Wifi jalaalaa

Wifi jalaalaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wifi jalaalaa, AIDS Resource Center, Robe, Robe.

03/12/2022

Baqattoonni Oromoo biyya Yaman Magaalaa Adan keessa jiraataan ibidda humnoonni mootummaa biyyattii qabsiisaniin miidhamuu himan.

Balaa Ibiddaa mudateen lubbuun namoota shanii darbuun kanneen miidhamanis jiraachuu, akkasuman manneen dhibba afuuri ol waan isaan qaban wajjiin barbadeeffamuu dubbataniiru.

Haalli isaan keessa jiran hammaataa tahuu baqattoota kanneen irraa odeeffanneerra

Biyya Yaman magaalaa Adan qarqara galaanaarraa qubsiifamanii waggaa 1 fi ji'a 7 oliif dararaa adda addaa keessummeessaa kan jiran baqattoonni Oromoo, yeroo ammaa sharaan yookaan iddoon ciisichaa keessa jiraachaa turre ibiddaan nurraa gubatee lubbuun namoota shanii darbee jiraa jedhaniiru.

Kanneen OMNiif yaada laatan ibidii Sadaasa 30, 2022 qarqara galaanaa Adan iddoo baqattoonni magaalaa Sana'aa irraa buqqifaman qubsiifamanitti qabsiifame lubbuu namoota dabarsuun alatti manneen 400 gahan barbaddeessuu himan.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/19434/

27/10/2022

Abbaan qabsa'aafi qondaala olaanaa ABO Obbo Abdii Raggaasaa du'aan boqatan.

Obbo Raggaasaa Qopheessaa jaarsa umuriin raagan yoo ta'an, abbaa qabsaa'otaafi sabboonaa ijoollee ofii qabsoo Oromoof kennan turan jedhu namoonni isaan beekan.

Waggoota hedduutiif ilma isaanii qabsa'aafi qondaala olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Abdii Raggaasaa utuu hin argin turuun isaanii kan himamu Obbo Raggaasaan, bara 2018 Addi Bilisummaa Oromoo, Ertiraa irraa gara Oromiyaatti deebi'usaa sababeeffachuun isaanis ilma isaanii arguuf akka carroomantu himama.

Haa ta’uu malee Obbo Abdii Raggaasaa gara Oromiyaa dhufanii waggaa tokko qofaaf erga nagaa jiraatanii booda, Amajji 2019 magaalaa Finfinnee keessatti poolisii humna addaa Oromiyaatiin butamanii erga hidhamanii waggoonni sadii darbaniiru.

Miseensa shanee gumii gumii sabaa ABO kan ta'an Obbo Abdiin erga hidhamanii, manneen murtii sadarkaa naannoofi federaalaa yeroo adda addaatti biliisa isaan baasus, poolisiin isaan hiikuu diduun mana hidhaa keessa hanga ammaa jiru.

Hidhamuu ilma isaanii booda haalli fayyaa obbo Raggaasaa Qopheessaa hammaachaa dhufuu kan himamu, amma gaafa lubbuun darbanitti waa'ee Obbo Abdiif dhiphachaafi gaddaa turanii jedhu maddeen.

Obbo Raggaasaa Qopheessaa dhukkubsatanii Finfinneetti yaalamaa erga turanii booda, har'a ganama lubbuun darbuun isaanii dhaga'ame.

Miseensotniifi qondaalotni ABO har'a ganama reeffa Obbo Raggaasaa gara bakka dhalootasaanii Godina Shawa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti geggeessuun kan himame yoo ta'u, sirni awwaalcha abbaa goota kanaa guyyaa borii Dirree Incinniitti akka raawwatamu OMN odeeffateera.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/17385/

19/10/2022
19/10/2022

Yaada bayadhaa
Rakkoo lammilee keenya mana hidha kessaa jiran video yoo ergan wan hirriba nama dhorgudha wan gara nama nyaatu,VIDEO Bayye mana hidhaa irraa ergani garu Post gochuu Rakkoo Wan ta'ef hin goone male.
Akkuma beekamu motummaan Itoophiyaa gara biyyaa galchuu dhaabu male yoom akka eegalu wantii beekame wan hin jirreef.

Haala kamiin osoo lammileef sagalee taane bareedaa jettaani yaadu. Yaada Keessan kenadhaa yaada bilchaata ta'e.

13/10/2022

Dhimmaa Lammilee Itoophiyaa Mana hidhaa Sa'ud Arabia Jiran Maaf hin dubbanne? maaf chaldhiftaa? Namoonni jedhaan karaa kessaa fi Commentiin baayyeedha,Sababaa qeeqaa kana irraa kan kaa'e odeeffannoo biroo lammilee kennaa fayyadu danda'an akka duratti post godha hin jiru,Hundii keessaan Walin argaa ka jirruu dhimmaa tokkoo post yeroo godhe "kana dhiisi Dhimma ijoollee mana hidhaa jiran qofa dubbadhu ka jedhudha".
Walumaa galatti dhimmaa ijoollee mana hidhaa jiran Wantii haarawa wan hin jirreef dubbachuu dhabee page kana irratti. Ha ta'uutti Qaamoota dhimmi ilaallatu hundaa yeroo gara garaa gaafachaa ture,Garu deebiin argadhu Hunduu tokkummaa. Innis Sababa Biyyii Itoophiyaa lola irraa jirtuuf yeroof mootummaa dhaabee,biyyii Yeroo tasgabbofteeti galchuun ni eegalama." ka jedhuudha deebiin ani argadhu.EVen Embassy ta'e Qoonsilaan Wan tokkoo gochuu hin danda'an.Dhaaba ka jedheen Mootummaadha Ammas Ajajaa eegala ka jedhu mootummaa irraa hanga argatanitti eegalu hin danda'an.Barreeffama kana osoo hin barreessin Sa'aatii amma kana Namaa Dhimmii kun jalqabatti isaa ilaalatu Embassy keessaa bilbileefi ture,Gaffii Ani dhiheesseef malif lammilee mana hidhaa jiran hin galchine yoom eegalama?Ummanni Duulaa isiin irratti banuuf deema nus ummata gargaara jedhiin? deebii naf kenne "Yoom akka eegalamu wantii beekkame hin jiru garuu eegalamuun hin hafuu, Dhimmaa duula Jetteef K*k atis Wajjin ittii fufii garuu duula godhameef Wantii siquu hin jiruu,Duula godhamuu baatefis Osoo hin galiin hin hafan ''.
Walumaagalatti dhiimma ijoollee mana hidhaa jiran Hindaganne garu Wantii haarawaa Wan hin argatinnif Page SAOC irratti post hin goone male hangaa danda'ameen keessaan gaaffii fi dhiibbaa gochuu hin dhiifnee jechuu kiyyaa.
Kanaaf Lammilee Mana hidhaa jiran akka yeroo gabaabaatti gara biyyaa galan biyyi teenyaas akka tasgabbooftu rabbiin kadhachuun hundaa keenna irraa eegama.
Galatooma

10/10/2022
10/10/2022

Miciyyoon tuni Harka hin qabdu miilaan barattee kutaa 12ffaa qormaatarra jirti
Eeeyye harka bu’aa hin qabnerra miilli miciyyoo tanaa bu’a qabeessa yoo jenne dhara hin ta’u
Harkis miillis, sammuunis, fayyaanis,,,,,, martuu amaanaa Rabbii nubira kaayyatee,, gaafa fedhe fudhatu akka ta’e meeqan keenyatu yaadata laata?
Harki waa hatu, harki miidhaa dhala namaa irratti gaggeessu, harkii hamtuu male toltuu hojjachuun biraa fagaate miciyyoo tana ha ilaallatuun dhaamsa kiyya.
Barattoota 12ffaa Qormaatarra jirtan hunda keessaniifuu milkii gaariin isiniif hawwa
Miciyyoo miilaan qormaata hojjachaa jirtu tana maala qaba yoo teessumallee mijeessaniif?
Yaa miciyyo,,,, Rabbiin harka sirraa fudhate humna siif hata’u Rabbiin kooluu isaa jala sihaa qabu amiin

09/10/2022
01/10/2022

Iyyaafannoo.
Ergaa keessoodhaan natti ergame
mucaan asii gadii tti argatan kun maqaan isaa Alaamuddiin Haydar jedhama
G/Jimmaa A/botor xoollaay ganda urjii Oromiyaa keessaa badee ji'a tokko gahee jira umriin isaa waggaa 10 eessa akka inni dhaqe hin beekkamu naannoo kanarraa wanti beekkamu hin jiru. kanaafuu Rabbumaa jedhaatii nuuf iyyaafadhaa sheer waliif godhaa
Abbaan agqrtan bilbila kanaan nu dubbisaa amaana 0982358144 Obboleessa isaa Huseen haydar
GALATOOMA

30/09/2022

Address

Robe
Robe, SA
5276

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wifi jalaalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram