Dr.Fayyaa

Dr.Fayyaa page'n kun Odeeffannoo fayyaa Hawaasa keenya biraan gahuufi barsiisuuf kan Uumamedha.Gaaffiwwan kara

የወባ በሽታ ክፍል-1************************************ አገራችን ኢትዮጵያ ለዚህ በሽታ በጣም ተጋላጭ ናት። እንደ መረጃው ከሆነ፣ 2/3ኛው የአገራችን ህዝብ ለዚህ በሽ...
19/11/2025

የወባ በሽታ ክፍል-1
************************************

አገራችን ኢትዮጵያ ለዚህ በሽታ በጣም ተጋላጭ ናት። እንደ መረጃው ከሆነ፣ 2/3ኛው የአገራችን ህዝብ ለዚህ በሽታ ተጋላጭ ነው። ከ2000 ሜትር ከፍታ በታች ካሉት የመሬት አካባቢዎች 3/4ቱ የወባ ትንኝ መገኛ ናቸው።

ለወባ ትንኝ መራባት ጥሩው ሁኔታ የሚፈጥረው ሞቃታማ የአየር ንብረት እና የማይፈስ ውሃ፣ ሐይቆች ባላቸው ቦታዎች ነው።

ወባ የሚከሰተው ሰውነት በፕላስሞዲየም ጥገኛ ተዋስያን ስጠቃ ነው። ወባ ትንኝ የሰውን ደም ስትመገብ ፓራሳይቱ ወደ ሰውነት ይገባል።

5 (አምስት) የፕላስሞድዬም ተዋስያን ዓይነቶች አሉ ፤ አምስቱም በሽታ ሊያስከትሉ ይችላሉ። እነዚህም 1) ፕላስሞድዬም ፋልሲፋራም 2) ፕ ቫይቫክስ 3)ፕ ኦቫል 4) ፕላስ ማለሬ እና 5) ፕላስሞዲየም ኖውሌዝ ናቸው።

ክፍል 2 ይቀጥላል

  Heemorajik Fiver(hemorrhagic fever)- dhukkuba garee  vaayirasii adda addaatiin dhufuu kan  hoo'a fi dhiiguu qaama fidu...
13/11/2025

Heemorajik Fiver(hemorrhagic fever)- dhukkuba garee vaayirasii adda addaatiin dhufuu kan hoo'a fi dhiiguu qaama fidudha.

dhukkubaa
*Mallattoolee jalqabaa: Ho'a qaamaa, dadhabbiin, garaa kaasaa, dhukkubbii maashaalee fi dadhabbii.
*Mallattoolee ciccimoo: Afaan, ija ykn gurra irraa dhiiguu, gogaa jalaa dhiiguu, sirni narvii hojii dhabuu.


Vaayirasiiwwan adda addaa maatii adda addaa irraa dhufan, kanneen akka vaayirasii Iboolaa, vaayirasii Maarbarg, vaayirasii heemorhaajik fiver, Kiriimiyaa-Kongoo, fi vaayirasii Laasaa kan dhufudha.
baayyee daddarbiinsi kan uumamu bineensota dhukkuba kanaan qabaman kanneen akka silmii, hantuuta, simbira halkanii, qamaleen/jaldeessan wal tuttuquu, fooni isaanii osoo hin bilcheessin nyaachuu fi bookeen hiddamuunidha.

’aansaa
Wal’aansa: Vaayirasoota Heemorhaajik Fiver fidan hundaaf yaaliin addaa hin jiru, garuu kunuunsi fi deeggarsi barbaachisaan haala sadarkaa dhibeerratti hunda'ee ni taasifama.

:
1.Beeylada dhukkuba kanaan qabamee fi dhangala’aa qaama isaanii tutuquu irraa of qusachuu.
2. Bakka dhibeen baay’inaan itti mul’atutti meeshaalee ittisaa fayyadamuu- haguuga harkaa(glove)fi qaamaa
3. yeroo mara qulqullina harkaa saamunaa fayyadamuun eeguu
4. bineensota sababa ta'an fageessuu
5. Namni dhukkuba kanaan shakkame ykn qabame namootan walitti osoo hin makamin qofaa isaatti yaala akka argatu taasisuu, dhangala'aa qaama isaa keessa ba'u of eegannoon maqsuu

©Dr. Fayyaa

Dhibee Busaa- Kutaa 2ffaa*********************************************   # kutaa darbe irraatti gosoota maxxantuu dhibee...
13/11/2025

Dhibee Busaa- Kutaa 2ffaa
*********************************************

# kutaa darbe irraatti gosoota maxxantuu dhibee busaa fidan ilaallee turre. Armaan gaditti yeroo fi haalota dhibeef nama saaxilan, mallattoolee, fi tooftaa wal'aansaa ilaalla.

# Dhukkuba kanaaf akka saaxilamnu wantootni taasisan:-
a) olka'insa lafaa 2000M gadi qaban keessa jiraachuu (teessuma lafa gammoojjii fi badde daree hoo'a qaban)
b) sa'aatii ganamaa ykn
c) Galgala
d) naannawaa baadiyyaa ta'uu fi
e) dhuma waqtii roobati

dhukkubichaa
◆Bowwaa mataa
◆Dadhabbii/humna dhabuu
◆Hoo'a
◆Dhukkubbii naannawaa buusaa /joints/ fi maashaa qaamaa
◆Ol-deebisuu fi miira oldeebisuu/balaqqamsu
◆ Qorra qorra jechuu fi hollachuu
◆Dhukkubbii garaa/ Abdominal pain fi mallattoolee biroo dhukkubichan dhufan ni mullatu.

dhukkuba kanaan qabame fayyuu ni danda'aa?
Deebii ---Eeyyeen!!

# Tooftaalee ittisaa
★Iddoolee bishaan ciisan maqsuu/balleessuu - bishaan jallisii, bishaan daandii konkolaataa irra darbe keessa ciisu, fi bishaan yaa'a hin qabne.
★ Sa'aatiiwwan Buukeen busaa soorataaf deemtu galgalaa hanga ganamaatti of eeggannoo gochuu.
★ Agoobara/ baambilleetti/ nets keemikaalan cuuphame kutaa ciisichaatti fayyadamuu, Fooddawwan golguu
★ keemikaalota farra bookee busaa ta'an raabsuu
★ uffata dhedheera qaama guutumaan haguugu uffachuu
★ Qorichoota Ittisaa fayyadamuu :- Warroota deemsa gara naannoo busaan jiruutti deeman qoricha fudhachuu qabuu/ chemoprophylaxis)-
Qorichoonni ittisaa Yoo gara naannoo busaan itti baay’atutti deemnu gargaarsa ogeessa fayyaatiin qoricha kennamani dha. qorichoonni ittisa busaaf oolan kunneen osoo deemsa hin eegalin dursanii kan fudhatama, wayita deemsarra jirruu kan itti fufnuu fi deemsa naannoo busaan itti baayyatee irraa yoo deebinu yeroo muraasaaf kan itti fufnee fudhannu ta'uu danda'a. Qorichoonni kunneen haalan akka ajaja ogeessa fayyaatti kan hin fudhatamne yoo ta'e dhibeen busaa nu qabuu mala.

◆Tallaalliin fudhachuu- tallaalliin dhibee busaa sadarkaa cimina dhibee fi bayyina du'aa busaan dhufu daran kan hir'isudha.

dhibee busaa: mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaan qoricha fudhachuu, dhanga'aa ( bishaan ) sirriitti fudhachuu.

. Fayyaa
nagaan tura

Dhukkuba Busaa             Kutaa 1ffaa************---*************       Biyyi keenya Itiyoophiyaan dhibee kanaaf baayye...
12/11/2025

Dhukkuba Busaa
Kutaa 1ffaa
************---*************
Biyyi keenya Itiyoophiyaan dhibee kanaaf baayyee saaxilamtuudha. Akka ragaaleen Ibsanitti Ummmata biyya keenyaa keessaa harki 2/3ffaan dhibee kanaaf saaxilamoodha. Teessumoota lafaa Olka'insa 2000M gadi qaban keessaa harki 3/4ffaan naannoo Busaan itti argamanidha.

Wal hormaata bookee busaa kanaaf haalota mijaawoo kan uumuu iddoowwan qilleensa hoo'aa qaban fi Bishaan ciisaan itti argamanidha.

Dhukkubni busaa kan dhufu Maxxantuun Pilasmoodiyemii( Plasmodium) jedhuma qaama keenya yoo seenudha. Maxxantuun kun qaama namaa kan seenu yommuu bookeen Busaa Ishee dhaltuun dhiiga namaa soorattu. Sababa dhiiga namaa soorattuuf maxxantuu kana nama dhukkubsataarraa fuutee gara nama fayyaatti dabarsiti.

Maxxaantuun kun gosoota 5( shan ) kan qabun yoo ta'u shananuu dhibee fiduu danda'u. Gosootni shanan kunneen 1) Pl. Faalsiparam 2) pl. Vaayivaaksii 3) Oovaalee 4) pl. maalaare 5) pl Noowleezii jedhamu (pl.. pilaasmoodiyeem).

Mallattoolee fi mala wal'aansa Isaa kutaa 2ffaatti dhiyaata.

©Dr.fayya

Baradhaa, kan bartan barsiisaa-share ,like, comment taasisaa
Fayyaan hunda dursa!
Nagaan turaa.

   xannacha Harmaa ofii keenyaa itti idda baasnu******************************************1. Dursa dugdaan ciisna. sana ...
28/10/2025

xannacha Harmaa ofii keenyaa itti idda baasnu
******************************************
1. Dursa dugdaan ciisna. sana booda harka mirgaa keenya mataa keenya jala keenya.
2. Harka bitaatiin harka mirgaa dhiibbaa xiqqaa ta'een suuta jenne irra oofuun qaama jajjabaatu ykn qaama yoo tutuqan adda ta'e barbaadna( soqna)
3. sana booda ol jennee taa'uun bobaa keenya mirgaa keessa xannacha ykn qaama jajjabaatu barbaanna
4. Fiixee harmaa qabuun ni cuunfina ykn akka dhangala'aan keessaa bahu taasisna. dhangala'aan aannan harmaan ala ta'e kamiyyuu qoratamuu qaba.fkn...dhiiga
5. Deebinee ciisuun akkuma harma mirgaa qoranne kana kan bitaatillee qorachuun wanti shakkii uumu yoo jiraate ogeessa fayyaa haasofsiisuudha.

keenya harma keessan qorachuuf duubatti hin jedhinaa!!!
#******Fayyaan hunda dursa!******
©dr. fayya

 #የጡት ካንሰር ምልክቶች********************************************የጡት ካንሰር አብዛኛውን ጊዜ ከጡት ውጭ በሰውነት ውስጥ ከተሰራጨ በኋላ ምልክቶችን ያስከትላል።...
23/10/2025

#የጡት ካንሰር ምልክቶች
********************************************
የጡት ካንሰር አብዛኛውን ጊዜ ከጡት ውጭ በሰውነት ውስጥ ከተሰራጨ በኋላ ምልክቶችን ያስከትላል። ይሁን እንጂ አንዳንድ ምልክቶች ቀደም ብለው ሊታዩ ይችላሉ

#የጡት ካንሰር የመጀመሪያ ምልክቶች፡-

1. አዲስ የጡት እብጠት

በጡት ውስጥ ያለ እብጠት ፣ ጠጠር የሚል ፣ የጡት ካንሰር ምልክት ሊሆን ይችላል።
አብዛኞቹ የጡት እብጠቶች ካንሰር አይደሉም።

ካንሰር የሆኑ የጡት እብጠቶች ህመም የሌላቸው እና የተለያዩ ቅርጽ ሊኖራቸው ይችላል. ነገር ግን አንዳንድ ጊዜ ለስላሳ, ክብ ቅርጽ እና ህመም ሊኖራቸው ይችላል።

2. በጡት ቅርጽ ላይ ለውጦች መታየት
አንዳንድ የጡት ቅርጽ ለውጦች ተፈጥሯዊ ናቸው፦ በክብደት ለውጥ፣ በእርጅና፣ በወር አበባ ዑደት፣ በማረጥ ወይም በእርግዝና ወቅት ሊከሰቱ ይችላሉ። አንዳንድ መድሃኒቶች የጡቱን ገጽታ እንኳን ሊለውጡ ይችላሉ.
የጡት ካንሰርን ሊያመለክቱ የሚችሉ ቀደምት የጡት ለውጦች የሚከተሉትን ያካትታል፤
* ጡት ሙሉ በሙሉ ወይም በፊል እብጠት ማሳየት፣
* ዲምፕሊንግ (ብርቱካንማ የቆዳ ቀለም) መኖር - ብዙውን ጊዜ የጡት ካንሰር ምልክት ነው፣
* የቆዳ ላይ ለውጦች፦እንደ ድርቀት፣ መወፈር ወይም መሰንጠቅ የመሳሰሉ

*ጡት ስነካ ወይም ጡት መያዣ ስወልቅ ጎድጎድ ብሎ መቅረት።
* ድንገተኛ የቀለም ለውጥ
* ከተፈጥሯዊ ምክንያቶች ወይም ከመድኃኒት ጋር ያልተያያዙ ሌሎች የቅርጽ እና የመጠን ለውጦች።

3. በጡት ጫፍ ላይ ለውጦች
በጡት ጫፍ ላይ የሚደረጉ ለውጦች የጡት ካንሰር ምልክት ሊሆን ይችላል.

*ወደ ውስጥ የተገለበጠ የጡት ጫፍ፤ ይህ ተፈጥሯዊ ለውጥ ሊሆን ይችላል።

*በጡት ጫፍ አካባቢ የቆዳ ለውጦች፡- እነዚህ ለውጦች መቅላት፣ መድረቅ ወይም መሰንጠቅን ልሆኑ ይችላሉ።

* ፈሳሽ - በተለይ የደም መዉጣት ፦ ነገር ግን እነዚህ ምልክቶች በወሊድ መከላከያ ክኒኖች, መድሃኒቶች እና ኢንፌክሽኖች ሊከሰቱ ይችላሉ

4. ህመም
ጡት በከፊል ወይም ሙሉ በሙሉ ህመም ልኖረው ይችላል. ምንም እንኳን እነዚህ ምልክቶች በአብዛኛው ከጡት ካንሰር ጋር የተገናኙ ባይሆኑም, እነርሱን መፈለግ እና ጤና ባለሙያን ማማከር ተገቢ ነው።

#ላይክ ፣ኮሜንት እና ሼር ያድርጉ ፤ ለእህቶቻችን አድርሱ !

፨፨፨፨፨፨ ጤና ይቀድማል ጤና ይስጥልን ፨፨፨፨፨፨
©Dr. Fayyaa

  Kaansarii Harmaa****,****************************************Kaansariin harmaa yeroo baayyee mallattoo kan agarsiisu e...
21/10/2025

Kaansarii Harmaa
****,****************************************
Kaansariin harmaa yeroo baayyee mallattoo kan agarsiisu erga qaama keessa harmaan alatti faca'ee booda. Haata'u malee mallattooleen tokko tokko dursanii mul'achuu danda'u

jalqabaa kaansarii harmaa ta’uu danda'an:-

1. Cirracha Harmaa Haaraa

Harma keessatti cirrachi, yeroo tokko tokko akka baaqelaa xiqqaa ta'e, mallattoo kaansarii harmaa ta'uu danda'a.
cirrachi harmaa irra caalaan isaa kaansarii miti.

cirrachi harmaa kaansarii dhukkubbii kan hin qabnee fi bocha wal hin fakkaanne qabaachuu danda’a. Garuu yeroo tokko tokko lallaafaa, geengoo fi dhukkubbii kann qabu ta'uu danda'a.

2. Jijjiirama Bifa Harmaa
Jijjiiramni harmaa tokko tokko uumamaan kan ta’ee fi sababa jijjiirama ulfaatina qaamaa, dulloomuu, naannoo marsaa laguu, laguu dhaabuu ykn yeroo ulfaa irraa kan ka’e uumamuu danda’a. Qorichootni tokko tokkollee bifa harmaa jijjiiruu danda'an.
Jijjiiramni bifa harmaa jalqabaa kanneen kaansarii harmaa agarsiisuu danda’an kanneen akka:
*Harma hunda ykn gartokkoon isaa dhiita’uu
*Dimpling (gogaan gogaa burtukaana fakkaatu)—yeroo baay’ee mallattoo kaansarii harmaati
*Jijjiirama gogaa kan akka goguu, furdina ykn ciccituu

*dhooqa harmaa(Indentation) yeroo haguuga ykn qabaa harmaa baafatan hin baane
*Jijjiirama halluu tasa
*Jijjiirama bocaafi guddina biroo sababa uumamaatiin ykn qorichaan wal hin qabatnee.

3. Jijjiirama fiixee Harma
Jijjiiramni fiixee harmaa mallattoo kaansarii harmaa ta’uu danda’u kanneen akka:

*Fiixee Harma garagalfame, ykn fiixee harma gara keessaatti garagale: Kun jijjiirama uumamaa ta’uu danda’a.

*Jijjiirama gogaa naannoo fiixee harmaa: Jijjiiramni kun diimaachuu, goguu ykn ciccituu kan dabalatudha.

*Dhangala’aa - kan akka dhiigaa: Garuu mallattoon kun kiniinii da’umsa ittisuu, qoricha fi infekshinii irraa kan ka’e ta’uu danda’a

4. Dhukkubbii
Harmi gartokkoon isaa ykn guutummaan dhukkubbii qabaachuu danda’a. Mallattoon kun yeroo baayyee kan kansarii harmaan wal hin qabanne yoo ta'eyyuu ilaalamuun gaariidha.

# # , comment fi share taasisuun wal barsiisa, Dubatoota keenya dammaqsaa!

፨፨፨Fayyaan hunda dursa, fayyaa qabaadhaa፨፨፨፨
©Dr. Fayyaa

  fi Waqtii birraa/ bona*********************************************Itiyoophiyaatti yeroon gogiinsa birraa fi bona jedh...
20/10/2025

fi Waqtii birraa/ bona
*********************************************

Itiyoophiyaatti yeroon gogiinsa birraa fi bona jedhamuun beekamu, akkaataa idileetti Onkoloolessa hanga Guraandhalaatti kan turu yoo ta’u, sababa dhukkee, qilleensa gogaa, fi vaayirasii sirna hargansuu kan akka raayinoovaayirasii baay’achuu irraa kan ka’e qufaan ni dabala. Haalli gogiinsaa fi dhukkeen guutame kun karaalee/qaamota sirna hargansuu caalaatti infekshiniif(Faalamaaf) akka saaxilaman kan taasisu yoo ta’u, vaayirasiin qufaa haala salphaan qufaa fi haxxiffannaan babal’achuu danda’a.

yeroon gogiinsa qufaaf gumaacha?

1.Dhukkee fi alarjii dabaluu: Waqtiin gogiinsa dhukkee, poolanii daraaraa fi paartikiloota xixiqqoo qilleensa keessa jiran biroo qilleensa keessa akka baay’atan taasisa. Kunis sirna hargansuu kan dallansiisu yoo ta’u, madaa'uu fi namoonni infekshinii sirna hargansuutiin akka saaxilaman taasisa.

2. Karaan funyaan keessaa goguu: Qilleensi goggogaa kun funyaani fi qoonqoo keessaa kan akka danqaa(ittistuu) jarmii ta’ee hojjetu gogsuu danda’a. Yeroo gogan ammoo jarmoota ofitti harkisee galchuu fi qulqulleessuu irratti bu’a qabeessa waan hin taaneef infekshiniin(faalamnii qaamaa) salphaatti dhufa.

3. Naanna’ina vaayirasootaa: Vaayirasiin sirna hargansuu kan akka raayinoovaayirasii, infuleenzaa, fi koronaavaayiras baay’ee daddarbaa fi yeroo gogiinsa salphaatti kan babal’atudha. Vaayirasiin kun qilleensa keessaa kan babal’atu yeroo namni dhukkuba kanaan qabame qufa’u ykn haxxiffatu, ykn bakka(qaama) faalame tuquudhaan.

4. Saaxilamummaa fi daddarbiinsa: Namoonni dhukkuba kanaan qabaman yeroo karaan funyaan isaanii gogu kan dabalu yoo ta’u, yeroo gogiinsaatti namoota walitti dhiyeenyaan jiraachuun vaayirasiin saffisaan akka babal’atu haala mijeessa.

gogiinsa maal gochuu qabna?

1.Qulqullina eeggachuu: Harka keenya yeroo baay’ee dhiqachuu, yeroo qufaa ykn haxxifattu afaanii fi funyaan keenya haguuguu. fuula keenya tuquu irraa of qusachuu.

2. Dhangal'aa baayyisanii dhuguu: Bishaan baay’ee dhuguun keessoon funyaanii fi qaamota sirna hargansuu akka jiidhina horatu gargaara.

3. Humidifier fayyadamuu: Humidifier fayyadamuun qilleensa irratti jiidhina dabaluuf gargaaruu danda’a, keessumaa mana keessaa.

