18/06/2025
Waltajjiin komataafi komatamaa kenna tajaajila hawaasaa si'eessuun haqa qabeessaa taasisa!
= = =
Waltajjiin komataafi komatamaa kenna tajaajila hawaasaa keenyaa si'eessuun haqa qabeessaa taasisuun iftoomina Mootummaafi hawaasa gidduutti uumuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa mootummaafi uummata gidduutti wal hubannaan gaariin akka jiraatuuf riqicha mootummaafi uummata walitti fidu ta'ee hojjechuun kenna tajaajilaa si'ataan, haqa qabeessaafi iftoomina qabu hawaasa bal'aa biraan gahuuf Inisheetivii Waltajjii komataafi komatamaa bocuun caasaalee isaa sadarkaa garaagaraa jiraniin raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Waajjirri Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Maayaa waltajjii fuulaaf Fuullee komeewwan Waajjiraalee gara garaa kanneen akka Waajjira Geejjiba, Waajiira Fayyaa, Waajjira Daldalaa akkasumas konkaalachiiftoota, hoggansa Seektaroota magaalichaafi kutaalee hawaasaa garagaraa gidduutti kan geggeefameera.
Itti gaafatamtuu Waajjira Koominikeeshinii Magaalaa Maayaa Aadde Rubaabii Ali haasawaa taasisaniin, hojii ijoo waajjirichaa kan ta'e komataafi komatamaa walitti fiduun walhubannaa gaarii uumuun uummataafi mootummaa gidduutti riqicha gaarii ta'uun hojiilee misoomaafi nageenyaa magaalicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti uummanni adda durummaan gahee isaa akka bahatu gochuu keessatti waltajjiin kun gahee guddaa akka qabu dubbataniiru.
Kana malees gaaffii, komiifi yaada jiraattonni magaalichaa kaasaniif deebii kennuun kan hafee galtee karoora bara hojii itti aanuu akka taasianis dhaamaniiru.
Ittigaafatamaa waajjira Paablik Sarbiisii Misooma Qabeenya Namas Magaalaa Maayaa Obbo Caalaa Asaffaa haasaa taasisaniin, rakkoolee kenna tajaajilaa sekteraaleen mootummaa tokko tokko keessatti calaqisuun rakkoon bulchiinsa gaarii uumamuu waan danda'uuf waltajjiin komataafi komatamaa walitti fiduun deebii fuulaafi fuulaan deebisuun rakkoo uumamu furuu keessatti qooda guddaa akka qabu dubbachuun, gara fuula duraattis dhimmoota akkanaa irrat