13/11/2025
Heemorajik Fiver(hemorrhagic fever)- dhukkuba garee vaayirasii adda addaatiin dhufuu kan hoo'a fi dhiiguu qaama fidudha.
dhukkubaa
*Mallattoolee jalqabaa: Ho'a qaamaa, dadhabbiin, garaa kaasaa, dhukkubbii maashaalee fi dadhabbii.
*Mallattoolee ciccimoo: Afaan, ija ykn gurra irraa dhiiguu, gogaa jalaa dhiiguu, sirni narvii hojii dhabuu.
Vaayirasiiwwan adda addaa maatii adda addaa irraa dhufan, kanneen akka vaayirasii Iboolaa, vaayirasii Maarbarg, vaayirasii heemorhaajik fiver, Kiriimiyaa-Kongoo, fi vaayirasii Laasaa kan dhufudha.
baayyee daddarbiinsi kan uumamu bineensota dhukkuba kanaan qabaman kanneen akka silmii, hantuuta, simbira halkanii, qamaleen/jaldeessan wal tuttuquu, fooni isaanii osoo hin bilcheessin nyaachuu fi bookeen hiddamuunidha.
’aansaa
Wal’aansa: Vaayirasoota Heemorhaajik Fiver fidan hundaaf yaaliin addaa hin jiru, garuu kunuunsi fi deeggarsi barbaachisaan haala sadarkaa dhibeerratti hunda'ee ni taasifama.
:
1.Beeylada dhukkuba kanaan qabamee fi dhangala’aa qaama isaanii tutuquu irraa of qusachuu.
2. Bakka dhibeen baay’inaan itti mul’atutti meeshaalee ittisaa fayyadamuu- haguuga harkaa(glove)fi qaamaa
3. yeroo mara qulqullina harkaa saamunaa fayyadamuun eeguu
4. bineensota sababa ta'an fageessuu
5. Namni dhukkuba kanaan shakkame ykn qabame namootan walitti osoo hin makamin qofaa isaatti yaala akka argatu taasisuu, dhangala'aa qaama isaa keessa ba'u of eegannoon maqsuu
©Dr. Fayyaa