Wadesa Health center 2001e.c

  • Home
  • Wadesa Health center 2001e.c

Wadesa Health center 2001e.c Our health center gives medical service

28/02/2024

Gosoota Nyaataa Hir'ina Dhiigaa Ittisan (Qabiyyee Ayireeniin Badhaadhoo Ta'an)

◉ Tiruu beeyladoota akka Hoolaa fi kkf.

◉ Foon diimaa (diimina cooma hin qabne)

◉ Spiinachii(spinach) gosa raafuu magariisaa

◉ Baaqelaa,missira,atara, shunburaa

◉ Hanqaquu /killee lukkuu

◉ Nyaata qurxummii gosa (salmon) jedhamu (akkasumas Tuna kan supermarketii gara garaa irraa bitamu).

◉ Daabboo qamadii qofa irraa hojjatame (whole wheat bread)

◉ Dadhaa ocholoonii irraa hijjatame (peanuts butter)

24/12/2023


Kahee ykn dallanee hafuu qaama hormaata dhiiraa (priapism) rakkoo yeroo hedduu hin mullanne garuu sa'aatii afuriif osoo fedhii walqunnamtii saalaa hin jiraatiin ka'ee turuudha.

_ yaa'insi dhiigaa hirrachuu(ischemic)
_ yaa'insi dhiigaa hirruu dhabuu( none ischemic)
_ irra deddeebii(recurrent) jedhamuun qooddamu.

_ rakkoo hirrina dhiigaa gosa sickle cell anemia
_ qorichoota mukaayinsa balleessan
_ qorichoota yaala dhibee jeequmsa fayyaa_mata
_ qorichoota rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa
_ araada akka co***ne
_ alkoolii bayyisuu/machii
_ qorichoota dhiiga qallisan fahaadha

Dhibeen Kuni dhiirota 60,000 keessa 1 irratti mullata
Yoo isin mudate karaa yaalii ogeessa fayyaatini waan dhabamsiifamuuf gara mana yaalaa deemaa
Haa tahu malee qaanii/fokkifannaaf mana yaalaa yoo hin deemne, sa'aatii afurii ol yoo ture carraan qaami saalaa tortoruu/gangrene waan jiruuf yaalamanii qaama ofii qusachuun filatamaadha
Fayyaan Hundaaf

17/12/2023

Wal qunnamtii saalaan ala Yeroo dheeraaf kahee turuu qaama saalaa dhiiraa(Priapism).
Rakkoowwan akkasii muraasa mana yaalaatti waan argeef barreessuuf dirqame. Fayyaan saalfii hin qabu waan taheef. Akkuma beekamu akkasumas akkuma suuraa irratti argitan qaamni saalaa dhiiraa tokko kan kahu/dhaabbatu sababa hormooniin hiddoonni dhiigaa naannoo qaama saalaa keessa jiran dhiigaan guutamuun akka kahu godhu. Dhiirri tokko yeroo miirri itti dhaga'amu hormoononni baay'een waan gadi dhiifamaniif dhiigaan guutamee akka kahu godhu. Yeroo tokko tokko qaamni saalaa dhiiraa akkasumas yeroo wal qunnamtii saalaaan ala yeroo dheeraaf kahee yeroo turu ni argina. rakkoon akkasii kun Priapism jedhama.
Priapism maalidha? Akkamitti namatti dhufa!
Rakkoon kun qaamni saalaa dhiiraa fedhii wal qunnamtii saalaan ala sahaa 4 oliif yeroo kahee turuuf miirri dhukkubbii baayinaan itti dhaga'amaa deemudha. Taaten kun kan nama mudatu dhiigni yeroo qaamni saalaa kahu gara qaama saalaa isaa deemu gara onneetti yeroo deebi'uuf(venous return) danqamudha. Gama biraan rakkoon kun Rakkoowwan ujummoo dhiigaaf Dhiiga waliin wal qabatanis tahuu danda'a. Suuta suuta dhukkubbii hamaan itti dhagahamaa akka deemu waan godhuuf dhiironni sahaa 4 oliif qaamni saalaa keessan baay'ee kahee deebi'uu dideef miirri dhukkubbii hamaan isinitti dhagahamu gara mana yaalaa deemuun ilaalamaa
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Ililli jamaal

17/07/2022

Rakkoolee fincaan qabatanii yeroo dheeraa turuudhaan namatti dhufuu danda'an...
1. Dhukkubbii fi miirri hin taane namatti dhagahamuu. Kun immoo, dalagaa keenya qulqullinnaan akka hin dalagne taasisuu danda'a.
2, Infeekshinii ujummoo fincaanii namatti fiduu danda'a.
3, Fincaan qabachuu dadhabuu.
4, Fincaan fincaa'uu dadhabuu.
5, Infeekshinii kalee, cirracha kalee fi ujummoolee fincaanii namatti fiduu danda'a.
Kanaaf, akkuma fincaan nu qabeen yaa fincoofnu.
Dr.Haromsa Zerihuun
Galatooma!!!

Hordooftota fi jalatoota page keenya hundaafi hojeetota buufata Wadeessaa hundan Baga boqa birati Nagan ceetan jecha kan...
11/09/2021

Hordooftota fi jalatoota page keenya hundaafi hojeetota buufata Wadeessaa hundan Baga boqa birati Nagan ceetan jecha kanneen lafa hojiiti fi matii keessaan wali dabarsiitan hundi Ayaana garii isiinif haa ta'u...

Gamaagama rawwii hojii kurmaana 3ffaa wirtuu buufata fayyaa waddeessaa gaafa guyyaa 05/09/13 A.L.E
19/05/2021

Gamaagama rawwii hojii kurmaana 3ffaa wirtuu buufata fayyaa waddeessaa gaafa guyyaa 05/09/13 A.L.E

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wadesa Health center 2001e.c posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your practice to be the top-listed Clinic?

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram