan dhufu yoo ta'eedha.

Dhiigni dahuumsa boodaa ykn postpartum hemorrhage sa'aatii lamaa gaditti lubbuu haadhaa akka galaafatu meeqa keessantu b...
12/02/2026

Dhiigni dahuumsa boodaa ykn postpartum hemorrhage sa'aatii lamaa gaditti lubbuu haadhaa akka galaafatu meeqa keessantu beeka?

Dhiigni dhala boodaa rakkoo cimaa lubbuu haadholii galaafachuun beekkamu keessaa ijoo yemmuu ta'u, Ethiopia keessatti haadholii dahan keessaa paarsantii (8-11)% ykn haadholii kudhan keessaa tokko rakkoo kana keessummeessaa akka jirtu qorannoon ni agarsiisa. Keessattuu bakka tajaajilli yaala hatattamaa, dhiigni gahaa fi ogeeyyin gahaan hin jiretti, sababa du'a haadholii biyya keenyaa ta'uun sadarkaa jalqabaa irratti argama.

Dhiiga dahuumsa boodaa jechuun akka hiika fayyaatti, haati takka dahuumsa booda dhiiga baay'ee dhabuu yoo ta'u, Dubartiin karaa aadaatiin (Vaginally) deette dhiigni miililiitirri 500 (500ml) gaafa qaama ishee keessaa bahu kan uumamuu fi Dubartiin baqaqsanii yaaluu (C-section) deetteef immoo dhiigni miililiitira 1000 (1000ml) ol sa'aatii 24 keessatti gaafa dhabdu rakkoo uumamuudha.

Dhiigni kun akka hin dhaabbanneef wantoonni sababa ta'an immoo Tone, Tissue, Trauma fi Thrombin ykn (4Ts) jedhamuun bakka afuritti qoodamu. Tone jechuu Uterine atony ykn gadaamessi kottoonfachuu dadhabuu yeroo ta'u, rakkoo hedduminnaan mudatuudha. Innis kan uumamu, daa'imni lamaa fi sanaa ol gaafa ta'u, bishaan garbaa gaafa baay'atu, daa'imni humnaa ol yeroo guddatu, ciniinsuun yeroo dheeraa gaafa turu, haadha daa'ima baay'ee deesse irratti, qoricha ciniinsuu eegalchiisu (Oxytocin) humnaa ol fayyadamnu ykn yeroo dheeraaf gaafa fayyadamnuu (long induction) fi sababoota kanaan alaa hedduun rakkoo dhufuu danda'uudha.

Lammaffaan immoo tishuun hobbaatii (placental tissue) garaatti gaafa hafu ykn obbaatiin garmalee gadaamessatti gaafa maxxanu (placenta accreta spectrum) gadaamessi akka hin kottoonfanne gochuun sababa biraa rakkoo kanaaf nama saaxiluudha. 3ffaan miidhaa naannoo qaama saalaa fi gadaamessaa kanneen akka afaan gadaamessaa tarsa'uu ykn dhoohuu gadaamessaa fa'aan rakkoo uumamu yemmuu ta'u kunis rakkoo kanaaf sababa ta'uu danda'a. 4ffaa fi inni dhumaa immoo rakkoo dhiigni itituu dadhabuu ykn coagulopathy jedhamuun kan dhufu yoo ta'u innis dhiigni akka hin ititne gochuun dhiigni baay'een akka dhangala'u godha.

Sababoonni kunneenis immoo dhiigni dafee akka hin dhaabbanne gochuun, haati sun hir'inna dhiigaa cimaa (severe anemia), naasuu qaamaa (shock), miidhamuu qaamota gurguddoo kanneen akka onnee fi kalee faa fiduun yeroo sa'aatii lama hin caalle keessatti lubbuu ishee galaafachuu danda'a. Lubbuu ishee baraaruuf immoo mana yaalaa kamittuu yaalli saffisaa fi qindaa'aa ta'e akka jiraatu hundi keenya gahee mataa keenyaa bahachuu qabna. Hawaasni keenyas hubannoo waa'ee ulfaa, yeroo dahuumsaa fi dahuumsa boodaa sirrii ta'e fudhachuun haadha ulfaa takkaaf hordoffii akka isheen gootu gochuu qaba.

Hubachiisa: Hordoffii yeroo ulfaa gochuun wantoota yeroo dahuumsaa lubbuu haadholii galaafatu hedduu hambisuu danda'a waan ta'eef hordoffii ulfaa sirrii akka isheen gootu gochuu qabna. Akkasumas haadha ulfaa takka karaa aadaatiinis ta'ee bakka meeshaa fi ogeessi fayyaa gahaan hin jirretti tasuma deessisuuf hin yaalinaa.

Gorsi fayyaa guyyaa guyyaan akka isin bira gahuuf account TikTok koo kana follow gochuun maatii keenyatti makamaa🙏😊
12/02/2026

Gorsi fayyaa guyyaa guyyaan akka isin bira gahuuf account TikTok koo kana follow gochuun maatii keenyatti makamaa🙏😊

82.6k Followers, 15 Following, 405.8k Likes - Watch awesome short videos created by

Jiraachuun kee mee eennu fayyada? Du'uun kee hoo eennu miidha jettee yaadda?  ゚   Jalqaba irraa haa kaanu, jiraachuun ke...
11/02/2026

Jiraachuun kee mee eennu fayyada? Du'uun kee hoo eennu miidha jettee yaadda? ゚

Jalqaba irraa haa kaanu, jiraachuun kee dursee haadha tee ishee ji'a sagal garaatti si baahatte, tan si guddisuuf ija namaa meeqan garafamte, abbaa kee isa osoo ofii hin baratin dugda hidhatee si barsiise, kan osoo ofii caammaa bareedaa, uffata bareedaa hin uffatin si uffachiise, kan akka ati hiriyoota keetii gad hin taane wareegama sii kaffale sana fayyada. Itti aansee haadha manaa ykn abbaa manaa kee isa/ishee bu'aa bahii meeqa si wajjiin dabarsite, kan icciitii haadhaa fi abbaa keetti hin himanne itti himattu, kan milkaa'inna keetiif utubaa taatu sana fayyada. Itti aansee immoo maatii fi fira kee guutuu, hiriyootaa fi namoota wajjin hojjattu, kan jechoonni kee, gaarummaan kee, kolfi kee isaan gammachiisu sana fayyada.

Kan biraa immoo kanneen guyyaa tokkoofillee ta'u karaa walitti isin fide, kan sababa keetii jijjiiraman, kan sababa keetiin guyyaa tokkoofillee ta'u gammachuu argatan fayyada. Kanaafuu obboleettii koo, obboleessa koo jiraachuun kee si qofa osoo hin taane abdii namoota baay'eeti waan ta'eef yoomillee abdii hin kutin, jiraachuu itti fufi. Rakkoon hundi yeroodhaaf tulluu diimtuu sitti fakkaata malee inuma darba, mee of-duuba deebi'ii laali, dura yeroo dhalannu ol dhaabbannee deemuuf rakkanna, amma garuu waan hunda ofii keenyaan goona, kana qofaa miti, jireenya kee keessatti mee waan meeqa dabarsite, hunduu ni darbee agartee ati garuu inuma jirta, ammallee jiraadhu, jiraachuu keessa waan baay'ee argu waan ta'eef.

Akka saayinsiin xiin-sammuu jedhuttis, sammuun yeroo dhiphinna miiraa cimaa, gadda, miidhaa ykn dhiphinna yeroo dheeraa keessa galu, dandeettin waa yaaduu ishee ni hirdhata. Yeroo kana sammuun "lubbuu du'a irraa oolchuu" (Survival mode) qofa irratti xiyyeeffata, kunis dhugaa jirtu si jalaa dhoksuun akka waan namarratti ba'aa qofa taatetti akka yaaddu si godha. Wanti hundi akka darbu beekuun immoo kanaaf dawaadha. Kanaafuu dhiphinni hardhaa, dhukkubbiin hardhaa ni darba, sammuun kees ni fayya waan ta'eef yeroo abdii kutachuuf qarqararra geessu gorsa kana yaadadhu. Namoota gara fuula duraatti fayyaddu yaadadhu, daa'imman sirraa baratan, dhukkubsattoota harka keetiin fayyanii fi lubbuuwwan sababa keetin abdii horatan yaadadhu. Kanaaf ammummarraa kaasii hafuura dheeraa baafadhu, jireenya kee itti fufsiisuufis tarkaanfii itti aanu fudhadhu.

10/02/2026

Namoonni Kintaarootiin isin rakkisaa jiru maal gochuu qabdu? ***Kintaarootii irraa fayyuuf tarkaanfiin jalqabaa manuma k...
09/02/2026

Namoonni Kintaarootiin isin rakkisaa jiru maal gochuu qabdu?

***Kintaarootii irraa fayyuuf tarkaanfiin jalqabaa manuma keessaa eegala. Wantoota mana keessatti gootaniin kan isinirraa fayyine yoo ta'e, gara yaala qorichaa ykn baqaqsanii yaalamuutti ceetu. Yaalli isaa inni duraa gogiinsa garaa hambisuu fi dhiibbaa naannoo qaama bobbaa irra gahu hir'isuu irratti xiyyeeffata. Itti aansitanii nyaata faayibarii of keessaa qabu kanneen akka fuduraa fi muduraa guyyaatti giraama 20-30 ta'u nyaachuu, bishaan gahaa dhuguu fi sochii qaamaa dhaabbatee ta'e gochuu qabdu.

