Dr.Geleta Tsegaye

Dr.Geleta Tsegaye Surgical R

13/11/2025
*Kuufamuu Dhangala'aa Cidhaan Keessattii(Hydrocele):-Dhangala'an halluudhaan fincaan fakkaatu sababoota garaa garaan cid...
06/11/2025

*Kuufamuu Dhangala'aa Cidhaan Keessattii(Hydrocele):

-Dhangala'an halluudhaan fincaan fakkaatu sababoota garaa garaan cidhaan keessatti kuufamudhaan cidhaan dhiitessuu danda'a.
kana keessaa muraasni;
-Dhangala'an boolla cidhaanii keessatti humna ol oomishamuu
-Dhangala'an cidhaan keessatti ooomishamu xuuxamuu dadhabuu
-Boolli cidhaanii yoo boolla garaa wajjin kan Wal quunnamu ta'e

*Dhibeen kun yoo hin yaalamne rakkoowwan armaan gadii namatti fiduu danda'a;
-Infekshiinii godhachudhaan gara malaa fi gara dhiigaatti jijjiiramuu
-Dhala godhachuu dadhabuu(Infertility)
-Du'uu hanqaaquu cidhaanii(Atrophy of the te**is)
-Akkasumas yoo humnaa ol guddate cidhaan dhoosuu ni danda'a

*Kanaafuu namoonni cidhaan keessan isin dhiita'u, dhibeen kun baqaqsanii yaaluu waan barbaaduuf yaalamuun gaaridhaa

*Dr.Galataa(Surgical R)

*Harma Malee fi Harma Dabalataa wajjin dhalachuu dubartootaa(Amastia and Polymastia);-Dubartoonni dhalootumaan harma gar...
22/08/2025

*Harma Malee fi Harma Dabalataa wajjin dhalachuu dubartootaa(Amastia and Polymastia);
-Dubartoonni dhalootumaan harma gar-tokkee malee yookiin immoo harma gar-lachuu malee dhalachuu danda'u(Amastia)
-Akkasumas dubartoonni harma dabalataa gar-tokkoon yookiin immoo gar-lachuun qabatanii dhalachuu danda'u(Polymastia)
-Harmi dabalataa Kunis bobaa(Axilla) isaanii irraa kaasee hanga mudhii isaanii irratti argamuu danda'a
- Kanaafuu dubartiin tokko harma 3 ykn 4 ykn immoo isaa ol qabaachuu dandeessii

*Dr.Galataa(Surgical R)

Karaatti hafuu cidhaanii(Undescended Te**is):-Mucaan dhiiraa osoo garaa haadha isaa keessa jiruu cidhaanni isaa garaadhu...
01/07/2024

Karaatti hafuu cidhaanii(Undescended Te**is):

-Mucaan dhiiraa osoo garaa haadha isaa keessa jiruu cidhaanni isaa garaadhuma isaa keessatti uumamuudhaan yeroo inni dhalachuuf ga'utti gara gogaa cidhaaniitti gadi dhufa.Osoo gara gogaa cidhaanitti gad hin dhufin yoo hafe karaatti hafuu cidhaanii(Undescended Te**is) jedhama.

*Rakkoolee dhibee kana qabaachuun namatti fidu:
-Dhala godhachuu dadhabuu
-Xaxamuu cidhaanii
-Kaansarii cidhaanii
-Dhukkubsachuu(Infection) cidhaanii

*Kanaafuu yeroo ijoollee dhiiraa keessaniif dhaqna dhiqxan gogaa Cidhaan isaanii gara lachuu qaqqabuun akka cidhaanni keessa jiru ilaalaa

*Rakkoon kun yoo jiraate baqaqsanii yaaluu waan barbaaduu danda'uuf ilaalchisuun gaariidhaa.

*Dr.Galataa(GSR)

*Uraa karaa gadiiti qabaachuu fi jallachuu qaama saalaa dhiiraa(Hypospadia and chordee):-Kana jechuun yeroo uraan qaama ...
07/05/2024

*Uraa karaa gadiiti qabaachuu fi jallachuu qaama saalaa dhiiraa(Hypospadia and chordee):

-Kana jechuun yeroo uraan qaama saalaa dhiiraa kan fiixee irratti argamuu qabu iddoo malee karaa jalaatti uumamudha, akkasumas qaamni saalaa dhiiraa walqixxee diriiraa ta'uu kan qabu yeroo mataan isaa gara gadiitti jallattu jechuudhaa.

*Maaltu dhibee kana namatti fiduu danda'a?
-Karaa maatii daddarbuu danda'a
-Raqqoo hanqina hoormonii qabaachuu
-Osoo yeroon hin ga'in dhalachuu
-Haati qorichoota kanaaf nama saaxilan yeroo ulfaa fudhachuu

*Bu'aa rakkoo kana qabaachuu;
-Fuulduratti fincaa'uu dadhabuun ofirratti fincaa'uu
-Dhukkubni(Infection) ujummoo fincaanii irra deddeebi'ee nama qabachuu
-Dhala godhachuu dadhabuu
-Saayikolojikaalii miidhamuu

*Rakkoon kun yoo jiraate dhimma baqaqsanii yaaluu barbaadu waan ta'eef gara hospitaalaa...

*Dr.Galataa

*Hospitaala sibuu sireetti maaltu ta'e?   *Walitti qabatanii dhalachuu lakkuulee(Conjoined twins):-Kana jechuun yeroo ij...
04/05/2024

*Hospitaala sibuu sireetti maaltu ta'e?

*Walitti qabatanii dhalachuu lakkuulee(Conjoined twins):
-Kana jechuun yeroo ijoolleen lakkuu ta'an qaamaan walitti qabatanii dhalatan jechuudhaa.

*Akkamitti akkas ta'uu danda'a?
1.Yoo micireen inni jalqabaa(early embryo) kan gara fuulduraatti mucaa ta'u tokko ta'ee osoo jiruu iddoo lamatti gargar ba'uu jalqabee,achumaan immoo osoo guutummaa guututti gargar hin ba'in hafudha, ykn immoo
2.Yoo micireen inni jalqabaa(early embryo) lama ta'ee gargar ba'ee osoo guddachaa jiruu gidduutti walitti qabatedha

*Iddoo walitti qabate irratti hunda'uudhaan maqaa garaagaraa qabaatu;
-Yoo lapheen walitti qabate 'Thoracopagus' jedhamu
-Yoo garaan walitti qabate 'Omphalopagus' jedhamu
-Yoo dugdi walitti qabate 'Pygopagus' jedhamu
-Yoo mataan walitti qabate 'Craniopagus' jedhamu

*Maaltu lakkuuleen akka walitti qabatanii dhalatan godhaa?
-Hanga hammaatti wanti beekamu hin jiruu

*Dr.Galataa

*Ijoolleen lakkuu ta'anii dhalatan abbaa garaagaraa qabaachuu danda'uu?-Eeyyeen,ijoolleen lakkuu ta'anii dhalatan abbaan...
03/05/2024

*Ijoolleen lakkuu ta'anii dhalatan abbaa garaagaraa qabaachuu danda'uu?

-Eeyyeen,ijoolleen lakkuu ta'anii dhalatan abbaan isaanii garaagara ta'uu danda'a.

*Akkamitti?
-Kun kan uumamu yeroo dubartiin marsaa laguu tokko keessatti hanqaaquu lama gadhiistee akkasumas yeroodhuma kana keessatti dhiira garaagaraa lamaa wajjin wal-quunnamtii saalaa yoo gootedha.

*Hub: ijoollonni lakkuu ta'anii abbaa garaagaraa irraa dhalatan akka ijoollee lakkuu abbaa tokko irraa dhalataniitti bifaan wal hin fakkaatanii.

*Dr.Galataa

* Dhiita'uu Hidda Dhiigaa(Varicose Vein):-Dhiita'uu hidda dhiigaa(Varicose Vein) jechuun yeroo hiddawwan dhiigaa kan mii...
29/04/2024

* Dhiita'uu Hidda Dhiigaa(Varicose Vein):

-Dhiita'uu hidda dhiigaa(Varicose Vein) jechuun yeroo hiddawwan dhiigaa kan miillaa fi kan salbaa dhiita'anii dheeratan jechuudha

*Wantoota dhibee kanaaf nama saaxilan;
-Dhalootumaan rakkoowwan bantuu fi cuftuu hidda dhiigaa qabaachuu
-Yeroo dheeradhaaf Dhaabbachuu,fknf;hojiiwwan yeroo dheeraaf dhaabbatanii hojjetan hojjechuu
-Ulfaatina qaamaa humnaa olii qabaachuu
-Ulfaa'uu
-Kaanseriwwan Naannoo qaama hormaataa qabaachuu fi kkf

*Mallattoolee dhibee kanaa;
-Dhiita'uu hidda dhiigaa
-Dhukkubbii
-Hoqsisaan jiraachuu
-Halluun miillaa fi salbaa jijjiiramuu
-Iddoo dhiita'e irra madaa'uu

*Akkamitti ittisuu dandeenya?
-Yeroo dheeraaf dhaabbachuu dhiisuu
-Yeroo rafnu miilla keenya jala boraatii godhannee ol kaasnee rafuu
-Wanta miillatti maramu 'Elastic bandage' kan jedhamu Faarmaasii bitannee itti fayyadamuu

Dr.Galataa

**Xaxamuu Cidhaanii(Testicular Torsion):*Xaxamuu Cidhaanii jechuun yeroo cidhaanni koordii itti rarra'ee jiru irra ofirr...
27/04/2024

**Xaxamuu Cidhaanii(Testicular Torsion):

*Xaxamuu Cidhaanii jechuun yeroo cidhaanni koordii itti rarra'ee jiru irra ofirra xaxamu jechuudha

*Mallattoolee Xaxamuu Cidhaanii;
1.Dhukkubbiin baayyee cimaan cidhaan xaxame irraa namatti dhaga'amuu
2.Gogaan cidhaanii dhiita'uu fi diimachuu
3.Dheerinni cidhaani isa ofirra xaxamee Isa fayyaa irra gabaabbachuu
4.Hoqqisiisaan jiraachuu

Hub:Mallattoolee armaan olii yoo ofirratti agarre dafanii gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadhaa

*Dr.Galataa

Address

Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Geleta Tsegaye posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category