Megersa Abduraman

Megersa Abduraman Fayyaan faaya
(4)

Shamarri tokko Wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’uu ni dandeessii?Shamarri tokko wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’uu ni d...
27/11/2025

Shamarri tokko Wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’uu ni dandeessii?

Shamarri tokko wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’uu ni dandeessii?

Durbi durbummaa qabdu ulfaa’uu ni dandeessii?

Akkuma beekamu yeroo wal qunnamtii saalaa sanyiin dhiiraa (Ispeermiin) miliyoonaan lakkaa’aman qaama saalaa dhalaa keessa seenuun adeemsi uumamuu dhala namaa jalqaba. Yeroo tokko tokko taateewwan isaa baay’ee muraasa tahus yeroo shamarreen tokko dhiira waliin otoo wal qunnamtii saalaa hin godhin ykn durbummaa waliin ulfaa’an argamaa jira. Qorannoon bara 2013 biyya ameerikaatti shamarran durbummaan ulfaa’an 7870 irratti hojjatame keessaa dubartoonni 45 wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’an jedha.

Akkamitti wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’uun danda’ama?

Sanyiin dhiiraa (Ispeermiin) ala baay’ee turuu hin danda’u. Garuu karaawwan shamarreen tokko wal qunnamtii saalaa malee ulfooftu keessaa

Sanyii dhiiraa (Ispeermii) shamarreen tokko harkasheen qabdee ykn harkasheerratti dhangalaasee yoo qaama saalaa ishee tuttuqte.

Dhiirri tokko sanyii dhiiraa isaa(Ispeermii) naannoo qaama saalaa dhalaatti yoo dhangalaase.

Yoo qaamni saalaa dhiiraa ka’ee naannoo qaama saala dubartii tuqe. Gama biraan dhiirri tokko ispeermii bishaan daakaa keessatti yoo dhangalaase ulfaa’uun ni danda’amaa kan jedhu wal falmisiisaa ta’uus ispeermiin baay’ee jabaa ta’e ulfeessuu danda’a kan jedhu qorattoonni tokko tokko ni kaa’u.

Gorsa Fayyaa dubartoota ulfaaf

Mana yaalaatti yeroo ulfaa yoo fayyaa tahanillee yoo xiqqaate si’a 4 hordoffii gochuu qabu, Nyaatawwan madaalawaa tahan kanneen akka kuduraaf fuduraa, Atara/baaqelaa, foon, hanqaaquu/killee, Aannan fi yoo argama tahe qurxummii faa soorachuu qabu, Yeroo ulfaa gara jalqabaa sababa jeeqamuu hormooniirran kan Ka’e nyaati isaan nyaatan waan isiniif hin sifoofneef (haqqisaa, ol nama xuquu fi fedhiin nyaataaf hir’achuu waan jiruuf nyaata jajjjaboo tahan xixiqqeessuun yeroo yeroon soorachuu qabu.

Boqonnaa fudhachuu, Akkasumas ba’aa ulfaataa tahe kaasuu dhiisuu, Qoricha kamillee gorsa ogeessa fayyaa malee ykn ajaja ogeessa fayyaa malee fudhachuu hin qaban. Sababni isaas qorIchoonni tokko tokko daa’ima gadameessa keessaarratti miidhaa waan geessisuuf, alkoolii dhuguuf tamboo aarsuurraa of qusachuu qabdu, qoricha dhiigaa (ayiranii) yeroo ulfaa ogeessi fayyaa isiniif ajaju addaan kutuu hin qabdan/qaban,

Mallattoowwan akka mataa dhukkubbii, Hoo’ina qaamaa (leeydaa), nama joonjessuu (dacheen shir nama jechuu), dhangala’aan foolii qabu gadameessa keessaa dhangala’uu, Dhiiga yoo ofirratti argitan, Bishaan garbaa (gubbee) otoo cimiimmuun hin dhufin yoo isaan irraa dhangala’e hatattamaan mana yaalaa deemuu qabu. Dubartiin haadha, obbolaadha, haadha manaadhas. Kanaafuu abbootin manaas haadholii manaa keessan yeroo ulfaa sirriitti kunuunsun isinirra jiraata.

☠️  ?     **👉  " jechuun walitti qabaa dhukkuboota Vaayirasii garaagaraatin dhufaaniiti.Vaayirasiiwwan kunneenis:-- Ebol...
14/11/2025

☠️ ?
**
👉 " jechuun walitti qabaa dhukkuboota Vaayirasii garaagaraatin dhufaaniiti.Vaayirasiiwwan kunneenis:-
- Ebola Virus.
- Marburg virus.
- Yellow Fever .
- Lassa Fever fi kkf.
Dhukkuboonni kun heddumminaan naannoo tropical area tti deddeebin mul'atu. Weerara fiduudhanis beekamu.
👉 ?
- Qaama gubaa
- Dhukkubbii buusaa
- Ballaqamsiisaa gadi teessuma(kan dhiiga makatellee ta'uu danda’a
- Dadhabbii qaamaa
- Dhiiga garaa qaawwa qaamolee garaagaraa (Afaan,funyaan gurra fi kabiroo)

👉 ?

- Nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqaa qabaachuu.
- Dhangala'aa namoota dhukkubichaan qabameen tiqamuu.
- Bookee busaa
- Hargansuudhanillee kan darban ni jiru.
- Nama dhukkubichaan du'e tuttuquu.
👉Dhukkubni kun hangi nama ajjeesuu isaa gosa Vaayirasii dhukkubicha fidee irratti kan hundaa'ullee ta'u ragaa hanga ammaa jiruun 25-90% ta'a. Kana jechuun nama dhukkuboota kanaan qabame dhibba tokko keessaa namni naannoo 25 hang 90 du'uu danda'u jechuudha. Yoo deeggarsi yaalaa hin godhaminiif.

👉 'ama?
- Nama dhukkuba kanaan qabametti baay'ee itti dhiyaachuu dhiisuu.
- Ilbiisota addaa addaa ittisuu fi farra ilbiisotaa fayyadamuu.
- Nama dhukkubichaan qabamuu shakkame adda baasuu fi kkf fa'a.

👉 ?
Dhukkuboonni kun yaala duubatti deebisu hin qaban. Wanti mana yaalatti godhamu deeggarsa ogummaa tokko tokko gochuu qofa. Deeggarsuma saniinuu garuu hanga tokko du'aatiin ni hir'ifama.
Weerarri kun biyya keenyatti ka'e taanan balaa guddaa geessisa. 🤲. Cabsee Dhufnaanis waan dandeenyun dura dhaabachuuf qophiidha. godhaa! godhuun barreeffama kana nama biraan gahuun lubbuu baraarudha.
Namoota itti dhiyaattan kan social media hin fayyadamnes afaanin itti himuun dhibee kana waliin haa ittisnuu.

Of Eeggannoo Namoonni Dhukkuba sukkaaraa qaban taasisuu qaban1. EEGGANNOO QAAMAA- Yoo qeensa qoratan of eeggannoo guddaa...
07/11/2025

Of Eeggannoo Namoonni Dhukkuba sukkaaraa qaban taasisuu qaban

1. EEGGANNOO QAAMAA- Yoo qeensa qoratan of eeggannoo guddaadhaan akka of hin murretti qeensa gadi hambisuun qorachuu, Yoo kophee godhatan kophee baballaa ykn kan duraan kaa’atan irra lakkoofsa tokkoo ol dabalanii kaa’achuu, Yoo deeman miila qullaa fi kopheewwan miila mullisan kaa’achuu irraa of eeggachuu, Yoo miila dhiqatan bishaan dilallaa’aadhaan dhiqachuu, Miila isaanii irra yeroo yerootti akka madaan irra jiruuf hin jirre caqasuu qabu.

Sababa adda addaatiin madaan miila isaanii irratti yoo ba’e akka warra kaanii ofiin fayyuun waan yeroo dheeraa fudhatuuf mana yaalaa deemuu qaban.

2. QORICHA- Qoricha mana yaalaa nuuf kennamu seeraan eegnee yoo fudhanne gilukoosii qaama keenya keessaa ggarmalee akka ol hin kaane taasisuudhaan rakkoo dhukkubi kun onnee kalee fi qaamota biroo irraan ga’u akka dafee hin dhufne tasisa.

3. NYAATA- Waantoota qabiyyee sukkaaraa qaban kanneen akka shayii, dhugaatii lallaafaa mi’aawaa, fi kkf. Irraa of qusachuu qabna. Kuduraa fi Muduraa mimmiyaa’oo hin taane ammoo sirriitti siirachuudha. (Asirratti yeroo tokko tokko sukkaara baay’isanii nyaachuudhaan dhukkubni sukkaaraa nama qaba jedhanii kan yaadan dogoggora. Erga dhukkuba sukkaaraan qabamnee garuu nyaachuu hin qabnu.)

Nyaata coomaa fi dhadhaaan itti baay’ate nyaachuu irraa of qusachuu. Kunis nyaanni kun ofuma isaatiin illee rakkoo qaamota keenya akka onnee fi hiddoota dhiigaa irratti waan fiduuf warra dhukkuba kana qaban irratti ammoo waan irra hammaatuuf.

Sababa adda addaatiin yoo sukkaarri qaama keessaa gadi bu’e mallattoo akka dafqisiisuu, dadhabsiisuu, rukkuttaan onnee garmalee akka nama fiigaa jiruutti rukkutuu fi of wallaaluu yoo argitan daftanii waan sukkaara qabu xiqqoo fudhachuu qabdu. Kan akka karamellaa, lallaafaa… Akkuma Mallattoon sirraa’een garuu dhaabuu qabna. Yoo irra deddeebi’ee yeroo baay’ee nutti dhufe tarii dosen qoricha fudhachaa jirruu olka’aa ta’uu waan danda’uuf mana yaalaa deemnee sirreessisuu qabna.

FAYYAA SOMBA KEESSANIIF:******1.  Sochii qaamaa hargansuu sombaa sirritti hojjachiisan akka: daddafanii deemuu (brisk wa...
17/10/2025

FAYYAA SOMBA KEESSANIIF:
******
1. Sochii qaamaa hargansuu sombaa sirritti hojjachiisan akka: daddafanii deemuu (brisk walking), baayisaayikilii (bicycle) oofuu fi baay’ee daddaffii (hariitiidhaan) mana qulqulleessuu illee dabalatee taasisuu. Sochiiwwan kana guyyaatti daqiiqaa 30 gochuu qabna.
2. Waantoota qilleensa naannoo keenyaa faalan, kanneen to'achuu dandeenyu akka aara mana keessaa kan cilee irraa maddu, of irraa fageessuu.
3. Diina sombaa isa hangafa kan ta'e, tamboo aarsuu fi naannoo namoota tamboo aarsanii jiraachuu irraa of qusachuu!!!
4. Dhugaatii alkoolii garmalee baay’isanii dhuguu irraa of qusachuu.
********************
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!!

Faayidaa Buddeena Xaafii Nyaachuu irraa argannu:Namootni hundumtuu osoo buddeena xaafii nyaatee ni jaal'ata, kunis immoo...
14/10/2025

Faayidaa Buddeena Xaafii Nyaachuu irraa argannu:

Namootni hundumtuu osoo buddeena xaafii nyaatee ni jaal'ata, kunis immoo sababa lallaafuuf tahuu danda'a. Ani xaafii nan jaal'adha, yeroo darbe gatiin isaa akka malee dabalee ture. Anis xaafiin maaluma qabaayyuu akka kana dabale jedheen itti yaade. Garuu qorannoon Itoophiyaa fi biyya alaatti adeemsifame tokko buddeena xaafii nyaachuun faayidaa armaan gadii qaba jedha.
1. Dhiibbaa dhiigaatiif ni gargaara.kunis elementii soodiyeemii xiqqoo waan qabuuf.
2. Hammi giluukoosii dhiiga keessa jiru ni xiqqeessa kunis namoota dhibee sukkaaraa qabaniif gaariidha
3. Ayiranii fi Albuudota fayyaa dhala namaaf barbaachisoo tahan of keessaa qaba.
4.Vitaaminoota fayyaa namaatiif murteessoo tahan of keessaa qaba.
5. Jabina lafee fi ilkaan keenyaaf ni gargaara,kunis albuuda kaalsiyeemii gahaa waan of keessaa qabuuf.
6. Gartuulee Soorataa kan akka Kaarbohaaydireetii,pirootinii baayinaan,Faattii hammaan xiqqoo tahe of keessaa qaba.
7. Namoota kuduraalee fi fuduraalee qofa sooratan(vegans) ,kan foon,buuphaa fi kanneen biroo hin sooranne akka madda pirootiniitti fayyada.
8. Pirootinii giluuten jedhamu irraa bilisa.

Harmi Dubartootaa Qaqqabaa/Shukkuummaa Dhiiratiin Jigaa?********************************************Wantoonni harma duba...
12/10/2025

Harmi Dubartootaa Qaqqabaa/Shukkuummaa Dhiiratiin Jigaa?
********************************************
Wantoonni harma dubartootaa jissan kan saayinsiin mirkanaa’e:
1. Umurii: Laamsha'uu qaamaa fi hir'inni hormoonii garaagaraa umurii waliin dhufu harmi akka kufu taasisa.
2. Harkisa lafaa: Waggaa dheeraa booda harmi akka jiguuf sababa biraati.
3. Yeroo baay'ee aduu fi ho'aaf saaxiluu: qaamoleen tishuu harmaa deeggaran akka dadhaban godha.
4. Tamboo xuuxuu: Dubartoonni tamboo xuuxan harmi isaanii ni jiga.
5. Furdina garmalee, akkasumas hatattamaan furdina qaamaa hir'isuu
6. Daa'ima baay'ee da'uu/dhaluu
7. Qabduu harmaa kan harmaan wal hin madaalle godhachuu
Hubadhaa: Dubartoonni yeroo baay'ee harma harkaan xuxxuquun yookan dhiira xuxxuqsiisuun akka harma jissutti yaadu; kun waan qorannoon mirkanaa'e miti.
Harmi jige sirraa'uu ni danda'a!
Lafa Nagayaa Oolaa!!!

Dubartoonni Qaama Saalaa Isaaniitti Bishaan Naquun Qaamni Saalaa Isaanii Foolii Hamaa Qurxummii Qurxummii Jedhu Isaanitt...
11/10/2025

Dubartoonni Qaama Saalaa Isaaniitti Bishaan Naquun Qaamni Saalaa Isaanii Foolii Hamaa Qurxummii Qurxummii Jedhu Isaanitti Fida.
********************************************
Dubartoonni qaama saalaa isaanii bishaaninis ta'ee wanta biraa keessa seensisanii/itti naqanii dhiqachuun qaamni saalaa isaanii yeroon booda foolii qurxummii qurxummii jedhu godhachuu danda'a. Bishaanis ta'ee dhangala'aan biroo yoo qaama saalaa dubartootaa seenee gogggossuu/qoorsuu baatan, foolii badaa akka godhatuuf saaxila. Foolii kanaaf kan nama saaxilu kana qofa miti. Sababoonni birootis ni jiru. Sababa qaamni saalaa isaanii rakkoo kanaaf saaxilamuu irraa kan ka'e bultii diigamte manni haa lakkaawu. Dubartoota rakkoo kanaaf saaxilaman walqunnamtii saalaa wajji raawwatuun hedduu ulfaatadha. Kanaaf rakkoo ulfaataa fida waan ta'eef irraa of eegaa jechaa warri rakkoo kanaaf saaxilamtan yoo jiraattan ogeessa fayyaa mariisisuun hin dagatinaa.

Hubadhaa: Kana jechuun qaama saalaa bishaanin hin qulqulleessinaa jechuu miti. Erga Qulqulleessitan booda bishaan goggossuu/qoorsuu qabdu. Uffata ykn sooftii fayyadamuun gogggossuu qabdu. Keessoo Qaama saalaa bishaanin hin qulqulleessinaa jechuun qaama saalaa keessatti(baqaana keessoo isaatti) bishaan hin naqinaa jechuudha.

