Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa, Doctor, Shashemene.

Blending Traditional Wisdom with Modern Medical Science
🌍 Global Standards | 🧪 Evidence-Based | 🤝 Patient-Centered
🌿 Trusted Natural Care for Safe & Effective Chronic Disease Treatment
📞 0917535385 | Oromia, Ethiopia

15/11/2025

Deeggartoota olaanoo haaraa kootiif galata guddaa! Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Alaarjii Funyaanii, Saayinasii fi Asmii Funyaanii – kutaa tokkoffaa...Waan yeroo hedduu namoonni ittiin dararaman keessa...
02/11/2025

Alaarjii Funyaanii, Saayinasii fi Asmii Funyaanii – kutaa tokkoffaa...

Waan yeroo hedduu namoonni ittiin dararaman keessaa Saayinasiin funyaanii fi Asmiin funyaanii isaan tokko dha.
Dhukkuboonni Alaarjii funyaanii (Allergic Rhinitis), Saayinasii (Sinusitis) fi Asmii funyaanii (Nasal Asthma) mallattoolee wal fakkaatoo ta’an agarsiisu.

Mallattooleen dhukkuboota kunneen wal fakkataa dha.
Yeroo fi haala qilleensaa kana Yeroo qorraa, roobaa fi ji'a gannaa nama rakkisa. Mallattoo yeroo dheeraf turuu fi Mallattoo yeroo gabaabaatti namarraa badu namarratti mul'ata.

Naannoo Ijaa, funyaan fi gogaa naannoo ijaa hooksisuu , funyaan keessa Dhangala'aa baay’ee salphaa Dhangala’aa furdaa fi diimaa fakkaatu bahuu danda'a .

Alaarjii Funyaanii fi Saayinasiin
Walii gala mallattoowwan jaraa:

Nama haxxiffachisuu fi Funyaan namaa cufa nama hooksisuu fi akkasumas nama ukkamsa, yeroo tokko tokko dhukkubbiin funyaan keessaa namatti dhaga'amuu fi kkf.
Gogaan Naannoo ijaa fi funyaanii dhiita'uu, fi hooksisuu fi jijjiiramu.

Laagaa qoonqoo liqimsituu keessaa nama hooksisuu fi dhukkubu.

Yeroo qorraa fi fooliin badaan yokan Fooliin gubataa yokan aarrii gara funyaan keessa seenu rakko adda addaa nama qunnama
Hafuura nama ukkaamsuu fi rakkoo suufuu yokan waa fuunfachuu fi afuura baafachuu dadhabsiisaa.

Mataa bowwuu fi boqonnaa dhabuu, namatti fida.

Yeroo namarra ture Waa dagachuu fi Erranfachuu namatti baayyisa.

Garaagarummaan isaanii Maalii?
Haala kamiin yaalamuu danda'aa?
Kamtu fayyuu danda'a?
Kutaa itti Aanu keessatti barreeffaama guutuu isiniif maxxansina, guyyaa muraasa booda FB "Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa" irratti karaa yaalaa, dawaa fi of-eeggannoo yeroo dhukkubni kun mudatuu fi kkf irratti post goona....

🌿 Guyyaa guyyaan odeeffannoo fi gorsa fayyaa, faayidaa biqiltoota, fi qoricha aadaa irratti barnoota
Qorannoo Saayinsaawaa irratti hundaayee Argachuuf
FB "Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa" hordoofaa
👉 Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa
✅ Share waliif godhaa ❤️ 👨🏽‍⚕️

Bu’aa fi Miidhaa Aannan Itittuu / Urgoo qabu Beektuu laata? Itittuun faayidaa guddaa qaba akkasumas miidhaa qaba! Eenyu ...
02/11/2025

Bu’aa fi Miidhaa Aannan Itittuu / Urgoo qabu Beektuu laata? Itittuun faayidaa guddaa qaba akkasumas miidhaa qaba! Eenyu irratti miidhaa qaba? Eenyuuf bu'a qaba? Yeroo kam dhuguun gaariidha? Barreeffama kana keessatti hanga dhumaatti dubbisuun Share godhi.....

