28/04/2025
𝙎𝙖𝙗𝙖𝙗𝙤𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙬𝙖𝙣𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖 𝘿𝙝𝙪𝙠𝙠𝙪𝙗𝙖 𝙠𝙞𝙞𝙣𝙩𝙖𝙖𝙧𝙤𝙩𝙞𝙞𝙛 𝙉𝙖𝙢𝙖 𝙎𝙖𝙖𝙭𝙞𝙡𝙖𝙣𝙪 (Hemorrhoids Causes):
Nyaata sooratoota, goggooyduu ta'an faayibarii xiqqaa qaban kan googinsa garaa fidan baay'inaan yokan bifa dhaabbataa ta'een soorachuu.
Gogiinsi garaa dhibee kintaarotiif nama saaxilu keessatti gahee olaanaa qaba.
Yeroon mana fincaani seenuu dhabu yokan Sagaraa of keessatti qabanii tursiisuu, yokan Akkuma miirri sagaraa namatti dhufetti mana fincaanii deemuu dhabuu.
Gogiinsa garaa Yeroo dheeraa Namarra turu yokan (Chronic Constipation) qabaachuu.
Yeroo dheeraa Bakka tokko taa'uu yokan (Prolonged Sitting) Namoonni Guyyaa, guyyaan Yeroo dheeraaf bakka tokko taa'anu kiintaarotiif saaxilamoodha!,
kanaaf yeroo baay'ee namoonni waajira keeysa dalaganuu fi shufeeronni kiintaarootiin isaan irratti uumama.
Fira keeysaa yokan maatii Sanyii (Genetics) keeysaa namni kiintaarootii qabu jiraachuu fi
Akkasumas namni tokko
Sanyii yokan Maatiin isaa Dadhabina (Varicose Veins) Carraa dhukkuba kiintaarotiin Qabamuu guddaa qabaa..
Guyyaatti Bishaan gahaa dhuguu dhabuu, Namoonni baay’een keessaayyuu waqtii gannaa na dheebossaa hin jiru jechuun bishaan hindhuganu, Kuniis Gogiinsa Qaamaa (Dehydration) fi gogiinsa garaa fiduun kiintaarootii fi rakkoo fayyaa garaagaraaf nama saaxila.
Namoonni Guyyaatti Bishaan gahaa fi Nyaata jiidhaa hin fayyadamne dhukkuba kiintaarotii fi kaleetiin Qabamu.
Garaa baasaa, yokan garaa kaasaan Yeroo dheeraa Namarra turu yokan (Chronic Diarrhea) qabamuun, hiddoonni naannawa sagaraa fi ujummoo hudduu akka miidhamu gochuun kiintaarotiif nama saaxila.
Meeshaawwan fi Wantoota ulfaatoo tahan yeroo baayyee baachuu.
Namoonni Yeroo Baayyee Wantoota Ulfaatina qabanu ol fuudhanii baatanu Carraa dhukkuba kiintaarotii fi kaleetiin Qabamuu guddaa qabuu.
Furdina Qaamaa humnaa Olii
(Obesity), Furdinnii fi Ulfaatinni qaamaa namaa yeroo gar malee dabalu hiddoonni naannawa ujummoo hudduu ujummoo sagaraa irratti dhiibbaan waan baay'atuuf kiintaarotiif nama saaxiluu keessatti, qooda gahee Ol'aana fudhaa.
Yeroo dheeraaf mana fincaaniirra taa’aa turuu
Taateen kun baay’iaan namoota hedduurratti kan baratame yoo ta’u namoonni danuun yeroo gara mana fincaanii deemanii taa'anii, kitaabaafi barruuwwan garaagaraa dubbisu akkasumas bilbila harkaa isaanii fayyadamuum
Yeroo dheeraaf mana fincaanii taa’anii turu, kuniis hiddoonni dhiigaa naannawa sagaraafi munnee jiran baay’een dhiigaan guutamuun akka dhiita’anii kiintaarootiin uumama godha.
Dhiibbaa Ulfaa ykn(Pregnancy)
Yeroo ulfaa gadameessi dubartootaa guddachaa waan deemuuf dhiibbaa ujummoo dhiigaa, kan dhiiga gara onneetti geessanirratti dabalaa deema.
Kanaaf Dubartoonni hedduun Yeroo Ulfaa fi da'umsaa Dhukkubni Kiintaarotii isaan irratti uumama yokan ni mul'ata.
Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa hin dhabinaa!