Public health/ fayyaa hawwasaa

Public health/ fayyaa hawwasaa afaan oromoo health tips

04/11/2025
12/09/2023

Baga Geessan!
Happy New Year!
መልካም አዲስ ዓመት!

27/10/2020

Rifeensa naannoo qaama hormataa
Rifeensi naannoo qaama hormataa umurii wagga 12-14 irraa eegaluun kan biqiluu fi namni sun hormaataf gahuu isaa kan mul,isudha. Dubartootnis tahee dhiironni rifeensa kana akka wan hin barbaachifnee ykn faayidaa hin qabnetti fudhachuun yeroo yeroon ni haadu ykn niqulqulleessu. Rifeensi kun yeroo bayyee fayidaa hedduu wan qabuuf dafee dafee haadamuu ykn qulqulleeffamuu hin qabu.
Faayidaawwan isaa
- daddarbuu dhukkuboota walqunnamtii saalaan daddarbanii ni hir'isa
- fedhii walqunnamtii saalaf qabnu,ni dabala
- friction ykn riginsa balaaf nu saaxiluu kan yeroo walqunnamtii ni hir,isa.
Yeroo tokko tokko namoota muraasa irratti rifeensi kun bayyee bayyachuu fi dheerachuu ni danda'a. Haalli kun namoota fedhii walqunnamtii saalaa hin qabne, namoota hormoniin saalaa isaanii hir,uu tahe irratti mul,ata. Dubartootni yeroo da,umsaaf deeman qulqulleeffachuun dirqama

23/05/2020

Dhala Dhabuu/Maseenummaa/ infertility

Maseenummaan Ulfa.uu dadhabuudha. Yaalii ulfa'uu gochuun namni tokko waggaa tokkoof isaa oliif yoo ulfa'uu dadhabee maseenummaa jedhama.
Maseenummaaf yeroo bayyee sababa dhiiraan yoo taheyyuu, yeroo tokko tokko sababii dubartittiinis uumamuu danda'a.
Sababootni maseenummaaf Dhiirota saaxiluu malan kanneen armaan gadiiti:
- dhukkuboota kanneen akka sukkaraa, fanxoo, cophxoo fi HIV- Quality Sanyii Kormaa Xiqqeessuun.
- Dafanii Sanyiikormaa Gadinaquu/ pre Ej*******on/, balaan Qaama Hormataarra Gahuu.
- Tamboo Xuuxuu
- Alkoolii Dhuguuu
- Keemikaloota warshaa Keessaa

Sababootni Dubartoota Maseenummaaf Saxilan:

- Gadhiifamuu Hanqaquu Waliin Rakkoo Hormonootaa
- Akkatan Uumama Gadameessaa , Ovarii Fi afa
an gadamessaa rakkoo qabaachuu.
- dhukkuboota walqunnamtii salaan daddarban.
- kansarii gadameessaa
Itti fuufa...

02/05/2020

Dhukkuboota namarraa namatti hin daddarbine/
Non communicable diseases

Dhukkubootni hin daddarbine namarraa yeroo dheeraa kan turanii fi suuta suuta kan nama miidhanidha. Dhukkubootni kunnin kallatiinis tahe alkallatiin namarraa namatti kanneen hin daddarbinedha. Dhukkuboota kanneen ilaalchisee ilaalchotni dogongoraa hawwasa keessatti beekaman:
_ dhukkuba biyyoota guddatanii tahuu
_ dhukkuba warra qabeenya qabanii tahuu
_ dhukkubootni kun dhiirota qofa miidhuu
_ dhukkubootni kun ittisa kanneen hin qabne tahuu isaanii
_ dhukkubootaa abarsa waqaatiin nama qaban tahuu isaanii fi dhukkuboota kanarraa fayyuun akka hin danda'amne misunderstanding hawwaasa keessa jiranidha.

Dhugawwan/facts/ Kiran
_ dhukkubootni kun parsantiin 80% biyyota guddina irra jiran keessatti argamuu
_ parsantii 80 dhukkuba kana ittisuu akka dandeenyu
_ Du'a adunyarratti tahu keessaa parsantiin 68 sababa dhukkuboota Kanan tahu
_ dhukkubootni kun dhiiras dhalaas walqixa miidhuu isaa
_ dhukkubootni kun nama ajjeesuu isaanii
_ dhukkubootni kun yaalii qabachuu isaanii_supportive care

Fakkeenyaf
_ dhukkuba sukkaraa
_ kansarii/cancer
_ dhukkuboota hormoniin walqabatan
_ dhukkuboota onnee 90%
_ dhukkuboota kalee 92%- chronic kidney disease
_ dhukkubootaa dandeettiin ittisa qaamaa waliin walqabatan.
_ dhukkubootaa buusaa waliin walqabatan_ arthritis
_ asthma
_ maramartoo/ epilepsy
_ hir'ina qaamaa
_ dhippina sammuu
_ hir'ina dhiigaaf
_ dhukkuboota hir'ina nyaata madalameen walqabatan
_ fi kanneen biroo hedduu...

Ofirraa ittisuuf/ prevention ways

_ sochii qaamaa gochuu
_ tamboo xuuxuu dhiisuu
_ nyaata madalawaa nyaachuu
_ dhugaatii alcohol dhuguu dhiisuu

02/05/2020

Laguun/menstruation Maf hafuu danda'aa?

Gaaffilee yeroo bayyee inboxn gaafataman keessaa tokkoo gaaffii" laguun Koo dhufuu didee"fi " malgochuun qabaa" gaaffilee jedhanidha. Laguun adeemsa hanqaquun ji'a ji'an qophoofte, sanyii dhiiraa waliin walarguu dhabuun bifa dhiiraan gara alaatti baatudha. Adeemsi Kunis hormoonota hedduu waliin kan walqabatuu fi sababoota armaan gadiitin jeeqamuu ykn dhufuu dhiisuu danda'a.
_ qorichoota maloota ittisaa ulfaa fayyadamuu
_ ulfa'uu
_ dhukkubootaa garaa garaa
_ haala nyaataa
_ umuriin deemuu
_ harma hoossisuu
_ dhippina sammuu
_ ulfaatinan dabaluu
_ qorichoota kanneen dhiibbaa dhiigaaf fudhataman, dhukkuba sammuuf fudhataman fi biroo
_ sportii_ ulfaatinan kaasuu, fiigicha
_ ulfaatinni xiqqachuu
_ jeequmsa hormonotaa kanneen akka thyroid hormonii
_ rakkoo gadamessaa fi afaan gadamessaa fa'a
Kanaafuu, yeroo hundumaa laguun keessan yoo hafe ulfaa'eeni jechuu qofa otoo hin taane sababoota hedduun sin mudachuu akka qabu hubadhaa. Garuu parsantii 70_80 kan tahu ulfa'uun isin mudachuu danda'a. Laguun ji,a ji,atti garagarummaa torban tokko qabachuu mala. Jechuun, guyyaa Kanan dura dhufeeraa torban tokko turee dhufuu mala. Yeroo dhufus amaloota akkamii qabachuu akka qabu fuuluma kanarraa argachuu dandeessu. Eegaa, laguun keessan akkuma hafeen Mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa haasofsisaa.

Dubbisnaan atis maatiin kees fayyaa!!!

Why menstruation can be absent?
There are many causes; although pregnancy accounts 70_80%,that make menstruation absent from regular cycle. These causes are:
_ pregnancy
_ stress
_ obesity
_ contraceptive methods
_ breastfeeding
_ uterine and birth canal abnormalities
_ hormonal disturbances
_ weight loss
_ malnutrition
_ medications like hypertensive drugs

02/05/2020

Fayyaan hawwasaa sayinsii damee medicine tahee wahee ittisa dhukkubootaa, yaalii dhukkubootaa fi maloota umurii dheeressanii kan hubachiisudha.
Walumaa galatti, ofeeggannoo wahee
_ Ulfaa fi rakkoolee ulfaan walqabatanii
_ Da'umsaa fi rakkoolee da'umsaan walqabatan
_ Da'umsaan boodaa fi rakkoolee da'umsaan boodaa
_ maseenummaa fi maloota furmataa
_ dhukkubootaa daddarboo/ communicable disease
_ dhukkubootaa hin daddarbine/ non communicable disease
_ dhukkubootaa sanyiin daddarbaan
_ dhukkubootaa xinsammuu
_ sirna nyaataa fi dhukkuboota isaan walqabatan
_ Talalii fi fayidalee isaanii
_ guddina daimmaniif wantoota barbaachisan
Fi kanneen biroo waliin ni dhihanna.

Dubbisnaan atis maatiin kees fayyaa!!!

11/04/2020

Qulqullessituu harkaa/ hand sanitizer
Hand sanitizer bakka bishaanii fi saamunaan hin jirretti daddarbuu dhukkubaa ittiisuuf, alcoholii irraa kan qopha'eedha. Dhukkuba COVID-19 ittiisuuf malli salphaa fi filatamaan harka dhiqaachuu yoo tahelle, hand sanitizer akka filannoo lammaffatti fayyadamuu dandeenya. Hand sanitizer gosa jarmoota dhukkuba fidaaniin irratti hunda,uun kan qopha.uudha. hand sanitizer hedduun alcohol parsantii 60-90 qaban COV-19 ajjeessuu wan danda,aniif fayyadamuu ni dandeenya. Hand sanitizer fayyadamuuf harki keenya qulqulluu tahuu qaba,jechuun harki keenya xurii ijaan mul,ataniin xurahuu hin qabu. Hand sanitizer virasii kana hanga parsantii 99 ajjeesuu danda,a. Virus kana ajjeessuu kan danda,uu kan alcoholii irraa hojjetame wan taheef yeroo bitannu alcoholii qabachuu isaa hubachuu qabna. Dabalataniis glycerine of keessaa qabachuu qaba. Kanafuu, antibacterial hand sanitizer faa fayyadamuu hin qabnu, sababni isaas virus ajjeessuu wan hin dandeenyef.
Yeroo bitattan ykn fayyadamtaan:
_ alcohol qabachuu fi parsantii isaa mirkaneeffadhaa
_ guyyaan tajajiilasaa kan hin darbine tahusaa hubadhaa
_ harki keessan qulqulluu tahusaa hubadhaa.

11/04/2020

Corona virus fi wantoota godhamuu qaban.
Karaan filatamaa fi bakka bu,insa hin qabne virasii kanatti saaxilamuu hambisuudha.
Dhukkuubni kun karaalee armaan gadiin darba:
_ nama dhukkuba sanan qabamee fi nama fayyaa gidduu fageenyi jiru yoo meetira 2 gadi tahe.
_ dhangala.aan virasii Kanan faalame kallattiin afaan,ija,funyaani keenya yoo tuqe.
_ namni dhukkuba kanaan qabame dhangal,aa qilleessa keessatti yoo gadhiisee, fageenyi isaan gidduu jiruus meetira 8 gadi yoo tahe.
Wantoota gochuu qabnu:
_ harka keenya yeroo yeroon saamunaa fi bishaanin sekondii digdamaaf dhiqachuu.yoo saamunaan hin jirre hand sanitizer, yoo xiqqaatte alcohol parsantii 60 qabuun sukkummachuu ( akkamitti akka hojjetamu armaan gaditti ilaalaa)
_ namoota dhukkuba kanan qabaman waliin walitti dhiheenya qaamaa gochuu dhiisuu.
_ afaan, fuunyaan keenya aguuggachuu.
_ wan tokko qaqqabannee ija, afaan fi funyaan keenya qaqqabachuu dhiisuu

_ wantoota itti fayyadamne alcoholiin qulqulleessuu
# Mana turuu
Meeshaalee Mana keessaa qulqulleessuuf ( bilbiloota, teessoo, balbala fi kanneen biroo)
_ bishaan jookii 1 + barakina/ bleach shukkaa/ tablespoons 1n qopheessuun qulqulleessuu

13/03/2020

Dhukkuba Corona virus_ COVID-19
Maloota ittisaa!
_ bakka namootni itti bayyatan kanneen akka bus, mini bus fi church keessatti ofeeggannoo godhaa.
_ harka keessan bishaanii fi saamunaan yookan alkohol based hand rubiin qulqullefadhaa.
_ nama qufa'u ykn haxxifatu irraa metira 1 ykn faana miila keenya sadi(3) fagadhaa.
_ maskii ykn haguugduu afaanii fayyadamaa, yeroo yeroon jijjiruu hin dagatinaa.
_ ija, funyaniifii fi afaan keessan qaqqabachuu dhiisaa.
_ namoota harka hin fuudhinaa.
_ mallattolee akka qufaa, dhukkubbii mataa, ho'insa qaamaa fi funyaanin bishaan cobuu yoo sinirratti mul.ate attatamaan Mana yaalaa deemaa, namoota irraa fagaadhaa, wan ho,aa bayyinaan Dhugaa,yoo qufaatan afaan keessan aguugaa.
Galatoomaa!

19/04/2019

Maloota ittisa ulfaa bayyee filatamoo ta.an

bayyee filatamoo irraa gara xiqqoo filatamootti ija miidhaa qaqqabsiisanin fi ulfa ittisaniin

1. IUCD- copper T- ,kan gadameessa keessa ka.amu- wagga 12f
2. Implants - kannen gogaa jala awwalaman- waggaa 2f,3f,4f,5f fi 6f
3. Depoprovera- kan Lilmoon Fudhatamu- ji.a 3f
4. Progestrin only pills- ji.a 1f
5. COC- ji.a 1f

Hubachiisa: biyya keenya keessatti dubartootni 23% tahan Depoprovera fayyadamu. Maaliif kan 1ffaa fi 2ffa irra jiru hin fayyadamnee?? ilaalchi duubatti hafoonni mal mal fa.ii?

Sababoota isaanii waliin nu eegaa!
Dubbisnaan Haatis Mucaanis Fayyaa!

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Public health/ fayyaa hawwasaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram