Weliso Clinic

Weliso Clinic Private

Only.. Specialists...
01/11/2025

Only.. Specialists...

'Bararoo' Gurra Dargaggeessa, U27, Keessaa Baasne.ከአንድ ወጣት ጆሮ ውስጥ ያወጣነው በረሮ ።
31/10/2025

'Bararoo' Gurra Dargaggeessa, U27, Keessaa Baasne.
ከአንድ ወጣት ጆሮ ውስጥ ያወጣነው በረሮ ።

011-366 38 77 0920-55 11 66
31/10/2025

011-366 38 77
0920-55 11 66

የፊንጢጣ ብጉንጅ(PERI ANAL ABSCESS)በዙሪያው በሚገኙ ትናንሽ እጢዎች ውስጥ በሚከሰት ኢንፌክሽን ምክንያት በፊንጢጣ አቅራቢያ የሚከሰት መግል መቋጠር ነው።መንስኤዎች - የፊንጢጣ እጢ...
26/10/2025

የፊንጢጣ ብጉንጅ
(PERI ANAL ABSCESS)

በዙሪያው በሚገኙ ትናንሽ እጢዎች ውስጥ በሚከሰት ኢንፌክሽን ምክንያት በፊንጢጣ አቅራቢያ የሚከሰት መግል መቋጠር ነው።

መንስኤዎች

- የፊንጢጣ እጢዎች መበከል
- የአካል ጉዳት
- የአባላዘር በሽታዎች
- የአንጀት እብጠት በሽታ (IBD)
- የተዳከመ የበሽታ መቋቋም አቅም

ምልክቶች

- ህመም, እብጠት
- መቅላት እና ሙቀት
- ፈሳሽ መግል ወይም የሚታይ እብጠት
- ትኩሳት ወይም ብርድ ብርድ ማለት
- በምንፀዳዳ ሰዓት ህመም መሰማት

ምርመራ

- ኢቁሳዊ የአካል ምርመራ
- አልትራሳውንድ ና የመሳሰሉት
- የደም ምርመራዎች

ሕክምናዎች

1. በቀዶ ሕክምና መግሉን ማፍሰስ (I&D)

2. አንቲባዮቲክስ
- ብዙውን ጊዜ አያስፈልግም

3. የህመም ማስታገሻ

4. ለብ ባለ ውሃ በጨው መዘፍዘፍ

5. ክትትል ማድረግ-የፊስቱላ መፈጠርን
ለመከላከል።

ተያይዘው የሚመጡ ችግሮች
- የፊስቱላ መፈጠር
- ተደጋጋሚ የሆድ ድርቀት: ክሮንስ:
ሴፕሲስ

መከላከያ ዘዴዎች

- የፊንጢጣ ንጽሕናን መጠበቅ
- እንደ IBD ወይም የስኳር በሽታ
ያሉ ሁኔታዎችን ማከም
- በፊንጢጣ አካባቢ ላይ የሚደርስ
ጉዳትን ያስወግዱ

።×።ያስተውሉ።×።ይህ በሽታ በጊዜ ካልታከመ
ኔክሮታይዚንግ ፋሻይትስ የተባለ አደገኛ
ችግር ሊያመጣ ይችላል።
@ በጊዜ ሐኪሞን ያማክሩ

#ዶርኤልያስሰኚ

#ወሊሶክሊኒክ
📲 011-366 38 77
0920-55 11 66
0799-95 93 83

DHUKKUBA SUKKAARAAEenyuutu Qoratamuu Qabaa???×××××××××××××××××××××× # Namoota umriin 45 fi isaa ol ta'e,    yoo xiqqaate...
25/10/2025

DHUKKUBA SUKKAARAA

Eenyuutu Qoratamuu Qabaa???
××××××××××××××××××××××
# Namoota umriin 45 fi isaa ol ta'e,
yoo xiqqaate Waggaa sadi sadiin
qoratamuu qabu.
# Namoota Maatiisaanii keessaa
nama dhibee sukkaraa qabu
Tokkoo fi ol qaban.
# Namoota fufurdina Akka-malee
Qaban (Obese ppl).
# Namoota teessuma baay'isan
(Sedentary Lifestyle).
# Namoota Dhiibbaa dhiigaa qaban.
# Dubartii Ulfaan walqabatee
Dabaluun dhiibbaa-dhiigaa qabe.
# Dubartii daa'ima 4Kg fi isaa ol
ulfaatu deesse.
# Namoota dhibee Onnee qaban.
×××××××××××÷÷÷÷÷×××××××××××
# Namoonni ulaagaalee ibsaman keessaa tokkoo fi isaa ol qabdan mana yaalaa deemuun qoratamuu isin barbaachisa. Sababni isaas yeroo ammaa dhibeen sukkaaraa haalaan babal'achaa waan jiruuf dursanii of beekuun tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa dha.

Fayyaan faaya!!!

011-366 38 77 / 0920-55 11 66
0915-95 93 83 / 0799-95 93 83

Harmi Osoo hinmuramiin Xannachicha QOFA Harmarraabaasuuf Oppieeeshinii milkaa'aa taasifame.ጡት ተቆርጦ ሳይወጣ ዕጢውን ብቻ ለይቶ ማስወገ...
23/10/2025

Harmi Osoo hinmuramiin Xannachicha QOFA Harmarraa
baasuuf Oppieeeshinii milkaa'aa taasifame.
ጡት ተቆርጦ ሳይወጣ ዕጢውን ብቻ ለይቶ ማስወገድ በሚያስችል ኦፕራሲዮን በተሳካ ሁኔታ የወጣ ዕጢ።


011-366 38 77 0920-55 11 66

CIRRACHA KALEE (Renal Stone)**************************Cirrachi kalee yeroo yeroon albuudoonni fi soogiddi kalee keessatt...
20/10/2025

CIRRACHA KALEE (Renal Stone)
**************************
Cirrachi kalee yeroo yeroon albuudoonni fi soogiddi kalee keessatti kuufamuun yeroo dhagaa tahan kan uumamu dha.

MALLATTOOWWAN
---
Cirrachi kalee mallattoo tokkollee osoo hin agarsiisiin turuu danda'a. Mallattoo kan qabaatu yoo bakkaa socho'e ykn gara ujummoo fincaaniitti gad-bu'e dha. Yoo gara yuureetaritti gad konkonkolaatee kan cufu ta'es.
* Kaleen Dhiita'uu
* Dhukkubbii hamaa dugdaa ykn cinaachaa namatti dhaga'amuu
* Yeroo fincaa'an nama gubuu
* Fincaan diimaachuu
* Dhukkubbii yeroo tokko hammaate yeroo tokko xiqqaatu
* Ammaa amma nama finceessisuu fi mudduu

MAALTU SABABA TA'AA?
-----
* Chipsii dinnichaa nyaachuu baay'isuu
* Hundee diimaa nyaachuu baay'isuu
* Kanaan dura cirracha kalee qabaachuu
* Ulfaatina qaamaa garmalee
* Chokoleetii baay'inaan nyaachuu
* Ocholoonii nyaachuu baay'isuu

DOOKTARA Yoom Dubbisuu Qabnaa?
-----
* Yoo dhukkubbiin hammaatee dhaabbii fi teessuma nama dhorke.
* Dhukkubbii booda yoo balaqqamsiisuu eegale.
* Dhukkubbii booda yoo ho'inni qaamaa baay'ee dabale.
* Fincaan keessatti yoo dhiigni mul'chuu eegale.
* Yoo fincaan ba'uu dide.

WAL'AANSA
------
Cirrachi kalee yoo yeroon yaalame miidhaa dhaabbataa namarraan hin gahu. Haalarratti hundaa'uun qoricha farra dhukkubbii (antipain) fi bishaan sirritti dhuguun qofa yaalamuu danda'a.
Akkaataa Guddina cirrachichaatiin Oppireeshinii malee (Shockwave) YKN Baqaqsanii-Yaaluun baasuun ni danda’ama.

Fayyaan Faaya.

011-366 38 77
0920-55 11 66
0915-95 93 83

19/10/2025

Baqaqsanii-Yaaluu Kintaarotii...
ዬ ኪንታሮት ኦፕሬሽን::

18/10/2025
MATA-DHUKKUBBII fi GOSOOTA ISAAMata-dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kan armaan gadii Sadeen warreen hawaas...
17/10/2025

MATA-DHUKKUBBII fi GOSOOTA ISAA

Mata-dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kan armaan gadii Sadeen warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabu dha.

1. MATA-DHUKKUBBII MAAYIGIREENII (Migraine Headache) :
-Dhukkubbiinsaa baay'ee hamaa fi kan hojiirraallee nama hambisu dha. Mata-dhukkubbii yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dhahatu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, takka eegallaan sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegaluu danda'u dha. Mallattoolee dabalataa, kan akka Ol-Cabsuu(Balaqqamsiisuu), Nyaata jibbisiisuu fi Ijaan ifa ilaaluu dadhabuullee qaba. Takka takka mata-dhukkubbiin kun jalqabuusaatiin dura mallattoolee akka Ijatti Balaqqeessa’uu, Sararawwan zig-zaag fakkaatan ijatti mul’achuu fi Dubbachuu dadhabuu fi kkf argisiisa. Yeroo kanas namoonni dhibichi akka itti ka'uuf jedhu ni beeku.
Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: Garmalee Yaadda’uu ykn Muddamuu, Dhugaatii Alkoolii, Beela’uu fi Dheebochuu, Hirriba dhabuu ykn Baay'isuu, Laguun ji'aa yoo dhufu, Sagalee ol-ka’aa fi nama jeequ, Ifa cimaa ilaaluu, Foolii badaa fuunfachuu fi kkf. Akkuma dhuunfaatti wantoota nutti kaasan beeknee irraa fagaachuu qabna. Kanarra darbee Jireenya Idileerratti miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha Sasalphaa mata-dhukkubbiif fudhannuun dhiisuu dide Hakiima dubbisuun qoricha nuuf ajajamu fudhachuu qabna.

2. MATA-DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Headache)
-Guutummaa mataa keenyaa kan dhukkubuu fi dhukkubbii salphaa ta’ee, hojii idilee kan nama hindhorkine dha. Mallattoo dabalataas hin qabu, mata-dhukkubbii qofa! Qorichoota hawaasni mata-dhukkubbiif fudhatu akka Paaraasetaamoolii fi kkf fudhachuun kan nama dhiisu dha. Ka’umsi isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus Muddamuu, Dheebochuu fi Beela’uufaa waliin walqabata.

3. MATA-DHUKKUBBII KILASTARII (Cluster Headache) :
Gosoota mata-dhukkubbii bal'aa 'trigeminal autonomic cephalgia' jedhamu keessatti kan argamu ta'ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan akka: Imimmaan dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caalu dha. Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, tasuma akka ibiddaa kan namarra bu’u dha. Sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufu yoota'u hirriba keessaallee nama kaasuu danda'a. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, sanyiidhaan akkka darbu ibsama. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan jiru.

011-366 38 77
0920-55 11 66
0915-95 93 83
Fayyaan Faaya.
Credit : Dr. Gurmeessaa

M-Pox
19/06/2025

M-Pox

Address

Walisoo
Woliso

Opening Hours

Monday 08:00 - 20:00
Tuesday 08:00 - 20:00
Wednesday 08:00 - 20:00
Thursday 08:00 - 20:00
Friday 08:00 - 20:00
Saturday 09:00 - 19:00
Sunday 09:00 - 18:00

Telephone

+251920551166

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Weliso Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Weliso Clinic:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram