14/09/2025
🗣Jiraattonni Magaala adaamaa fi naannawa ishee jirtan baga gammaddan.
👉Hospitaala keenyatti kutaa “Neonatal ICU” kunuunsaafi Yaalii daa'imman kichuu(reefu dhalatanii) banamee jira.
👉Kutaan kun meeshaalee ammayyaa
✔️hoo'a daa'immanii eegu(Radiant warmer),
✔️sirna hargansuu daa'immanii gargagaaru(Neonatal CPAP),
✔️keelloo ta'uu daa'immanii kan yaaluu(phototherapy) fi kkf of keessaa qaba.
👉Akkasumas humna namaa kanneen Akka
▪️Ispeshaalistii dhibee daa'immanii fi Sab Ispeshaalistii daa'imman reefu dhalatanii (neonatologist),
▪️Ispeshaalistii dhibee daa'immanii fi Sab-Ispeshaalistii dhibee onne daa'immanii (cardiologist)
▪️Ispeshaalistii dhibee daa'immanii(pediatrician) fi nursoota muuxannoo yeroo dheeraa qaban hunduu ni argamu.
👉walumaa galattii kutaan kun daa'imman reefu dhalatanii dhibee adda addaa isaan muudateefi daa'immanii yeroon osoo hin geenye dhalatanii fi kunuunsa addaa barbaadaniif Tajaajila sa'aatii 24 kennuuf qophaa'ee jira.
Teessoo: Magaala Adaamaa, Humna ibsaa, Daaddaa moolii duuba