Dr Lemma.Com

Dr Lemma.Com Odeeffannoo Waa'ee fayyaa, Mala ittisa dhukkubootaa adda addaa hubanno hawaasa keenyaf kennuu fi hawaasa fayya qabeessa gochuuf.

NAMA TALAALLII HEPAATAAYITAS B FUDHACHUU QABU*******************************Hepaataayitas B (Dhukkuba shimbirroo) dhukku...
28/10/2025

NAMA TALAALLII HEPAATAAYITAS B FUDHACHUU QABU
*******************************
Hepaataayitas B (Dhukkuba shimbirroo) dhukkuba haalaan namarraa namatti daddarbuudha. Haalli tatamsa'ina isaa kan HIV tiin wal bira qabnee yoo ilaallu kan hepaataayitas B tu irra hamaadha. Dhangala'aa (hancufa, dhiiga, dhangala'aa qaama saalaa dubartii fi mi'oo) nama dhibee kanaan qabameetiin wal tuttuquudhaan namarra namatti daddarba. Kana malees yeroo da'umsaa haadharraa gara ilmootti ni dabra. Dhukkubni kun yoo tallaalamne guutumaa guututti kan ofirraa dhoorkuu dandeenyuudha
Eenyuutu tallaalamuu qaba?
---------------------------------------------
✍ Daa'imman hunda
✍ Nama yeroo hedduu dhiiga namaa fudhatu
✍ Maatii keeysaa namni dhukkuba kana qabu yoo jiraate
✍ Daa'ima haadha dhibee kana qabdu irraa dhalate
✍ Ogeeyyii fayyaa hunda

Kanaafuu carraa argattanitti fayyadamtanii of tallaalchisuun baayyee bareedaadhaa
《Dhukkubsatanii dawaa barbaaduurra, dursanii of eeguutu wayya》

Galatoomaa!!
Fayyaa hin dhabinaa, fayyaan faaya!!
Dr Lemma.Com

Infeekshinii Ujummoo finfaanii ( UTI )***************************Qaamni(Orgaaniin) dhiiga keenya dhimbiibee fincaan baas...
28/10/2025

Infeekshinii Ujummoo finfaanii ( UTI )
***************************
Qaamni(Orgaaniin) dhiiga keenya dhimbiibee fincaan baasu (Kaleen) yookiin orgaanonni fincaan qaama keenya keessaa gara alaatti baasuuf tajaajilan kan akka afuuffee fincaanii yoo jarmoota dhukkuba fidaniin hubaman infekishiin Ujummoo fincaaniitiif nama saaxilu ykn Infeekishiinii Ujummoo Fincaaniitin qabaman jenna.

Infekishiiniin Ujummoo Fincaanii (IUF jedhaa isiniif ibsa asi gaditti);-

Infekishiinii ujummoo fincaanii iddoo lamatti; IUF gara gubbaa (kan Kalee) fi Infekishiinii ujummoo fincaanii gara jalaa/gara godaa (kan afuuffee fincaanii) jedhamuun iddoo lamatti qoodama.

● Mallatoolee Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii:
* Fincaan nama gubuu ykn yeroo fincaanan miirri akkasii namatti dhagahamuu
* Fincaan nama mudduu
* Fincaan dafee dafee dhufuu
* Fincaan akka malaa (bifa booraa) jiru fincaanuu
* Fincaan nama ariifachiisuu

● Kana malees Infekishiinii ujummoo fincaanii gara gubbaa (Infeekishiiniin Kalee) malattoolee asiin olitiin dabalataan mallatoolee armaan gadii qabaachuu mala:
* Bowwoo (dhukkubii mataa)
* Qaama nama hoo'isu
* Nama lollojjessuu ykn haqqisiisuu
* Nama qorrachiisuu, hollachiisu, ykn haxaxxeessuu
* Cinaacha jalatti dhukkubbiin namatti dhagahamuu
* Nama dadhabsiisuu fa'atu jiraata.

● Wontoota Infekishiinii ujummoo fincaaniitiif nama saaxiluu danda'an keessaa:
- Yeroo dheeradhaaf namoota tubboodhaan fincaan isaanii baafamaafii ture.
- Ujummoolee fincaanii ykn kalee keessa cirrachi jiraachuu.
- Namoota qaamni isaani dhibee haalaan ittisuu hin dandeenye fkn worroota dhibee akka Sukkaraa, Kaansarii fi HIV fa'a qaban.
- Uumamaan ujummoo fincaanii sirri hin tahin qabaachuu.
- Dhiira caalaa durba kan hubu yoo ta'u, durba keessaas isaan wolqunnamtii saala heddumeessan hubuu danda'a.
- Akkasumas Opireeshiini yeroo dhihootti ujummoo fincaaniitiif godhame yoo jiraate Infeekishiinii kanaaf carraan nama saaxiluu olka'aadha

● Miidhaawwan/xaxaawwan IUF... itti fufa kutaa 2ffan
Dr Lemma.ComLemma.Co

Wantoota Dhibee Waa Irraanfachuutif Nama Saaxilan:********************************************1. Dhugaatii alkoolii, sij...
28/10/2025

Wantoota Dhibee Waa Irraanfachuutif Nama Saaxilan:
********************************************
1. Dhugaatii alkoolii, sijaaraa aarsuu.
2. Dhibee marsaa dhiigaa, kanneen akka olka'uu dhiibbaa dhiigaa.
3. Dhibee sukkaaraa qabaachuu.
4. Balaan mataa namaatirra gahuu.
5. Sochii qaamaa dhabuu.
6. Ulfaatina gar-malee.
7. Kophummaa yeroo dheeraa.
8. Of dhagahuu dhabuu/of too'achuu dhabuu.
9. Rakkoon xiinsammuu nama gahuu.
10. Hojii ulfaatafii nama hifachiisu/dabbaru yeroo dheeraf fedhii malee hojjachuu fa'a.
******************************************
Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru!
Galatoomaa walif share godha.
Ulfaadhaa! Dr Lemma.Com

Dhibeen olka'iinsa dhiibbaa dhiigaa akka addunyaatti namoota biiliyeena tokko ol qabatee jira. Qoricha mana yaalaa kenna...
25/10/2025

Dhibeen olka'iinsa dhiibbaa dhiigaa akka addunyaatti namoota biiliyeena tokko ol qabatee jira. Qoricha mana yaalaa kennamu irratti dabalataan dhibee kana akkamiin to'achuu dandeenya?

1. Ispoortii ykn sochii qaamaa: Yoo xiqqaate torbanitti guyyaa afuriif guyyaatti daqiiqaa 30 ispoortii hojjachuu qabna. Ispoortiin hajjannus dirqama kan leenjisaadhaan ykn mana ispoortiitti hojjatamu osoo hin taane; kanneen akka deemuu, wadaroo irra utaaluu, shubbisuu, fi kkf illee ni ta’a. Sochiin qaamaa dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf qofa osoo hin taane dhukkuboota onnee fi ujummoolee dhiigaan walqabatanii dhufan irraa nama eeguuf ga’ee baay’ee ol’aanaa taphata.

2. Ulfaatina hir’isu: Ulfaatinni qaamaa yoo dabalaa deemu dhiibbaa dhiigaaf qofa osoo hin taane dhukkuboota hedduuf nama saaxiluu akka danda’u ni beekama. Kanaaf maloota akka haala nyaata keenyaa sirreessuu fi sochii qaamaa armaan olitti ibsame taasisuudhaan ulfaatina qaamaa qixa sirriitti eeguu qabna. Ulfaatinni qaamaa “olka’aadha” kan jedhamu yoo Body Mass Index (BMI) nama tokkoo 25 ol ta’edha. BMI ofii meeqa akka ta’e argachhudhaaf: dheerina keessan safaraa, sana booda dheerina keessan waliin baay’isaa (square godhaa), ittu fufuudhaan ulfaatina qaama keessanii safaraa. Dhuma irratti ulfaatina keessan lakkoofsa dheerina kessan square gootanii argattaniif hiraa. Kan argattan sun BMI keessani. Fkn namni ulfaatinni isaa kg 74, dheerinni isaa 1.82m ta’e, BMI isaa 74 ÷ (1.82 × 1.82) = 22.34 ta’a. Kanaafuu nama kana ulfaatina hir’isuun hin barbaachisu jechuudha.

3. Haala nyaataa: Haala nyaataa ilaalchisee nyaatni dhiibbaa dhiigaa dabaluu keessatti ga’ee guddaa qabu ashaboo (salt) dha. Kanaaf nyaata ashaboon itti baay’atee soorachuurraa of qusachuun dirqama. Keessumaa namoonni umuriin isaanii waggaa 50 ol ta’an, namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban, namoonni dhukkuba kalee qaban, namoonni kana dura akka dhiibbaa dhiigaa qaban itti himame, nyaata ashaboo irraa of qusachuu qaban.
Dr Lemma.Com

"Dhiironni Umriin Deeman Ilmaan Isaan Dhalchan Rakkoo Akkamiitif Saaxilamu?"********************************************...
21/10/2025

"Dhiironni Umriin Deeman Ilmaan Isaan Dhalchan Rakkoo Akkamiitif Saaxilamu?"
************************************************
Dhiironni akkuma umuriin isaanii dabalaa deemuun isparmiin isaanii jijjiirama jeneetikii baay’ee kan fidu yoo ta’u, kunis miidhaa garagaraa ilmoo irratti fiduu danda’a. Taatee kun kan uumamu seelonni isparmii oomishan ispeermaatogooniyaa jedhamuun beekaman umurii dhiiraa guutuu walitti fufiinsaan waan qoqqoodamaniifi.

Tokkoon tokkoon qoqqoodamiinsa seelii kanaa carraa dogoggora baay'ina DNA kan uumu yoo ta'u, kunis jijjiirama jeneetikii fida. Dubartoota dhaloota isaanii irraa kaasee hanqaaquu lakkoofsa murtaa’e qaban, dhiironni gruu isparmii walitti fufiinsaan waan oomishaniif lakkoofsi qoqqoodamiinsa seelii umurii wajjin dabaluudhaan kuufama jijjiirama jiinii (mutation) guddisa.

Qorannoon akka agarsiisutti abbootiin dullooman (yeroo baay’ee umuriin isaanii 40 ol ta'an) jijjiirama "de novo" jedhamu jijjiirama jeneetikii haaraa kan maatirraa hin dhaalamne ijoollee isaaniitti dabarsu. Giddu galeessaan abbaan ganna 20 gara jijjiirama jiinii 25 kan dabarsu yoo ta'u, namni ganna 40 ammoo naannoo 65 darbuu danda'a.

Jijjiiramni jiinii kun DNA isparmii keessatti kan uumaman yoo ta’u, jiiniiwwan guddina ykn fayyaadhaaf murteessoo ta’an irratti dhiibbaa uumuu danda’u. Muutaashiniin baay’een isaanii miidhaa kan hin qabne ta’us, tokko tokko miidhaa geessisuu danda’u, kunis carraa dhibeewwan sammuu kan akka otizimii, iskiizoofreeniyaa ykn rakkoo dhalootaan daa’imman irratti mul’atu dabaluu danda’a.

Fakkeenyaaf, jijjiiramni jiiniiwwan akka FGFR3 keessatti mul’atu rakkoo guddina lafee achondroplasia jedhamu kan namni akka umrii wajjiin hin guddanne ykn haalan gabaabbatu godhu (dwarfism) fida. Rakkoon kun xiqqaa ta’us umurii abbaa wajjin guddachaa deema. Dhimmoonni akkaataa jireenyaa kan akka tamboo xuuxuu ykn saaxilamummaa naannoo saffisa jijjiirama hammeessuu danda’u, garuu umriin umriin adda durummaan ka'uumsa rakkoo ta'ee itti fufa.
Dr Lemma.Com

"Ijoolleen Lakkuu Carraan Abbaan Isaanii Gargar Tahuu Uumamuu Danda'aa?"********************************************Gaaf...
16/10/2025

"Ijoolleen Lakkuu Carraan Abbaan Isaanii Gargar Tahuu Uumamuu Danda'aa?"
********************************************
Gaafii tana nama tokkootu akkan jechuun gaafate" Jaartin tiyya lakku deesse, joollen walin fakkattu tokko ana fakkaatta, tokko ammoo nama ollaa keenyaa tokko fakkaata. Dubbiin na dhibdee haakima tokko gaafannaan carraan akkanaa uumamuu danda'a naan je'e. Doktor ati hoo maal jetta?" Gaafii jettu gaafate. Deebin isaas

Dubartiin takkaa marsaa Laguu tokko keessatti Wal qunnamtii saalaa Dhiira lama waliin yeroo garaagaraatti yoo goote sanyiin kormaa isaanii hanqaaquu garaagaraa lama ovaariirraa gadi dhiifaman waliin wal simachuun carraan lakkuu tahuu yoo mudate ijoolleen sun abbaan isaanii gargari jechuudha. Kun afaan ogummaa fayyaan superfecundation jedhama.
Hub: ijoolleen Lakkuu wal hin fakkaanne hundi Abbaan isaanii gargar jechaa hin jirru. Sababnisaas lakkuun wal hin fakkaanne hedduun waan jiraniif.

Kanaaf abbaan gaafi kana gaafatte yoo dandeessee dhugumaan shakkite DNA qorachiisi, shakkii sababa gahaa hin qabneefii ragaa qorannoo meedikaalaa hin qabneen bultii tee balleessitee ollaan walin dhabin. Namoonni akka isaa yoo jiraattan isinis isin ilaallata jechuufin barreeffama kana barreesse.
Ulfaadhaa!

Akka Ogeeyyiin Xiin-sammuu jedhanitti Sammuun gosa afur qaba:********************************************1) KutaaSammuu ...
14/10/2025

Akka Ogeeyyiin Xiin-sammuu jedhanitti Sammuun gosa afur qaba:
********************************************
1) KutaaSammuu /Intelligence Quotient/ (IQ)
2) KutaaMiiraa /Emotional Quotient (EQ)
3) KutaaHawaasummaa /Social Quotient/ (SQ)
4) Kutaa_Rakkoo /Adversity Quotient/(AQ)

********************************************
1. Kutaa sammuu (IQ): kun safartuu sadarkaa hubannoo keetiiti. Herrega furuuf, waa sammutti qabachuuf, fi barnoota yaadachuuf IQ si barbaachisa.

2. Kutaa Miiraa (EQ): kun safartuu dandeettii namoota biroo wajjin nagaya eeguu, yeroo eeguu, itti gaafatamummaa qabaachuu, amanamaa ta’uu, daangaa kabajuu, gad of qabuu, dhugaa fi namaaf yaaduuti.

3. Kutaa Hawaasummaa (SQ): kun safartuu dandeettii ati networkii hiriyoota ijaaruu fi yeroo dheeraaf kunuunsuu keetiti.

Namoonni EQ fi SQ ol'aanaa qaban jireenya keessatti warra IQ ol'aanaa qaban garuu EQ fi SQ gadi aanaa qaban caalaa deemuu barbaadu. Manneen barnootaa baay’een isaanii sadarkaa IQ fooyyessuu irratti kaappitaala kan fayyadaman yoo ta’u EQ fi SQ ammoo irratti hojjataa hin jiran.

Namni IQ ol'aanaa qabu tokko IQ giddu galeessaa qabaatus dhumarratti nama EQ fi SQ ol'aanaa qabuun qacaramuu danda'a.

EQ kee Amala kee bakka bu'a, SQ kee ammoo Kaarizimaa kee bakka bu'a. Amala Q sadan kana fooyyessuuf harka kennadhu, keessumaa EQ fi SQ kee.

4. Kutaa Rakkoo(AQ): Safartuu dandeettii jireenya kee keessatti bakka rakkisaa keessa dabruu, fi sammuu kee osoo hin dhabin/hin jeeqamin keessaa bahuuf si gargaaru.

