Hawi Melaku

Hawi Melaku Yes we Can.Yes I Can.

31/10/2025
04/09/2025
Waa'ee vaayiresii tiruu gosa "B" qabxiiwwan ijoo shan (5)1. Dandeettiin namaa namatti darbuu isaa kan HIV irraa harka 10...
04/09/2025

Waa'ee vaayiresii tiruu gosa "B" qabxiiwwan ijoo shan (5)

1. Dandeettiin namaa namatti darbuu isaa kan HIV irraa harka 100 (100X) caala. Walqunnaamtii saalaan, meeshaalee qara qabaniin, akkasumas haadha irraa gara daa'imaatti daddarba.

2. Namni vaayiresii kanaan qabame mallattoo kamuu osoo hin argisiisin waggoota dheeraa turuu danda'a, yeroo kana keessatti vaayiresichi gara nama biraatti ni daddarba.

3. Vaayiresiin kun yoo hordofamuu fi yaalamuu baate, waggoota dheeraa booda dadhabuu tiruu fi kaanserii tiruu fiduu danda'a.

4. Namni kamuu qoratamee dhiiga isaa keessa vaayiresiin kun hin jiru yoo ta'e talaallii isaa fudhatee vaayiresii kana ofirraa dhorkuu danda'a.

5. Vaayiresiin kun qoricha antivirals (farra vaayiresii) dhaan ni yaalama.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)

DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain) Dhukkubbii dugdaa namoota hedduutu qaba. Keessumaa yoo umuriin dabalaa deemu, carraan dhukk...
03/09/2025

DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain)

Dhukkubbii dugdaa namoota hedduutu qaba. Keessumaa yoo umuriin dabalaa deemu, carraan dhukkubbii dugdaa qabaachuu illee akkanuma dabalaa deema. Mee haala ykn mala k**a fayyadamnee of gargaaruu dandeenyaa?

1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa'aa sadii ol siree irra ciisuu dhiisuu qabna.

2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu (salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna.

3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.

4. Waan dilallaa'aa ta'e yokaan ho'aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.

5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa.

6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna.

7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka'umsaa isaa baranii gagaarsaargachuun gaariidha.

******************
Fayyaan Faaya.
Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)

Address

AdamaOromia
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hawi Melaku posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category