Suraan kun keessoo qaama saalaa dubartootaa maayikirooskooppiidhaan (microscope) gaafa ilaalan akkas fakkaata!!!
Stratified squamous none keratinized!!!
********************************************
Ulfaadhaa! Fayyaa ta'aa! Fayyaa dahaa!

Faayidaa fi Miidhaa Duubaan wal qunnamtii saa*laa raawwachuu:Inni kuni kan raawwatamu yeroo baay'ee dubartiin jilbeeffat...
05/10/2025

Faayidaa fi Miidhaa Duubaan wal qunnamtii saa*laa raawwachuu:
Inni kuni kan raawwatamu yeroo baay'ee dubartiin jilbeeffattee, harkaan immoo lafa qabattee ykn dhaabbattees gadi jechuudhaan wal qunnamtii saa*laa raawwatamuudha.
69 jechuudhaan warri waamanis jiru.
Akkaatuma lakkoofsota kanneenitti, dhiirri dhaabbatee, rifeensa, ykn mudhii ishee qabachuudhaan, dubartiin immoo hudd*uu ishee banaa gootee(qoobsitee) bifa walqunnamtii saa*laatiif mijatuun lafa qabachuun ykn waan fuul dura ishee jiru qabattee kan rawwatamuudha.
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Faayidaa Quncee Muuzaa.*****************************************Namoonni hedduun mi’aa muuzii barbaaduf keessa isaa nyaa...
01/10/2025

Faayidaa Quncee Muuzaa.
*****************************************
Namoonni hedduun mi’aa muuzii barbaaduf keessa isaa nyaatu malee, quncee isaa ni darban. Garuu qunceen muuzaa faayidaa fayyaa ajaa’ibsiisaa qaba:

Qunceen muuzaa qoricha uumamaati.
- Fayyaa nyaataa tiksu: Qunceen muuzaa faayibarii (fiber) gosa lama of keessaa qaba, Kan nyaanni si’aayinaan akka bullaa'u godhuu, Sukkaara dhiiga to’achuuf, akkasumas quufaf gargaaru.
- Antioxidant cimaa: Qunceen muuzaa polifenoolii fi karotinoidii of keessaa qaba, kunis dhukkubaafii dhiphina ittisuuf gargaara.
- Vitamin fi miniraalota: Vitamin B6, Vitamin C, Potassium fi Magnesium of keessaa qaba — kan fayyaa onnee, ittisa qaamaa/madinummaa, fi fayyummaa sirna narvii tiksuuf gargaaran of keessaa qaba.

Sammuu fi Hirriiba Tasgabbeessuf:
- Qunceen muuzaa tryptophan of keessaa qaba, kunis serotonin uumuuf gargaara. Serotonin qulqullina hirriibaafi tasgabbii nuu kennuuf nu gargaara.

Miidhagina Gogaaf:
Namoonni gogaan isaanii suntuure keessattuu namoonni umriin deeman yoo quncee muuzii gogaa isaanin ganama ganama kan shukkuuman ta'e suntuura gogaa balleessun gogaan isaanii akka diriiru taasisa. Namoonni kaanis yoo fayyadaman miidhagina gogaa dabaluufii googaa lallaafaa akka qabaataniif gargaara.

Akkamitti Itti Fayyadamna?:
Quncee Muuzaa summii/qoricha farra ilbiisotaa fi xurii hin qabne sirritti erga qulqulleessitan booda shaayii waliin danfisuun ykn ammoo quncee muuzaa qofa bifa shaayiitin danfisuun dhuguu dandeessu. Quncee Muuzaa dheedhii odoo hin taane kan sirritti bilchaatefii hin gurraachomin fayyadamuun filatamaadha.

Hubadhaa: Yoo dhibee garaachaa ykn rakkoo sirna bullaa’insa nyaataa qabaattan quncee bifa shaayiitin danfiftan kana xiqqo xiqqoon yoo guddatte burcuqqoo takkarraa eegaluun of barsiisaa deemuu qabdu. Namoonni rakkoo kanarraa bilisa taatan garuu hamma barbaaddan yoo dhugdanis rakkoo tokko hin qabu.
*****************************************
Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!

Dhuufuu Dhuufun Dhiibbaa Dhiigaa Gad Buusuf Ni Gargaaraa?********************************************Dhuufuu dhuufun (fa...
29/09/2025

Dhuufuu Dhuufun Dhiibbaa Dhiigaa Gad Buusuf Ni Gargaaraa?
********************************************
Dhuufuu dhuufun (farting) sochii qaama namaa keessatti uumamu kan uumamaa ta’e fi fayyaa garaa eeguuf murteessaa ta’eedha. Yeroo nyaata nyaannu, gaasii garaa keessatti uumamu qaama keessaa baasudhaan dhiibbaa fi dhiphina garaa hir’isuuf gargaara. Dhuufun mallattoo sochii nyaataa sirrii ta'uufii fayyummaa garaa agarsiisa. Akkasumas, yeroo nyaata faayibarii (fiber) qabu nyaannu, bakteeriyoonni garaa keessa jiran nyaata sana diiguun gaasii uumu, kunis dhuufuu akka dhuufnu nu godhuun bakteeriyoonni garaachaa fayyaa ta’uu agarsiisa. Dhuufu dhuufun fayyummaaf gaarii ta'us garuu ittananii dhuufun kintaarotii namatt fiduu danda'a. Dhiibbaa dhiigaa hir'isuu keessatti gahee guddaa qaba. Innis qo'annoon saayintistii Johns jedhamu akka mull'isutti baakteeriyaan inzaayimii hidda dhiigaa fayyadamuun qilleensa hydrogen sulfide maddisiisa, yeroo kana hiddi dhiigaalee relax ta'uudhaan dhiibbaan dhiigaa keenyaa akka gadi bu'u taasisa.

Faayidaan biraa inni guddaan dhuufuu dhuufun qabu dhiphina garaa fi gubaa hir’isuudhaan tasgabbii qaamaaf gumaachuu danda’a. Garuu, yoo dhuufun baay’achaa deemte ykn foolii hamaa qabaatte, rakkoo nyaataa ykn dhukkuba garaa agarsiisuu danda’a.
********************************************
Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!

"Dheerinnii fi Bal'inni Qaama Saalaa Dubartootaa hangami?"***********************************************Qaamni saala du...
27/09/2025

"Dheerinnii fi Bal'inni Qaama Saalaa Dubartootaa hangami?"
***********************************************
Qaamni saala dubartootaa qaama baay'ee ajaa'ibsiisaa ta'eedha. Sababni isaas, dheerinni fi bal'inni isaa namaa namatti qofa osoo hin taane, kan namuma tokkooyyuu yeroo yeroodhaan akka barbaadutti of jijijjiruu waan danda'uufi. Fknf, yeroo marsaa laguu, walqunnamtii saalaa, da'umsaa fi kkf akka barbaadetti of jijijjiira. Yeroo baay'ee garuu, dubartoota umrii walhormaataa keessa jiran qaamni saalaa isaanii dheerinni isaa jiddu galaan 7cm hanga 15cm ni ta'a. Akkasumas, bal'inni isaa 2.5cm hanga 6cm ta'uu danda'a. Kuni dhaabbataa miti. Kana jechuun, sababa jijjiiramuu hormoonii qaamaatiin yeroo garagaraatti kuni jijjiiramuu danda'a jechuudha. Akka qorannoon garagaraa ibsutti yeroo walqunnamtii saalaa gammachuu argamuuf dheerinaa fi bal'inna qaama saalaa caalaa gahee guddaa kan taphatu iddoo argama kutaa qaama kanaa kan ta'e 'cl****is' jedhamuufi qaamni saala dhiiraa iddoo kana sirriitti argachuufi argachuu dhabuudha jedha.
Galatoomaa!!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Address

Harar

Telephone

+251973564502

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Megersa Abduraman posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram