Ali Wallo

Ali Wallo art walloo kamisee

14/08/2022

.
****************************
Assalaamu Aleeykum Worahmatullaahi Wobarakaatuh. Ashamaa Hawaasni Oromoo Muslima Biyya Germany fi Awroophaa guutuu keessatti argamtan hundi keessanuu jechaa, Eebba Kitaaba (ULEE GABRUMMAA INJIFATTE) jedhu kan Ustaaz Umaralfaaruuq Sheikh Aliyyii tiin barraa'e gaafa 20.8.2022 Biyya Germany Magaalaa Nürnberg Fürth irratti Sagantaa Eebbaa guddaa tahe xumurree yaamicha kabajaa yeroo isiniif dhiheessinu gammachuu guddatu nutti dhagahama!

Guyyaa kana Keessummoonni Kabajaa Ulamaa’ii fi Ustaazonni gurguddaan kan argaman taha. Akkasuma guyyaa sana Sagantaa mimmiidhagoo tahan kan qopheessinee isin eegnu taha! Keessummoonni kabajaa kan guyyaa sana argaman keessaa kanneen armaan gadii akka tahe kallattiin isin hubachiifna.

1ffaa: Hayyuu fi beekaa, akkasuma Munashidaa fi qaroo Saba keenyaa kan tahe Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa toora Onlinetiin kan argaman tahuun beekkamee jira
2. Sh Jamaal Aliyyii beekaa fi hayyuun guddaan guyyaa sana kallattiin Oromiyaa Finfinnee irraa kan dhihaatan tahu.
3. Ustaaz Suufyaan Usmaan gorsa isaanii bareedaa fi kan nama hawatuun finfinneedhuma irraa kan argaman tahu.
4. Ustaaz Ibsaa Hasan kan gorsi isaanii onnee nama seenu, isaanis Hiriyyoota isaanii woliin tooruma Online irratti kan argaman tahu.
5. 4ffaa Haafiza Qur’aanaa Kan Sagaleen isaanii Addunyaa hunda wol-gahee Sh Afiif Muhammad Taaj Biyya Sudaan Magaalaa Kaartuum irraa kan ergaa onnee nama seenu kan sagalee fi hojii isaanii fakkaatu nuuf dabarsuuf qophii akka xumuran isin beeksifna.
6. Sh Huseen Ahmad dura bu’aan Tokkummaa muslima oromoo Biyya Germany illee argamuun beekkamee jira.
7. Kabajamoo Abdo Qaadii Abbaa Jabal guyyaa sana dhimmoota addaa irraa gorsaa fi dhaamsa ergaawwan gaggaarii tahe qabatanii kan dhufan tahuu isin beeksifna.

Kana malees Sagantaa kana irratti Namoonni wolaloo fi Yadaloon nama buhaarsuun beekkaman kanneen akka Shaga Badiya, Muzayan Tafese fi Mubarik Abbaa Giddiis dabalatee namoonni Sagantaa Seena qabeessa kana irratti argamuuf jiran hedduu tahuun beekkamee jira. Eddoon Sagantaa Eebba Kitaaba Ulee gabrummaa Injifatte itti geggeeffamu 20.8.2022 sa'aatii 12:00 irraa kan eegalu ta'a!

Eddoo Sagantaa.
Germany Nürnberg Fürth, Masjida (Türkisch Islamisches Kulturzentrum)Steubenstr, 13 90673 Fürth.

Koree Qopheessituu Sagantaa irraa.

14/08/2022

Dubbii Ajaa'ibaa!
Obbaleeysi keessan kun Maqaan isaa Umar ja'ama. Dhalataa Magaalaa Dirre Dhawaa Yoo tahu Haadha isaatu rakkatee isa barsiise. Arra Airplane Ethiopia keessa Paayleetii tahee hojjata. Umar hawwiin isaa guddoon haadha isaa Hajjii geeysuu Yoo tahu, arra kunoo Xayyaaraa isaa karaa Sa'uudii tti akka balaliisu hogganaa isaa hayyama gaafatee, Haadha isaa, xayyaara ofii balaliisuun Hajjii geeysee jira. Maasha Allah!

Akkanatti Haadha teenya Hajjii geeysuu, gammachiisuu Rabbi nuuf haa laaffisu!

03/07/2022
22/04/2022

Gootako

Address

Riyadh

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ali Wallo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category