25/12/2023
Dhukkuba Sukkaaraa(Diabetes mellitus)
Hubannoo hawaasa keennaaf ofi eeggannoo godhamuu qabu :-
❶.Haala Nyaata
👉Haalli nyaataa dukkubsattoota sukkaaraa iddoo saditti qoodamee ilaalamuu danda'a.isaanis:
ⓐ.Nyaata guututti dhoorkaman
◍sukkaara, Karameellaa,Chokoleeta
◍damma
◍Tamiira
◍zabiib (waantota miyooftuu)
◍coca-cola,mirinda,fanta,7-up,
◍Birzii, Wuskii,Biiraa,Araqee,daadhii
ⓑ.Nyaata jiddu-galeessaan nyaatamuu qabu
◍ Midhaan- garbuu, Qamadii, Boqolloo, Aajjaa, misingaa,
ⓒ.nyaata baay'ifamee nyaatamuu danda'amu
◍ Foon horii,hoolaa,re'ee
◍ aannan
◍ killee
◍ Raafuu, salaaxaa, qoosxaa, timaatima, raafuu maraa, dabaaqulaa, kaarotii, shinkurtii, Baaroo
Loomii,
◍ buna,bishaan Amboo, soogidda, barbaree, mixmixaa
❷.Sochii Qaamaa
◍Sochii qaamaa gochuun faayidaa hedduu qaba
◍Sochii qaamaa torban keessatti guyyaa 5f daqiiqaa 30-60f sochii qaama gochuun barbaachisaadha
◍Sochiin qaamaa kunis deemsa daddaaffii,shubbisa, saayikilii oofuu,ulfaatina kaasuu...
◍Yeroo sochii qaamaa hojjetan hammi sukkaaraa gadi bu'uu waan maluuf of eeggannoo gochuun barbaachisaadha
❸.Ulfaatina Qaama To'achuu
Namni dhukkuba sukkaaraa qabu BMI isaa 25 gaditti to'achuu qaba
❹.Dhugaatii alkoolii hir'isuu-
👉Dhiirrii guyyaatti dhugaatii biiraa 2,wayinii,farsoo burcuqqoo 2 ykn isaa gadi,durbi immoo yoo baay'ate tokko tokko
➎.Sigaaraa ykn tamboo xuuxuu guutumaa guututti dhaabuu
❻.Dhiphina sammuu irraa of qusachuu
➐.Qoricha
👉Gosa dhukkuba sukkaaraa irratti hundaa'un ogeessi Insulin ykn qoricha afaanin fudhatamu ajajuu danda'a
➑.Hamma sukkaaraa yeroo yeroon hordofuu
Nageyaa fi Fayyaa hin dhabinaa !