Taliilaa page

Taliilaa page Next to God, mom is my everything

Kutaa   ✓Uummata dammaa fi dhadhaa fe'e finfinnee nyaachisu carraa fi guyyaan miila qullaa ykn gaaddisa tokko malee kilo...
29/03/2025

Kutaa
✓Uummata dammaa fi dhadhaa fe'e finfinnee nyaachisu carraa fi guyyaan miila qullaa ykn gaaddisa tokko malee kilomeetira meeqa rakkoon imalchiiste. Gindoon maal balleese kan waggaa kana hunda dhabinsa daandiin daraaramu ?
Barsiisee biyyaa fi sabaaf kennuu malee.
Oomishee ormaa fi ollaaf laachuu malee.
Danda'ee, jaalate, haammatee wajjin buluu fi jiraachuu malee .....

Guyyaa meeqaa deessuu fi dhukkubsataa isaa wallaanachuuf meeqa karaa bula? Bulteen isaa yoom kanaan rawwate yeroo jedhametti ga'uu dhabuun meeqatu reeffa marartee isaa karaatti wajjin rakkata ?
Daldalli karaa seeraa oolee meeqatu gatii jedhameen olitti waa bitachuu dadhabee ta'ee imimmaan isaatti obsa ?
Maalif akka lammii lammaffaatti biyya kana keessatti of-lakkoofna osoo mootummaa mataa keenyan bulla jennee dhaadannuu.

✓ Maalif callifama Gindoon biyyaaf namoota baay'ee hin gumaachinee?Maalif deessun keenya karaa #2 bulti ?
Maalif isa dhukkubsate yaalchifachuu dadhabna? Maalif du'a firaa fi warra keenya hanqanna ?
Warri barsiisee maalif eebba ijoollee isaa dhaba ? Kun hundi sababa maaliif ?
✓ infrastructure fakkeenya , , -Dhugaati fi kkf dhoobotti Gindoon finfinnee jala teessee. Yeroo kaan immoo ijoolleen Gindoo morma keniteetu master plan fi rakkoo waloo Uummata oromoo dura dhaabatti. Sun mullachuu dide. Har'a daandiif dhiiga boonya. Kanaaf guddinni biyya kanaa natti mullachuu dida Afrikaa irraa meeqaffaadha yeroo jedhan ......>
Mootummaan nagaa buusii
Uummata kanaafis buusi
Ani maatii koo yaadeen kana katabe sagalee naaf ta'a oromoo
Yoon dogoggore na ofkalchaa oromoo!

Galatoomi!

Kutaa  Sin haa ga'u nagaan koo Uummata Aanaa Abuunaa Gindabarat fi Gindabarat  Ijoolleen keenya adaraa sagalee Gindoof t...
29/03/2025

Kutaa
Sin haa ga'u nagaan koo Uummata Aanaa Abuunaa Gindabarat fi Gindabarat

Ijoolleen keenya adaraa sagalee Gindoof ta'a. Yeroo kaaniyyuu kan (blood stream) hida dhiigaa wal- irraa hin qabne deeggaraa kubbaa miila taaneetu meeqa wacaa oolla miti.
Ammas hin dadhabnu, hin nuffinu sagalee maatii keenyaaf haa taanu. Maatiin keenya nu barsiiseet deebii nurraa dhabe. Nama itti iyyatu dhabnaan boo'e qe'ee isaatti deebi'e taa'e

Ijoollee keessan irraa !
Nuti ijoollee keessan erga sinirraa fagannee turree bubbulleerra. Jaalannees miti rakkoon siniitti baayyannaan, koodeen qe'ee tokko walitti duullaan, shira siyaasaan duuti ilmaan kuttaayee baayannaan, golli hortee maccaa fi tuulamaa qe'ee dhiiga taanaan sodaa lubbuuf qabnu irraa kaaneet Oonatti sin dhiisnee kan lubbuun, kan hiree jiruun sinirraa godaannee.
Sinirraa sokkinus yaadaa fi qor-qalbiin keenya eessatti sinirraa fagaata. Dhiiga keenya fi yaaddannoo ijoollummaa keenyatu achitti hafee. Gindoo cufantaa sibilaa iddoo hiddi handhuura keenyaa itti citetu yaaddoon nu wareersa eessatti sinirraa faganna, akkamiin boqonnas.

Ijoollee barsiifachuu fi guddisuun gollii adda duree taate har'a ilmaannan isheen dagatamtee kophummaan itti uursee gola boo'ichaa taate. Egaa humna dhabnus sagalee keenyaan walitti fufinsaan siniif hiyyinus deebin keenya kan laga ceetu ta'u didde. Garaan nu gubatee teenyee rakkoo lakkaa'un hiree keenya taate. Maal kana qofa qe'e itti sodaa malee burraaqne taphachaa guddanetu har'a sodaan goole. Rakkoo baateetu obsuun furmaata fakkaate itti mullate.
Meeqan sammamte ? Meeqanis reebamte. Barri dhufee darbaa sirratti wal jijjiree meeqan dagatamte ?
Lakka'i yeroo nagaa 'uuraa meeqa qabda ? Barri badnaan achi buutee kee meeqatu yaaddata ?

Nuti ijoolleen kee si yaadne mee aal-tokko nu waami nagaa buusitii !

Har'a osoon social media harka koo jiru fayyadamuu gochaa ykn karaa hanga Shukuteetti ta'e kana argeen; koo yaade.

04/08/2016Iyyi Uummata keenyaa, caarraaqqiin koree keenyaa_koree misoomaa GDR fi AGDR, deggarsi ERA,tumsi hoggansa sadar...
12/04/2024

04/08/2016
Iyyi Uummata keenyaa, caarraaqqiin koree keenyaa_koree misoomaa GDR fi AGDR, deggarsi ERA,tumsi hoggansa sadarkaa sadarkaan jiranii, hirmaannaan ijoollee Gindoo bakka garagaraa jiraatanii, birmannaan miidiyaalee garagaraa bu'aa guddaa buuseera.
Kunoo guyyaa har'aa suphaa daandii maashiniin garagaraa fi hogeeyyii daandii supphaan gara saayiitii hojiitti geejjibsiisuu fi bobbaasuun jalqabameera. Maashinoonni fe'amaa jiru.Hojiinis jalqabuuf jedha. fi bu'aa guddaa nuuf buuseera.
Waaqayyo guddaa nu gargaareer. Maqaan isaa haa ulfaatu!
Deeggartoota keenya maraaf galatni keenya guddaa dha. Ulfaadhaa! Guddaa galatoomaa !
✔️ Abbaa qabeenya fi dhabbata isaaniif galata guddaa qabna. Yeroo inni kaan nu gatetti, "Rakkoon uummata koo rakkoo koo ti," jechuun uummaata isaa gargaaruuf kutannoo fi cichoomina inni agarsiiseef dinqisiifannaan keenyi guddadha. Galata guddaa uummata keenya biraa qabu.
Uummatni keenyis kana beekuun hanga daandiin kun suphamee xumuramutti deeggarsa irraa barbaadamu akka taasisu kabajaan waamicha keenya dabarsina.
Dhimmi kun dhimma eenyuumaayyuu miti. Dhimmichi dhimma uummata bal'aa ti. 'aa jiruu ti. Kanaafuu tumsa guddaa barbaada. Sadarkaa irra gahame jala buunee hordofnee isin qaqqasiifna.
Waaqayyo nu gargaara,nutis ni milkoofna !
Ulfaadhaa!

&AGR

04/02/2024

Ammas ati barsiisa koo,
, , , 'uu_koo, , caqafteetta. ( 2Xim 3*10

Qorataan Saayinsii Biqilootaa Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaan badhaasa meedaaliyaa biyyaalessaa Amerikaa damee Saayinsiin ...
24/10/2023

Qorataan Saayinsii Biqilootaa Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaan badhaasa meedaaliyaa biyyaalessaa Amerikaa damee Saayinsiin (National Medal Of Science) badhaafamaniiru.

Proofeesar Gabbisaan qorattoota Amerikaa 21 badhaasa kabajaa biyyaalessaa Porezidaanti Joo Baayidaniin badhaafaman keessaa tokko ta'aniiru.

Barsiisaa fi qorataa Yuunivaarsitii Purduu kan ta'an Piroofeesar Gabbisaan mala jiinii biqilootaa diqaalomsuutiin sanyii bisingaa qilleemsa gammoojjiifi ilbiisa dandamatu uumuun badhaasa kanaaf dhaqqabuu waltajjicha irratti ka'eera.

Argannoon isaanii kunis wabii midhaan nyaataa miiliyoonotaaf mirkaneessuu himameera.

Pirezidaantiin US Joo Baayidan, looreetonni 21 kunniin, waan hunda irratti hubannoo gadi fagoo akka qabaannu nu taasisaniiru jedhan.

Profeesar Gabbisaa Ejjetaan bara 2009tti Badhaasa Nyaata Addunyaa (World Food Prize) badhaafamuun ni yaadatama.

Maddi AMN-Afaan Oromooti.

15/10/2023

They stay ! They don't waste energy on things they can't control.

Suuraan kun seensa magaalaa Amboo irratti hojjetamuuf kan popha'edha Magaalli Amboo magaalaa seena-qabeetti fi baroota h...
12/10/2023

Suuraan kun seensa magaalaa Amboo irratti hojjetamuuf kan popha'edha
Magaalli Amboo magaalaa seena-qabeetti fi baroota heedduuf hacuuccamaa turtedha. Duris ta'ee har'aa magaalaa jaalalaa fi wal-qixxummaan itti dagaage fi har'aas lataa jirudha. Magaalli kun kabaja oromoo fi Oromiyaaf qabduuf jecha iddoo diddaan fincila garbummaa itti biqilee fi ilmaan ishee qaalii itti dhabdedha. Maarree har'aas wal-qixxummaan roga hundaan dagaage magaalaa kanatti waan mullatuuf akkasumas jaalalli oromoota hundaaf qabdu waan keessatti hundee godhateef kun itti hin guddatu yoo xiqqaate malee

Kanaaf dhaamsi nuti ijoolleen ishee qabnuuf projeektin kun qulqullinaa fi yeroo isaa eeggate akka raawwatamu asumaan dhaamsa qaama kana raawwachisuuf dabarfanna

30/08/2023

Dukkana jiruu keessatti fuula bareeda osoo hin taane amala bareeda fi yaada bilchaatatu addeesa caala ifa

  meetira 10,000 medaaliyaa Warqee Itoophiyaaf argamsiifte.Dorgommii Shaampiyoonaa atileetiksii Adunyaa Hangarii magaala...
20/08/2023

meetira 10,000 medaaliyaa Warqee Itoophiyaaf argamsiifte.

Dorgommii Shaampiyoonaa atileetiksii Adunyaa Hangarii magaalaa Buudaapestitti har’a jalqabeen Itoophiyaan warqee jalqabaa argatte.
Gudaaf Tsaggaayee tokkoffaa, Letesenbet Gidey lammaffaa yoo bahan Ijjigaayyoo Taayyee sadaffaa bahuun xumuran. Siifan Hasan meetira 20 yoo hafu kuftee hin milkaa’iin hafte. Itoophiyaan guyyaa baninsaatti medaaliyaa sadii argachuu isheeti.
Maddi; BBC

Oromoon guyyaa abaarramtu kana 22/10/2013 goota isaa ykn qaalii ilma isaa dhabe Just for
29/06/2023

Oromoon guyyaa abaarramtu kana 22/10/2013 goota isaa ykn qaalii ilma isaa dhabe
Just for

05/02/2023

OROMOONNI Martuu waaqayyoo otoo lubbuun jirtani wayyaa(uffata) gurraacha uffachuu sin haa baraaru

Address

Ambo
Shewa

Telephone

+251923487419

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Taliilaa page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Taliilaa page:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category