26/02/2026
Guyyaa kaleessaa Hojjattoonni Koollejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa gaaffii lafa mana jireenyaa osoo hin kennamin lafarra harkifachaa jiruuf gaafii gaafachuuf waajjira kaantiibaa deemnee turre! Ganama sa'aatii 2:00tti deemnee tuffii guddaa booda sa'aatii 6 bakka nuti dadhabnee abdii kutannee bahuuf taanetti,itti aanaan kaantiibaa obbo Nigaatuu Mootummaa,I/G waajjira Fayyaa Magaalaa Adaamaa aadde Saamiraa kan jedhamtu,I/G bulchiinsaafi nageenyaa kan ta'e Taarraqany kan jedhaman dhufanii arrabaan haasawwa banuu jalqabanπOgeessi kallattii BMNO kaa'e lafti mana jireenyaa ogeessota ulaagaalee gurmaa'iinsaa guutaniif bakka hojii isaanitti hanga waxabajjii 30 tti akka kennamuuf jedhamullee, lafarra harkifannaa isaa sababeeffachuun gaafa dhaqee gaafatu,Arrabaan fi sodaachisaa guddaadhaan nu dararuu jalqaban? Lafti isiniif yeroo barbaaddanitti isiniif kennamu hin jiru,yeroo filannoon dhufaa jiru kanaan mootummaa irratti hiriira bahuun seeran isin gaafachiisa,yoo kennines waldaa tokkoo lamaaf kenninee callisuuf mirga guutuu qabna,dhukkubsataa dhiistanii dhufuun keessan yakka guddaadha jedhanii heedduu nu arrabsaa turanπ Sagalee nu waraabu jedhanii humna nageenyaan galma keessaa nu yaasanii mobile hunduma keenyarraa guuranii lafa naqan! As magaalaa Adaamatti ogeessi Fayyaa Rakkoo hamaa keessa jira! Kaabineen sodaachisaa fi cunqursaa hamaadhaan management hospitaalaa waliin ta'uun dararaa guddaa nurraan gahaa jiru!