12/11/2025
Dhibeen Heemooraajiik Fiivar Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti mudate
Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC) –Dhibeen Heemooraajiik Fiivar Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaa Jiinkaatti mudachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Dhukkubni ammaaf maalummaan isaa sirnaan adda hinbaane Naannoo Kibbaa Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira.
Dhibeen kun akka hin babal'anne dhaabbilee deeggartootaa waliin ta'uun hojiin ittisuu fi yoo mudate saffisaan mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhe.
Yeroo ammaas Dhibee Heemooraajiik Fiivar jedhamu magaalaa Jiinkatti kan mudate yoo ta'u, hanga ammaatti namoonni 8 dhibichaan shakkamuu ibse.
Dhibichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, hoqqisa, dhiigni afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a ta'uu ibse ministeerri Fayyaa.
Ka'umsa dhibichaa beekuu fi dabalataan akka hin babal'anne to'achuuf, akkasuma gareen deebii hatattamaa kennu gara iddichaatti bobba'uun hojiin gamaaggamaa fi qorannoo laabraatoorii gaggeeffamaa jira jedhe ministeerichi.
Hojiin hawaasa hordofuu, tuttuqaa ittisuu, mana manarra deemuun adda baasuu fi kenniinsi tajaajila yaalaa cimee itti fufuu ibse.
Yaa ta'uutii hawaasni hundi dhibicha ittisuuf of eeggannoo armaan gadii akka taasisan yaadachiise.
Wayita Afaan, funyaanii fi kutaalee qaamaa biroon mallattoon dhiiguu, ho'inni, gadi teessisuu fi hooqisuu mul'ate saffisaan gara dhaabbilee yaala fayyaa dhiyeenyatti argamutti imaluun qorannoo taasisuu, namoota dhibichaan shakkaman waliin tuttuqaan akka hin jiraanne of eeggannoo gochuu, yeroo hunda harka Saaniitaayizarii yookaa saamunaan sirnaan dhiqachuun murteessadha.
Dhaabbileen yaala fayyaa kamiiyyuu naannoo isaa hordofuu, adda baasuu, qorannoo taasisuu, yaaluu fi gabaasa gochuu qabu jedhe.
Dabalataan ragaan dhimmicha ilaallatuu fi shakkiin yoo jiraate karaa sararoota bilbilaa 8335 fi 952'n bilbiluun odeeffannoo kennuu fi fudhachuun kan danda'amu ta'uu eere.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.