Aannan Itittuun oomishaalee nyaataa namoonni itti fayyadaman keessaa isa durii fi ammallee nyaata aadaa hawaasa tiksitoota addunyaa keessatti bakka guddaa qaba, keessumaa naannoo Baha Afrikaa Itoophiyaa keessatti urgoo jedhamuun beekkama

Aannan itittuu ykn urgoo bifa Aadaatiin qophaa'e (Fermented Milk –Traditional) nyaata aadaa Oromoo keessatti beekamaa fi jaalatamaa dha. Gosti aannan itittuu kun Aannan loonii yeroo murtaa’eef, yeroo baay’ee sa’aatii 12 hanga 48 erga turee booda kan argamudha.

Namoonni hedduun aannan kana Dhuguu jaallatu, sababni isaa yeroo dhugamu namatti tola; garaacha qabbaneessa sammuu tasgabbeessa. Aannan itittuu, namoota hojii humnaa hojjatan ykn sochii qaamaa godhaniif bu’aa guddaa qaba.

Aannan itittuu uumamaan qopheeffamu, nyaata pirootiinii fi albuudota barbaachisoo kanneen akka kaalsiyeemii, pootaasiyeemii fi vitaamin B12n badhaadhedha.

Akkasumas baakteeriyaa faayidaa qaban kanneen bullaa'insa nyaataa fooyyessuuf gargaaraniifi fayyaa garaachaa deeggaran of keessaa qaba. Hawaasa tiksee bulaa baadiyya keessatti, aannan meeshaalee aadaa keessatti ho’a (25–35°C) keessatti kan kuufamu yoo ta’u, kunis adeemsa daakuun uumamaa kan saffisiisu fi aannanichaaf mi’aa addaa kan kennudha.

Qorannoon akka agarsiisutti aannan itittuu Aadaan qophaa'e faayidaa fayyaa bal’aa akka qabu agarsiisa. Pirootiinii, kaalsiyeemii, fosfarasii fi vitaaminii B tokko tokkoon kan badhaadhe yoo ta’u, baakteeriyaa faayidaa qaban (piroobaayootikii) fayyaa bullaa’insa nyaataa guddisan kan of keessaa qabuu fi madaallii maaykiroobaayil garaachaa fooyyessuu kan of keessaa qabu yoo ta’u, kanaanis rakkoolee garaachaa fi marrimaanii hir’isa.

Garuu Yoo qulqullinni hin eegamnee fi itittuu yeroo dheeraa ture ta'e bakteeriyaa miidhaa qabu garaacha keessatti uumuu danda’a, kan bokoka garaa fi Baakteeriyaa sirna Fincaaniif nama saaxilu fiduu danda'a!. Inflammation kalee fi dandeettii Sammuutti waa qabachuu sammuu irratti dhiibbaa fiduu danda’a

Akkuma armaan olitti ibsame faayidaan fayyaa aannan Itittuu aadaa qabuun walqabatee jiru kun balaawwan mudachuu danda’aniin kan marfame yoo ta’u, kunis adda durummaan yeroo aannan, kuufamuufi qophii kuusaa irratti qulqullina dhabuu wajjin kan walqabatudha. Meeshaalee aadaa, kan qulqulluu hin taanee fi bishaan faalamee fi harka qulqulluu to’annaa malee itittuu qopheessuun baakteeriyaa dhukkuba fidan kan akka Salmonella, E. coli, fi Staphylococcus aureus faalama, carraa dhukkuba garaachaa, ho’a qaamaa taayifooyidii fi yeroo tokko tokko summii nyaataa cimaa dabaluu danda’a.

Aannan (Itittuun) nyaata aadaa badhaadhaa fi bu’aa qabeessa ta’ee sirna bullaa’insa nyaataa fi dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu namaaf guddisuu danda’uudha.

Haa ta’u malee dhukkuba irraa of eeguuf qulqullina of eeggannoon bifa sirrii ta’een qopheessuu barbaada. Haala qulqullinaa sirrii ta’een yeroo qophaa’u faayidaa kan qabuu fi nyaata aadaa gaarii ta’e keessaa isa tokkodha, Yoo meeshaalee qulqullinni isaa hin eegamne, aannan kun baakteeriyaa miidhaa qabaniin faalamuu danda’a.

Aannan itittuu yeroo dheeraa ture yokan guyyoota sadii ol ture fayyadamuun namoota dhuunfaa tokko tokko kan dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaanii dadhabee ykn dhukkuba yeroo dheeraa qaban irratti dhukkuboota qorraa utaalloo taayifoodii fikkf caalaatti saaxilamuu danda'u.

Aannan itittuu aadaa fi aannan itittuu ammayyaa paastiraayizeeshinii qophaa'e wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaan nageenya fayyaa guddaa gidduutti ifatti mul’ata.

Aannan Itittuun ammayyaa ta’e faayidaa soorataa isaa osoo hin balleessin baakteeriyaa dhukkuba fidan hundi keessaa dhabamsiifamee bifa of eeggannoodhaan kan qophaa'edha.

Yeroo baayyee haala qulqullina cimaa jalatti oomisama kunis balaa fayyaa fi baakteeriyaa miidhaa geessisu waliin walqabatee dhufu haalaan hir’isa.

Urgoo yokan itittuu Yeroo Qillensi qorraa jiruu fi roobni jiru keessatti dhuguun dhukkuba busee ykn wobaa nama qabsiisa, utaalloo qufaa irra deddeebiin namatti fida, Dhangala'aa Funyaanii akka furrii namatti baayyisa.

Haa ta’u malee, aannan itittuu yeroo sirnaan fi haala qulqullinaan dhugu, miidhaa isaa hin argitu. Namni jaalala urgoo qabu, guyyaa Waaree booda yeroo aduu ho’ee ykn hojii humnaa hojjatu yoo dhuge gaariidha bu’aa guddaa argata.

Odeeffannoo fayyaa guyyaa guyyaan argachuuf toora Facebookii
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa

Hoteela guddaa itiyoophiyaa Iskaayilaayitii halkan tokko buluuf qarshii meeqa gaafataa!?Hoteela Iskaayilaayitii Itiyooph...
02/11/2025

Hoteela guddaa itiyoophiyaa Iskaayilaayitii halkan tokko buluuf qarshii meeqa gaafataa!?

Hoteela Iskaayilaayitii Itiyoophiyaa yokan Ethiopian Skylight Hotel jechuun hoteela guddaa Africa abbaa urjii shanii yoo ta'u buufata xiyyaaraa idil addunyaa Finfinnee booleetti argama.

Hoteela sadarkaa idil addunyaa eeggate (five-star hotel) ta'e dha. Hoteelichi kan ijaaramee fi kan hogganamu dhaabbata guddaa itoophiyaa kan ta'e
Dhaabbata Ethiopian Airlines Group tiin yoo ta'u Hoteela Afrikaa isa guddaa kutaalee ciisiichaa 1,024 mijaa’inaafi tajaajiloota sadarkaa olaanaa qaban bal’aa namoota dhuunfaa fi Aanga'oota, dippilomaatota olaanoo fi walga'ii dhaabbilee fi bakka boqonnaaf imaltootaaf fi kkf keessummeessu tajaajilota olaanoo hedduu of keessatti qabaa.

Hoteelichi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bolee irraa daqiiqaa 5 kan fagaatu yoo ta'u, bakkeewwan daldalaa fi bashannana beekamoo kanneen akka Edna Mall jedhamutti dhihoo dha.

Galma guddaa walga'ii fi koonfirensi namoota 4000 ol keessummeessu danda'u qaba.

Gosoota Nyaataa fi bashannana nyaataa adda addaa Nyaata Itoophiyaa, Xaaliyaanii, Arabaa fi Eeshiyaa dabalatee nyaataa fi dhugaatii hedduu idil addunyaa ni dhiheessa.


Hoteelli Skylight kutaalee ciisiichaa adda addaa gatii adda addaatiin kan dhiyeessu yoo ta'u, gabaabinaan kunooti:

Kutaa Dachaa yokan siree lama qabu qarshii 35000 hanga qarshii kuma 40 halkan tokkoof kaffalchiisaa.

Kutaa ciisiichaa siree sadii qabu “Suite” fi “Apartment” halkan tokkoof qarshii
67000 kaffalchiisa.

Kutaa Istaandardii isaa Eeggate abbaa sireee tokkoo, halkan tokkoof qarshii 27000. Hanga 30000 ti.

Walumaa galatti sireen isaa Gatiin halkan tokko qarshii 27,000 irraa Eegalee hanga 67,000 ta’a.

Kutaalee xiqqaa (Premium fi Deluxe) keessatti namoota tokko ykn lamaaf tajaajila dhiyeessa.

Kutaalee “Suite” fi “Apartment” keessa immoo maatii ykn namoonni gareen kutaa qabachuu danda'u. Gatiin isaa 67,046

Kutaa ciisiichaa Aanga'oota olaanoo kan adarkaa pirezidaanshaalii gatiin isaa waan ifatti hin barroofneef gatii isaa beekuu hin danda'amu. garuu sireen namni dhuunfaa tokko bulu qarshii 27000 irraa hanga 30000 qofadha.

Gatiin kun vaatii gibiraa fi fedhii maamilaa fi dhiyeessii addaa irratti hundaa’uun jijjiiramuu danda’a.

Hoteelota gurguddaa itiyoophiyaan qabdu keessaa kan siree nama tokkoof qarshii kuma shantamaa ol kaffalchiisu hin agarree!. đź’¸

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godha

Faayidaa Sabraa ykn sibiriin fayyaa keessatti qabuu fi haala itti fayyadama isaa...Qoricha cimaa gatii xiqqaan argamu ka...
02/11/2025

Faayidaa Sabraa ykn sibiriin fayyaa keessatti qabuu fi haala itti fayyadama isaa...

Qoricha cimaa gatii xiqqaan argamu kan magaalaa Oromiyaa hunda keessaatti batichuu dandeessanidha, Wantoota sochii Baayoloojii faayidaa fayyaa qaba 200 of keessaa qaba.

Sabraa yokan Sibririi jechuun dhangala’aa maxxanuu fi furdaa kan baala Dhangala'aan Biqltuu Hargisaa Gosa (Aloe socotrina) keessaa baaafamu yoo ta'u, bifa aadaan biqiltuu kana keessaa baaafamee, hoo'a giddu galeessa ta'e jelatti erga gogeen booda gara Waan jajjabaa Sabraa yokan Sibrii jedhamu kan dhibee hedduuf bu'aa qabutti jijjiirama.

Faayidaalee Sibiriin qabu:

Qorannoon saayinsii dhiheenya kana gaggeeffame akka mirkaneessetti sibriin kompaawundoota sochii qaban kanneen bu’aa farmaakooloojii dachaa qaba:

Sochii Eegumsa tiruu Hepatoprotective:

Summii tiruu balleessuuf gargaara, seelii Tiruu miidhaa qoricha ykn alkooliin irraa dhufu ni eega, seelota haaromsuuf gargaara.

Hamma sukkaara dhiigaa to’achuuf garagara:

Qorannoon akka agarsiisutti dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa qaban irratti miira insuliinii fooyyessuudhaan sadarkaa guluukoosii gadi buusuuf gargaara.

Fayyaa Sirna onnee fi ujummoolee dhiigaa eega:

Kolestroolii miiidhaa qabu LDL gadi buusuun kolestroolii HDL (gaarii) ol kaasa.

Dhukkuboota Sirna Bullaa'insa Nyaataa:

Gogiinsa garaa Yeroo Dheeraa yaala, garaacha marrimaan qulqulleessuuf akka qoricha uumamaa humna guddaa qabuutti itti fayyada.

Dhukkuba garaachaa fi marrimaanii dhukkuba (IBS):

Infeekshinii fo'aa marrimaanii hir'isuun madaallii baakteeriyaa faayidaa qaban deebisa. Qorannoon dhiheenya kana godhame akka agarsiisutti inzaayimoota inflammatory (NF-ÎşB fi MAPK) akka dhorka, Dhukkubbii marrimaanii too'ata.

Fayyaa Sirna Bullaa'insa nyaataatiif Dhukkubbii garaachaa yaaluu fi bullaa'insa nyaataa fooyyessuuf faayidaa guddaa qaba Bokaka garaa Gaasii fi dhiita'uu ni hirrisa Infeekshinii garaachaa fi marrimaanii ni yaala.

Baakteeriyaa dhukkuba garaachaa fidan kan akka Salmonella (Salmonella) fi Listeria monocytogenes (Listeria) jedhamuun beekaman ni yaala.

Xuuxamuu fi bullaa'isna soorataa ni fooyyessa, sochii garaachaaf ni tajaajila.

Ittisa qamaa fi Fayyaa Waliigalaatiif Antioxidants humna guddaa qaban kan free radicals lolan of keessaa qaba. Dandeettii ittisa qaamaa vaayirasii fi baakteeriyaa irraa cimsa.

Infeekshinii yeroo dheeraa hir'isuuf hedduu gargaara.

ujummoo Fincaanii cufame banuu fi Fincaan akka bahu haala mijeessuu fi bokokuu kalee hir'isuuf gargaara.

Dhibee kiintaarotii hemorrhoids infekshiniiwwan kanaan walqabatan yaaluuf tajaajila.

Madaa fayyuu didee yeroo dheeraa ture madaan manca’e Qulqulleessuuf fayyisuu keessatti faayidaa qabatamaa qaba.

Summii qulqulluudhaan fayyaa tiruu fi kalee cimsa Rakkoo tiruu tokko tokko yaaluufis ni gargaara.

Dhukkubbii garaa fi dhukkuba sombaa salphisuuf bu'aa qaba.

Infeekshinii ijaa fi qoochoo ijaa yeroo nama Ijji yeroo qorraa yokan diilalla’ee dhukkubu akka copha ijaatti itti fayyadamnu yaaluuf tajaajila. Nama Ijji hooksisuuf faayidaa qabatamaa ta'e qaba.

Madaa xixiqqoo fi madaa qaamaa yeroo dheeraa ture fayyisuu danda'a, gubaa ibiddaa ni fayyisa. Infeekshinii gogaa ni yaala.

Antioxidants humna guddaa qaban kan mallattoolee dulloomuu shuntuuru gogaa qaamaa yeroo malee dhufan lolan of keessaa qaba.

Fayyaa Rifeensaaf bu'aa qaba,
Biqila rifeensa ni cimsa, rifeensi harca'uu ni dhaaba, Rifeensa ifaafi miidhagaa taasasia. Inflammation Gogaa fi fangasii gogaa mataa ni yaala.

Biqltuu Hargisaa gosti Sibrii irraa oomishamu kun Qaamolee Keemikaalaa Alooveeraa wantoota sochii qaban kanneen bu’aa qoricha cimaa qabaniin kan badhaadhe yoo ta'u.

Saayinsiin ammayyaa qorannoon keemikaalaa fi farmaakooloojiin sabraan kompaawundoota sochii qaban 200 ol kan of keessaa qabu ta’uu isaa mirkaneessee jira, keessattuu aloin (A & B), kan qoricha garaachaa uumamaa cimaa ta’ee Tiruu fi mar'imaan qulqulleessu, akkasumas aloe-emodin, kan amaloota farra baakteeriyaa, farra vaayirasii fi farra fangasii cimaa qabuu fi dandeettii inflammation fi dhiita,tumoors yaaluun beekamu qaba.

Akkasumas, chrysophanol kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis seelii haaromsuuf kan gargaaru yoo ta'u, madaan qaamaa akka saffisiisaan fayyuu fi kkf garagara.
Kana malees, poolisaakaayidii kan akka acemannan, kompaawundoota sirna ittisa qaamaa kakaasuun sochii seelii faagosaayitii dabalan of keessaa qaba, kunis dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa cimsuu irratti bu'a qabeessa taasisa.
"Poolisaakaayidii" Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu cimsuu fi madaan qaamaa akka saffisaan fayyu gochu.

Reeziinii fi zayita jijjiiramaan sibrii keessatti argama Farra inflammatory fi dhukkubbii lafee salphisuuf gargaaru dha.

Akkasumas albuudota akka ziinkii, maagniziyeemii, kaalsiyeemii fi seeliiniyeemii kanneen madaallii elektiroolayitii deebisuu fi sirna narvii fi lafee cimsuuf gargaaran dabalatee vitaaminoota bal’aa kanneen akka A, C, E, fi B12 kanneen antioxidants humna guddaa qaban of keessatti qabatee jira.

Mala Itti Fayyadama:

Daakuu sibirii fallaana xiqqoo tokko bishaan ho’aa waliin walitti makuun osoo hinciisin dura dhugama. Yokan ganama garaa duwwaa tti dhugama haala kanaan guyyaa 1 hanga 3tti fayyadamu dandeessa.

Rakkoo garaachaa fi marrimaanii kkf Ganama ganama garaa duwwaa irratti Sibrii fallaana xiqqoo tokko damma fallaana Guddaa sadii waliin fayyadamuun hedduu gaariidha.

Madaa yaaluuf Erga bakka madaa sana qulqulleessinee booda kallattiin dhangala’aa sibirii haaraa dibachuu dha.

Hemorrhoids yokan kiintaarotiif Zayitii ejersaa ykn zayita Biro wajjin bakka tokkotti walitti makuun dibichuun fayyadamtu.

Kunuunsa gogaa Bishaan roozii ykn damma waliin walitti makuun akka dibata fuulaatti fayyadamtu.

Rifeensaaf Zayitii kaastarii ykn hin zayita qobboo waliin walitti makuun gogaa mataa keessa dhiqachuun booda dubbachuu ni danda'ama

⚠️ Yeroo Sibrii fayyadamnu rakkoo akka hin mudanneef of eeggannoo gochuu qabna.

Dubartoonni ulfaa Gadameessaa akka bahuu gochuu waan danda’uuf hin fayyadaminaa.

Ijoollee daa'ima waggaa 7 gadii Doktora osoo hin mariisisin hin fayyadaminaa.

Dozii garmalee fudhachuun Garaa kaasaa cimaa Pootaasiyeemii dhabuu fi Dhiibbaan dhiigaa gadi bu'uu fiduu danda'a waan ta'eef hanga jedhamee ol fudhatina!

Fayyadama isaa keessatti faayidaawwan fayyaa fi
Amaloonni baayoloojii abdachiisaa kun jiraatanis, nageenyi kilinikaa fi itti fayyadama isaa baayyee of Eeggannoo guddaa gaafata!.

Qorannoon tokko tokko akka agarsiisutti Sibirii kana doosii ol’aanaan yeroo dheeraa fayyadamuun jijjiirama tishuu garaachaa fi miidhaa fiduu danda’a.

Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa U.S. (FDA) bara 2002tti qoricha garaachaa kan ajaja ogeessa fayyaa malee bitamuu danda’u kan aloe vera latex of keessaa qabu akka ofirraa deebisu kan taasise yoo ta’u, sababni isaas qabiyyeen aloe-emudine yoo doozii ol yokan yeroo hunda baayyinaan kan fudhatamu ta'e rakkoo fiduu danda'a tarkaanfii of eeggannoo fudhate.

Kanaafuu hanga jedhamee ol fayyadamuun hin ta'uu! Akkasumas bakka qulqullina qabu irraa malee akka hin bitanne!.

Fayyaa keessaniif Qoricha Aadaa, ragaa saayinsii irratti hundaa’e geenya! Qabu Saayinsii Fayyaa walitti fidne maxxansina.
Facebook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa
✅ Follow nu godhaa 👥
✅ Share waliif godhaa 📢

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of yaal...
07/09/2025

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of yaaluu dandeessaa..

Massoobilaa yokan Kefoo.
Biqiltuu Suuraa irratti Mullatu kana Namni hin beekne tokko hin jiruu 👌 Maqaan isaa Akka kutaa Naannootiin Wal dhaba Ha Ta'uu Garuu Suuraa isaa qofa ilaalatanii adda baasuu dandeessuu, ingiliffaan (Sweet Basil), jedhamaa, Maqaa saayinsiin "Ocimum basilicum L." jedhamuun kan beekamu, yoo ta'u biqiltoota Urgeeyssitu Nyaataa fi Shaayii isa Beekkamaadha, bu'aa qorichaafi soorataa olaanaa qaban keessaa isa tokkodha. Qoricha aadaa keessatti waggoota kumaatamaaf kan itti fayyadamaa ture yoo ta'u, keessumaa sirna wal'aansaa durii kan akka yaala Aadaa indiyaa Ayurveda fi Chaayinaa yokan (TCM) keessatti dhukkuboota hedduu yaaluuf Tajaajilaa tureeraa.

Qorannoo Saayinsii fi yaala Aadaa irratti hundoofnee Barreeffama Insaayikilooppiidiyaa bal’aa kana keessatti Biqiltuu Kefoo ykn Massoobilaa, faayidaa fi itti fayyadama isaa gama hundaan bal’inaan kan ilaallu yoo ta’u, gahee inni dhukkuboota adda addaa yaaluuf qabu, mala itti fayyadama aadaa fi ammayyaa isaa, Guutummatti isiniif ibsinaa Obsaan yoo dubbistan faaydaa guddaa irraa Argattuu 👇

Faaydaa walii galaa biqiltuun kun fayyaa keenyaaf qabu.

Fayyaa kalee Cimsuu fi yaala Cirracha kalee yokan (Kidney Stones Treatment) keessatti ga'ee leencaa Qabaa.

Qabiyyee Uumamaa Cirracha kalee Xixiqqoo Cabsuuf gargaaranu Of keeysaa qabaa shaayii isaa Namoota Cirracha kalee yokan (Kidney Stones) qabanuuf Baayyee bu'aa isaa Qabatamaan Arginee jirraa.

Fincaan sirnaan Akka Dhangala'u t
(Diuretic) Taasisaa kunis Summii kalee keeysaa qulqulleessaa.

Farra Garaa Ciniinnaa yokan
Dhukkubbii garaa keeysaatii, Rakkoo Garaachaa (Stomach Cramps) irraa madduuf bu'aa qabaa.

Gaaza qilleensa gara keessatti Kuufamee Bokoka garaa fidu (Carminative Effect) hirrisuuf gargaaraa.

Rakkoo Mar'imaanii yokan (IBS ) dhaafis bu'aa qabaa

Nama Garaachi isaa nyaata bulleessuu dadhabeef Dawaadha.
Qorannoon (J. Ayurveda Integr Med) irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Kefoon inzaayimoota bullaa'insa nyaataaf barbaachisanu akka maddu kan kakaasu yoo ta'u, kunis sochii garaachaa tolchuuf gargaara, Fayyaa Sirna Bullaa'insa nyaataa yokan (Digestive Health) Cimsaa, Namoota Garaachi jaraa Nyaata bulleessuu dadhabe yokan Rakkoo (Indigestion) qabanuuf Gaariidha.

Fayyaa Sirna hargansuu ykn (Respiratory Health) Cimsaa.
Shaayiin isaa Ujummoo Qilleensaan cufame banuuf Tajaajilaa kanaaf warra Asmii (Asthma) fikkf qabaniif Gaariidha.

Qabiyyee farra maaykiroobiyaanii kan of keessaa qabu yoo ta'u, dhukkubbii qoonqoo fi qorra ofirraa ittisuuf gargaaraa.

Fayyaa Onnee Cimsaa Ujummooleen dhiigaa akka hin dhiphanne waan Gargaaruuf dhibbaa dhiigaa gadi buusaa.

Qorannoo Saayinsii "J. Clin. Diagn. Res" irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Biqiltuun Kefoo Hanga baayyina kolestiroolii miidhaa qabu yokan (LDL Cholesterol) dhiiga keessatti xiqqeessaa.

Qabiyyee "Antioxidants" Rakkoo Ujummoolee dhiigaa miidhaa geessisan ittisuu fi dhibee atherosclerosis irraa nama Eegu of keessaa qabaa.

Qorannoon "J. Agric. Food Chem" Akka Agarsiisuutti Massoobilaan
sochii antioksidaantii cimaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, dhukkuboota yeroo dheeraa Namarra turanu dhiphina oksijiinii wajjin walqabatan ittisuu keessatti faayidaa guddaa qabaa.

Madaa qaamaa Sababoota garaa garaaf Uumanu fayyisuu dandayaa.
Qorannoon (J. Wound Care) irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Kefoon farra baakteeriyaa fi farra inflammatory ta’uu isaatiin madaan akka fayyu taasisa.

Madaa Afaanii fayyada.
Qorannoon "J. Oral Pathol. Med" Akka Agarsiisuutti Kefoon Madaa Afaan keeysaa fi laagaa yokan Kokkee/Qoonqoo keeysaaf baayyee bu'aa qaba.

Mataa Bowwuu yaalaa, yaaddoo Fi dhiphina Sammuu ittisa.
Qorannoon "Ind. J. Exp. Bio" irratti Maxxansame Akka Agarsiisuutti Zayitii yokan bishaan Massoobilaa funyaanitti naquun Bowwuu mataa fi dhiphina Sammuu ittisaa.