4. Haguuggii fuulaa uffachuu: Bakka namoonni baay’een itti baay’atanitti haguuggii fuulaa uffachuun carraa vaayirasii qilleensa keessa darbuuf saaxilamuu hir’isuuf gargaara.

5. Ogeessa fayyaa dubbisuu: Qufaa itti fufiinsa qabu ykn mallattoolee biroo yoo qabaatte, ogeessa fayyaa mariisisuun qorannoo fi yaala gochuun barbaachisaadha.

**Fayyaan hunda dursa, fayyaa qaabadhaa**
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨©Dr.Fayyaa፨፨፨፨፨፨፨፨፨

Haadha Ciniinsuu keessa jirtu baraaruuf Aarsaa kaffalame!********************************************Naannoo Kibba Itiyo...
19/10/2025

Haadha Ciniinsuu keessa jirtu baraaruuf Aarsaa kaffalame!
********************************************
Naannoo Kibba Itiyoophiyaa godina Goofaatti konkolaachisaan ambulaansii haadha ciniinsuu keessa jirtu gara dhaabbata fayyaa geessuuf aarsaa kaffalee miidiyaa hawaasaa irratti mata duree haasawa ta'eera.

Dargaggoo Habtaamuu Derguu godina Goofaa Aanaa Meloo Gadaa keessatti waggaa lamaaf konkolaachisaa ambulaansii ta'ee hojjetee jira.

Waggoota darban keessatti hojii kanarratti taatee gaddisiisaa isa mudate Dilbata darbe Onkoloolessa 1, 2018 akka ta'e dubbata. "Hanga ammaatti yeroon yaadadhu nan boo'a," jedha.

Habtaamuun haadha da’umsa keessa jirtu dafee gara dhaabbata fayyaa akka geessu kan itti himame waaree booda gara sa'a 8ti .

Karaa baadiyyaa ulfaataa Melo Gada jedhamu kiiloo meetira 81 deemee mana dubartii kanaa gahe.

Galgala mana ishee gahe. Haadha da'umsa irra jirtu, abbaa warraa ishee, fi hojjettoota fayyaa qabatee gara dhaabbata fayyaatti imala eegale.

Garuu imala gabaabaa booda ambulaansiin dhoqqee keessatti qabamte jedha Habtaamuu.

"Akkuma xiqqoo imalleen ambulaansiin dhoqqee keessatti qabamte. Sammuun koo haadha da'umsa keessa jirtuuf dhipataa ture. Konkolaataa keessaa bu'ee dhoqqee jala jiru qotuu jalqabe," jedha.

Haa ta'u malee, ambulaansicha dhoqqee keessaa baasuuf yaaliin godhame hin milkoofne. Halkan waan ta'eef namoota ambulaansii keessa jiraniin alatti namni gargaaruu danda'u argamuu hin dandeenye.

"Namni biraa jiraachuu isaa ilaaluuf saayirenii ambulaansii dhageessisuun itti fufe. Naannoon sun bosona waan ta'eef namni naannoo sana jiru hin turre," jechuun waa'ee carraaqqii isaa dubbata.

Konkolaataa dhoqqee keessaa baasee haadha da'umsa irra jirtu gara dhaabbata fayyaa geessuuf halkan dukkana keessa sa'aatii dheeraaf tattaafachaa ture. Haalli sun garuu abdii kan hin qabne taʼee ture.

"Haati ciniinsuu keessa turte kun osoo nuti dhoqqee keessa jirruu ambulaansii keessatti halkan naannoo sa'aatii 8 deesse, garuu daa'imni lubbuun hin turre" jedha.

Ambulaansiin dhoqqee keessaa bahuu waan hin dandeenyeef daa'imni du'eera; Habtaamuun konkolaataa fuuldura dhoqqee keessa taa'ee boo'e😭😭😭

"Ani karaa kamiinuu gara hospitaalaa geessuuf yaadaan ture. Garuu hin dandeenye. Yeroo daa'imni du'u miira koo to'achuu hin dandeenye; dhoqqee keessa taa'een boo'een," jechuun yaadata.

Halkan dhoqqee keessatti erga dabarsee booda barii hogganaa isaaf bilbilee waan uumame gabaase. ambulaansiin biraa dhuftee haadha kana gara Hospitaala Saawulaatti geessite.

Taatee kana yeroo yaadatu imimmaan dhangalaasa. Kuni hundi kan ta'e rakkoo daandii naannoo sana jiru irraa kan ka'e ta'uu ibsa.

"Daandiin kun waggoota dheeraa dura ijaarame. Daandii jechuufillee rakkisaadha. Baay'ee ulfaataadha. Daandiin osoo gaarii ta'ee wanti akkanaa hin uumamu ture" jechuun sagalee gaabbiin dubbata.

mucaan halkan motorsaayikilii(doqdoqqee) oofu itti dhufee gargaaranii ture suuraa Habtaamuu kan kaase yoo ta'u, halkan guutuu ambulaansii isaa dhoqqee keessaa baasuuf yaalii gochaa turuu ibseera.

Suuraan inni ambulaansii fuuldura taa'ee boo'u miidiyaa hawaasaa irratti kan qoodame yoo ta'u, lubbuu haadha da'umsarra jirtu baraaruuf carraaqqiin inni godhe faarfamaa jira.

Habtaamuun garuu ammallee du'a daa'imaa fi cinqama haadha ambulaansiin dhoqqee keessatti qabamtee irra ga'e gadda.

Seenaa kanarraa wanti hubatamu:
1. Tajaajila hawaasaaf of kennuu( Shufeerota Ambulaansii fi ogeessa fayyaa)
2. Aarsaa barbaachisu hunda kaffaluun lubbuu baraaruu danda'uu
3.Tajaajila hawaasaaf wantootni qophaayan dhuguma tajaajila kennaa jiruu, sadarkaa maalirra jira jedhanii ilaaluu( Karaa)
4. Warra namummaa isaanitiin gaarummaa barsiisan jajjabeessu danda'uu

፨፨፨፨፨፨Fayyaan hunda dursa፨፨፨፨፨፨፨
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨

 /Gangrene፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨Gaangiriin- sababa hanqina dhiigaa fi oksijiiniitiin kutaan qaamaa tokko du’uu  ...
18/10/2025

/Gangrene
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨
Gaangiriin- sababa hanqina dhiigaa fi oksijiiniitiin kutaan qaamaa tokko du’uu isaati.

dhukkuba baayyee balaafamaa fi lubbuu namaa galaafatudha. Yeroo baayyee qubaa harka fi quba miilaarratti kan mul'atu yoo ta'u, kutaa qaamaa kamiyyuu keessattis mul'achuu danda'a.
Balaa adda addaa fi sababoota birootiin dhiigni gara kutaalee qaamaa gara garaa deemu yoo addaan cite kutaan qaamaa dhiiga dhabe kun gaangiriin qabamuu danda’a.

dhukkuba kanaa keessaa tokko dhangala'aa foolii hamaa(Ajaawaa) halluu diimaa ykn daalachaa qabu kan madaa keessaa bahudha. Gogaan naannoo madaa sanaa gurraacha’ee dhangala’aa baasuu danda’a. Infeekshiniin madaa sa’aatii 6 hanga guyyaa sadii keessatti jalqabuu danda’a.

amala dhukkuba saffisaan hammaachuu fi madaan babal'achuu qaba. Wal’aansi barbaachisaan dafee yoo hin kennamneef guyyoota muraasa keessatti du’aaf nama saaxiluu danda’a. Kanaaf xiyyeeffannoo guddaa barbaada; quba miila gidduutti; madaan xiqqaan kutaa qaama biraa irratti uumamu bira darbamuu hin qabu.

gurguddoo dhukkuba gaangiriin fidan keessaa:-
1. Yeroo tokko tokko, namootni rakkina onnee qaban dhiigni ujummoo dhiigaa keessatti itituu danda'a. dhiigni itite xiqqaa yoo ta’ellee ujummoo dhiigaa ni cufa; yeroo kanatti kutaan qaamaa duraan dhiiga kanaan soorata ture homaa argachuu waan hin dandeenyeef, gaangiriin ni uuma.

2. Dhiphachuu( Narrow ) ujummoo dhiigaa- dhiigni hanga barbaadamuun ujummoo dhiigaa keessa waan hin deemneef gaangiriin uumamuu danda’a. Dhukkubsattoonni dhukkuba sukkaaraa yeroo dheeraaf qabaniifi rakkoo dhiibbaa dhiigaa qaban ujummoo dhiigaa isaanii hir’achuu ykn dhiphachuu danda’a.

3. Infeekshinii madaa ykn infekshinii; yeroo kutaan qaamaa tokko dhiita'uu ykn baakteeriyaan qabamu qaamni miidhame kun dhiiga hin argatu. Kanaaf nyaataa fi oksijiinii waan hin arganneef gaangiriin ni uumama.
4. Qaama akka harkaa fi miilaa yeroo dheeraaf jabeessinee yoo hiine sirni dadarbiinsa dhiigaa waan dhaabatuuf gaangriin uumamuu danda'a.

kun yeroo baay'ee dhukkubsattoota dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee, fi dhiibbaa dhiigaa qaban irratti waan mul'atuuf namoonni dhukkuboota kana qaban of eeggannoodhaan hordofamuu qabu; keessattuu namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban madaa isaanii tuffatanii yaala malee hafuu hin qaban.

'aansa:
Namoonni gaangiriiniin erga miidhamaniin booda yaaliin jalqabaa kutaa qaamaa isaanii dhibee kanaan du’e sana balleessuudhaan(Muruu).

Garuu namoonni yeroo baayyee filannoo yaalaa kanaan kan hin gammanne yoo ta'an, gaangiriiniin babal'achuu fi kutaalee fayyaa biroo faaluu akka danda'u hubatamuu qaba.

፨፨፨Fayyaan hunda dursa;fayyaa qabaadhaa፨፨፨
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨

 #ለጉበት ህመም አጋላጭ መንስኤዎች ከአጋላጭ ምክንያቶች መካከል ከታች የተጠቀሱት ዋነኞቹ ፤1.እንደ ሄፓታይተስ ቢ እና ሲ ባሉ ቫይረሶች በደም2. በመርፌ ወይም ወሊድ ወቅት የሚተላለፉ ህመሞ...
17/10/2025

#ለጉበት ህመም አጋላጭ መንስኤዎች
ከአጋላጭ ምክንያቶች መካከል ከታች የተጠቀሱት ዋነኞቹ ፤

1.እንደ ሄፓታይተስ ቢ እና ሲ ባሉ ቫይረሶች በደም
2. በመርፌ ወይም ወሊድ ወቅት የሚተላለፉ ህመሞች
3. ከመጠን በላይ አልኮል መጠቀም፤ከመጠን በላይ መወፈር

4.የስኳር በሽታ
5. ከእፅዋት እና የተለያዩ እህሎች (ለምሳሌ ከማሽላ እና በቆሎ) ውስጥ የሚገኙ እንደ አፍላቶክሲን ያሉ መርዛማ ንጥረ ነገሮች
6. ከ40 ዓመት በላይ መሆን
7. በቤተሰብ የሚተላለፉ የጉበት በሽታዎች መኖር
8. የተመጣጠነ ምግብ እጥረት እና አደገኛ ልማዶች ለጉበት በሽታ ከሚያጋልጡ መንስዔዎች መካከል ናቸው።
ከእነዚህ አጋላጭ መንስዔዎች አብዛኛዎቹ ሊወገዱ የሚችሉ እንዲሁም ቀድመን በማወቅ እና በመጠንቀቅ መከላከል የሚቻሉ ናቸው።
#ጉበትን እንዴት ማበረታታት ይቻላል?
በየዕለቱ በቂ ንጹህ ውኃ በመጠጣት፤ጤናማ አመጋገብ በመከተል (እንደ ፍራፍሬ፣ አትክልት፣ ጤፍ፣ ባቄላ እና ዓሣ በመመገብ)፤ከመጠን በላይ ስብን እና ስኳርን በመቀነስ፤አካላዊ እንቅስቃሴ በማዘውተር፤አልኮልን በመገደብ ወይም ጭራሽ ባለመጠቀም፤የሄፓታይተስ ክትባት በመውሰድ፤ጉዳት እንደሌላቸው ያልተረጋገጡ እፅዋትን ከመጠቀም በመቆጠብ፤መድኃኒት ከመውሰድ በፊት የጤና ባለሙያ በማማከር እንዲሁም የግል እና የምግብ ንጽህናን በመጠበቅ የጉበትን ጤንነት መጠበቅ ይቻላል።

Address

Addis Ababa

Telephone

+251912665623

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Fayyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category