Musse T Gonfa

Musse T Gonfa It is not about how much you have, it is what you do with it.

BAGA GEESSAN
05/10/2024

BAGA GEESSAN

21/09/2024

Qaamni keessan sirnaan akka hojjetuuf bishaan gahaa dhuguun barbaachisaa dha. Humna keessan akka ol ka'u, bullaa'insa nyaataa deeggaru, gogaan fayyaa ta'e eeguuf guyyaatti bishaan ga'aa dhugaa!

Halkan Gaarii!
13/09/2024

Halkan Gaarii!

11/09/2024

BAGA BACAQII GANNAA DABARTANII BIRRAA GEESSAN. AYYAANA GAARII!

13/07/2024

Ciree Nyaachuu:
*****************
* Anniisaa ni kenna.
* Hojii fi barnoota irratti si’a’oo akka ta’an ni gargaara.
* Dandeetti yaadachuu fi xiyyeeffannoo ni gabbisa.
* Haalaa-amala yeroo (mood) ni fooyyessa.
* Madiinummaa qaamaa ni gabbisa.
* Carraa ulfaatinna darbaa fi furdinna garmalee ni hirdhisa.
* Hammi sukkaara dhiigaa madaalawaa akka ta’u ni garagara. Kunis carraa Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessootiin qabamu (Type -II DM) ni hirdhisa.
* Fayyummaa onneetiif gaariidha.
* Guddinna rifeensaa fayya-qabeessa ta’eef barbaachisaadha.
—-

Nyaatonni cireedhaaf filatamaa ta’an: isaan midhaan guutuu (qamadii, garbuu, ajjaa, boqqollaa, misingaa ykn ruza) irraa, faayibar (fuduraa fi kudaraa) irraa, madda pirootiinii fayya-qabeeyyii ta’an (atara, baaqelaa, misira, loozii, birokolii, abukaadoo, dinnichaa, aanan, qurxummii) woliin ykn keessaa muraasa filachuu.
—-

Nyaata fayya-qabeeyyii hin taane kan akka foon dimaa, coomaa, dhadhaa, nyaata dibataaleen itti baay’atan, nyaata garmalee mi’a’oo ta’an [fkn keekii, kuukisii, buskuutii, dhugaatiilee sukkaara qabanii) fi nyaata sooqiddi itti baay’atu fayyadamuu dhiisuu.
——
Guyyaa gaarii qabaadha!

Dr. Nuredin Luke

17/05/2024

Mallattoolee dhukkuba kalee fi Waan gochuu qabnu.
*************************************
1. Naannoo ijaa fi fuulaa, keessumaa ganama ganama dhiita'uu (hiita'uu)
2. Miilla lamaan naannoo koomee dhiita'uu (hiita'uu)
3. Humna dhabuu, fedhii nyaataa dhabuu, maashaan qaamaa nama dadhabuu/caccabuu, yeroo dheeraaf oldeebisuu (balaqqamuu)
4. Fincaan keessa dhiigni jiraachuu (garmalee diimachuu fincaanii), garmalee koffaa'uu/
hoomachaa'uu, hagi fincaanii kan duraanii irra baay'achuu yokaan xiqqaachuu
5. Hirriba rafuu dadhabuu, googaan ofii yeroo mara gogaa (dry) ta'uu fi hooksisuu
Mallattoowwan armaan olii kana yoo qabaattan gara mana yaalaa deemuun fayyummaa keessan mirkaneeffachuuf qoratamuun gaariidha.
*************************************
Qoratamuun alatti maal gochuudhaan kalee keenya eeggachuu dandeenyaa?
1. Bishaan ga'aa ta'e (litira 2 guyyaatti dhuguu. Yoo fincaan nama qabu yeroo dheeraaf ittisuu dhiisuu
2. Qorichoota analgesics baay'isanii fudhachuu irraa of qusachuu
3. Ashaboo baay'isanii nyaachuu dhiisuu, Nyaata prootina hedduu qabu yeroo mara soorachuu irraa of qusachuu
4. Alkoolii baay'isanii dhuguu dhiisuu fi tamboo tasuma xuuxuu dhiisuu
5. Hirriba ga'aa ofiif kennuu danda'uu fi Infekshinoota xixiqqoo osoo hin tuffatiin yaalamuu
*************************************
Fayyaan faaya

05/05/2024

YEROO AYYAANAA FURDINA QAAMAA AKKA HIN DABALLEEF WANTOOTA GOCHUU QABDAN.