Vitamin A fi Vitamin C waan qabuuf Dandeettii ittisa qaamaa cimsaa, fayyaa gogaa qaamaa ijaa dabalaa.

Pootaasiyeemii Olaanaa waan qabuuf Ol ka'insa Dhiibbaa dhiigaa ni to’ata, fayyaa onnee ni eegaa.

Maagniziyeemii waan qabuuf Dhiphina fi yaaddoo namarraa hir’isuun fayyaa maashaalee fi narvii ni fooyyessa.
Fayyaa Sammuu yaadachuu fi Xiinxaluu Sammuu keenyaa Cimsaa yokan (Brain & Cognitive Function).

Mataa Bowwuu yokan dhukkubbii mataa gama tokko qofaan nama dhukkubuuf Gaariidha.

Biqiltuu Kefoo yookaan Massoobilaan Qabiyyee fayyaa ilmaan namaatiif barbaachisanu zayitota barbaachisaa fi kompaawundoota sochii Baayoloojii qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis
(Eugenol) Fi (Linalool), (Eucalyptol), (Estragole), (Geraniol)
kan dabalatudha.

Qabiyyee Keemikaalaa:

Biqiltuun Kefoo kompaawundoota bal’aa sochii fi amaloota wal’aansaa qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis Dandeettii dhukkuboota ittisuu fi yaaluu isaaf kennuu, isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an Armaan gaditti isniif ibsineerraa: 👇

1.Qabiyyee (Essential Oils)
Zayitoota Urgeeyssitu Barbaachisoo kan Akka
(Eugenol) Of keeysaa qabaa Qabiyyeen kun Antioxidant, farra inflammatory, fi dhukkubbii uumamaaHidrisaa.

2. Qabiyyee (Linalool):
Narviidhaaf Tasgabbii kenna, akkasumas farra yaaddoo fi farra dhiphina sammuu ta'ee tajaajilaa.

3. Qabiyyee (Eucalyptol):
Qabiyyeen kun farra Baakteeriyaa fi fangasii farra Vaayireesii Cimaadha Rakkoo Sirna hargansuutiif bu'aa guddaa qabaa.

4. Qabiyyee (Estragole):
Qabiyyeen kun Foolii gaarii biqiltuu Kanaaf kenna Akkasumas Sirna Bullaa'insa soorataa irratti Garaacha Deeggaraa.

5. Qabiyyee (Geraniol):
Farra Baakteeriyaa fi fangasii yoo ta'u Qulqullina qaamaa fi miidhagina gogaa qaamaa dabaluuf Tajaajilaa.

2. Kompaawundoota Feenoolikii

Qabiyyee Asiidii (Caffeic Acid) fi (Rosmarinic Acid) farra Antioxidant Cimaa yoo Ta'anu Seeliin qaama keenyaa Dhukkubootaa fi kkf Akka hin miidhamne Taasisuu keessatti ga'ee Olaanaa qabuu.

Qabiyyee (Flavonoids) fi (Apigenin) fi (Quercetin) Biqiltuu kana Keessatti Argamanu Dandeettii dhukkuboota ofirraa ittisuu qaamaa dachaan ol Guddisuu, Bu'aa farra inflammatory Cimaa qaba dhukkubbii qaamaa hirrisaa.

Qorannoon "BMC Complement. Altern. Med" Akka Agarsiisuutti Biqiltuun kun
Farra Baakteeriyaa "E. coli" yoo ta'u Baakteeriyaan kun nyaata Nyaata gara summii tti jijjiiruu fi dhukkuba garaachaa namatti fiduu danda'udha.
Farra Baakteeriyaa "Staphylococcus aureus" Yoo ta'u Baakteeriyaa ku infekshinii hedduu kan akka infekshinii gogaa, summii dhiigaa fi infekshinii qaamolee keessoo kan namatti fidudhaa Kefoon kana namarraa ittisaa.

Kutaa itti Aanu keeyssatti ballinaan Haala itti fayyadama isaa isiniif Maxxansinaa, Akka isin hin dabarre toora Facebook keenya follow
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa
https://www.facebook.com/ManaQorichaadaoroAadaaOromiyaa

30/07/2025

Big shout out to my newest top fans! Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

22/06/2025

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category