09/12/2025
Sinus
Dhukkubi saaynasii πdubbisi si fayyada
Dhukkubi Saaynasii maali? Haala Kamiin of gargaaruu Dandeenya? Clear self-help Guide!
Dhukkubi Saaynasii (Sinusitis)- loluu (inflammation) ykn dhiitawuu iddoowwaan banaa qilleensaan guutamaniifi naannoo ijaa, funyaanifi adda keenyaa irratti argamaniiti. Yeroo baay'ee qilleensa baay'ee qorraa taheen kan walqabatu yoo tahu, vaayirasii, Bacteria, faangasiifi alarjiin wantoota dhukkuba saaynasii (Sinusitis) fidan kan birooti.
Yoom namni tokko dhukkuba saaynasii qaba Jenna?
β’ Funyaan cufamuu
β’ Furrii funyaanii furdaan yoo jiraate
β’ Foolii fuunfachuu dadhabuu
β’ Dhukkubbii mataa, ija diimessuu fi nyaachuu, waan akka mataan duwwaa tahee itti dhagahamuu
Yoo Jiraate fi kkf
Mana keenyaatti akkamiin of gargaaruu dandeenya(home remedies)?
β’ Hurka bishaanii daqiiqaa 10-15 guyyaatti yeroo hanga 2-3 ulachuu
β’ Ashaboo bishaan danfee qorretti dabaluun funyaan gara cufameetti godhachuu
β’ Dhangala'aa gahaa fayyadamuu
β’ Fooxaa Bishaan hoo'aa keessa cuubuun guyyaatti yeroo baay'ee daqiiqaa 10-15f fuularratti qabachuu
β’ Yoo raftan boraatii olkaasuu fi boqonnaa gahaa gochuu
β’ Nyaatota mi'eessituu akka qullubbii adii, zinjibilaa fi qaaraafaa fayyadamuu
β’ Yoo argame zayita baargamoo (Eucalyptus oil) funyaanitti godhachuu
Yoom ogeessa fayyaa ilaaluun barbaachisa
β’ Mallattoo guyyaa >10 osoo hin fooyya'in ture yoo jiraateΔ
β’ Yoo hoo'a qabaattan, dhukkubiin fuulaa cimaan jiraate
β’ Deddeebi'ee isin dhukkube yoo tahe
Sinusitis guutumatti kan hin fayyine yoo tahu(Allergic type), yaala gargaarsaa argachuun ni danda'ama