18/11/2024
Dhukkuba Kintaarotii (Hemorrhoids).
Dhukkubni Kintaarotii ykn Hemorrhoid jedhamu dhukkuba haalan hawaasa addunyaa miidhu keessaa isa tokko. Dhukkubni kun kan uumamu yemmuu kutaan qaama keenyaa kan mar'umaan furdaa isa dhumaarra jiru kan ujummoolee dhiigaa xixiqqoo of keessaa qabu dhiita'uu fi kara munneen gadi bahu ykn ammoo dhiiguu qofaan mul'achuu danda'a. Wantoonni dhukkubichaaf nama saaxilan kanneen armaan gadiiti:
- Da'uumsaan booda( keessattuu dubartoota ciniinsuun daa'ima dahan)
- Googiinsa garaa
- Rakkoo fincaan namaaf bahuu diduu ykn ittansiisuu
- Qufaasisuu yeroo dheeraaf namarra turu.
- Namoota umrii 60 olii( keessattuu dubartoota)
Kanaaf uumamuu dhukkuba kanaa ittisuuf wantoota armaan olii ittisuun barbaachisaadha( kan ittifamuu danda'an).
Takkaa dhukkuba kanaan qabamnnaan yeroon mana yaalaa deemuun akkaan barbaachisaadha. Qoricha aadaa fayyadamuun goonkumaa hin gorfamu. Sababiin isaas qorichi aadaa wanta tilmaamaan godhamuudha malee waan qorannoo saayinsawaan deeggarame miti. Hanga qoricha kennamuu hin beekan, guyyaa meeqaaf akka kennamu hin beekamu, miidhaan qorichi sun qaamarraan gahu wanti beekkamu hin jiru. Dhukkuba kana qofaaf osoo hin taane dhukkuba kamiifuu qoricha aadaa fayyadamuun yoomuu hin deeggaramu. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessatti Namoota hedduu qoricha kana fayyadamuun rakkoo akkan hamaa ta'eef saaxilaman hedduu argina. Miidhaa akka infeekshiinii, qaamni isaanii tarssa'u, Gara bahiinsa bobbaa( munneen) dhiphachuutii hanga cufamuu, Bobbaa to'achuu dadhabuu, fi kkf ni uumama.
Keessattuu dhukkubni kun sababa qaama keenya isa himachuuf akka qaaniitti ilaalamu waan miidhuuf namoonni hedduun osoo hin himatin yeroo dheeraaf turu. Dhukkubichi haga inni miidhaa guddaa fidee himachuuf dirqamanitti namoonni hedduun ni dhokfatu ykn ammoo qoricha aadaa fayyadamu, wanti kun guyyaa guyyaan hojii keenya keessatti wanta nu qunnamuudha.Garuu dhukkubni kun yaalamuu kan danda'uu fi yaala garaagaraa waan qabuuf mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.