1. Nyaata filadhaa, hunda hin nyaatinaa.

Ulfaatina qaamaa to’achuu irratti namoonni al tokko yookaan al lama dogongoruun akkaataa jireenyaa isaanii isa duriitti deebiʼu danda’u jedhu.

Kunis taanaan, yeroo baayʼee namoonni abdii kutachuun karoorasaani utuu galmaan hin geenye dhiisan.

Haata’u malee, duubaatti deebi’uu mannaa, nyaata madaalawaa irratti xiyyeeffachuu wayya.

2. Utuu hin baayʼisin nyaadhaa

Nyaata Kaarboohaayidireetii hirʼisuun gaariidha. Fayyaa keessan fooyyessuuf seera to’annaa nyaataa kan ‘harka sadii’ jedhamu hordofuu qabdu.

Kunis harka sadii pirootinii, harka sadii kuduraa fi harka sadii midhaan/ Kaarboohaayidreetiidha.

Kana galmaan ga’uuf, guyyaatti nyaata xinnoo soorachuu qabdu yookaan lagattanii sa’aatii sadeet booda soorachuu. Torbee keessa guyyoota lama somuunis gaariidha.

Amalli kunin dhukkuboota dulluma wajjiin wal qabatanii irraa nama eeguu danda’a jedhamee amanan.

Dhugaadha, of eeggannoodhaan nyaachuun, dhuguuniifi bohaaruun dogoggora miti.

Garuu hagasuma garmalee nyaachuufi dhuguurraa fagaachuudhaan fayyaa argattaniis hin dagatiinaa.

3. Of to'adhaa

Ulfaatina qaama keessan to’achuun ulfaataa ta'us, nyaatawwan cooma baay’ee qabu fi kanneen dafanii qophaaʼan yeroo ayyaanaa soorachuu irra of daangeessuu qabdu jedhu ogeessonni fayyaa.

4. Yeroo hundaa sochii qaamaa godhaa

Ogeeyyiin socho’u dhabuun madda sababa akka dhukkuba onnee, dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa fi kansarii garagaraa ta'u himu.

Sochii taasisuu dhabuun dhukkuboota kanaan 10% dursinee akka duunu ni godhu.

5. Alkoolii hin dhugiinaa

Kanaaf, yeroo ayyaanaa kana bakka tokkoo utuu hin teenye ala bahuun miilaan deemuu fi yoo haalli qilleensaa mijataa ta’e bishaan daakuu qabdu.

Yoo immoo alkoolii dhugdan gidduutti bishaan dhuguu akka hin daganne.

Yoo kuni ta'e yeroodhuma ayyaanaallee ulfaatina qaamaa keessan to'achuu dandeessu
Cc: Bbc Afaan Oromoo

30/04/2024

Tooftaalee qulqullina Ilkaanii

1. Buruushiin ilkaan sirrii fayyadamuu

Buruushiin ilkaan gosa sadii gabaa irratti argama. Jajjaboo, giddu galeessaa fi lallaafaa jedhamu.

Giddugaleessaan baay’ee kan gorfamudha. Sababni isaas jabina buruushichaa humna nuti fayyadamnu waliin walitti makamuun ilkaan ilkaan miidhuu danda'a. Namoonni tokko tokko humna garmaleedhaan ilkaan isaanii yoo dhiqan waan buruushiin sagaleensaa biyyoota ollaa irraa dhufu dhaga'amuutti😁 dhiqatu.kanaaf humni nuti itti fayyadamnu gosa buruushicha irratti hundaa'a.

2. Buruushiin ji'a sadiitti al tokko jijjiiramuu qaba

Karaa biraatiin, fiixeen buruushiin keenyaa dafee yoo dulloome, yeroo buruushiin buruushiin goonu humna dabalataa fayyadamaa waan jirruuf hir'isuu qabna.

3. Guyyaatti hanga si'a lamaa buruushiin dhiqachuu.

Yeroo tokko qofa yoo ta'e halkan osoo hin ciisin dura gaariidha

4. Shaampoo ilkaan sirrii fayyadamuu

Shaampoo ilkaanii gosa hedduu gabaa irratti argamu. Yeroo biraa garaagarummaa isaaniitti nan deebi'a, ammaaf garuu kan filooraayidii of keessaa qabu wayya.

5. Tooftaa sirrii ta’etti fayyadamuu

Fuula ilkaan sadii, jechuunis fuula alaa fi keessaa fi fuula daakuun, akkuma suuraa armaan gadii irratti mul’atutti, daqiiqaa lamaaf buruushiin dhiqadhaa. Yeroo baay’ee keessaan dagatama.

Inni biraa, yeroo buruushiin dhiqnu sochiin fiixee buruushichaa walakkaa geengoo ykn dhiibbaa gabaabaa ta’uu qaba.

Dr. Fikaduu

30/04/2024

Namoota dhukkuba gaaraachaa qabdaniif - Fayyummaa Gaaracha Keessaniif:
*********************************
1. Waantoota dhukkuba garaachaa fidan akka: alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee kennaman fayyadamuu fi of dhiphisuu irraa fagaachuu.
2. Nyaata dhukkuba garaachaa nutti cimsan irraa fagaachuu: nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an (fkn farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu.
3. Nyaata dhukkuba garaachaa irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu: isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa H. pylori jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne
garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.
4. Gara mana yaalaa deemuun yoo baakteriyaan H. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.

28/04/2024

Faayidalee ANAANAASII
**************************
● Anaanaasiin tokko hamma Vaayitaamiin C guyyatti barbaadamuu ol waan qabuuf:
- Sirna ittisa qaamaa keenya ni jabeessa.
- Dandeettii qaamni keenya dhukkuba garagaraa of irraa ittisuu olkaasa.
- Fayyummaa Irgaafi Ilkaanitiif: Irga dhiiguuf madaayeef heddu gaariidha.
- Madaan qaamaa dafee akka fayyu ni garagara.
● Pootashiyeemi guddaa waan of keessaa qabuuf:
- Fayyummaa Kaaleefi Onnee keenyaaf gariidha.
- Dhiibbaa dhiigaa hamma tokko hirdhisuu irratti gahee qaba.
● Vaayitaamiin A hamma tokko of keessaa qaba:
- Kunis fayyumaa ija keenyaaf gaariidha
● Fiber (nyaata qaamaan hin bulloofne) heddu of keessaa waan qabuuf:
- Garaan akka nama hin gogne ni godha.
- Hamma sukkaraa dhiiga keessa jiru hanga tokko madaalawaa akka ta'u ni godha.
- Fayyummaa mur'umaan keenyaaf faayidaa guddaa qaba.
● Nyaanni nyaanne dafee akka daakkamu ni si'eessa.
● Keemikaalotaafii albuudota kan biroo kan fayyummaa gogaa, lafeefi carraa Kaansaroota tokko tokko hirdhisan hedduu of keessaa waan qabuuf fuduraa gaariidha.

27/04/2024

Vitamin D lafee cimaa fi dandeettii
dhukkuba ofirraa ittisuu ijaaruuf soorata barbaachisaa dha!

23/04/2024

HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha.

MALLATTOO
1. Dadhabbii, afuurri cituu
2. Mataa dhukkubbii
3. Lafti namaan maruu,
4. Waa yaadachuu dadhabuu.
5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka
nama fiiguu namatti dhaga'amuu.
6. Gurra keessaa namatti iyyuu
7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.

KA'UMSA
1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf)
2. Hir'ina viitamin B.
3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron)
4. Raammoo garaa (hook worm)
5. Dhukkuba busaa (malaria)
6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture
7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni
oomishamu) miidhan.
8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf
namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu.

NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA?
1. Tiruu beeyladootaa
2. Hundee diimaa.
3. Timaatimaa fi loomii.
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan
6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu
bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu.
Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa

Address

Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Musse T Gonfa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram