Dr. Firomsa Jibril

Dr. Firomsa Jibril Kings get paid Simps get played!!! Failing to prepare is preparing to fail!!!

Yeroo walqunnamtii saa-laa isparmii baay'ee dhangalaasuun akkamitti danda'ama?1️⃣ Halkan hunda hirriba qulqullina qabu s...
05/01/2026

Yeroo walqunnamtii saa-laa isparmii baay'ee dhangalaasuun akkamitti danda'ama?
1️⃣ Halkan hunda hirriba qulqullina qabu sa'aatii 7 hanga 9 rafuu.
2️⃣ Sochii qaamaa gochuu — garuu garmalee cimaa osoo hin taane.
3️⃣ Tamboo hin xuuxin.
4️⃣ Nyaata keessan keessatti antioxidants kan akka vitaamin C fi E, selenium, fi lycopene baayinaan fayyadama.
5️⃣ Watermelon fi shonkora-agadaa nyaachuu, shorbaa sirriitti dhugudha.
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Babbaqaquu Miilaa********************************************Babbaqaquun miilaa yeroo baay’ee miila dhodhoosun beekamu g...
05/01/2026

Babbaqaquu Miilaa
********************************************
Babbaqaquun miilaa yeroo baay’ee miila dhodhoosun beekamu gogaan miila aakka ciccitu godha. Bakki itti baay’inaan mul’atu hirpha miilaa irratti. Sababni isaas gogaa miilaa yoo gogguun jabaate, lallaafuu dhabuun miilli dhooya. Babbaqaquun miilaa yeroo baay’ee kan dhufu yoo miilaan yeroo dheeraa lafa deeman, kophee banaa uffatan, miilaan gogaan miilaa goggoge faadha umama. Dhukkuboonni akka sukkaara (diabetes), dhukkubboonni gogaa kanneen akka (eczema, hypothyroidism) gogaan miila akka dhooyuf gumaachuu danda’u.

Mallattooleen babbaqaquu miilaa keessaa:
- Gogaan ciccituu fi qunca'uu.
- Miilaan deemuu yookiin dhaabbachuuf dhukkubbii namatti dhagahamuu.
- Yoo hammaate dhiiguu.
- Gogaan miidhamuu irraa ka’ee dhibee dabalataa akka infection uumuuf carraa ol’aanaa uuma.

Miila Dhodhooye Fayyisuuf:
- Gogaa miilaa yeroo hunda dibata dibuu, keessumaa cream urea qabuun shukkuumuu.
- Gogaa haalan babbaqaqe hodhuun suphuu (exfoliation).
- Gogiinsa miilaa eeguf kophee cufaa uffatuu yookiin yoo kophee banaa ynk siliippara kaatan kaalsii fayyadamuu.
- Yoo haaalan dhooye ykn miidhaa cimaa yoo fide, yaalii ogeessa fayyaa barbaachisa waan ta'eef ogeessa faayyaa mariisisuu; keessattuu yoo tooftaalee olitti xuqameen yaalamuu dide, dhukkuba sukkaraa qoratamuu barbaachisaadha.
********************************************
fans
Dr. Firomsa Jibril
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

🩺🔥 Fedhii Walqunnamtii Saalaa Dhiiraa (Libido) Akkamitti Dabaluun Danda’ama?Fedhiin walqunnamtii saalaa dhiiraa fayyaa q...
05/01/2026

🩺🔥 Fedhii Walqunnamtii Saalaa Dhiiraa (Libido) Akkamitti Dabaluun Danda’ama?
Fedhiin walqunnamtii saalaa dhiiraa fayyaa qaamaa, sammuu fi haala jireenyaa waliin walitti hidhata cimaa qaba. Yoo fedhiin kee gadi bu’e ta’e, wantoonni armaan gadii si gargaaruu danda’u.👇
🥗 1. Nyaata Hormoonii Saalaa Dabaluu
Foon diimaa, foon lukkuu, qurxummii 🥩🐟
Qurxummii gogaa qabu (omega-3)
Firii fuduraa fi muduraa magariisaa 🥑🥦
Nyaata Zinc badhafame kannen akka (looyzii nut, beans atara baaqilaafi kkf, akkasumas daakuu qamadii)fa'a nyaachuu.
➡️ Testosterone (hormoonii saalaa dhiiraa) ni dabala waan ta'eef nyaata kannen dhangaalee nyaata guyya guyyaa keessatti dbaluun barbaachisaadha.
🏃‍♂️ 2. Ispoortii fi Sochii Qaamaa guyya guyyaan hojjachuu
Fiiguu,
Weight lifting fi hojii humna hojjahuu
➡️ Dhiiga sirnaan naanneessa, humna qaama saalaa ni dabala
😌 3. Dhiphina Sammuu (Stress) Hir’isu
Dhiphinni sammuu fedhii saalaa ni balleessa
Hirriba gahaa (sa’aatii 7–8) rafuu
Bashannanu, meditation, salaata fi ibaada jabeessuu.
🚫 4. Wantoota Miidhaa Qaban Hir’isu
Sigaaraa 🚬
Caatii Hir’isu
Alkohola baay’ee fayyadamuu irra of qusachuu 🍺

➡️ Isaan fedhii saalaa gadi buusu irraa fagaachuun gaariidha.
❤️ 5. Walitti Dhufeenya Gaarii Jaalallee Wajjin qabaachuu
Haasa’uun fi wal hubachuun murteessaadha
Jaalala agarsiisuu fi wal amanuun
💊 6. Dhukkuboota Of Ilaali (medical check up) yoo qoricha fudhachaa jirta ta'e laalamuu qabda
Diabetes, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sammuu
Qorichoonni muraasni fedhii saalaa ni hir’isu
➡️ Doktara waliin mari’achuun barbaachisaa
🧪 7. Qorannoo Fayyaa
Sadarkaa testosterone qorachuu
Yoo barbaachise yaala fayyaa sirrii argachuun bayeessa
🔑 Fedhiin saalaa dhiiraa humna qofa osoo hin taane, fayyaa guutuu wajjini.
Jireenya sirrii, nyaata gaarii fi sammuu tasgabbaa’aa qabaachuun furmaata dhugaati.💚
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Dr. Firomsa Jibril
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Harmi dubartootaa dhuguma qaqqabaa/sukkuummaa dhiiraan jigaa? maaltuu jiguu harmaa fida? 1. Umurii: Laamsha'uu qaamaa fi...
05/01/2026

Harmi dubartootaa dhuguma qaqqabaa/sukkuummaa dhiiraan jigaa?
maaltuu jiguu harmaa fida?

1. Umurii: Laamsha'uu qaamaa fi hir'inni hormoonii garaagaraa umurii waliin dhufu harmi akka kufu taasisa.

2. Harkisa lafaa: Waggaa dheeraa booda harmi akka jiguuf sababa biraati.

3. Yeroo baay'ee aduu fi ho'aaf saaxiluu: qaamoleen tishuu harmaa deeggaran akka dadhaban godha.

4. Tamboo xuuxuu

5. Furdina garmalee, akkasumas hatattamaan furdina qaamaa hir'isuu

6. Daa'ima baay'ee da'uu/dhaluu

7. Qabduu harmaa kan harmaan wal hin madaalle godhachuu

N.B: Dubartoonni yeroo baay'ee harma harkaan xuxxuquun yookan xuxxuqsiisuun akka harma jigsutti yaadu; kun waan qorannoon mirkanaa'e miti.
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

FAAYDAA QAARA MURAASA1. Vitamin An kan badhaadhe waan ta'eef, fayyaa ija keenyaaf ni tola.2. Vitamin C kan of keessaa qa...
05/01/2026

FAAYDAA QAARA MURAASA
1. Vitamin An kan badhaadhe waan ta'eef, fayyaa ija keenyaaf ni tola.
2. Vitamin C kan of keessaa qabu waan ta'eef, fayyaa gogaa keenyaaf ni gargaara.
3. Dhibee ofirraa ittisuu qaama keenyaaf.
4. Haalaan daakamuu soorataaf.
5. Utaalloo, qakkee fi kaansarii sombaa nurraa ittisa.
6. Fayyaa fi jabina lafee keenyaaf.
7. Keemikaalota qaama keenyaaf hin barbaachifne ni dhabamsiisa.
8. Gogaan qaama keenyaa akka dafee walitti hin butamnee fi dulluma yeroo malee nurraa ittisa
9. Rammolee garaacha.
10. Dhukkuba ijaa.
11. Dhukkubi ilkaani dabre dabree nama nyataan.
12.Dhiibbaa dhiiga to'achuuf fi k.k.fa'a.
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!
Galatooma!!!

Faayidaa bishaan qabbanaawaan qaama dhiqachuu*********************************************1. Hormooniin indoorfiin jedha...
05/01/2026

Faayidaa bishaan qabbanaawaan qaama dhiqachuu
*********************************************
1. Hormooniin indoorfiin jedhamu akka burqu taasisa. Hormooniin kun akka gammaddu si taasisa. Torbaanitti yeroo 2 ykn 3 bishaan qabbanaawaan yoo shaawara fudhatte mukaa'uu ykn dabbaramuu sirraa oofa
2. Marsaan dhiigaa akka fooyya'u godha. Iddoo kanatti warri baayyee itti fayyadamaa jiru atileetoota. Yeroo ispoortiirratti qaamni isaanii miidhame bakka sana cabbii itti godhu. Kuniis iddoon san akka hin kulkullee fi daftee fayyitu godha. Kana malees namni bishaan qabbanaawaan yeroo hedduu qaama dhiqatu ifaa fi bareedaa deema
3. Dhukkuboota tokko tokko akka ofirraa qolannu nu godha fkn utaalloo
4. Meetaaboolizimii qaama keenyaa waan dabaluuf cooma qaama keessaa diiguudhaan ulfaatina hin barbaachifne akka hirrifnu nu godha!
5. Madiinummaa ykn dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa olkaasa
6. Dandeetti dhala argachuu dhiiraa dabala. Sababni isaatiis cidhaan teempireechara qaamarra qabbanaawaa waan barbaaduuf bishaan qabbanaawaan qaama dhiqachuun fedhii isaa ni guutaaf
7. Ganama akka daddaftee hirriibarraa kaatu si godha!!.
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Rakkoowwwan sal-qunnamtii dubartootaa (female sexual dysfunction)********************************************Dubartoota ...
05/01/2026

Rakkoowwwan sal-qunnamtii dubartootaa (female sexual dysfunction)
********************************************
Dubartoota keessatti rakkoowwan wal-qunnamtii saalan wal-qabatan kanneen akka:
*Fedha wal-qunnamtii saalaa dhabuu (low sexual desire) ,

*Kaka’uumsa qunnamtii saalaa dhabuu: kunis osoma fedhii qunnamtii saalaa qabanuu qaamni isaanii garuu qunnamtii saalaaf siyaa’uu yookin qophii tahuu dadhabuudha.

*Fedhii qunnamtii saalaa dhumaa (or**sm) irra gahuu dadhabuu dha.

*Dhukkubbii yeroo wal-qunnamtii saalaa (Sexual pain disorder)

MAALTU RAKKOO AKKASIIF DUBARTOOTA SAAXILAA?
******************************************
*Dhukkuboota akka kufaatii kalee , kansarii garaagaraa , onnee , dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa
*rakkoowwan xiinsammuu garaagaraa
*wal madaaluu dhabuu hormoonota qaama keessaa
*Rakkina haariiroo abbaa manaa isaanii waliin qaban, kanneen akkka waa’ee wal-qunnamatii saalaa ifatti haasa’uu dhiisuu , feedhiwwaan hin guutamin kan biraa fi wal dhibdee hin furamin kan biroo yoo jiraate.
*Miidhama dugdaa gara gadii yookin sammuu
*Infeekshinii naannoo qaama saalaa fi gadameessaa
*Qorichoota mana yaalaa kennaman tokko tokko
*Miidhama qunnamtii saalaa kana duraa kanneenn akka gudeeddii fi kkf
YAALA
Sababa isaa irratti hundaa’un yaalama!
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Dr Oliyad Shegene
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Mallattoolee dhibee tiruu agarsiisan(Sign of liver problems)....✍✍✍✍✍.........1. Dadhabbii garmalee (chronic fatigue),2....
05/01/2026

Mallattoolee dhibee tiruu agarsiisan
(Sign of liver problems)....✍✍✍✍✍.........
1. Dadhabbii garmalee (chronic fatigue),
2. Ol deebisuu ykn balaqqamsiisuu(vomiting)
3. Fedhiin nyaataa gadi bu'uu(loss of appetite)
4. Halluun bobbaa jijjiiramuu( pale stool color or bloody colored stool)
5. Halluun fincaanii gara bifa dhugaatii coca-colla tti jijjiiramuu(dark urine color)
6. Qaamni guutummaa guutuutti hooqsisuu(Itchy skin)
7. Garaan nama dhiita'uu fi dhukkubuu(Abdominal pain and swelling)
8. Halluun ija keenyaa gara keellootti jijjiiramuu(skin and eyes that appear yellowish)....
Kanaafuu mallattoolee kanneen kana ofirratti yoo argine daddaffiin gara buufata fayyaa deemuun ilaalamuun ni gorfama.
Dr. Firomsa Jibril
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

05/01/2026

Akkam Oltan qoomo ko!!!
Jirra jirtuu yaa sabaa!!!
waa'ee maalii baruu barbaaddu comment jala nuf kennaa
follow our page Dr. Firomsa Jibril
subscribe to our Telegram channel 👇

GOSA WALQUNNAMTII SAALAA “STRADDLING POSITION ”Gosa walqunnamtii saalaa “Straddling position” jechuun gosa walqunnamtii ...
04/01/2026

GOSA WALQUNNAMTII SAALAA “STRADDLING POSITION ”
Gosa walqunnamtii saalaa “Straddling position” jechuun gosa walqunnamtii saalaa keessatti, dhiirtii lafa ciisee dubartiin irra taa’uun ykn jilba isaanii irratti taa’uun kan raawwatamu jechuudha. Haaluma kanaan:

💞 Fakkeenya:
Dubartiin dhirsa irra taa’uun (yoo “man-on-bottom” ta’e) mataa fi qaama ofii bilisaan to’achuun raawwachuu dandeessi.

Dhiirti ammoo ciistee ykn teessoo irratti taa’ee ofirratti fudhata.

🩷 Faayidaa isaa:

1. Dubartiin to’annoo qabaatti — saffisa, jaba, fi dheerina yeroo ni to’atti.

2. Hirmaannaa qaamaa fi tasgabbii ni dabala.

3. Walquunnamtii saalaa mi’aawaa fi miidhaa hin qabne ta’uu danda’a, yoo of-eeggannoon raawwatame.

4. wal-quunnamtii saala mi’aawaa fi jaalalaa calaqqisiisuuf Position filatamadha.

⚠️ Of-eeggannoo:

Yoo yeroo dheeraaf taa’aan dhiibbaa qaama (fkn: jilba, lafee dugda) fida wan ta'ef, bakka jilbeenfannaa laafaa filadhu.
Qilleensa (air trapping) fi miidhaa qaama keessaa (pelvic injury) of irraa eegi.
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Dr. Firomsa Jibril
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Inbox 📥  WALQUNNAMTII SAALAA ★★★★★★★★★★★★★★★★★◉ Walqunnamtii saalaa malee dachee tanarra jiraachun hagas mara faayidaa h...
04/01/2026

Inbox 📥 WALQUNNAMTII SAALAA
★★★★★★★★★★★★★★★★★
◉ Walqunnamtii saalaa malee dachee tanarra jiraachun hagas mara faayidaa hin qabu. Walqunnamtiin saalaa gammachuu miira keenyaa qofaaf osoo hin taane fayyummaa qaama keenyatiifis murteessadha. Mukaa'uu irra jalqabee hanga kaanseriif saaxilamuu hir'isuu danda'a. Jaalalleewwan lama warra walqunnamtii saalaa hin raawwanne caala warra raawwatan jidduu hariiroo cimaatu jira. Kabajaa fi jaalalli isaan walii qaban kan addaati. Qaamni keenya dhukkuba ofirraa akka ittisuu fi hirriba bareedaa akka rafnu nu taasisa.
➲ Qorraaf saxilamuu ni hir'isa. Dhukkuba biraa akka dandamannu ni taasisa. Walqunnamtii saalaa baayisuun yeroo dhukkubaaf saaxilamuu ni xiqqeessa. Akka qaamni bacteria, virus fi germ garagaraa of irraa ittisu godha. Dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf ni fayyada. Kana jechuun immoo halkanii guyyaa walqunnamtii saalaa waan dhaantuf dhibeen gonkuma si hin qabu jechuu miti.
➲ Fedhiin keenya akka hin hir'anneef walqunnamtii saalaa baayisuun ni gorfama. Yeroo walqunnamtii saalaa dubaraa irratti dhukkubbii dhaga'amuu fi gogiinsa nafsaalaa xiqqeessuf walqunnamtii saalatti jabaachun gaaruma. Yaa'insa dhiigaa gara nafsaalatti taasisuun akka yeroo hunda naaf saalli dubaraa lallaafu taasisa.
➲ Walqunnamtii saalaa yeroo hunda raawwachuun akka dubartoonni fincaan isaanii to'ataniif ni gargaara. Yeroo walqunnamtiin saalaa raawwatamu miiran dubartiin yeroo fiixerraa geessu maashawwan naannoo gadameessaa jiran waan kottoofataniif dhiibbaa kana dandamachuu ni danda'u. Jabeenyi yeroo gadameessi isaanii kottoonfatanii kunis humna fincaan too'achuuf fayyadu akka oomishaniif ni gargaara. Akka sochii qaamatti tajaajiluu ni danda'a. Sa'aatii walakkaatti nyaata kaalorii heedduu bulleessuu danda'a.
➲ Dhukkubbii yeroo laguu ni ittisa/hir'isa. Dubartiin walqunnamtii saalaa yeroo hunda taasistu warra hin taasisne caala dhukkubbii yeroo laguu dandamatu. Walqunnamtii saalaa yeroo laguu raawwachuunis dhukkubbii nutti dhaga'amu ni xiqqeeessa. Laguunis dafee akka nurraa dhaabbatu ni godha.
➲ Dhukkubbii ni xiqqeessa. Walqunnamtiin saalaa akka ajjeeftuu dhukkubaa (painkiller) gargaaruu waan danda'uuf yeroo raawwaannu miira fiixee xummuraa (or**sm) irra ga'uun akka of wallaallee dhukkubbii nutti dhaga'amu san dagannu nu godha.
➲ Dhiibbaa garaagaraa irraa nama baraara. Walqunnamtiin saalaa keemikaala oxytocin madduuf, keemikaalli kun immoo cinqii fi muukii garaagaraa ittisuuf ni fayyada. Dabalees waa dafanii irraanfachuu irraa nama baraara.
➲ Hirriibaf ni fayyada. Yeroo walqunnamtii saalaa keemikaalli melatonin jedhamu waan maddisiifamuuf, keemikaalli kunimmoo hirriiba sirnaan rafuufii miira gaarii keessa akka dabarsinuuf nu fayyaduu danda'a.
➲ Umurii namaa dheeressa. Yeroo walqunnamtii saalaa keemikaalli ispermidine waan madduuf, keemikaalli kun immoo umuriin namaa akka suuta tiratu godha. Namoota yeroo ammaa kana umuriin fagaatan dur walqunnamtii saalatti jabaa akka turan jara gaafatanii baruun ni danda'ama.
➲ Bifa gaarii qabaachudhaaf walqunnamtii saalaa ni tajaajila. Dubartoonni yeroo hunda walqunnamtii saalaa raawwatan warra hin raawwanne caala bifa nama hawwatu qabu. Dhaabbii bareeda akka qabaatan godha. Dubartiin walqunnamtii saalaa hin goone qaamni ishii dadhabaa deema, akka jaartitti boca fokkisaa horachaa deemti. Dubartiin walqunnamtii saalaa baay'istu boca dubartii durbummaa qabdu fakkaatu qabaatti.
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Dr. Firomsa Jibril
fans
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Walqunnamtiin saa-laa dhiira ni miidhaa?Akkuma beekkamu wanta addunyaa kanaa hunda isaa faayidaa fi miidhaa isaa sirriit...
04/01/2026

Walqunnamtiin saa-laa dhiira ni miidhaa?

Akkuma beekkamu wanta addunyaa kanaa hunda isaa faayidaa fi miidhaa isaa sirriitti beeknee seeraan akka itti fayyadamnu uumaan mirga guutuu nuuf kennee jira, kan beekne immoo walbeeksisuu qabna, kanaaf gaaffiin olitti ka'e kun namoota baayyeen yeroo garagaraatti nuuf ka'ee jira, nutiis akkas jenna👇
Walqunnamtiin saalaa, keessattuu nama wal jaalatanii fi waliif amanamaniif baayyee barbaachisaa fi faayidaalee heddus qaba, garuu faallaa kanaatin walqunnamtii saalaa namoota baayyee waliin gochuun nama tokko hamaa isa miidhuu fi gabbii yoomuu duubatti hin deebine keessa isa galchuu danda'a. Miidhaa isaa keessaa muraasni; ulfi hin karoorfamne akka uummamuu fi xaxaalee isaa, akkasumas dhukkuboota takka nama qabnaan hin fayyineef fknf HIV, vaayirasii tiruu(HBV) fi kkf fa'aan qabamuu, fi kkf fa'a fiduun faayidaalee irraa argachuu malluus osoo hin argatin hafuun sirumaayyu yaaddoo fi dhiphina biraaf nama saaxiluu danda'a, dabalataanis gammachuu yeroo saniitif jennee, jireenyi keenyaa fi maatii keenyaa gara fuulduraatti akka baduu gochuu danda'a. Walumaa galatti walqunnamtiin saalaa daangaa hin qabnee fi fedhii jara lachuu hanga hin taanetti, jara lachuu (dhiiras dubaras) hamaa miidhuu danda'a, garuu walqunnamtiin saalaa namoota wal jaalatanii fi waliif amanamaniif faayidaalee heddu qabaachuu danda'a; isaaniis:-
*Dandeettii dhibee dandamachuu qaamaa (madiinummaa) ni dabala
*Fayyummaa onneef heddu gargaara
*Dhiibbaan dhiigaa akka too'atamuuf ni gargaara
*Miira dhukkubbii kamuu ni hir'isa
*Hirriba gaarii rafuuf ni tolaa
*Dhiphina sammuu hamaa nurraa ittisa
*Si'aa'inna fi dandeetti waa yaadachuu ni dabala
*Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuf nu gargaara
*Ofitti amanamummaa ni dabala
*Carraa dhibee kaanserii tokko tokkoo ni hir'isa fknf kaanserii xannacha 'prostate'
*Dulluma ni hir'isa, keessattu namoota umriin isaanii 45 ol ta'aniif
*Rakkoo fincaa'an qabachuu dadhabuu dubartoota ni hir'isa, keessattu dubartootaa umriin raaganiif
*Fayyummaa qaama saalaaf, saala lachuufuu ni gargaara
*Dhukkuba sammuu keessatti dhiiguu fa'a ni hir'isa
*Rakkoolee walqunnamtii saalaa waliin walqabataan kanneen akka ka'uu dhabuu qaama saalaa, fedhii dafanii xumuruu fi kkf ni fooyyessa
*Carraa dhala argachuu ni dabala
*Dhukkuboota akka iddoo birootti argamuu keessoo gadameessaa(endometriosis) fa'a ni qolata
*Hariiroo, wal amanuu fi jaalala ni cimsaa fi kkf
Dr. Kennaa Tufaa
https://t.me/DrFiromsaDjibrilontelegram11like
Dr. Firomsa Jibril
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Address

Menschien For Menschien
Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Firomsa Jibril posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Firomsa Jibril:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category