Yeroo rakkoon isaan mudatu AQ eenyu akka harka kennatu, eenyu akka maatii isaa dhiisu, eenyu akka of ajjeesuu yaadu murteessa.

Warri mee ijoollee keessan Barnoota qofa osoo hin taane naannoo jireenyaa biroofis qopheessaa. Hojii harkaa (hojii gonkumaa akka bifa adabbiitti hin fayyadaminaa), Ispoortii fi Aartii aadeffachuu qabu. IQ isaanii, akkasumas EQ, SQ fi AQ isaanii guddisuu. Nama roga hedduu qabuu fi warra isaanii irraa walaba ta’anii waan tokko hojjechuu danda’an ta’uu qabu.

Faayidaa Quncee Muuzaa.*****************************************Namoonni hedduun mi’aa muuzii barbaaduf keessa isaa nyaa...
12/10/2025

Faayidaa Quncee Muuzaa.
*****************************************
Namoonni hedduun mi’aa muuzii barbaaduf keessa isaa nyaatu malee, quncee isaa ni darban. Garuu qunceen muuzaa faayidaa fayyaa ajaa’ibsiisaa qaba:

Qunceen muuzaa qoricha uumamaati.
- Fayyaa nyaataa tiksu: Qunceen muuzaa faayibarii (fiber) gosa lama of keessaa qaba, Kan nyaanni si’aayinaan akka bullaa'u godhuu, Sukkaara dhiiga to’achuuf, akkasumas quufaf gargaaru.
- Antioxidant cimaa: Qunceen muuzaa polifenoolii fi karotinoidii of keessaa qaba, kunis dhukkubaafii dhiphina ittisuuf gargaara.
- Vitamin fi miniraalota: Vitamin B6, Vitamin C, Potassium fi Magnesium of keessaa qaba — kan fayyaa onnee, ittisa qaamaa/madinummaa, fi fayyummaa sirna narvii tiksuuf gargaaran of keessaa qaba.

Sammuu fi Hirriiba Tasgabbeessuf:
- Qunceen muuzaa tryptophan of keessaa qaba, kunis serotonin uumuuf gargaara. Serotonin qulqullina hirriibaafi tasgabbii nuu kennuuf nu gargaara.

Miidhagina Gogaaf:
Namoonni gogaan isaanii suntuure keessattuu namoonni umriin deeman yoo quncee muuzii gogaa isaanin ganama ganama kan shukkuuman ta'e suntuura gogaa balleessun gogaan isaanii akka diriiru taasisa. Namoonni kaanis yoo fayyadaman miidhagina gogaa dabaluufii googaa lallaafaa akka qabaataniif gargaara.

Akkamitti Itti Fayyadamna?:
Quncee Muuzaa summii/qoricha farra ilbiisotaa fi xurii hin qabne sirritti erga qulqulleessitan booda shaayii waliin danfisuun ykn ammoo quncee muuzaa qofa bifa shaayiitin danfisuun dhuguu dandeessu. Quncee Muuzaa dheedhii odoo hin taane kan sirritti bilchaatefii hin gurraachomin fayyadamuun filatamaadha.

Hubadhaa: Yoo dhibee garaachaa ykn rakkoo sirna bullaa’insa nyaataa qabaattan quncee bifa shaayiitin danfiftan kana xiqqo xiqqoon yoo guddatte burcuqqoo takkarraa eegaluun of barsiisaa deemuu qabdu. Namoonni rakkoo kanarraa bilisa taatan garuu hamma barbaaddan yoo dhugdanis rakkoo tokko hin qabu.
*****************************************
Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!
Dr Lemma.Com

Gartuu dhiigaa fi amala namaa!***************************Qorannoon baayyee cimaa fi gad-dagoo tahe jiraachuu baatus gart...
12/10/2025

Gartuu dhiigaa fi amala namaa!
***************************
Qorannoon baayyee cimaa fi gad-dagoo tahe jiraachuu baatus gartuun dhiigaa fi amalli namaa hariiroo akka qabu ni dubbatama!
************************
1.Gartuu dhiiga A
********************
Namoonni kun cimoo , hojjii kan jaallatanii fi nagaa barbaadu. Kana malee hojjii tartiiban hojjachuu , qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojjii tokko duwwaa hojjachuu filatu
Namoonni kun amanamoo fi waan sirrii qofa hojjachuuf dhama'u.
Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta'u barbaadu!

2. Gartuu dhiiga B
***************************
Namoonni kun hojjii kalaqaan beekamu , waan karoorsanii amma galmaan gahanitti hin dhisan.Akkasumas yeroo tokkotyi waan hunda dhiisanii wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu!
Namoonni kun amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu!
Rakkoon isaanimmoo of jaallachuu , jijjiiramuu , maal dhibdee fi balleessaa namaaf hin dhiisan!

Gartuu dhiigaa AB
************************
Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis nama yaaduu, amanamummaa fi nama kunuunsuudha!
Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu.
Nagaa buusuu , namaan walii galu fi kaayyoo ofiif namoota cichaniidha.

4. Gartuu dhiiga O
****************
Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabanii fi waan xiqqqoon warra hin qabamneedha!
Namoonni kun arjummaa fi namaaf gaarii yaaduu jaallatu!
Namoonni kun waan xiqqoon hin qabaman , amanamoodha fi wanta haaraatti dafanii baru, ejjennoo cimaas qabu!
Jarri kun hinaaffaa , of jaallachuu fi kiyya malee jechus qabu!
Isinhoo kam keessa jirtu????
*************************.
Fayyaan Faaya.
fuulbarruu kana Dr Lemma.Com like,share fi comment gochuu hin dagatinaa.

Dhuufuu Dhuufun Dhiibbaa Dhiigaa Gad Buusuf Ni Gargaaraa?********************************************Dhuufuu dhuufun (fa...
12/10/2025

Dhuufuu Dhuufun Dhiibbaa Dhiigaa Gad Buusuf Ni Gargaaraa?
********************************************
Dhuufuu dhuufun (farting) sochii qaama namaa keessatti uumamu kan uumamaa ta’e fi fayyaa garaa eeguuf murteessaa ta’eedha. Yeroo nyaata nyaannu, gaasii garaa keessatti uumamu qaama keessaa baasudhaan dhiibbaa fi dhiphina garaa hir’isuuf gargaara. Dhuufun mallattoo sochii nyaataa sirrii ta'uufii fayyummaa garaa agarsiisa. Akkasumas, yeroo nyaata faayibarii (fiber) qabu nyaannu, bakteeriyoonni garaa keessa jiran nyaata sana diiguun gaasii uumu, kunis dhuufuu akka dhuufnu nu godhuun bakteeriyoonni garaachaa fayyaa ta’uu agarsiisa. Dhuufu dhuufun fayyummaaf gaarii ta'us garuu ittananii dhuufun kintaarotii namatt fiduu danda'a. Dhiibbaa dhiigaa hir'isuu keessatti gahee guddaa qaba. Innis qo'annoon saayintistii Johns jedhamu akka mull'isutti baakteeriyaan inzaayimii hidda dhiigaa fayyadamuun qilleensa hydrogen sulfide maddisiisa, yeroo kana hiddi dhiigaalee relax ta'uudhaan dhiibbaan dhiigaa keenyaa akka gadi bu'u taasisa.

Faayidaan biraa inni guddaan dhuufuu dhuufun qabu dhiphina garaa fi gubaa hir’isuudhaan tasgabbii qaamaaf gumaachuu danda’a. Garuu, yoo dhuufun baay’achaa deemte ykn foolii hamaa qabaatte, rakkoo nyaataa ykn dhukkuba garaa agarsiisuu danda’a.
*******************************************

Fayyaan Faaya. Odeeffannoon fayyaan gaggaariin akka isin qaqqabuuf Fuulbarruu kana Dr Lemma.Com follow like fi share gochuu hin dagatinaa!

Harmi Dubartootaa Qaqqabaa/Shukkuummaa Dhiiratiin Jigaa?********************************************Wantoonni harma duba...
12/10/2025

Harmi Dubartootaa Qaqqabaa/Shukkuummaa Dhiiratiin Jigaa?
********************************************
Wantoonni harma dubartootaa jissan kan saayinsiin mirkanaa’e:
1. Umurii: Laamsha'uu qaamaa fi hir'inni hormoonii garaagaraa umurii waliin dhufu harmi akka kufu taasisa.
2. Harkisa lafaa: Waggaa dheeraa booda harmi akka jiguuf sababa biraati.
3. Yeroo baay'ee aduu fi ho'aaf saaxiluu: qaamoleen tishuu harmaa deeggaran akka dadhaban godha.
4. Tamboo xuuxuu: Dubartoonni tamboo xuuxan harmi isaanii ni jiga.
5. Furdina garmalee, akkasumas hatattamaan furdina qaamaa hir'isuu
6. Daa'ima baay'ee da'uu/dhaluu
7. Qabduu harmaa kan harmaan wal hin madaalle godhachuu
Hubadhaa: Dubartoonni yeroo baay'ee harma harkaan xuxxuquun yookan dhiira xuxxuqsiisuun akka harma jissutti yaadu; kun waan qorannoon mirkanaa'e miti.
Harmi jige sirraa'uu ni danda'a!
Lafa Nagaa Oolaa!!!
Dr Lemma.Com

Madaa Kokkee onnee dhibeef saaxiluu ****************************************Kokkeen karaa wantootni alaa qaama nama seen...
11/10/2025

Madaa Kokkee onnee dhibeef saaxiluu
****************************************
Kokkeen karaa wantootni alaa qaama nama seenun keessa isa tokko.
Kulkuluu kokkee madaa tishuu qaama kanati
Sababni kulkuluu kokkee
®Jarmoota
®Wantoota lubbuu hin qabne
-Aaraa tamboo
-Dhangala'oo baayyee ho'u/qorraa
Sababni kulkulaa kokkee
-Vaayirasii
-Bakteeriya
Kulkulun kokkee bakteeriyota keessa sadarka jalqaba irraa jiraa maqaa 'Group A stroptoccocus' jedhama.
Bakteeriya GAS
-Ijoollee umrii 5-15 heddumaata
-Waaqtii qorraa
-Biyyoota harka qalleeyyi
Biyyoota durreeyyi akks Ameerikatti kulkuluun kokkee bakteeriya kanssn dhufuu % 99 hir'ate
Sababni hir'achuu dhibee kanas
®Wol'aansa gahaa argachu
®Bishaan yaalame dhuguu
Mallatto madaa kokkee GAS
-Dhukkubbii harsassee
-Ho’aa
-Harsassee iiteessuu
-Arrabaa diimeessuu
-Mudaamuddii mormaa iiteessu
-Bowwoo
Kulkuluun kokkee GAS turtii torbee 2-3 booda ijoolle %0.3-3 irraatti dhibe ho'a 'Rheumatic' jedhamuun qabama.
Ijoollen ho'a kana qabaman keessa harkii 2/3 seena madaa kokkee qabu.
Ho'i 'rheumatic sababni dhufuun ifa miti
Yaadota ta'u malaan
-Summii bakteeriyichi oomishuun
-Humna ittiisa dhibee seelii ofii yoo hubuu
Qaamonni miidhaman
, -Onnee-carditis
-Buusaa -artiritis
-Sammuu-Chorea
-Gogaa
Qoaranno
-Raajii qomaa
-Echo
-ECG
-ESR/CRP
Wol'aansa
-Guyyoota 30n dawaa lilmee
-Dhukkubbii dandamachisuu
-Dawaa dadhabuu onnee
Ittisa
-Dawaa
-Qulqullina

Gabaabumatti
Madaan kokkee Bakteeriya GAS
!!
!! Dawaa hin argannee
!!
Ho'a Rheumatic(Acute Rheumatic Fever)
!!
!!
!!
Dhibee Onnee Rheumatic(RHD)

Dr Lemma.Com

Address

Tikur Anbessa Hospital
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Lemma.Com posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Lemma.Com:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category