02/09/2025
FAAYIDAALEE SHAAYII DHUGUU
Shaayii dhuguun fayyummaa qaama keenyaaf faayidaa ol'aanaa akka qabu qorannooleen hedduu ni mul'isu. Qorannoon kun guyyaatti yoo argame yeroo hunda ganama ganama osoo fayyadamanii baay'ee gaariidha jedha.
Faayidalee isaa keessa muraasni:-
🗣Miira muukii nurraa ittisuudhaan miirri gaariin akka nutti dhagahamuuf nu gargaara
🗣Keemikaala amala vaayirasiiwwan hedduu walhormaata isaani hir'isuu qaba. Keessattuu, kan dhukkuba Ujummolee sirna hargansuu kanneen akka Utaalloo fa'a.
🗣 Carraa dhukkuba onnee (fknf dhukk.onnee akka tasaa"heart attack") fi dhukkuba sukkaaraan qabamuu ni hir'isa.
🗣Carraa dhukkuba Istirookii (dhiigni sammuu keessatti jiguu/hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru cufamuu) daran xiqqeessa.
🗣Carraa kaanserii sombaa, harmaa, fi piroosteetiitiin qabamuu ni hir'isa
🗣Lafee fi ilkaan keenya akka jabaatu fi fayya qabeessa akka ta'u ni gargaara
🗣Sirni ittisa dhibee qaamaa (immunity) akka jabaatu godha
🗣Koolestiroolii qaamaa keessa jiru hir'isuu danda'a
🗣Dhiibbaan dhiigaa akka ol hin kaane ni ittisa; yoo ol ka'aa ta'e gadi buusuu irratti faayida qaba.
🗣Dandeettii yaadachuu, qalbeeffachuu fi fulleffannaa ni dabala
🗣 Bullaa'insi nyaataa akka saffisu ni gargaara
🗣Muraa garaa/ garaan yoo nama ciniine namarraa laaffisu danda'a
🗣Foolii badaa afaaniis (halitosis) ni hir'isa
yeroo marsaa Laguu isaan dhukkubuuf ni gargaara, keessattuu Jinjibila waliin yoo ta'e
👀 Mataa dhukkubbii cinaa gara tokkoo qofa qoodee dhukkubsu (Migraine) fis furmaata
👀Miira dhukkubbii ganama ganamaa(morning sickness) nurraa ittisa
* Galgala galgala loomii ykn Jinjibila waliin yoo dhugan dhiphina nurraa ittisuudhaan hirriba gaarii akka rafnuuf baay'ee nu gargaara.
:-WHO healthiest food guidlines ,healthline ,eatright.org,
Hirmaannaa keessaniif guddaa galatoomaa!!
Copied from Dr Caalaa D.
Dietary needs change during each stage of life. A nutritious, balanced eating plan can help ensure you're getting enough essential nutrients to maintain optimal health or manage health conditions. Plus, learn about the latest nutrition trends and how mental health is connected to physical health.