Nursingpage

Nursingpage NURSINGPAGE🩺✅🧑‍🔬

Dhukkuba MPox (Monkey Pox Virus)**************************************Dhukkubni Mpox (monkeypox = maariiyyee jaldeessaa)...
26/05/2025

Dhukkuba MPox (Monkey Pox Virus)
**************************************
Dhukkubni Mpox (monkeypox = maariiyyee jaldeessaa) jedhamu magaalaa Moyaalee keessatti mul'atee jira jedhamaa jira..

Maariyyee Jaldeessaa/ Monkey pox

👉Dhaabbanni fayyaa Addunyaa(WHO) weerarri dhukkuba "Monkey pox " Baha Aafrikaatti akka ka'e ibsee jira
Waa'ee Dhukkuba kana waan beekuu qabnu
♨️Dhukkubni Monkey pox(Maariyyee jaldeessaa) jedhamu kun kan inni dhufu Vaayirasii "Monkey pox" jedhamuun yoo ta'u dhukkuba baay'ee daddarbaa ta'eedha........
♨️ Mallattoolee Isaa
👉 Shiftoo qaamaa
👉 Dhaqna gubaa /hoo'ina qaamaa
👉 Dhukkubbii huuba qoonqoo
👉 Bowoo mataa
👉 Dhukkubii qaamaa/maashaa
👉 Dhiitoo xixinnaa nama dhukkubu
👉 Humna dhabuu

♨️ Karaa Ittiin Daddarbu
👉 Tuttuqqii qaamaa
👉 Walitti siqanii haasawuu
👉 harka walfuudhuu
👉Afaan keessa waldhungachuu(kissing)
👉 Walqunnamtii saalaa
👉 Uffata nama dhukkbni qabee uffachuu
👉Beeylada dhukkuba kanaan qabameen ciniinamuu,boccooramuuu

♨️ Yaala Isaa
👉Dhukkubni kun hanga ammaa yaala kana jedhamu hin qabu. Deeggarsa garaagaraa taasisuu fi ittisuurran kan hafe.
Ittisa:
Dhukkuba kana akkamiin ittisuun danda'ama?
👉Talaallii dhukkubichaa fudhachuu
👉Nama dhukkubichaan qabame qofaatti baasuu(Isolate) gochuu
Namni dhukkubichaan qabame maal gochuu qaba?
👉Qofaa isaa mana turuu
👉Qaama isaa bakka shiftoon jiru akkuma tuqeen harka dhiqachuu
👉Maaskii godhachuu
👉Qaama isaa uwwisuu dhiisuu
👉Meeshaalee garaagaraa tuquu dhiisuu
👉Bishaanitti soogidda xinnoo godhee afaan lulluuqqachuu
👉Bishaan hoo'atti soogidda godhanii qaama dhiqachuu,keessattuu bakka dhiitoo fi shiftoon jiru.

Maaltu godhamuu hin qabne?
đź’€ Qaama bakka shiftoon jiru hooquu dhiisuu.sababni isaas hooqun akka madichi hin fayyinee fi bakka biraatti darbu godha waan ta'eef .
đź’€ Bakka shiftoon jiru sanarraa hanga badutti rifeensa haaduu dhiisuu.
**************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

://www.facebook.com/profile.php?id=100069289488919

Yeroo ulfaa Sochii qaamaa hojjechuun faayidaa akkamii Dubartootaaf qaba?- Dhukkubbii dugdaa ni hir’isa- Gogiinsa garaa y...
26/05/2025

Yeroo ulfaa Sochii qaamaa hojjechuun faayidaa akkamii Dubartootaaf qaba?
- Dhukkubbii dugdaa ni hir’isa
- Gogiinsa garaa yeroo ulfaa ni hir’isa
-Si’aaina fi anniisaa dubartootaa ni dabala
-Hirriba qulqulluu tahe akka rafan godha
-Ulfaatina qaamaa garmalee ni hir’isa
-Maashaa jabeessuun cimina kennaaf.
-Dhibee sukkaaraa ulfaan wal qabatee dhufu (Gestational diabetus mellitus) ni hir’isa
-Dhiibbaaa dhiigaa olkahaaf akka hin saaxilamneef gahee guddaa qaba

Sochiin qaamaa yeroo ulfaa godhamu hedduu jira. Sochiiwwan kunniin sochii akkamii akka tahe ogeessota fayyaa mariisiisuun akkasumas Viidiyoowwan ogeessota Ispoortiin kennaman kanneen akka Yoga, kegels exercise fi kkf ilaaluun hojjechuun ni gorfama

TAAYIFOODI - Typhoid Fever *****************************Taayifoodiin baakteriyoota "Salmonella Typhi" fi "Salmonella Par...
26/05/2025

TAAYIFOODI - Typhoid Fever
*****************************
Taayifoodiin baakteriyoota "Salmonella Typhi" fi "Salmonella Paratyphi" jedhamuun dhufa. Dhukkubni kun biyyoota guddataa jiran keessatti bal'innaan kan mul'atu fi cinqaa ta'uyyuu, biyyoota guddatan keessatti hedduu hin muldhatu.
---
---
Taayifoodiin yeroo baay'ee nyaata qulqullinna hin qabne fayyadamuun, bishaan qulqulluu hin taane dhuguudhaan, fuduraaf kuduraa dheedhii naannoo bobbaa itti bahanitti biqile nyaachuun, akkasumas nama dhukkuba san qabu wojjiin hariiroo/wolitti dhiheenya dhihoo qabaachuudhan daddarba. Dandeettiin dhibee ittisuu qaamaa gadi bu'uun, akkasumas dhukkuboonni ykn qorichoonni aasidii garaachaa hirdhisan carraa dhukkuba kanaan qabamuu ol kaasu.
---
---
Mallatooleen dhukkuba kanaas erga wontoota dhukkuba kana namatti fidaniif saaxilamanii booda torbaan tokkoo hanga sadihii keessatti mul'atu malu.
---
---
Mallatooleen isaas:
* Hoo'a qaamaa guyyaa gara guyyaatti dabalaa dhufu/Hoo'a ol'aanaa
* Bowwoo /dhukkubbii mataa
* Nama dadhabsiisu
* Nama dafqisiisuu, hollachisuu, ykn Sheengarsiisuu
* Fedhiin nyaata hirdhachuu ykn dhabamuu
* Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu
* Garaa nama gogsuu ykn nama baasuu
* Maashalee harkaafi lukaatti dhukkubbiin namatti dhagahamu
* Garaan nama muruu/dhukkubii garaa
* Shifiniinii xixiqqoo gogaa garaa, laphee fi qomaa irratti mul'atan

Hub: Mallatooleen armaan olii hundi yeroo tokkotti/wol faana mul'achuu dhabuu danda'u.
---
---
Rakkinnoolee Taayifoodiin darbee darbee (keessattuu yoo otoo hin yaalamin hafe) qaama keenya irratti fiduu danda'u:
▪︎Mar'umaan keenya quunca'e akka dhiiguufi urame akka qaawula bahu gochuu danda'a
▪︎Darbee darbee Infeekshinii Kalee, Afuuffe fincaanii, Maashaa onnee, Somba, Rajiiji, Tiruu, Manjalloo, Nama suursuu/waan dhukkuba akka qalbii fa'a fiduu danda'a.
---
---
Maal haa goonu?
• Qulqullina nyaata kenyaa eeguu.
• Bishaan qulqullu fayyadamuu
• Mana fincanitti fayyadamuu
• Mana fincaniiti yoo baanu harka keenya samunaan dhiqachu

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nursingpage posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Nursingpage:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram