04/12/2025
Gaaffii hodoftoota irraa dhiyaatef deebii.
Gaaffii 1ffaa: doctorii abbaa koo dhiigni sammuu keessatti dhangala'e jedhan akkamitti ta'uu danda'a?
Sammuu kessatti dhiigni dhangala’uu(stroke)
=> Sammuu keessatti dhiigni dhangala’uun (stroke) maali?
-Stroke inni jennu sammuu keessattin yeroo dhiigni dhangala’u ykn dhiigni gara sammuu deemu yeroo addaan citu rakkoo uummamuudha.
- Sammuu keessatti dhiigni yeroo ujummoo dhiiga geessituu irratti dhibbaan dhiigaa dabaluu irraa kan ka’e yoo dirri ujummoo dhiigaa dhoohun dhiigni ujummoon ala bahu.(hemmorrhegic)
- sababa koolestroliin dhiiga keessa jiru dabaluu irraan kan ka’e koleestroliin dhiigni akka gara sammuu hin geenye ittisu(atherosclorosis)
- Dhiigni ujummoo dhiiga gara sammuu geessu keessatti yoo itite.( clot)
=>Stroke (sammuu keessatti dhigni dhangala’uun) namoota akkamii irratti argama?
>>Yeroo baay’ee namoota dhiibbaa dhiigaa qaban(hypertension), namoota dhibee onnee qaban fi kolestroliin dhiiga isaanii dabale.
=>>Mallattoon isaa maali?
-Dhukkubbii mataa hamaa .
-Tasa of wallaaluu ykn lafa dhahuu.
-Afaanin dubbachuu dadhabuu
-Qaama gara tokkoo sochoofachuu dadhabuu
-Afaan gara tokkoo jallachuu
-Waa nyaachuu fi dhuguu dadhabuu
-Fincaanii fi bobbaa qabachuu dadhabuu
-Namni keessattuu dhibee dhibbaa dhiigaa (hypertension) ykn dhibee onnee qabu ==>>mallattoo armaan olii kana of irratti yookin namarratti yoo arge atamtamaan gara mana yaalaa yaa deemu.
Galatoomaa.