Dr Naol Olana

Dr Naol Olana Page keenya gochuudhaan odeeffannoo fi xiinxala waa'ee biyya keenyaa argadhaa!!

05/06/2022

DHUKKUBA SUKKAARAA fi RAKKINOOTA SAALQUNNAMTII
************************
Dhukkubni Sukkaaraa (Diabetus Mellitus) xaxaawwan yeroo dheeraa keessatti orgaanota ykn sirna qaamaa irratti fidu heddutu jira. Xaxaawwan kunis qoqqoodama garagaraa kan qaban yoo ta'u, hardhaa xaxaawwan Dhukkubni Sukkaraa namatti fidu keessaa tokko kan ta'e rakkoolee inni Saalqunnamtii irratti hordofsiisu ilaalla.

Ragaaleen qorannoo hedduu akka muldhisanitti namoota Dhukkuba Sukkaaraa (DM) qaban keessaa %50 ol kan ta'an rakkoolee saalqunnamtii ni qabu/ni qabaatu. Akkasuma adaduma umriin isaanii dabalaa deemuufi haala to'annaa sukkaaraa isaanii irratti hundaa'uun rakkoon kun cimaa deemuu danda'a. Dhiroonni Dhukkuba Sukkaaraa qaban isaan hin qabne caalaa dachaa sadihiin rakkoo ka'uu qaama saalaa (Erectile Dysfunction)f saaxilamoodha.
---
---
Dhukkubni Sukkaaraa rakkoolee saalqunnamtii garagaraa dhiiraaf dubartii irratti fiduu danda'a.
Kunis:
☆ Fedhiin wolqunnamtii saalaa hirdhachuu ykn dhabamuu
☆ Yeroo wolqunnamtii saalaaf deeman qaamni saalaa ka'uu ykn dhaabbachuu diduu (dhiiraaf).
☆ Dhaabbatus jabaatuu dhabuu, hamma turuu qabu turuu dhabuufi dafee laafuu ykn kufuu.
☆ Yeroo saalqunnamtii dhukkubbiin namatti dhagahamuu (keessattuu dubartoota irratti).
☆ Fiixxe miira saalqunammitti (or**sm) ykn jissuu gahuu dhabuu ykn miirri sun dhabamuu.
☆ Wolqunnamtii saalatti gammaduu dhabuu.
---

---

Sababni rakkooleen saalqunnamtii kun muldhataniif sababa tokko qofaaf otoo hin ta'in sababoota garagaraaf ta'uu mala.
Sababoonni kunis:
* Haalli to'annaa sukkaara qaamaa dadhaba ta'uu (yeroo dheeraaf sukkarri ol ka'aa ta'ee turuu).
* Dhukkubni Sukkaaraa rakkoo Narvii garagaraa fiduun beekama. Rakkooleen Narvii kunis dhaabbachuu qaama saalaa irratti fi fedhaaf miiraa qunnamtii saalaa irratti jijjirama fidu.
* Rakkoo Dhukkubni Sukkaaraa hidda dhiigotaa irratti fidu. Qaamni saalaa ka'ee jabaatuuf dhiigni hidda dhiigatin dabalee itti yaa'uu qaba. Dhukkubni Sukkaraa yeroo dheeraaf ture jirachun kana irratti dhiibbaa fida.
* Dhukkuba Sukkaraa wojji dhukkuboota ykn rakkoolee yeroo hedduu muldhatan kan akka Dhiibbaa Dhiigaa, hamma coomaa ykn Koolestiroolii qaamaa ol ka'aa ta'e, ijaaramuu coomaan hiddi dhiigaa dhiphachuu, sigaaraa aarsuu, ulfaatina/furdinna garmalee guddaa ta'e, sochii qaamaa gochuu dhabuun kunniin ofii isaaniitiyyuu sababoota rakkoo salqunnamtii fiduun isaanii adda bahanii beekkamaniidha. Yeroo hedduu Dhukkuba Sukkaara wojji waan dhufaniif isanis rakkkoo salqunnamtii kaafne ni hammeessu.
* Qorichootni yeroo hedduu namootni dhukkuba sukaaraafi kan biroo dabalataan qaban fudhatan tokko tokko kan akka dhiibbaa dhiigaatiif, hamma kolestiroolii qaamaa sirreessuuf, muukuuf dhiphinna woldhaanuuf fudhataman kunninis rakkoo saalqunnamtii saalaa asii olitti eerre ni fidu, ni hammeessus.
* Dhukkubni Sukkaaraa carraa infeekshinoota garagaraatin qabamuu olkaasa. Kanaaf carraa Infeekshinii Ujummoo Fincaanii, dhukkuba faangasii qaama saala dubartii (Vaginal or vulvar candidiasis) hubamuu ol ka'aa waan ta'eef fedha dhabuufi yeroo qunnamtii saalaa dhukkubbiin sababa kanaaf jiraachuu danda'a.
* Hammi Hormoonii Testosterone (Teestestiroonii) gadi bu'aa ta'uun.
* Haalli to'annaa sukkaaraa dadhabaa ta'uu irraa hammi sukkaaraa olka'aan gogiinsa (ykn jiidhiinsa dhabuu) qaama saalaa dubartiif waan sababa ta'uuf inni kunis dhukkubbii fi fedha dhabuu qunnamtii saalatiif sababa ta'a.
---

---
Maal gochuu woyyaa?
* Akkuma asii olitti kaasuuf yaaletti rakkoon saalqunnamtii umrii wojji kan dabaalaa deemuufi haala to'annaa sukkaaraa dadhabaa wojji hammachaa kan deemudha. Kanaaf haala to'annaa sukkara keenya sirreessuun xaxaawwan Dhukkuba Sukkaaraan dhufan hedduuf fala ijoodha.
* Sochii qaamaa hojjachuun, sigaaraa aarsuu dhabuun, ulfaatinna qaamaa keenya hojjaan wolmadaalchisuun, nyaata keenya sirreessun (nyaata Dhukkuba Sukkaaraaf ta'an fayyadamuu).
* Rakkooleen saalqunnamtii kaafne kun gosa Dhukkuba Sukkaaraa (Type-I fi Type-II) lachuu irrattuu ni muldhatu. Keessattu umrii woggaa afurtamaa ol irraatti rakkoleen kun baldhinnaan muldhatu. Yaalli qorichaan godhamu kan jiru ta'ullee hamma nama dhukkuba sukkaraa hin qabnee san hin gahu.
* Sababoonni rakkoolee saalqunnamtii fidan kun garagara waan ta'aniif, kan nama dhunfaa tokkoo sababa kam fa'a irraa akka ta'e Doktora ofii miri'achiisuun qorannoof yaala barbaachisu argachuu feesisa.
* Dabalataan gargaarsa gorsa xiinsammuus waan barbaachisuuf ogeessota fayyaa waan kana irratti hojjatan dubbisuun barbaachisaadha.
---

02/06/2022

MOORA IJAA- Cataract
*************************
Moorri Ijaa hurraayuu leensii Ijaa kan uumamaan qulqulluu ta'e yoo ta'u, innis akkuma jalqabeen ta'uu baatus dhawaata dhawaataan argaa ijaa haguugaa deemuu danda'a. Haalli argaa ija moora qabduu akka nama daawwitii hurriin haguugamee kessaan waa ilaaluu san jechudha. Nama moora Ijaa qabuuf ifa gahaa malee waa duubbisuun, dukkanaan konkolaataa oofuun akkasumas lafa dukkanaa keessa waa guuttatanii ilaaluun ulfaataa itti ta'uu danda'a. Dandeettiin arguu Ija moora qabdu haaluma guddinnafi bal'inna moora saniitiin dadhaba kan deemtudha.
—-
—-
Maaltu Moora Ijaatiif nu saaxiluu danda'a:-
* Umriin dabalaa deemuu
* Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
* Ifa aduutiif bay'ifnee of saaxiluu
* Tamboo/sigaraa aarsuu
* Furdinna gar malee guddaa ta'e qabaachu
* Dhibbaa dhiigaa qabachuu
* Kana dura dhukkubni ykn miidhaan ija keenya irra gahe jiraachuu
* Opireeshiinii amma dura ijaaf godhame qabaachuu
* Qorichoota corticosteroid' jedhaman yeroo dheeraaf fudhachuun
* Alkoolii baay'isanii dhuguun wontoota moora Ijaatiif nama saaxiluu danda'an jedhamanii shakkaman keessaa isaan ijoo ta'aniidha.
* Moorri Ijaa yeroo dhalannu irra kaasee jiru (Congenital cataract)ykn umrii ijoollumatti mul'atu sababa gadaamessa keessatti infeekshiniif saaxilamuufi sababa biroo irra ta'uu danda'a.
---

---
Mallatoon isaa maal ta'uu danda'a:-
* Moorri Ijaa Suuta suutaan baldhaata ykn guddataa kan dhufu yoo ta'u jalqabaa irratti mallatoo nutti hin mul'isu. Haa ta'uu erga baldhataa ykn guddataa dhufe booda:
- Nutti didimisuu, dukkanaayuufi waa sirritti guutattu dadhabuu ijaa.
- Ifni xiqqamaan haala malee waan balaqeessa'e ta'ee nutti mul'achuu.
- Yeroo dukkanaa waa ilaaluu dadhabuu
- Dubbisuu fi wontoota ilaalaa hojjatan dalaguuf ifni guddaan nu barbaachisuu
- Halluun wontoota namatti daalachayee muldhachuu
- Qaama ifaa tokko yoo ilaalu akka waan jidduun isaa duwwaa ykn boola ta'ee woyitti namatti mul'achuu.
- Yeroo tokko tokko ija moora qabdu irratti wonti tokko akka wan lamaatti namatti mul'achuu.
- Yeroo hedduu Moorri Ijaa Ija lachuu kan miidhu yoo ta'u yeroo tokko tokko Ija tokko qofa miidhuu ykn Ija takka ija kaan caalaa miidhuu danda'a.
---

---
Maal haa goonu?
* Mana yaalaa deemnee qorannoo sassalphaa dandeeti ilaalu ijaa fi meesha ija qorataniin nuuf godhamu dalagsiifachuu.
* Akkataa qorannoo kanaanifi sadarkaa Moorri irra jiru irratti hunda'uun yeroodhaf Dawwitii Ijaa nuuf ajajamuu danda'a. Haa ta'u malee yaalli bu'a qabeessa ta'e kan opireesiniin leensii hurraye san baasanii leensii nam-tolche bakka buusan san dha. Opireshiinin Moora ijaatiif godhamu kun ka mana yaala nama cibsuulle miti, rakkinni biraa yoo hin jiraanne guyyama opireeshinichi hojjatame san gara manatti galuun ni danda'ama. Garuun madaan keessaa sun fayyuuf hanga torbaan saddeti turuu danda'a. Opireeshiinii kana booda qaroon ykn argaan namoota 95% ta'u ni fooyya'a.
* Yoo ijji lachuu Moora Opireeshiinii barbaadu qabaatte erga kan jalqabatif dalagamee fayye booda inni lammataas dalagamuu danda'a.
* Moora ijaa qabaachuun keenya beekamee hanga Opireeshiniin kun nuuf hojjatamuuf:
• Halkaniin/yeroo dukkanaa konkolaataa oofuu dhabuu.
• Yeroo dubbifnu ifaa dabalannee dubbisuu.
• Yoo ifa aduutitti ykn ifa biratitti baanu dawwitii Ijaa kaawwachu.
---

02/06/2022

Conflicts acquire a life of their own until the combatants forget what, it is, that they are fighting about. They are just engaged in combat.
DON SANTO

01/06/2022

Peace cannot be kept by force. It can only be achieved by understanding. — Albert Einstein

Dhibeen   yeroo   jijjiiramu mallattoo maalii agarsiiseeti?Liinkii kanaan galaatii daawwadhaa!
29/05/2022

Dhibeen yeroo jijjiiramu mallattoo maalii agarsiiseeti?Liinkii kanaan galaatii daawwadhaa!

Dhibeen garaachaa kaansarii garaachaa tahuu akka maluun mallattoowwan maalfaa agarsiisa?Waldhaansi dhibee garaachaa maal fa'i?

29/05/2022

Peace is better than war, because conflict resolutions can be made without a wastage of life and resources.
— Gugu Mona

28/05/2022

“If you are depressed you are living in the past if you are anxious you are living in the future, if you are at peace, you are living in the present.” —Lao Tzu

Maareen Jaldeessaa kun maalidhaa?Dhibeen Maaree Jaldeessaa (monkeypox) jedhamuun beekamu UK, US, Kanaadaa, Ispeeniifi Aw...
23/05/2022

Maareen Jaldeessaa kun maalidhaa?

Dhibeen Maaree Jaldeessaa (monkeypox) jedhamuun beekamu UK, US, Kanaadaa, Ispeeniifi Awustiraaliyaa dabalatee biyyoota 12 kessatti mul'ateera.

Dhukkubni kun kan dhufu vaayirasii monkeypox jedhamuurraati.

Vaayirasii dhibee Maaree/Maaritee (smallpox) jedhamuuf nama saaxilu waliin gosti isaa walitti dhiyaata.

Vaayirasiin kun gosa lama kan qabu yoo ta'u, tokkoffaan kan Giddu-galeessa Afrikaa yoo ta'u; lamaffaan ammoo kan kan Afirikaa Lixaa kan jedhamudha.

Mallattoowwan isaa maalfaadha? Dhukkubichi akkamiin nama qabata? Hangam yaaddessaadha? Wal'aansa qabaa?
↪️

Dhibeen Fanxoon Jaldeessaa (monkeypox) Yunaayitid Kingidam (UK), Ameerikaa, Kanaadaa, Ispeeniifi Awustiraaliyaa dabalatee biyyoota 12 kessatti kan mul'ate yoo ta'u namoota 80 ol irratti ammoo mul'ateera.

20/05/2022

BISHAAN GA'AA!!!
******************
● Bishaan nama tokkoof guyyaatti barbaachisu haga kana jechuun rakkisaadha. Sababni isaas, haala qilleensaa (ho'aa fi qorraa), haala hojii (hojii cimaa nama dafqisiisu fi hojii salphaa) fi kkf irratti hundaa'ee wal caala waan ta'eef. Haa ta'u malee namni ga'eessi tokko guyyaatti bishaan litira 2 haga 3 akka dhugu ni gorfama.
● Bishaan kan dhuguu qabnu osoo qaamni keenya "dheebodhe" jedhee nutti hin himiin ta'u qaba. Kana gochuun ammoo faayidaalee armaan gadii kana qaba!
*********************
1. Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba.
2. Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara.
4. Mataa dhukkubbii ykn mataa bowwuu dandeettii nurraa ittisuu qaba.
5. Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu irratti sammuun keenya bishaan sirriitti argachuun baayyee barbaachisaadha.
6. Ulfaatina qaamaa humnaa ol ta’e hir’isuu irratti ni gargaara.
7. Namoota alkoolii dhuganiif miira nama jibbisiisu kan erga alkoolii dhuganii booda namatti dhufu (hangover) ni ittisa.
***************

18/05/2022

SOBA!
*******
NAMOOTNI MAALIIF SOBUU ?
******************
1. Waa’ee mataa isaanii guddisanii agarsiisuuf.
2. Amala gadhee ykn badaa ofii dhoksuuf.
3. Diinagdee ykn faayidaalee biroo isaaniif in malle argachuuf.
4. Namoota kofalchiisuuf fi xiyyeeffannoo argachuuf.
5. Namoota miidhuuf ykn gargaaruuf.
6. Hawaasa keessatti fudhatama argachuuf.
7. Akka hin adabmneef, adaba ooluuf.
8. Araaduma waan itti taheef.
******************

Geerarsa ajaa'ibaa Dr Naoltiin!Afeeramtaniittu!
18/05/2022

Geerarsa ajaa'ibaa Dr Naoltiin!Afeeramtaniittu!

15/05/2022

Dabaan haguugamtullee
Aduun dhugaa ni baati
Rakkoofi gidiraan har’aa
Bultee bor seenaa taati…
Namnis, barris ni darba
Hin shakkiin yaa qaxalee
Kan bakkatti hafu hin jiru
Waaqa malee!

Address

Oromia
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Naol Olana posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Naol Olana:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram