02/01/2024
jirra, garasittis ce'aa jirra!
(Ilma Abbaabooratiin )
___
Farda collee ka’umsa beeku akkuma jedhamu, sirni ijaaramaa jiru sirna karadeemaan gufatu yookaan maseenu godhanii kan ilaalan harcaatonni raacitii atseewwaniin bokakan yeroo wixxifatan mul’atu.
Leenci ija walirra buufannaan qamaleen kan rafe seetee harka afaan kaahuuf jettee afaan buute jedhu turan Abbaanbooraa yeroo hiriyyaan isaan hinmadaalle isaanqeequu barbaaddu.
Har’a lafaa ka’ee waa osoo ol hinkaahiin nama qeequuf kan boquu raasu akka waantee lafaa biqilee deebihee yeroo dhidhimu mul’ata. Nas kanatu dhibee taa’ee asiif achi mimilladhee isa nama qeequuf boquurasu kana maal yaadeeti laata jedheen madaaluun eegale.
Bara hinbeekani saree kana akaayii barsiisaa jetti turteen aayyoonkoo,dhugaadha sareen foonii fi biddeenaan guddate gaafa jireenyi itti jijjiiramu itti wallaalee du’uu dandaha,tasa du’uusaarrammoo akaayii barsiisuun bara baasuun barbaachisadhaa jechuu waan fedhan fakkaatu.
Makmaaksan baay’ise naatti fakkaata ilma jarsa mataan aarrii qabu kan garaan aarii qabuuti kanaafani na ofkalchaa imaanaa abbaakootu na harka jiraafani malee waabiraaf miti jamaa.
Jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif cunqursaa jala turre,sirni ofittoo fi bulguu nusaamaa, nubuqqisaa, lafa keenyarratti ciisenyaa taanee sirna bineensaa namummaaf kabaja hinqabneen qorqamaa turreerra kanatu garaa najira imaanaa akaakayyuun kiyya abboo kootti dabarse laate animmoo abbaakoorraa fuudhee haara isa galfachiisuuf akka du’a funyoo itti muddaan jira.
Qeerrensa eegee hinqaban qaban hingadhiisan jedhan sirna kana dhaluuf duuneerra, dhiigneerra, qaama keenya dhabneerra, jaalleewwan hedduu itti wareegnee hedduusanaiif siidaa hindabarre onnee dhalootaa kakuu haaraa keessa keenyeerra.
Namni bara hiyyoolee gurrisaa duude hiyyoolee osoo sirbuu du’a jedhani,eyyee finxaaleyyiin racitiin atseewwanii keessasaaniirraa dhiqamee hinqulloofne fi maxxantummaan ilmaan sabaaf sablammiirratti akka dhulaandhulaa maxxananii hirkattummaan jiraachuu baran numalee biyyi diigamti burjaajii jedhuun rata’aa jiru.
Akka baran miti akka bara bulu jedhan kanaafuu fakkaata bara hinbeekani saree kana akaayii barsiisaa kan jedhanii mkmakaniif sirni ijaramaa jiru godoo sabni tokko faan tokko amantaan tokkokeessa qubatu osoo hintaane mana dhaabbataa yeroo dheeraaf keessa jiratan gamoo ilmaan sabaaf sablammii marti keessatti keessummahanidha jechuun danda’ama.
Namni akka bineensaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu isa dhiba jedhama mitiiree hara’a ilaalcha dulloomaa fi doofaa qaroomina siyaasa ammayyaan hindeeggaramneen Itoophiyaaf natu beekaa ilaalchi jedhu midhaan garaarra bahedha lamuu as hindeebihu. Kiiloo afur galla abjuun jedhu namoota baay’ee abjuu godhee hambiseera.
Qe’een Oromticha Tufaa Munaa karadeemaan ilaalchisaa fi yaannisaa doofaa ta’e keessummeessuuf balballisaa banaa miti, eeyyee ilaalcha tarkaanfachiisaa hunda hammatee ceessisu qabatanii yoo dhufaniin alatti finxaalessummaan ana malee jedhuun olseenuuf gururi’uun dhama raasuu yoo ta’een alatti waan maayii baasu miti.
Sirni mootummaa jijjiiramaa yeroo ammaa ijaaramaa jiru bu’aa dhiigaa fi lafee akkasumas dhiiga ilmaan qaalii Oromoota kumaaf kitilaati,akka warqee abiddaan qoramee kan argame waanta’eef sakaallaa oftuultotaan kan gufatu miti.
Finxaaleyyiin raacitii atseewwaniin bokokan kunneen abjuu raatuu qe’ee akaakayyuu keenyaa galla olola jedhuun of burjaajeessaa turaniiru,akaakayyuukoo isa taabota Goorgisii ciisu argaa malee silas maal maayii baastu dhala gadigaloo.
Tibbana waahillikoo tokko wa’ee aaraatkiiloo miidiyarratti yoo dubbatun dhagahaa ture maal jedhe beektuu sirni kun sirna dhiiga qeerroon ijaaramedha malee sirnaa karadeemaan walitti kabe miti inumayyuu kiiloo afur miti shaggar seenuufuu paspoortiin gafatamuu danda’a yoo jedhun dhagahe.
Dhugaadha nurra deemaa nurra taa’aa nutuu dadhabne osoo hinjedhiin naquuqe yaanni jedhu kun ammallee akka waakkoo halkan biqilee barii yoo hurraahu argama.
Eeyyee dacheen Oromiyaa dachee haqaati kana booda dachee hamaa baattu hintaatu,sirni ijaramaa jirus kan hunda hirmaachise walqixxummaafidimokiraasii lafa qabsisiuuf kan hojjetu malee Itoophiyaa dulloomtuu deebisuuf kan hojjetu miti.
Itoophiyaan dulloomtuu sirnoota doofaa olaantummaa saba tokkoo amantaa tokkoo afan tokkoo lallabaa turan waliin dabarteetti,kan amma ijaaramaa jirtu ishee haaraadha.
Itoophiyaa haaraa kana keessaatti dimokiraasii fi walqixxummaan alatti miirri an siifbeekaa hinkeessummaahu,imala mootumman jijjiiramaa yeroo ammaa iti jirurraa hubachuun danda’ama.
Farda Collee ka’umsa beeku akkuma jedhamu sirni mootummaa jijjiiramaa ilaalcha gatamaa xiqxiqqaa deeggarsa uummataa hinqabne miira namalee,siyaasa gabaan sabaaf sablammii Itoophiyaa hinbarbaanne kana qabatanii imalasarraa gufachiisuuf yaalanis akka lolaa gannaa cabsee darbuun hamma gahu agarsiisaa jira.
Eeyyee sirni mootummaa jijjiiramaa ijaaramaa jiru haqaa fi walqixxummaaf sirna waardiyyaa dhabatee fi imalarra jiru waan ta’eef takkaa duubatti jedhee hinbeeku.
Isa kanaafimmoo ilaalcha doofaa barnoota siyaasa ammayyaan hin deeggaramneen warra oofan keessumattuu akka waakkoo ganama biqilanii argaman kichuutti maseensaa abjuusaaniin bishaan nyaachisaa Itoophiyaa hundaaf taatu ijaaruuf humna guutuun hojjetaa jira.
Saroonni duttus Gaalli imalasaa ittuma fufa akkuma jedhamu mootummaan jijjiiramaa ilaalchota xixinnoo fi farra walqixxummaa ta’an akka barbadeessaa(farra aramaa)hundeerraa ishee gubaa duratti kaachaa jira.
Mula’nni mootummaa jijjiiramaa Itoophiyaa badhaate,walqixxummaan sabaaf sabalammii itti mirkanaahe dachee dimokiraasiin iti dagaagee fi badhaate ijaaruuf halkaniif guyyaa hojiitti jira.
Imalasaarrattis farreen jijjiiramaa gufuu ta’uu barbaadaniin osoo hingufatiin of dura buqqisaa hiyyuma seenaa gochuun dhaloota dinagdeen of gahe teknoloojiin badhaadhe,yadaan bilchaate kan biyyasaaf oo’u horuu itti fufeera.
Ilaacha hokkolaa laga nama hinceessisneen fi achumee ta’eenfi golgaa Itoophiyaa Itoophiyaa , kiiloo afur galla jedhuun wixxifachaa bara lakkaahaa abjuu sobaan of daguurra karaatti deebihaan gorsa keenya diddan garuu nutuu itti beekna.
Yafafee kan imala jijjiiramaa kana duraa dhaabattee sirna hurraahe deebisna, kiiloo afur galla jettee kan munaagdu ofiis yadaanis dhidhima keessa dhaabattee angoof gururiitus nuti ceeneerra qabaan nundandahu imalli keenya saffisaadha galmi keenya badhaadhina.
Araaraafi dhiifama daandii Ida'amuutiin jirra, garasittis ce'aa jirra!