22/02/2022
❤️Dhukkubni alerjii maali?
Alerjiin yeroo ittisni qaamaa Keenyaa wantoota qaamaa keenyaaf alagaa ta'an offirraa ittisuuf deebii keennudha.wantoonni qaama keenyaaf alagaa ta'an(allergens) kunin wantootaa qaamaa Keenyaa irratti miidhaa fidaan yoo ta'an isaanis kan akka:-nyaata sumawaa
-Daakuu biqiltoota tokko tokko
-Awwaara,foolii xirawaa
-urgooftuu ykn sh*too fi kkfdha.
Ittisni ykn madaannumaan qaama keenyaa wantoota qaama Keenyaa irratti miidha fidaan ittisudha.kana immoo kan gochuu danda'u wantoota qaama Keenyaa irratti miidhaa fidan adda baasudhan.
Alerjiin Gosaa adda addaatu jira.
Isaan keesaa muraasni:-
1.alerjii ijaa:-alerjiin ijaa kan muldhatuu yeroo wantoonni adda addaa ijaa keenyaaf alagaa ta'an ijaa Keenyaa seenan fi ittisni qaama Keenyaa wantootaa kanan loludha.amaloonni isaas:-Hooksisuu ijaa,diimachuu ijaa,booyyuu ijaa, nama gubuu ijaa fi kkfdha.
Alerjii funyaanii:kunis akkuma ijaa yeroo wantoonni alagaa fuunyaan Keenyaa seenanin kan dhufuudha.amaloonni isaa:-nama gubuu funyaanii,Hooksisuu funyaanii,axifachiisuu funyaani,furrii qal'aan funyaan keesa ya'uu fi kan kana fakkatanidha.
alerjii qaamaa:-kunis gocha ykn taatee qaamni Keenyaa wantootaa qaamaa keenyaaf alagaa ta'an offirraa ittisuf godhu yoo ta'u ammaloonni isaa:-Hooksisuu qaama,dirmamayuu qaama,dhiita'uu qaama fa'adha.
Malootaa allerji irraa off ittisan muraasa:-
1.wanta irraa namati ka'u irraa of qusachuu
2.wantootaa irraa namati ka'u offirraa fageesu ykn balleesu.
3.Garaa buufata fayyaa ykn mana yaala deemuu qorichaa allerjii fudhaachuun fa'adha.
Horaa bulaa
Fayyaan ofii fi ummataaf.