12/10/2025
Dhukkuba baraas(vitiligo) n maali?
Sababni ka'uumsa isaa hoo? Nama irraa namatti ni darbaa?
Xaxaan inni fidu maali?
Akkamiin yaalama?
Vitiligo jechuun dhibee gogaa sababa seelonni halluu gogaa qaama keenyaf kennan sababoota garagaraan qaama
keenya keessaa dhabamaniin kan dhufuudha.
Dhabamuu seelota kanaaf wanti akka
yaadatti kaa'ame keessa isaan ijoon.
1)yeroo seelonni qaama keenya matuma isaanii akka farra qaama alagatti ilaalanii
of balleessanin dhufa.
2) yeroo qaama keenya keessaa summiiwwan seelonni gad lakkisaan hamma chemikaala isaan
himbaabseessan caalaani argaman ka'uumsa dhibee kanaatif isaan hangafaati.
Dhibeen baraas(vitiligo) maalin wal
qabata?
1) sanyummaan daddarbuu danda'a.
Kanaan wal qabatee dhibee sukkaraa
sadarkaa 1ffaa,uccuuba mormaa
akkasumas hirina dhiigaa fi dhibee rifeensa n a m a irraa
dhabamsiisan(alopecia areata) waliin wal qabatuu danda'a.
Namoota dhukkuba kanaan qabaman irrattis wantoonni dhibeen kun akka
hammaatan godhan keessaa muraasni:
•qamni keenya yoo sababa adda addaatin madaawu ykn dhawamu bakka saniin deebi'ee dhufuu danda'a.
Keemikaalota kophee plastikaachemical leukoderma) keessatti argamaaniin wal
gabatees bakka sanaan argamu danda'a. Mallattoo dhukkubichaa:
mallattoolee tuqaa adii qaama irratti haala
walfakkaatun faffaca'ee argamu fi yeroo tokko tokko rifeensa mataa fi nyaara
ijaatis waliin addeessee argamuu danda'a. Kana malees bifa gara garaan mul'achuu danda'a,kunis bifa geengoo ykn
sararaawaa kan qabu yoo ta'u, daangaa
isaanii kan qaxxaamuree, guddina
miliimeetira muraasaa hanga seentimeetiran lakkaawamuun argamuu
ni danda'a.
dhibeen kun qaama keenya hunda irratti bibittiinnaa'ee argamuu danda'a.garuu
,baay'inaan harka, miila fuulaa akkasuma
hidhii fi naannoo qaama saalaa irratti kan mul'atuudha.
Dhibeen kun nama irraa namatti ni dabraa? Dhikkubni baraas nama irraa namatti
abarsaan ykn tuttuuggin hin darbuu,garuu bifa sanyiitiin miseensota maatii keessatti argamu ni danda'a.
Xaxaa dhibee kanaa maalii.
1) xinsammuun miidhamu,namoota irraa gargar bahuu fi dhiphina hamaa keessa galchuu danda'a.Akkasuma midhaa aduu dandamachuu dadhabuun mul'achuu danda'a. Yaalamuu ni danda'aa?
Eeyyeen,yeroo mallattoo akkana ofirratti argaan ogeessota yaala gogaatin
mari'achuu fi yaalamuun barbaachisaadha.
Reference:Up to date 2024
By,Dr Magarsaa.A (MD,Dermato Venereology PGY III).
Galatoomaa.
Harme Clinic/Harar