05/01/2026
Akkuma beekamu duty'n hojjetaa seektera fayyaa ji'a 4 oliif osoo hin kanfalamin jira kanaaf immoo sababni hanqina bajataati jedhama
Haa ta'u malee haala qabatamaa biyyaattiin yoo ilaalamu kun sababa quubsadha jechuuf nama rakkisa.
Biyyi takka haala rakkisaa keessa illee teessee dafqa lammiilee isheef dursa kenniti
Osuma immoo hanqinni bajataa jiraate mootummaa kaffaltii hojjetaa isaa dhoowwachuun dura filannoowwan biroo fayyadamuu ni danda'a, kuni biyyoota haalli akkasii mudate hedduu keessatti illee waan ta'eedha,
Filannoowwan jiran kunis;
1. Bajata Naannessu
Yeroo hanqinni bajataa mudatu mootummaan bajata wantoota hatattama (urgent) hin taanee kan akka ijaarsawwan, kooridarii, pirojektiiwwan , warkshooppi, baasiwwan bashannanaa fi kkf irraa hir'isuun dursa kaffaltiiwwan hojjettota isaaf oolchuu qaba
2. Liqii Hatattamaa
Mootummaa dhaabbata biyya keessaa fi alaa irraa liqii fudhachuun rakkoo atattamaa furuu ni danda'a
3. Gargaarsa Gaafachuu
Mootummaa hanqinni tasaa yoo mudate qaamota akka ministeera maallaqaa, Baankii, dhabbata akka World bank, IMF irrra gargaarsa arachuu danda'a
Karaa armaan oliin rakkoowwan akkasii furuu yoo hin dandeenye filannoowwan biroos jiru, fakkeenyaaf
1. Walakkaa dursa kaffaluun, kan hafe yeroon booda kaffaluu
2. Kan ji'a muraasa haala qajeelfamaan kaffalee, kaanif yeroo xiqqoo gaafatee furmaata barbaaduu
3. Seektaroota critical ta'aniif dursa kennuu....
Kanaan alatti garuu 𝑩𝒂𝒋𝒂𝒏𝒏𝒊 𝑯𝒊𝒏 𝑱𝒊𝒓𝒖 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇 𝑯𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒇𝒇𝒂𝒍𝒍𝒖 jechuun hojjetaaf qofa osoo hin taane kenna tajaajilaa irratti dhiibbaa guddaa uuma
❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Waa'ee Fayyaa