Sumeeraa Intala Oromoo

Sumeeraa Intala Oromoo Milkaa'inni karaa gabaabaan hin jiru Foundation

Nama sadii ta'anii, mana tokko qarshii 30n walitti kiraayii fudhatan. Gaafa ji'i kaffaltii kiraa manichaa ga'u, sadan is...
28/06/2025

Nama sadii ta'anii, mana tokko qarshii 30n walitti kiraayii fudhatan. Gaafa ji'i kaffaltii kiraa manichaa ga'u, sadan isaanii qarshii 10 10 walitti buusanii qarshii 30 mucaa xiqqaa tokkotti kennanii, abbaa manichaatiif geessi jedhaniin.

Mucaanis qarshii itti kenname kana abbaa manaatti gaafa geessu, Abbaan manaa sun mucaa itti ergamee qarshii geesseef sanatti qarshii 5 kennee, gatii joormaa keetii qarshii 2 fudhadhu, jara sadan sanaaf immoo qarshii 1 1 deebisiif jedheen. Mucichis qarshii 2 ofii hambifatee, jaraaf qarshii tokko tokko deebiseef.

Jarri sadan sun jalqaba qarshii 10 10 walitti buusani. 10×3=30 waan ta'eef. Boodarra yeroo qarshiin tokko tokko isaanii deebi'uuf 9 9 buusan jechuudha. 9×3=27, qarshii mucaan ergameef sun fudhate qarshii 2.
Walitti 27+2=29 ta'a.
Qarshiin 1 eessatti bade?

Mugaabee Oromoo

Sirni wal harkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa Haaromsaan booda Marsaa 72ffaa har’a geggeeffama!Sagantaa kana bakka ...
10/03/2025

Sirni wal harkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa Haaromsaan booda Marsaa 72ffaa har’a geggeeffama!
Sagantaa kana bakka Hooggansi Ol'aanaan Naannoo Oromiyaa,akkasumasi,keessummoonni biyya keessaa fi alaa argamanitti gaggeeffamaa jira.

Oduu Aja’ibsiisaa Eritiraa!!====================Mootummaan dulloomaa Eritiraa lammiiwwan isaa umurii Waggaa 60 gadi ta’a...
02/03/2025

Oduu Aja’ibsiisaa Eritiraa!!
====================
Mootummaan dulloomaa Eritiraa lammiiwwan isaa umurii Waggaa 60 gadi ta’an akka Kampii Waraanaa seenan ajajjee,guuraa jira.

Harmeewwanii fi Abbootiin Eritiraa ijoollee isaanii waliin kaampii waraanaa seenuuf jiru.Akkuma labsiin kun baheen namoota Daandii cufanii butuun itti fufeera.
Gochi kun tarii jaarsa abbaa irree Eritiraa Isaayyaasiif,carraa dhabama isa dhumaa ta’uu mala.
Akkuma Bashir Al Assadii Soriyaa ykn Gaadaafii Libiyaa carraa tokko hindhabu.

Uummanni Eritiraa irra caalaan biyya isaaniitiin ala jiru.
Dargaggeessi biyya keessa hinjiru.Magaalonni Eritiraa ontuu duwwaa ta’aniiru.Jaarsaa fi Jaartiin biyya keessa jiran furmaata bakkeerraa eegaa jiru.Isaayyaas dhabamsiisuun ummata Eritiraa bayyanachiisuu qofaa odoo hintaane gaanfa Afriikaatti nagaa fiduudha‼️

Anis Asmaraa Qe’ee Warra Soddaa daawwachuuf yaadeera.Mitsiwwaa fi Asab gubbaa dhaabbadhee Galaana Diimaa qaamaan daakuu hawweera.
Yaa rabbii uummata hiraare kanaaf furmaata fidi 🙏

MM Abiy Ahimad agarsiisa waraanaa Humna Qilleensaa fi Makaanaayizdii Itiyoophiyaa waloon qopheessan daawwatanAMN Amajjii...
02/03/2025

MM Abiy Ahimad agarsiisa waraanaa Humna Qilleensaa fi Makaanaayizdii Itiyoophiyaa waloon qopheessan daawwatan

AMN Amajjii 13, 2015:- Muummeen Ministiraa Dr. Abiy Ahimad Mana Barnootaa Waraanaa Awaash 40tti argamuun agarsiisa waraanaa Humna Qilleensaa fi Makaanaayizdii waloon qopheessan daawwatan.

Humna Qilleensaa fi Makaanaayizdii ammayyeessuun waraana humna namaa xiqqaa fi meeshaalee waraanaa ammayyaawaan xumuruuf kan dandeessisu humni ijaaramaa akka jiru Muummeen Ministiraa fi Itaamaajoor Shuumiin Itiyoophiyaa dubbataniiru.

Saganticha irratti Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juullaa, Itti aanaa Itaamaajoor Shuumii Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, Ajajaan Humna Qilleensaa Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el fi ajajoonni fi qondaaltonni olaanoon Humna Ittisaa biroon argamaniiru.

Muummeen Ministiraa Bishooftuutti argamuunis fooyya’iinsa qophaa’ummaa irratti hojjetamaa jiru daawwachii isaanii Odeeffannoon Waajjira Muummee Ministiraa irraa arganne ni mul’isa.

WARRII BIYYA KEENYAA NAGAA DHOWWATAAN NAGAA DHABAA JIRIU!HIMA DIDDUUN DU'A HIN DIDDUU!
26/11/2024

WARRII BIYYA KEENYAA NAGAA DHOWWATAAN NAGAA DHABAA JIRIU!

HIMA DIDDUUN DU'A HIN DIDDUU!

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sumeeraa Intala Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Sumeeraa Intala Oromoo:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram