10/12/2025
❝𝐆𝐎𝐒𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐊𝐊𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐌𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐅𝐈 𝐖𝐀𝐋'𝐀𝐀𝐍𝐒𝐀 𝐈𝐒𝐀𝐀𝐍𝐈𝐈❞
***Mataa dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta’u, kanneen armaan gadii kun sadan warreen hawaasa baay’inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabuudha.
𝟏. 𝐆𝐎𝐒𝐀 𝐌𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐊𝐊𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐓𝐄𝐄𝐍𝐒𝐇𝐈𝐍𝐈𝐈(𝐓𝐞𝐧𝐬𝐢𝐨𝐧 𝐡𝐞𝐚𝐝𝐚𝐜𝐡𝐞)
***Tension Headache kan jedhamu kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Mataa dhukkubbiin kun, mallattoo dabalataa hin qabu, mataa dhukkubbii qofa! Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata. [Fakkii A]
𝟐. 𝐌𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐊𝐊𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐌𝐀𝐀𝐘𝐈𝐆𝐈𝐑𝐄𝐄𝐍𝐈𝐈 (𝐌𝐢𝐠𝐫𝐚𝐢𝐧𝐞 𝐇𝐞𝐚𝐝𝐚𝐜𝐡𝐞)
***Migraine Headache Inni kun dhukkubbii isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree kan dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dha’atu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegalu dha. Maayigreeniin mataa dhukkubbii irratti dabalataan, mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuu isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa.
***Yeroo kana namoonni mataa dhukkubbii gosa kana qaban akka mataan dhukkubbii kun isaanitti ka’uuf jedhu ni beeku. Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Waan nutti kaasu beeknee, akkuma dhuunfaa keenyaatti irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisuu dide hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaan ajajamu fudhachuu qabna. [Fakkii: B]
𝟑. 𝐌𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐃𝐇𝐔𝐊𝐊𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐊𝐈𝐋𝐀𝐀𝐒𝐓𝐄𝐑𝐈𝐈 (𝐂𝐥𝐮𝐬𝐭𝐞𝐫 𝐇𝐞𝐚𝐝𝐚𝐜𝐡𝐞)
***Cluster Headache Inni kun gosoota mataa dhukkubbii bal’aa trigeminal autonomic cephalgia jedhamu keessatti kan argamu ta’ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan nama dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan: ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caaludha.
***Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaa dhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko hirriba keessaallee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan akkka darbu ibsu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu. [Fakkii: C]
***Mataa dhukkubbii Qormaata biyyoolessaa kana hoo kam jalatti haa ramadnu mee😁
Dr. Afiya Tube
'aa