***Mana fincaanii yeroo fayyadamtan bobbaan akka bahuuf gadi dhiibuu fi mana fincaanii keessa yeroo dheeraa turuu dhiisuu qabdu. Akkasumas yoo miirri bobbaa isinii dhufe daftanii mana fincaanii deemuu fi yeroo mana fincaanii irra teettan miila keessaniin qaama bobbaa keessan deeggaruu fi xiqqoo gara duraatti gadi jechuun fayyadamaa. Bishaan hoo'isuunis daqiiqaa 10-15f, guyyaatti yeroo 2-3 keessa taa'aa. Qulqulinna qaama bobbaa keessanis bishaan qulqulluu fayyadamuun dhiqadhaa, erga dhiqattanii kaatanis uffata qulqulluun gogsaa, kanaaf immoo saamunaa uffataa akka hin fayyadamne, yeroo dhiqattanis dhiibbaa irratti uumuun akka hin madeessine.

***Inni biraa immoo gogiinsi garaa ammallee kan isin hin dhiifne yoo ta'e, daranuu isinitti hammeessa waan ta'eef ajaja ogeessa fayyaatiin qorichoota garaa laaffisan (stool softeners/laxatives) fudhachuun fayyadamaa. Dibatoota topical agent ta'an kanneen steroids of keessaa qaban ajaja ogeessa fayyaatiin malee yeroo dheeraaf hin fayyadaminaa. Qorichoota dhukkubbii kanneen akka paracetamol fi Ibuprofen fa'as haala dhiibbaa isinirratti hin finneen fayyadamaa. Wantoota dhukkuba kana hammeessaa kanneen akka hir'inna dhiigaa(Anemia), gogiinsa garaa(constipation), ulfaa fi qorichoota gogiinsa garaa fidan kanneen akka Opioids faa dursaa adda baafadhaa.

*** Wantoota kana hunda gochaa torbee 4-6 keessatti kan isinirraa hin wayyoofne yoo ta'e, dhiigni kan itti fufe ykn irra deddeebin kan mudhatu yoo ta'e, dhukkubbiin cimaan kan jiru yoo ta'e ykn mallattooleen dhibee biraa kanneen akka ulfaatinni qaamaa hir'achuu, hir'inni dhiigaa jiraachuu fi jijjiirama amala bobbaa faa yoo qabaattan dhibeelee naannoo qaama bobbaa biroo adda baafachuuf "(to rule out other differential diagnosis)" hatattamaan gara mana yaalaa deemaa. Akkasuma immoo dhibeen keessan tokkoof tokko kintaarootii ta'ee sadarkaan isaa 1-3 keessa jiraate, yaala akka "Rubber band ligation fi sclerotherapy" fayyadamuun yaalamuu filatamaadha. Sadarkaan isaa 3 ol yoo ta'e, deddeebi'ee kan isinitti dhufuu fi wal xaxaa yoo ta'e immoo yaalli baqaqsanii hodhuu "(Hemorrhoidectomy)" hundarra bu'a qabeessa.

Hubachiisa: Yaalarra gaafa jirtus ta'ee yeroo kamiyyuu, qulqullina qaama bobbaa kee eeggachuu, nyaata faayibariin itti baay'ata soorachuu, bishaan gahaa dhuguu fi mana fincaanii yeroo dheeraaf turuu dhiisuu qabda. ゚

Nageenyi koo bakkuma jirtanitti isin haa qaqqabu jechaa har'a dhukkuba baay'een keessan sababa ol baasuu sodaattaniif wa...
08/02/2026

Nageenyi koo bakkuma jirtanitti isin haa qaqqabu jechaa har'a dhukkuba baay'een keessan sababa ol baasuu sodaattaniif wajjin dararamaa jirtan ol baafnee dubbanna. Innis maali yoo jettan "Kintaarootiidha". Dhibeen kun sababa qaama saalaa wajjin wal qabatuuf namoonni baay'een osoo isin hooksisuu, isin dhukkubuu ykn isin dhiiguu dhofkatanii waliin jiraachuu filattu. Wanti akka salphaatti si eegale adeemsa keessa gara dhibee hamaatti jijjiiramuun guyyaa hojii si dhoogguu fi halkan hirriiba si dhoogguun dhiphinna sammuu hamaaf si saaxila.

Dhibee kanaaf yeroo baay'ee wantoonni nama saaxilan mana fincaanii keessa yeroo dheeraaf turuu, gogiinsa garaa cimaa qabaachuu, yeroo baay'ee nyaata faayibarii of keessaa qabu soorachuu dhabuu, bishaan gahaa dhuguu dhabuu, ulfa ta'uu, yeroo baay'ee teessumaan dabarsuu, ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluu, irra deddeebin meeshaalee ulfaatoo ol kaasuu fi sochii qaamaa gochuu dhabuun hidda dhiigaa naannoo teessumaa ykn qaama bobbaa irratti dhiibbaa uumuun akka dhiita'u godhu. Kunis adeemsa keessa gara kintaarootiitti jijjiirama.

Kintaarootiin dhibee yaalamuu danda'uudha. Mallatoolee dura mul'atan tuffannee dhiisuu dhabuun, saalfattanii dhofkachuu dhabuun, bishaan gahaa dhuguun, nyaata faayibarii of keessaa qaban kanneen akka kuduraa fi muduraa soorachuun, sochii qaamaa guyyaa guyyaan gochuun, mana fincaanii keessa yeroo dheeraaf turuu dhiisuun, bakka tokko yeroo dheeraa taa'uu dhiisuu fi daftanii mana yaalaa deemtanii gorsa ogeessa fayyaa fudhachuun dhukkubbii irraa fayyuu fi kabaja qaama keessanii eeggachuu dandeettu.

Maatii fi hawaasni keenyas qoosaa fi qaanii dhiiftanii hubannoo fayyaa sirrii horachuun fayyaa keessaniif dursa kennuu qabdu. Ogeeyyonni fayyaas, fayyaa kunuunsa qabu, icciitii eege, kabaja qabuu fi loogii irraa bilisa ta'e kennuu qabdu. Kanaafuu hardha irraa kaaftanii mallattoolee akeekkachiisa dhibee kanaa tokko yoo ofiratti argitan ogeessa fayyaa mariisisuun hatattamaan murtee sirrii fudhachuun, nageenya keessan hardhaa fi fayyina keessan borii eeggadhaa, fayyaa ta'aa.

07/02/2026
Mana fincaanii taa'anii bilbila fayyadamuun miidhaa fayyaa akkamii qaba?Nageenyi koo bakkuma jirtanitti isin haa qaqqabu...
04/02/2026

Mana fincaanii taa'anii bilbila fayyadamuun miidhaa fayyaa akkamii qaba?

Nageenyi koo bakkuma jirtanitti isin haa qaqqabu.
Mana fincaanii taa'anii bilbila fayyadamuun rakkoolee fayyaa kanneeniif nama saaxila.

1. Dhukkuba kintaarootii yemmuu ta'u, innis kan uumamu, yeroo dheeraaf mana fincaanii keessa ta'uun, qaamni keessan dhiibbaa guddaa naannoo qaama bobbaa irratti akka uumu taasisa. Kunis hiddoota dhiigaa gara sanatti yaa'an akka dhiita'an gochuun kintaarootiif nama saaxila.

2. Mana fincaanii bilbila qabattanii seenuun bilbila keessaan kuusaa baakteeriyaa fi jarmiiwwanii taasisa. Erga mana fincaanitii baatan harka keessan dhiqattanis, bilbila keessan hin dhiqxan waan ta'eef, carraan baakteeriyaa fi jarmoonni sun nyaata wajjin gara keessaa galuu baay'ee guddaadha. Kunis dhukkubaaf isin saaxiluu danda'a.

3. Bilbila fayyadamuun xiyyeeffannoo isin jalaa hata waan ta'eef, adeemsa uumamaa sammuun xuraawaa gara alaattiin baasu ni jeeqa. Kunis carraan inni gogiinsa garaaf isin saaxiluu isaa baay'ee guddaadha.

4. Mana fincaanii yeroo dheeraaf taa'uun dhiiga gara miilatti yaa'u xiqqeessa, narwiiwwan gara gadiitti dhaamsa dabarsanis compress waan godhuuf miilli akka isin hadoodu godha. Akkasumas araada sitti ta'uun bakka hunda bilbila kee malee socho'uu akka hin dandeenne si godha.

Kanaafuu wanni gochuu qabdan:

1. Mana fincaanii keessa daqiiqaa shanii ol hin turinaa
2. Yeroo mana fincaanii deemtan bilbila keessan manatti dhiisuun qulqullina keessan qofa irratti xoyyeeffadhaa.
3. Bilbila qabattanii seenuun yoo dirqama isinitti ta'es immoo yeroo baatan akkuma harka dhiqattanii kaataniin bilbila keessan alkooliin qulqulleessaa. Odeeffannoo fayyaa akkanaa argachuuf account kana follow godhaa, fayyaa ta'aa. ゚

Address

Addis Ababa
11461

Telephone

+251946294956

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. AbaderO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. AbaderO:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram