Eklas YKN

Eklas YKN Of ta'uun jireenya fakkeessuu irraa si baraara! Of ta'ii jiradhuu
Of taheen jiradha🙏

11/10/2025

Lubbu fi qabeenyaa ofi caalaa Raasulla jaalachun dirqama Muslimti Űťď·şđź–¤

Miidhaalee Aariin Qabuufii Maloota Ittiin Too'annu.*****************************************Miidhaa Aarun Qabu:1. Diigam...
11/10/2025

Miidhaalee Aariin Qabuufii Maloota Ittiin Too'annu.
*****************************************
Miidhaa Aarun Qabu:
1. Diigamuu maatiif
2. Walitti dhufeenya namoota waliin qabnu ni laaffisa.
3. Dhibeewwan kanneen akka:-
- Onnee
- Dhiibbaa dhiigaa
- Dhiphina
- Hirriba dhabuu
4. Ilaalcha namoonni nuuf qaban gadi buusa.
5. Dirree hojii irratti bu'a dhabeessa nu taasisa.
6. Ofitti amanamummaa keenya gadi buusa.

Too'annoof Mala:
A. Daqiiqaa muraasaaf nama sababa aariikee ta'e irraa fagaachuu.
B. Lakkoofsa 1-20 lakkaa'uu
C. Hafuura dadhabbii(deep breath) baafachuu
D. Waa'ee waan kanaa itti yaaduun qaba jechuun ofitti himuu
E. Hiriyoota ykn namoota naannoo ofii waliin mari'achuu
F. Dhiifama taasisuun nama hubataa akka si taasisu of hubachiisuu fa'a.

Nama jabaa jechuun nama hoggaa aare of too'atu! Kanaaf miidhaalee aariin qabu beeynee of too'atuun barbaachisaadha.
*****************************************
Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!

09/10/2025

Bubuqqa’uu Rifeensaa (Hair Loss)
***********************************************
Rifeensi agarsiiftu bareedina keessaa isa tokko, keessattuu dubartootaf bareedina addaa qaba. Guyyaa guyyaan rifeensi lakkoofsan 50–100 ta’u nama tokko irraa ni buqqa’a, garuu haarawan bakka waan buufamaniif rakkoo hin fiduu. Rakkoon kan dhufu yoo kan buqqa’uu fi kan margu wal simachuu baatedhaa.

Sababoota Bubuqqa’uu Rifeensaaf nama saaxilan
Seenaa maatii ykn dhaalan kan dhufuu/hereditary:- dhibbantaa guddaa kan qabatuu fi yeroo baay’ee yoo rakkoon kun gama abbaatin ykn haadhatiin kan jiraatu ta’e rifeensi suuta suutan, akkuma umriin dabalaa deemun haphachaa ykn mola’aa deemaa. Sababa garagaraattin hormooniin qaamaa jijjiiramuu, Fknf yeroo ulfaa, dhaabbachuu marsaa laguu, rakkoo xannacha taayirooyidii fi kkf..
Dhibeewwan garagaraa kan rifeensa keenya miidhan Fknf kan infeekshiinii akka faangasii, baakteriyaa fa’an dhufan
Qorichoota tokko tokko, kan dhukkuboota biroof kennaman, Fknf kan dhibee onnee, olka’uu dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa, Kaanserii, dhiphina fi kkf fudhataman
Hanqina nyaata madaalawaa ta’ee
Yaala calaqqee mataadhaf fayyadamuu/ radiation therapy
Yaaddoo fi dhiphinna baay’ee hamaa ta’e
Haala tolfannaa ykn sirreeffannaa rifeensaa tokko tokko/hairstyle fknf yeroo heddu tokkosifachuu, waan nama qabuun mataa hidhachuu, gonfoo/ koofiyyaa yeroo baay’ee keewwachuu, haalluu rifeensaa keemikaalota akka ammoniyaa, peroxide fa’a of keessaa qaban dibachuu, Tamboo aarsuu.
Akkaataa Of gargaarun danda’amuun
– Nyaata madaalawaa, keessattuu Pirootiiniin (hanqaaquu, atara, baaqelaa, qurxummii, ocholonii, fi kkf) Vaayitaaminii A, B, C, ( kaarootii, qaaraa, moosee, burtukaana, papayafi kkf) badhaadhan soorachuu.
– Yeroo yeroodhan rifeensa ofii qulqulleeffachuu (torbanitti guyyaa 3-4), yeroo kanaas shampoo fi filaa ilkaan babaldhaa qabu fayyadamuu.
– Rifeensa yommuu sirreeffannu haala ykn style rifeensa keenya harkisuu fi dhiibbaa uumu fayyadamuu dhiisuu ykn xiqqeessuu.
– Wanta nama qabu/dhiphaa ta’e mataatti godhachuu dhiisuu.
– Haalluu rifeensaa isa keemikaalota armaan olitti jenne qabu fayyadamuu dhiisuu, qabaachuu fi dhiisuu isa immoo ogeessa gaafachuu.
– Yaaddoo fi dhiphina hamaa ta’e hir’isuu.
– Qorichoota dhukkuboota biroof kennaman, sababa isaan fudhanneef rakkoon kun akka nu muudatan godhan ogeessa fayyaa mariisiisu
Tamboo aarsuu dhiisuu.

Yaala Dhumaa
Yaalli isaa yeroo baay’ee sababoota rakkoo kanaaf nu saaxilan adda baafachudhan isaan yaaluu ta’a. kanaaf mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisiisun baay’ee barbaachisaadha. yeroo tokko tokko namoonni garagaraa sababa rakkoo kana fide osoo hin beekin caldhisaniituma qorichoota akka minoxidil (kan dibatamu), finasteride (kan liqinfamu) fa’a yommuu fayyadaman ni muldhata. Garuu kuni dogoggora. muddamaan qoricha kanneen fudhachuun sirrii miti. qoricha kamuu osoo Ogeessi fayyaa isiinif hin ajajin fudhachuu hin qabdan. Yaalli isaas ji’a 6 hanga waggaa 1 fudhachuu danda’a waan ta’eef obsuun barbaachisaa.
***********************************************
Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamza Jemal
Associate Professor of Surgery.

05/10/2025
05/10/2025

Faayidaa Buna Dhuguu (Benefits of drinking coffee)

Faayidaalee Buna dhuguun argannu 10:

Dandeettii waa yaadachuu dabala, akkasumas miira dammaqinaa nutti uuma.

Carraa Kaanseerii tokko tokkoon qabamuu hir’isa. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti buna dhuguun carraa kaanserii kanneen akka Kaanserii Tiruu fi Mar’imaanitiin qabamuu gadi buusa.

Carraa dhibee Sukkaaraan (T2DM) qabamuu ni hir’isa.

Carraa dhukkuba onnee fi sammuu keessatti dhiiguu (stroke) ni hir’isa.

Dhukkuboota dulluma keessa dhufan tokko tokko kanneen akka Alzheimer’s disease fi Parkinson’s disease ni ittisa.

Fayyaa Tiruu keenyaaf baayyee fayyada.

Miira mukaa’uu (depression) fi si’aa’ina dhabuu ni ittisa.

Umrii namaa dheereessuu ni danda’a.

Dadhabbiin akka nutti hin dhagahamne godha.

Coomni qaama keenyaa akka gubatu gargaara.

Guyyaatti hangam haa dhugnuu?

Akka dhaabbanni “Guideline” nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessan (average) namni ga’eessi tokko Buna siinii 3-5 ykn Kaafeenii 400mg akka dhugan gorfama.

Miidhaa Daldaa/Side Effects

1. Hirriibni akka nu hin qabne gochuu (Insomnia) Rafuun dura Buna dhuguun hirriibni akka dafee nu hin qabne gochuu danda’a. Kunis nama namaatti garagaraa ta’uu danda’a. Namoota tokko tokko buna dhuguun hirriiba irratti isaan hin rakkisu ta’a. kan biroo immoo rafuun isaan rakkisuu danda’a, sababni isaas dandeettin namoonni kaafeenii dhiigaa keessa jiru balleessuuf (metabolism) garaagara. Kanaaf namoonni rakkoo kana qaban kan gorfamu; yoo rafuuf barbaaddan sa’aa 6 dura dhuguu ykn hanga bunaa xiqqeessu qabdu.

2. Buna dhuguun araada nama qabsiisa. Kanaaf buna osoo hin dhugin yoo hafne, mataa dhukkubbii, miirri dadhabbii nutti dhagahamuu danda’a.
3. Bunni Gubaa laphee ykn singiggoo( heartburn) nutti hammessuu danda’a.

4. Buna baay’isanii dhuguun ulfa irratti miidhaa geesisa. Miidhaan bunni ulfa irratti geesisu hamma irratti hundaa’a. kanaaf dubartootni ulfa guyyaatti sinii 1-2 caalaa fudhachuu hin qaban (yoo danda’an immoo yeroo ulfaa osoo dhuguu baatani ni filatama), garuu baay’isanii dhugan taanan Rakkoolee akka ba’uu ulfaa (miscarriage), daa’ima ulfaatinni isaa gad aanaa ta’e (low birth weight) dhalachuu fa’a fiduu danda’a.
5, Namoonni lakkoofsan baayyee xiqqoo ta’an bunni alaarjii itti ta’uu danda’a.

05/10/2025

Nyaatawwan Kaansarii Garaachaa Ittisuuf Nu Gargaaran.
***********************************************
Fayyaa qaama keenyaa eeguuf nyaanni nuti nyaannu murteessaadha. Nyaanni armaan gadii kunneen kaansarii garaachaa ofirraa ittisuuf nu gargaara:
- Kuduraa fi muduraa: goommana/raafuu, karootii, atara, burtukaanaa.
- Nyaata Omega-3 qaban: Qurxummiifii Talbaa.
- Boqqolloo, missira, fi nyaata fiber qabu.
***********************************************
Wantoota dhiisuu qabnu:
- Nyaata saamsamaa xiqqeessuu.
- Alkoolii fi sigaraa dhiisuu.
- Aaruu dhiisuu.
***********************************************
> Nyaata madaalamaa nyaachun, sochii qaamaa guyyuu taasisuun fayyaa keenya eeguf nu gargaara.
Galatoomaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dayaa!
©️ Dr. Hamza Jemal
Associate Professor of Surgery.

Address

Harerge

Telephone

+251949333432

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Eklas YKN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Eklas YKN:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram