Dr. Natol O Lemi

Dr. Natol O Lemi Health information

19/02/2021

Maloota ittisa Ulfa karoora malee keessa namoonni Baay'een kan fayyadaman sanyii dhiiraa keessaa baasuun bakkeetti dhangalaasuu(withdrawl method) kan jedhamudha. Mali kun Namoonni hedduun kan fayyadamaniif harkaa 80℅ oli Ulfa kan ittisudha. Kunis yeroo wal-qunnamtii saalaa fedhiin dhiiraa(sanyiin dhiiraa) gaafa bahuuf fiixee irra gahu keessaa baasanii alatti dhangalaasuudha. Haala itti fayyadamasaa ilaalchisee Wanti sirraa'uu qabu keessaa:- yeroo tokko wal-qunnamtii saalaa godhanii yeroo 2ffaaf yoo itti deebi'an dhiirri tokko sanyii dhiiraa ammas qaama Ishee keessa akka hin seenneef fincaan fincaa'uu akkasumas fiixee qaamaa saalaa isaa dhiqachuu qaba. Haala kanaan more akka inni effective tahu gochuun ni danda'ama. Miira keessa bahuun akkas gochuun ulfaataa tahus yaaluun gaariidha🙂!

19/08/2020

Wantoota ilkaan keenya miidhan
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
~ Ilkaan yoo rigannu irga gar-mallee riguun.
~ Loomii guyyaa guyyaan fayyadamu.
~ Rakkina dhiigaa( hanqina pilatileetii) qabaachuu.
~ Karamellaa.
~ kara sirrii hin taaneen xuraawaa ilkaan keesaa yommuu basnu.
~ Chiipsii dinnicha Irraa hojjatamu baay'isnee nyaachuu.
~Hanqina vitaaminii C fi vitaaminii K.
~ Buna sukkaara baay'ee itti naqudhaan dhugu.
~ kaansarii dhiigaa( leukemia).
~ Alkoolii baay'isanii dhuguudhaan.
~ Tamboo xuuxuu.
~ Dhugaatii sukkaara baay'ee qaban yeroo dheeraa fayyadamu.
~ Waliif qoodaa!

11/08/2020

Faayidaa bishaan dhuguu.........................................................
~ Mataa dhukkubbii nurraa ittisa
~Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu keenyaa ni dabala
~Ulfaatina qaamaa ni hir'isa
~ Goguu mar'umaanii (constipation) ni hir'isa
~Dhukkuba kalee nurra ittisuuf
~Dhukkuba bowwuu mataaf
~Dhukkuba onneef
~Furdina gar malee
~Biroonkaayitiif

09/08/2020

Gaa'ela Booda
Fayidaa fayyaa walqunnaamtii saalaa
~Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama ni cimsa.
~Walqunnaamtii saalaaf fedhii akka qabaanu taasisa.
~Dandeettii fincaan qabaachuu afuuffee fincaanii dubartootaa ni dabala.
~Dhiibbaa dhiigaa qaama ni hir'isa.
~Fayidaalee sochin qaamaa argamsiisu nuuf kenna.
~Carraa dhukkuba onnee tasaa gadi buusa.
~Dhukkubbii kamiyyu kan qabnu yoo ta'e akka nutti hin dhaga'amne taasisa.
~Hirriba qulqullina qabu akka rafnu taasisa.
~Dhiphina sammuu (stress) nurraa ittisa.
~via Dr Jirenya.

07/08/2020

Faayidaa Qaara
~ Fayyaa ija keenyaf ni gargaara.
~ Fayyaa gogaa keenyaf ni gargaara.
~Dhibee ofirraa ittisuu qaamaf ni gargaara.
~Daakamuu soorataaf ni gargaara.
~ Utaalloo fi kanaansari sombaa nurraa ittisa.
~Fayyaa fi jabina lafee keenyaaf ni gargaara.
~ Dhiibbaa dhiiga to'achuuf ni gargaara.
~Gogaan qaama keenyaa akka dafee walitti hin butamneef.
~ Dulluma yeroo malee nurraa ittisu fi k.k.f,,

Address

Oromia
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Natol O Lemi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category