Oromia Health Professionals Association

Oromia Health Professionals Association OHPA is a non-profit association legally established with visions to see delivery of quality health care in the region via skill transfer, trainings, resea

URGENT HEALTH ALERT: Marburg Virus Confirmed in Ethiopia Officials from Ethiopia's Ministry of Health have announced the...
14/11/2025

URGENT HEALTH ALERT:
Marburg Virus Confirmed in Ethiopia

Officials from Ethiopia's Ministry of Health have announced the diagnosis of a case of Marburg virus disease (MVD) at Jinka Hospital in Ethiopia. Marburg is a severe viral hemorrhagic fever that can very often result in death.

What do you need to know:

Direct contact with the infected person's blood, secretions, or bodily fluids is the only way of transmission.
Symptoms are: Sudden high fever, severe headache, muscle pain, vomiting, diarrhea, and bleeding.

This is a very grave situation, but no good will come from panicking. Take note of these situations to keep safe:

1. Observing very good hygiene:
Washing the hands often with soap and water is recommended.
2. Contact with blood or body fluids of sick people should not take place.
3. Handling or consuming bushmeat is to be avoided.
4. In case you or someone else develops sudden fever along with other symptoms, you are to SEEK MEDICAL CARE IMMEDIATELY. Do not treat yourself.

The public health authorities are already in action. Continue to get the news through the official channels such as the Ethiopian Ministry of Health and our page.

Oduu OF-EEGGANNOO!Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Na...
12/11/2025

Oduu OF-EEGGANNOO!
Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira

Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatti dhangala’uu fa’a qaba.

Dhukkubichi amaala nama irraa namatti daddarbaa ta’uu fi kan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafatu ta’uu agarsistuun jira.

Statement of condolences On behalf of the Oromia Health Professional Association, we express our deepest condolences on ...
08/11/2025

Statement of condolences

On behalf of the Oromia Health Professional Association, we express our deepest condolences on the tragic loss of Mr. Gemada Lami, a young and talented pharmacist. His passing is a great loss not only to his family and friends but also to the health community as a whole. Mr. Gemada Lami's dedication to his profession and commitment to providing high-quality care to his patients will always be remembered.

During this difficult time, we extend our thoughts and prayers to all those who were touched by Mr. Gemada Lami's kindness and expertise.

Please know that the members of the Oromia Health Professional Association are here to offer support and assistance in any way possible. Our hearts go out to you as you navigate through this period of mourning and remembrance.

Pictures:Social Media

16/09/2025
Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa uummata Oromoo hundaaf kabajni ayyaana Irreechaa bara kanaa kun kabaja gammachuu guddaa...
04/10/2024

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa uummata Oromoo hundaaf kabajni ayyaana Irreechaa bara kanaa kun kabaja gammachuu guddaa qabu akka tahuuf hawwii isaa guddaa ibsata.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana galatoo uummanni keenya dukkana gannaa keessaa booqaa birraatti ba'uuf uumaa isaatiif galata galchuun waloodhaan kabajatudha. Akkasumas ayyaana waloomaa, araaraa fi jaalalaati.

Kabajni aadaa fi duudhaa keenyaa kun aadaa murteessaa hawaasa keenya kabaja olaanaa fi hariiroo gaariidhaan walitti hidhudha.

Irra deebiin guyyichi guyyaa eebba, tokkummaa fi gammachuudhaan guutame hunda keessaniif haa ta'u jenna.

Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa
Onkoloolessa 4, 2024
Finfinnee, Oromiyaa

Statement of condolences On behalf of the Oromia Health Professional Association, we express our deepest condolences on ...
03/08/2024

Statement of condolences

On behalf of the Oromia Health Professional Association, we express our deepest condolences on the tragic loss of Dr. Wayuma, a young and talented surgeon. His passing is a great loss not only to his family and friends but also to the medical community as a whole. Dr. Wayuma Biru's dedication to his profession and commitment to providing high-quality care to his patients will always be remembered.

During this difficult time, we extend our thoughts and prayers to all those who were touched by Dr. Wayuma Biru's kindness and expertise. May his legacy continue to inspire us all to strive for excellence in the medical field.

Please know that the members of the Oromia Health Professional Association are here to offer support and assistance in any way possible. Our hearts go out to you as you navigate through this period of mourning and remembrance.

Pictures:Social Media

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa injiffannoo Biiroon Fayyaa Oromiyaa raawwii hojii bara 2016 seektaroota akka naannoo Or...
27/07/2024

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa injiffannoo Biiroon Fayyaa Oromiyaa raawwii hojii bara 2016 seektaroota akka naannoo Oromiyaatti jiran hunda keessa 1ffaa ba'uun badhaafamuu isaatiin gammachuu guddaa itti dhaga'ame maqaa hojjettoota seektarichaa maraan ibsuu barbaada.
Ammas irra deebiin baga gammaddan baga gammanne jenna!

Injifannoo fi milkaa'inni eegalame kun jabaatee akka itti fufu abdiin keenya guddaadha!

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa waldaa waan dubbatee fi waan waadaa gale hojiidhaan agarsiisudha!_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-...
19/06/2024

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa waldaa waan dubbatee fi waan waadaa gale hojiidhaan agarsiisudha!
_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_-_---
Akkuma kanaan dura isin beeksisnee turre sochii waggoota dheeraa Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFOn) taasisaa turee fi tumsa qaamolee dhimmichi ilaaluun godhameen lafti mana jireenyaa hojjettoota seektara fayyaa naannoo keenyaatiif Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin eeyyamamuu isaa isin beeksisnee turre.

Yeroo ammaa kanatti immoo Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa irraa godinaalee fi magaalota Oromiyaa hundaaf xalayaan "hojjeettotni/ogeeyyiin seektara fayyaa gurmaa'anii iddoo hojjechaa jiranitti akka lafa mana jireenyaa argataniif akka keessummeessitan" jechuun barreeffamee kan jiru ta'uusaa yeroo isin beeksisnu gammachuu guddaadhaani.

Bu'uuruma kanaan hojjettootni/ogeeyyiin seektara fayyaa naannoo keenya keessa jirta bakka hojjettanitti ijaaramtanii hiree amna dheeraa deemuudhaan argame kanatti akka fayyaddamtan isin beeksisna. Haalotni humna ogeeyyii/hojjettoota fayyaatti ulfaachuu danda'an kan jiran ta'uusaa akka waldaatti kan hubannu waan taheef adeemsa keessa irratti hojjechaa fi sirreessaa kan deemnu ta'a.

Gamanumaan kan isin beeksisuu barbaannu:
1. Hojjettootni/ogeeyyiin seektara fayyaa miseensa Waldaa osoo hin ta'iin jirtan atattamaan akka taatan.
2. Bakka bu'oonni waldichaa godinaalee fi magaalota Oromiyaa hunda keessa jirtan immoo xalayaa Biiroo Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa irraa barreeffame kun aanaalee hunda akka ga'uuf akka irratti hojjettan isin yaadachiisna.

Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa
Sirna fayyaa fooyya'e uumuuf kan onnate!
Waxabajjii 19, 2024
Finfinnee, Oromiyaa

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFOn) hordoftoota amantaa Musliimaa maraan baga ayyaana Eid-Al-Adha Arafaa nagaadhaan...
15/06/2024

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFOn) hordoftoota amantaa Musliimaa maraan baga ayyaana Eid-Al-Adha Arafaa nagaadhaan geessan jedha.

Ayyaanni Arafaa kun ayyaana gammachuu, jaalalaa, milkii fi fayyaa guutuu itti argattan isiniif haa tahu!

Irra deebiin baga geessan!
Ayyaana nagaa!

Oduu Gammachisaa!_-_-_-_-_-_-_-_Breaking news!_____________________________Hojjettoota seektara fayyaatiif lafti akka ke...
30/05/2024

Oduu Gammachisaa!
_-_-_-_-_-_-_-_
Breaking news!
_____________________________
Hojjettoota seektara fayyaatiif lafti akka kennamu murtaa'e!
# # # # # # # # # # # # # #
Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa (WOFO)n guyyaa hundeeffame isaa irraa eegalee gaaffii ijoo fi murteessaa godhachuun kan irrratti hojjechaa turee fi rakkina guddaa hojjetaa seektara fayyaa kan ta'e Lafa Mana Jireenyaa argachuu akka ta'e kan yaadatamudha.

Haaluma kanaan waldaan keenya WOFOn carraaqqii walirraa hin cinne taasisaa tureen Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lafti Mana Jireenyaa hojjetaa seektara fayyaatiif akka kennamuuf murteessuu isaa gammachuu guddaadhaan isin beeksisna.

Kanaafuu hojjetaan seektara fayyaa naannoo keenyaa hundi baga gammaddan jechaa bakka jirtan maratti akkaataa qajeelfamaatiin gurmooftanii akka lafa mana jireenyaa mootummaan Naannoo Oromiyaa nuuf eeyyame kana itti fayyadamtan isiniin jenna.

Ammas irra deebiin baga gammanne, baga gammaddan!

Dhumarratti qaamolee galma ga'insa kaayyoo kanaatiif gumaacha godhaa turan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Boordii WOFO fi kanneen biroo maraaf galatni keenya guddaa ta'uu maqaa Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa fi hojjettoota seektara fayyaa naannoo keenyaa hundaan ni ibsina.

Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa
Sirna fayyaa fooyya'e uumuuf kan onnate!

Finfinnee, Oromiyaa
Caamsaa 30, 2024

Deeggarsa United Kingdom irraa!Uummata keenya godina Wallaggaa Lixaa fi naannawaa sanatti balaa dhukkuba Busaatiif saaxi...
01/11/2023

Deeggarsa United Kingdom irraa!

Uummata keenya godina Wallaggaa Lixaa fi naannawaa sanatti balaa dhukkuba Busaatiif saaxilamanii jiraniif lammiileen keenya biyya UK (UK Hull city) jiran deeggarsa qarshii 94,017 (Kuma sagaltamii afurii ol) taasisanii jiru.

Deeggarsi kun qindeessummaa tiin walitti qabamee karaa lakkoofsa herreega baankii deeggarsa kanaatiif banameen guyyaa har'aa galii ta'ee jira.

WOFOnis qaamota deeggarsa kana qindeessanii fi deeggarsa maallaqaa taasisan mara maqaa uummata keenya rakkoo kanaaf saaxilameetiin hedduu galateeffanna. Galatoomaa!

Haaluma kanaan qaamoleen hawaasaa kanneen biroo golee addunyaa mara keessatti argamtanis sochii kana fakkeenya godhachuun hirmaannaa barbaachisaa tahe akka gootan isin gaafanna.

Nagaheen galiin ittiin taasifamee fi sadarkaa herreegni banamee ture irra jirus as jalatti maxxanfameera.

Oromia Health Professionals Association

Address

Sarbet (Calcalii)
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Health Professionals Association posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Oromia Health Professionals Association:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

WOFO

Mul'ata Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa(WOFO): uummanni keenya ammayyuu dhibee fayyaa fi fayyaa wajjijn walqabate wajjin wal'aansoo waliinb qabaa waan jiruuf, rakkina hawaasaa kana akka kan mataa keenyaatti ilaaluun furmaata barbaachisaa ta'e kennuun dirqama keenya ta'ee waan nutti mul'ateef, dhibeef rakkina hawaasaa keenyaatiif hojii barbaachisaa ta'e hojjechuun ba'aa uummata keenyaa salphisuun ni danda'ama.

Ergama Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa(WOFO): Miidhama hawaasa keenyaa hirmaachuun fayyummaa hawaasa keenyaa eeguu dha.

Dudha(Core Value): Fayyaanis al fayyaan hawaasa keenya tajaajiluun aadaa keenya. Ogeessa ofitti amanu oomiishuun fayyummaa hawaasichaa eeguun hawwii keenya.