17/10/2025
MATA-DHUKKUBBII fi GOSOOTA ISAA
Mata-dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kan armaan gadii Sadeen warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabu dha.
1. MATA-DHUKKUBBII MAAYIGIREENII (Migraine Headache) :
-Dhukkubbiinsaa baay'ee hamaa fi kan hojiirraallee nama hambisu dha. Mata-dhukkubbii yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dhahatu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, takka eegallaan sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegaluu danda'u dha. Mallattoolee dabalataa, kan akka Ol-Cabsuu(Balaqqamsiisuu), Nyaata jibbisiisuu fi Ijaan ifa ilaaluu dadhabuullee qaba. Takka takka mata-dhukkubbiin kun jalqabuusaatiin dura mallattoolee akka Ijatti Balaqqeessa’uu, Sararawwan zig-zaag fakkaatan ijatti mul’achuu fi Dubbachuu dadhabuu fi kkf argisiisa. Yeroo kanas namoonni dhibichi akka itti ka'uuf jedhu ni beeku.
Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: Garmalee Yaadda’uu ykn Muddamuu, Dhugaatii Alkoolii, Beela’uu fi Dheebochuu, Hirriba dhabuu ykn Baay'isuu, Laguun ji'aa yoo dhufu, Sagalee ol-ka’aa fi nama jeequ, Ifa cimaa ilaaluu, Foolii badaa fuunfachuu fi kkf. Akkuma dhuunfaatti wantoota nutti kaasan beeknee irraa fagaachuu qabna. Kanarra darbee Jireenya Idileerratti miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha Sasalphaa mata-dhukkubbiif fudhannuun dhiisuu dide Hakiima dubbisuun qoricha nuuf ajajamu fudhachuu qabna.
2. MATA-DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Headache)
-Guutummaa mataa keenyaa kan dhukkubuu fi dhukkubbii salphaa ta’ee, hojii idilee kan nama hindhorkine dha. Mallattoo dabalataas hin qabu, mata-dhukkubbii qofa! Qorichoota hawaasni mata-dhukkubbiif fudhatu akka Paaraasetaamoolii fi kkf fudhachuun kan nama dhiisu dha. Ka’umsi isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus Muddamuu, Dheebochuu fi Beela’uufaa waliin walqabata.
3. MATA-DHUKKUBBII KILASTARII (Cluster Headache) :
Gosoota mata-dhukkubbii bal'aa 'trigeminal autonomic cephalgia' jedhamu keessatti kan argamu ta'ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan akka: Imimmaan dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caalu dha. Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, tasuma akka ibiddaa kan namarra bu’u dha. Sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufu yoota'u hirriba keessaallee nama kaasuu danda'a. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, sanyiidhaan akkka darbu ibsama. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan jiru.
011-366 38 77
0920-55 11 66
0915-95 93 83
Fayyaan Faaya.
Credit : Dr. Gurmeessaa